Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’anidha - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’anidha
Ebla 28/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’an, dandeettii Afrikaa guddisaa kan jiru dha jedhan ogeeyyiin damichaa biyyoota Afrikaa adda addaa.
Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa Waldaa (soosaayitii) Meetirooloojii Afrikaa waliin ta’uun konfiraansii saayinsii isaa jalqabaa Finfinneetti qopheessee jira.
Ogeeyyiin konfiraansii kanarratti hirmaatan biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu ilaalcha meetirooloojii fi haayidirooloojii irratti waliin hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Kunis sirna akeekkachiisa balaa uumamaa osoo hin uumamin dura dursanii akeekkachiisuuf kan dandeessisu qopheessuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Invastimantii teeknooloojii fi bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaan damee kanarratti taasifte dinqisiifannaa qaban ibsuun, Invastimantiiwwan kunneen Itiyoophiyaan alatti walitti hidhamiinsa diinagdee fi dandamannaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabu jedhan.
Keessattuu Itiyoophiyaan hojii ashaaraa magariisa hojjechuun, anniisaa haaromfamuu danda’u babal’isuu fi jalqabbii haala qilleensaa dandamachuu danda’u biroo irratti galmeessiste mootummaan tarkaanfii fudhachuuf kutannoo qabaachuu isaa kan agarsiisudha jedhani.
Firiidoo Mukaangaa Zimbaabuwee irraa kan dhufan haasaa isaanii kanaan akka jedhanitti, Itiyoophiyaatti damee meetirooloojii ammayyeessuun jijjiirama qilleensaa furuuf hojiin hojjetamaa jiru dinqisiisaa fi biyyoota Afrikaa biroof kaka’umsa ta’uu ibsaniiru.
Bakka bu’aan Taanzaaniyaa Doktar Fireediiberit Odungaa akka jedhanitti biyyoonni waliin hojjechuu, qabeenya waliif qooduu fi tarsiimoo qindoomina qabu qopheessuun Afrikaan jijjiirama qilleensaa dandamachuu ishee guddisuu akka qaban ibsaniiru.
Itiyoophiyaan bulchiinsa bishaanii fi ijaarsa hidhaalee elektirikaa bishaanii irratti tattaaffii taasifte jijjiirama qilleensaa ittisuuf Ardiin kun tattaaffii taasiftu keessatti gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan damee bu’uuraalee misoomaa irratti tattaaffiin bal’aan goote Ardii guutuun dandamachuu ijaaruuf carraa guddaa akka uumte eeraniiru.
Biyyoonni Afrikaa rakkoolee roga hedduu jijjiirama qilleensaatiin uumaman saffisaa fi bu’a qabeessa ta’een furuuf waliin hojjechuu akka qaban lammii Keeniyaa Maariyaa Lookii Chaarem dubbataniiru.
Muuxannoon Itiyoophiyaa biyyoota birootiif faayidaa guddaa akka qabu hubachiisuun, Muuxannoo Itiyoophiyaa irraa ka’uun biyyoonni Afrikaa milkaa’ina Ardii kanaaf hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.