Tamsaasa Kallatti:

Hirmaattonni Yaa’ii Dhiibbaa Uumtota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa jalqabaa Inistitiyuutii Hubannoo namtolechee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru

Ebila29/2018(ENA):Hirmaattonni Yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa jalqabaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru.

Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026), dhugaa Afrikaa Addunyaatti beeksisuufi dhimma diijitaalaa abbummaan geggeessuuf kaayyeffate, Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti har'aafi boru ni geggeeffama.

Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru.

Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru.

Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti.

Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa) fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha.

Yaa’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa itti gaafatamummaa qaban jajjabeessuuf, Dinagdee Dijitaalaa cimsuuf, walta'iinsa uumuufi Finfinnee wiirtuu aadaafi dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffatedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015