ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Fooramiin Magaalota Afrikaa Fulbaana dhufu Finfinneetti gaggeeffama.
Apr 23, 2024 206
Ebla 15/2016 (TOI)- Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa Fooramiin Magaalota Afrikaa Fulbaana dhufu Finfinneetti gaggeeffama jedhan. Waltajjiin Marii baniinsaa fi hubannoo uumuu Koree Olaanaa Qindeessituu Fooramii Biyyaalessaa Magaalota Afrikaa gaggeeffameera. Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan akka ibsanitti, mata duree “Ajandaa 2063-Guddina Waaraa Magaalotaa ce’umsa Afrikaaf” jedhuun Fooramiin Magaalota Afrikaa Fulbaana bara dhufuu Finfinneetti gaggeeffama. Guyyaa har’aas koreen olaanaan qindeessituu Fooramichaa waltajjii marii gaggeessuu ibsaniiru. Itoophiyaan akka biyyaa seena qabeettitti, hundeessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa keessaa tokko ta’uu eeruun, magaalonni kuma 1 fi 500 ol ni hirmaatuun kan eegamu waltajjii fooramichaa qopheessuuf itti gaafatama Afrikummaa ishee bahachuuf qophii ta’uu waltajjicharratti ibsamuu himaniiru.
Deeggarsii fi hordofiin hoggansaa oomishitummaa damee qonnaaf gahee olaanaa qaba
Apr 23, 2024 16
Ebla 15/2016(TOI) - Deeggarsii fi hordofiin hoggansaa oomishitummaa damee qonnaaf gahee olaanaa kan qabu ta'uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Gareen deeggarsaa fi suparvizhinii federaalaa oomisha qamadii, dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa fi hojiirra oolmaa sagantaa maaddii guutuu irratti daawwana dirree taasisuu wajjirri ministeerichaa hoggantoota olaanoo waliin mari'ateera. Marii kana irratti hoggantoonni olaanoo ministeerichaa waggoota haaromsaa darban keessatti xiyyeeffannoo guddaa damee qonnaaf kennameen mootummaan haaromsaa fi jijjiirama bal’aa galmeessuu kan danda’e ta’uu odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa .
Oromiyaatti sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin maashiniiwwan kuma 5 ol fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasifameera
Apr 23, 2024 22
Ebla 15/2016 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin maashiniiwwan kuma 5 ol fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasifamuu Waldaan Faayinaansii Aksiyoona Daldala Meeshaalee Kaappitaalaa naannichaa beeksise. Biiroon Invastimantii fi Industirii Naanniichaa immoo intarpiraayizoota moodeela xixiqqaa fi giddu galeessaa kuma 6 gara invastimantiif fiduuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera. Daarektarri Olaanaa Waldaa Faayinaansii Aksiyoonaa Daldala Meeshaalee Kaappitaala Oromiyaa Yoonaas Gaalataa TOI'tti akka himanitti; Waldaan kun dhaabbata misoomaa bara 2006 irraa eegalee damee industirii sirreessuuf kaayyeffatee hundeeffame dha. Waldaan kun sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin lammiilee hojii qonna, industirii, ijaarsa, tajaajilaafi tuuriizimii irratti bobba’aniif tajaajila liqii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis rakkoo qaqqabummaa faayinaansii kanaan dura ture hiikuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira jedhaniiru. Waldichi erga hundeeffamee jalqabee maashinoota kuma 5 ol birrii biiliyoona 1.4'tti tilmaamamun sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin fayyadamtootaf dabarfamuu beeksisaniiru. Intarpiraayizoonni xixiqqaa fi giddu galeessaa deeggarsa argataniis kaka'umsa guddaan hojjechuun qabeenya tilmaamni isaa Birrii miiliyoona 339 ol ta'u horachuu ibsaniiru. Kanaanis Lammiileen kunneen jireenya isaanii fooyyessuu qofa osoo hin taane, carraa hojii uumuu fi guddina dinagdee keessattis gahee gaarii taphachaa akka jiran ibsaniiru. Itti aanaan hogganaa Biiroo invastimatii fi indastirii Oromiyaa Washoo Kadir; Deeggarsi intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaaf taasifamaa jiru damicha kakaasaa jiraachuu ibsaniiru. Indaastiriiwwan maanufaakchariingii Baankii Misoomaa fi dhaabbilee biroo waliin qindoominaan rakkoolee gama faayinaansii, bu’uuraalee misoomaa fi meeshaalee oomishaatiin deebii kennuuf hojjetamaa jirus ibsaniiru.
Mootummaan tokkummaan Sabdaneessummaa akka cimuuf ijaarsa seenessa waloof xiyyeeffannoon hojjechaa jira
Apr 23, 2024 26
Ebla 15/2016 (TOI) - Mootummaan tokkummaan sabdaneessummaa akka cimuuf ijaarsa seenessaa waloof kutannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa doktar Laggaasaa Tulluun ibsan. Doktar Laggaasaa Tulluun akka ibsanitti, rakkoolee baroota dheeraaf turan furuuf mootummaan riifoormiiwwan hedduu taasisaa jira. Garaagarummaan siyaasaa mariin akka furaman; miidhaawwan ga’an araaraan akka furaman, gara haqaatti ce’uufis imaammanni ce’umsa haqaa ragga’uu himaniiru. Dhimmoota biyyaalessaa bu’uura ta’an irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ajandaalee ummataarratti mari’achuun furmaata dhiyeessuuf qophii marii biyyaalessaa hojiileen gaggeeffaman xumuramaa jiraachuu eeraniiru. Mootummaan tokkummaan sabdaneessummaa akka cimuuf xiyyeeffannaa addaa kennuu eeranii, walitti hidhamiinsa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa cimsuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Tokkummaa Itoophiyaa bu’uuressuu fi waliin jireenyaa ummatootaa baroota dheeraaf ture bu’uurarraa cimsuuf seenessi waloon gahee olaanaa akka qabus dubbataniiru. Kanaafis mootummaan seenessa waloo sabdaneessummaarratti bu’uureffate ijaaruuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. Seenessii waloon kunis imala badhaadhinaa Itoophiyaa mirkaneessuu, faayidaa biyyaalessaa eegsisuu, tokkummaa ummataa cimsuuf murteessaa ta’uu himanii kana keessatti hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.
Afriikaatti qooda adda durummaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa
Apr 23, 2024 38
Waggoota 75’f milkaa’inaan kan imale daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaatti giruuppii aviyeeshinii adda dureedha, Daandiin qilleensichaa magaalaawwan Afriikaa 63 dabalatee guyya guyyaatti kutaalee addumyaa addaddaatti nibalali’a, Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa qooda Afriikaa walitti fiduuf qabuun daandii qilleensaa kamiyyuu caalaa Ardichatti nibalali’a, Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Ardiilee shanitti bakka qaqqabiinsasaa 58tti balallii idil addunyaa 100ttitajaajila kennaa jira. Kun ammoo irra guddeessa tuuristiif mijataa kan ta’an Finfinnee, Zaanziibaar, Kiliimaanjaaroo fi Siisheelsi ofkeessatti qabata. Kanaaf ammoo waggoota walitti aanan shaniif daandii qilleensaa filatamaa milkaa’ina galmeessise jedhamuun Skaayi tiraaksirraa badhaafni urjii afurii kennameeraaf. Milkaa’inaa hooggansa olaanaa yeroo rakkinaatiin ammoo bara 2020 badhaafameera. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Balallii isaa mijaa’aa ta’een Afriikaa, Ameerikaa, Awurooppaa, Isiyaa, Jiddugaleessa bahaa fi kutaalee addunyaa birootti tajaajilaa jira.
Siyaasa

Itiyophiyaa maxxantummaa dinagdee jalaa baasuun fakkeenya bilisummaa, tokkummaa fi badhaadhinaa Afriikaa nitaasifna-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Apr 20, 2024 593
Ebla 12/2016 (TOI)- Itiyophiyaa maxxantummaa dinagdee jalaa baasuun fakkeenya bilisummaa, tokkummaa fi badhaadhinaa Afriikaa nitaasifna jedhanministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad. Waltajjiin ummataa mootummaa jijjiiramaa deeggaru ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti magaalaa Walqixxeetti taa’ameera. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin, Guraageen hawaasa waadaasaa Goot jedhamuun waa’ee tokkummaa fi waloomaa cimsee kan barsiisee fi qabatamaan kan jiraate ta’uu ibsaniiru. Diinota Itiyoophiyaa addaan qooduu fi walitti buusuuf guyya guyyaan dhama’an hundaaf Itiyoophiyaanonni humna tokkummaa barachuun biyya badhaate ijoolleessaaf dabarsuun akka hojjetu ergaa dabarsaniiru. Guraageen nageenya kan barsiisuu fi nagaan kan jiraatu ummata fakkeenya ta’edha kan jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad, waa’ee nageenyaa wayita yaannuu fi osoo hinjiraatiin nageenya argachuun hindanda’amu jedhaniiru. Itiyoophiyaa guutuu nageenya cimsee barbaadu, waloomaan jiraachuun Itiyoophiyaa badhaatee fi hundaaf mijattuu arguuf akka hojjetu waamicha dhiheessaniiru. Itiyoophiyaanonni ibsituu eenyummaa hedduu akka qabnu fudhachuun,garaagarummaan aadaa, afaanii, teessuma naannawaa Itiyoophiyaa kan bittimsu ta’uu akka hinqabne ibsaniiru. Ummanni Guraagee enyummaa addaddaa ofkeessaa qabaatus Guraagummaan tokko ta’ee jiraachuun fakkeenyaa fi mallattoo tokkummaa Itiyoophiyaa ta’ee jiraachuusaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan yeroo addaddaa bilisummaasheef kan qabsooftee fi kan hinbitamne taatus maxxantummaa dinagdeerraa bahuun bilisummaashee guutuu taasisuuf hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan yaalii weerartootaa yeroo addaddaatti kan qolattee fi biyya gita hinbitamne ta’uushee kaasanii, ta’us bilisummaa dinagdee osoo hinmirkaneessiin turuushee ibsaniiru. Ummanni Guraagee bu’aan daldalarratti agarsiisan Itiyoophiyaa maxxantummaa dinagdeerraa baasuuf fakkeenya ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaanonni hundi misoomaa fi badhaadhinaaf dhaabachuu akka qaban ergaa dabarsaniiru. Kanaaf kadhaaraa bahuuf, qosannaa gabbisuuf,daldala babal’isuuf tokkummaan tumsuun murteessaa ta’uu eeraniiru. Yaalii cimaadhaan Itiyoophiyaa nadhaadhinatti olbaasuun fakkeenya bilisummaa fi badhaadhinaa Afriikaa taasisuuf cimnee hojjechuu filanneerra kan jedhan ministirri muummee Itiyoophiyaanoonni hundis ittigaafatama biyyaa kanaaf akka ka’an waamicha dabarsaniiru. Tattaafataan ummata Guraagee ejjennoo Itiyoophiyaan tokkummaashee eegdee nibadhaati jedhu qabatee mootummaa cinaa dhaabachuu akka qabu kaasaniiru. Itiyoophiyaan kan badhaatu yaalii cimaan ta’uu ibsanii, abjuu humnoota biyya qoqqooduu fi walitti buusuuf yaalanii fashaleessuuf tokkummaa cimsuun murteessaa akka ta’e ibsaniiru.
Waltajjiin ummataamootummaa jijjiiramaa deeggaru bakka ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti magaalaa Walqixxeetti taa’amaa jira
Apr 20, 2024 88
Ebla 12/2016(TOI)- Waltajjiin ummataamootummaa jijjiiramaa deeggaru bakka ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti naannoo Itiyoophiyaa jiddugaleessaa magaalaa Walqixxeetti taa’amaa jira. በMinistira muummee doktar Abiyyi Ahimad dabalatee hooggantoonni federaalaa, anaannolee fi godinaa akkasumas jiraattonni magaalichaa waltajjii ummataa kanarratti argamanii ergaawwan addaddaa jijjiiramicha deeggaran dabarsaa jiru.
Rakkooleen qaxanaan jiddugaleessa bahaa akka furaman Itiyoophiyaan dhaabbilee idil addunyaa waliin tumsaan nihojjetti- ministeera dhimma alaa
Apr 19, 2024 394
Ebla 11/2016 (TOI)- Rakkooleen qaxanaan jiddugaleessa bahaa akka furaman Itiyoophiyaan biyyoota michootaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin tumsaan akka hojjettu ministeerri dhimma alaa ibse. Nageenyii fi tasgabbiin biyyoota gaanfa Afriikaa nagaa hinqabne akka mirkanaa’u xiyyeeffattee akka hojjettu ibseera. De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa,TOI waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan addunyaa jijjiiramtuu keessatti imaammata hariiroo alaa faayidaa biyyaalessaa fi fedhiishee bu’uureffate tarkaanfachiifti. 'Dippilomaasiin Itiyoophiyaa kan jalqabaa fi dhumaa faayidaa biyyaalessaati’ kan jedhan ambaasaaddarichi, dippilomaasichi nageenya, misoomaa biyyaa kan bu’uureffate ta’yy kaasaniiru. Ejjennoowwan Itiyoophiyaan addunyaa jijjiiramtuu keessatti fudhattu faayidaa biyyaalessaa isheetiin madaaltee akka ta’e kaasaniiru. Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa jiddugaleessa bahaa teessuma lafaa fi ummataa waliin qabduun rakkinnii fi jeequmsi qaxanichaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf hiika kallattii ta’e akka qabu dubbataniiru. Haala Kanaan rakkooleen qaxanichaa akka furamanii fi faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka kabajaman biyyoota gargaartotaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin tumsaan akka hojjettu ibsaniiru. Haala walfakkaatuun Itiyoophiyaan immaammatashee dhimma alaatiin biyyoota ollaaf xiyyeeffannoo dursaa akka kennitu ibsanii, keessumaa rakkoon biyyooota ollaa Itiyoophiyaa akka miidhu dubbataniiru. Haala Kanaan biyyoota ollaa nageenya dhabuun rakkataniif nagaa fi tasgabbiin akka bu’u shoora nagaa kabachiisuu seenaadhaan qabdu cimsitee itti fufti jedhaniiru. Itiyoophiyaan dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiin alatti qaxanichatti walitti hidhamiinsa dinagdee uumuuf hojiilee dippilomaasii hojjechuushee ibsaniiru. Ulaa galaanaa dabalatee qabeenya uumaan kenne misoomsuun waliin fayyadamuu fi walitti hidhamiinsa bu’ura misoomaa fi daldalaa gabbisuun guddina waloo mirkaneessuu fi hariiroo ummattootaa cimsuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Imaammanni haqa cehumsaa Itiyoophiyaatti furmaata nageenya waaraa fi tasgabbii buusuuf dandeessisu qabatee qophaa’eera- Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
Apr 19, 2024 90
Ebla 11/2016(TOI)-Imaammani haqa cehumsaa haaloowwan waggoota dheeraaf daddarbaa dhufaniif furmaata kennuun karaa nageenyaa fi tasgabbii egeree buusuu dandeessisuun qophaa’uusaa af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo dubbatan. Af-yaa’ichi kana kan jedhan waltajii maree labsii sirna bulchiinsa federaalaa fi imaammata haqa cehumsaa irratti qophaa’errati. Dhiitamuun mirga namoomaa yeroo addaddaatti Itiyoophiyaa keessatti raawwataman karaa ta’uu qabuun, hundagaleessa, qindaa’ee fi hirmaachisaa ta’eem furmaanni osoo hinkennamiifiin turuusaanii kaasaniiru. Kanaaf nageenya egeree mirkaneessuun akka danda’amu adeemsa haqa cehumsaa hojeessuu “kan fayyadu qofa osoo hintaane guddaa barbaachisaa akka ta’e haalli qabatamaa biyyaa nimul’isa” jedhaniiru. Haala Kanaan imaammatichi adeemsa haqa cehumsaa hirmaachisaa, miidhamtoota jiddugaleessa godhate, mirga namoomaa fi qajeelfamootaa fi tumaalee idil addunyaa kan kabaje, haala siyaasaa fi hawaasummaa biyyaa irratti hundaa’e baasuu fi hammattoo imaammataa ifa ta’een akka gaggeeffamu gochuuf qophaa’uusaa ibsaniiru. Imaammatichi garee ogeeyyotaa ofdanda’oo qorannoo fi qu’annoorra turaniin kan qophaa’e, qooda fudhattoonnii fi addaddaa fi hayyoonni mari’atanii mana maree ministirootaan raggaafamuusaa yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaatti waliigaltee fuulduratti ittifufsiisuuf yaada furmaataa madaa fayyisuu kan danda’anii fi haaloo hambisuu danda’an qabatee qophaa’uusaa dubbataniiru. Gama biraatiin ulaawwan labsii sirna bulchiinsaa haqa bulchiinsaa lammiilee mirkaneessuuf hojiirra oole irratti ka’an sirreessuurratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru. Dhaabbileen demokiraasii fi hooggantoonni mootummaa olaanoo waltajjii mariirratti argamaniiru.
Mariin gaanfa Afriikaa fi nageenya qaxanaarratti xiyyeeffate Finfinneetti taa’amaa jira
Apr 19, 2024 104
Ebla 11/2016 (TOI)- Mariin gaanfa Afriikaa fi nageenya qaxanaarratti xiyyeeffate Finfinneetti taa’amaa jira. Mariin inistiitiyuutiin dhimma alaa qopheesse kun mata duree “dhimmoota walxaxoof daandiiwwan filmaatota barbaaduun, gaanfa Afriikaatti nageenya qaxanaa mirkaneessuu” jedhuun taa’amaa jira. De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii dhimma alaa Jaafaar Badruu fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru. Waraqaaleen barreeffamaa jijjiiramoota dirree nageenyaa qaxanichaarratti mul’achaa jiranii fi haalasaa, ageenya qaxanichaarratti shoora humnoonni alaa qabanirratti xiyyeeffatan dhihaatanii mariin akka taasifamu ibsameera. Barreeffamoonni ijaarsi qaxanaa cimaa fi walitti hidhataa shoora nageenya waaraa fi carraalee gaariif qabu ilaallatan mariin paanaalii akka taasifamu ibsaniiru. Mariin har’a taa’amus qaama mariilee gaanfa Afriikaa ilaalchisee adeemsifamaa jiranii ta’uun ibsameera. Mariin akkasii akka lakkoofsa Awurooppaatti Adoolessa 2013 Jibutiitti taa’amuunsaa niyaadatama. Inistiitiyuutiin dhimma ala dhaabbata hariiroo alaa fi dippilomaasii, dhimmoota nageenyaarratti qorannoo fi qu’annoo taasisuun waltajjii mariilee biyyaalessaa qaxanaa fi idil addunyaa qopheessuun yaada filmaataa dhiheessudha. Dabalataanis dippilomaatotaa fi qooda fudhattootaaf leenjii kennaa jira.
Dhaabbileen Barnootaa olaanoon lammileen dhimmoota biyyaalessaa irratti hubannoo waloo akka qabaatan gahee isaanii bahuu qabu
Apr 18, 2024 298
Ebla 10/2016(TOI) -Dhaabbileen Barnootaa olaanoon lammileen dhimmoota biyyaalessaa irratti hubannoo waloo akka qabaatan gahee isaanii bahuu akka qaban Ministeerri Nageenyaa beeksise. Ministeerri Nageenyaa '' Gootummaa baraan wal gitu tokkummaa sabdaneesummaaf'' mata duree jedhuun hayyoota Yuunivarsiitii waliin mari'ataa jira. Waltajji marii kanarratti haasaa kan taasisan deetaan ministira Nageenya doktar Kaayradiin Tazarraa '' mata duree '' Adwaa nageenyaa waaraa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaaf'' jedhuun Yuunivarsiitoota 40 ol waliinmariin geggeeffamu yaadachiisaniiru. Mariin kunis eenyummaa waloo, duudhaa waloo fi fayidaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun marii milkaa'aan geggeeffamuu himanii, sosochii gara fuula duraatti geggeeffamuuf galtee guddaan irra argameera jedhaniiru. ''Gootummaa baraan wal gitu tokkummaa sabdaneesummaaf' mata duree jedhuun sosochiin har'a kan ifoomees karaanuma wal fakkatuun akka raawwatamu himaniiru. Damee hundaa misooma biyyaa fi fayidaa biyyaaleessaaf amanamummaan lammilee hundaarra kan eeggamu ta'uu himanii; keessaayyu kanarratti hayyootarra hojii guddatu eeggata jedhaniiru. Dhimmoota biyyaa irratti lammileen hubannoo wal fakkata akka qabaatan taasisuu keessaatti dhaabbilee barnoota olaanoorra hojii guddatu eegama jedhaniiru. Waltajjicharratti sosochii biyyaalessaa'' Adwaa nageenyaa waaraa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaaf'' jedhuun geggeeffama ture ilaalchisuun gabaasni dhihaatera.

Hawaasummaa
Dhaabbanni Madaallii Mijatummaa Itoophiyaa ji'oota salgan darban xaa'oo dabalatee tajaajila sakattoo qulqullina oomishaalee kuma 19 kenneera.
Apr 22, 2024 439
Ebla 14/2016 (TOI) - Dhaabbanni Madaallii Mijatummaa Itoophiyaa ji'oota salgan darban xaa'oo dabalatee tajaajila sakattoo qulqullina oomishaalee kuma 19 kennuu beeksise. Daarektarri olaantuu Dhaabbatichaa Maa'azaa Abarraa TOI'tti akka himanitti; dhaabbatichi ijoon tajaajila sakata'insa qulqullina laabiraatorii, Sartafikeeshinii qulqullinaa fi Inspeekshinii kennaa jira. Haaluma kanaan ji'oota salgan darban xaa'oo biyyoo meetirik toonii miliyoona tokko dabalatee oomishaalee 19 ol ta'an irratti tajaajila sakattoo qulqullina laabiratoorii fi sartifkeeshinii kennuu beeksisaniiru. Dameen dhaabbatichaa Jibutiitti argamu Zayita nyaataa liitira miliyoona 13 irratti sakattoo qulqullina labiraatorii taasisuus himaniiru. Dhaabbatichi dameewwaan tajaajila sakattoo qulullinaa kennu keessa galteewwan qonnaa, Nyaataa fi dhugaatii, Qoricha, kemikaalaa fi albuuda, galteewwan ijaarsaa, Elektirooniksii,gogaa fi oomishaaleen huccuu keessaatti argamu jedhaniiru. Oomishaaleen kunneen bu'uura ulaagaalee kaa'amaniif eeganii oomishamuu sakata'amanii sartafikeettiin mirkaneessaa kan kennamuuf ta'uu himaniiru. Tajaajiloonni dhaabbatichi kennu kunneen sadarkaa idil addunyaatti beekamtii fi fudhatama kan qabu ta'uus himaniiru. Laabiraatoriiwwaan sakata'insaaf oolaan kan dhaabbatichi qabu sadarkaa idil addunyaatti fudhatama kan qaban waan ta'aniif nageenyaa fi fayyaa hawaasaa eeguuf gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Mootummaan oomishaalee alaa galanii fi biyya keessatti oomishaman bu'uura ulaagaalee ka'ameefiin qulqullinni isaanii kan guutame ta'uu mirkaneeffachuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirachuu himaniiru. Dhaabbatichi sartafikeettii mirkaneesaa qulqullinaa erga kenneefii ji'a sadi sadiin sakatta'insa kan taasisu ta'uus eeraniiru. Oomishaalee sakata'insi taasifameefii yeroo lamaa ol bu'uura ulaagaa kaa'amee hin guunne qaama dhimmi ilaallatu kan to'annoorratti hojjetu beeksisuun oomishaalee kanarratti to'annoo fi hordoffii akka taasisan ni taasifama jedhaniiru. Dhaabbanni madaallii mijatummaa Itoophiyaa sadarkaa naannoleetti dameewwaan 9 kan qabu yoo ta'u, hawaasni mallattoo qulqullinaa dirqamaa fi sadarkaa oomishaa irratti hubannoon qabu akka cimuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetama jira jedhaniiru.
Ibidda paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Kaabaatti qabate to’achuuf tumsa taasifameen ibiddichi osoo hinbabal’atiin ittisuun akka danda’ame ibsame
Apr 22, 2024 63
Ebla 14/2016(TOI)- Ibidda paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Kaabaatti qabate to’achuuf tumsa taasifameen ibiddichi osoo hinbabal’atiin ittisuun akka danda’ame waajjirri paarkichaa beeksise. Waajjirichatti qorataan Ikooloojii fi beellada bosonaa obbo Taaddasaa Yigzaawu TOItti akka himanitti, ibiddichi kan qabate paarkicha keessa ganda mbaaraas jedhamutti. Ibiddi kun Ebla 10 bara 2016 qabachuusaa eeranii, bakka ibiddi kun qabatetti kan argaman marga Guwaassaa jedhamuu fi mukkeen uumamaa paarkichaa Wucena jedhamanirratti miidhaan qaqqabuu dubbataniiru. Amma ammaatti Bineensota bosonaa paarkichaarraa miidhaan akka hingeenye eeranii, sababni ibiddi kun itti qabate amma ammaatti akka hinbeekamne kaasaniiru. Hojii ittisaa miseensonni birgeedii balaa ibiddaa ittisan, jiraattonnii fi qaamoleen deeggartootaa taasisaniin ibiddicha bakka gooxiiwwan Giccaa fi Immeet Googootti to’achuun paarkichatti akka hinbabal’anne ittisuun akka danda’ame beeksisaniiru. Guutummaatti to’achuuf tumsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Haalli qilleensaa naannawichaa qilleensaa fi ho’aa waan ta’eef ibiddi akka babal’atu taasisuusaa ibsanii., balaan ibiddi geessise taaskifoorsii yeroo dhihootti hundeeffamuun niqoratama jedhan. Waggoota darban paarkichatti rakkoo uumamaa fi namtolcheetiin ibiddi yeroo adaddaatti ka’aa akka ture yaadachiisanii, haata’u malee balaan guddaan osoo hinqaqqabiin to’achuun akka danda’ame himaniiru. በQabeenya uumamaa paarkichaa ibiddaan miidhaan irra qaqqabe deebi’ee akka bayyanatu gochuun ganna ganna muka biyya keessaa dhaabuun kunuunfamaa akka ture dubbataniiru. Paarkichi kiiloomeetir Iskuweerii 412 kan qabu yoo ta’u, Waaliya, jeedaali diimtuu fi jaldeessi Cilaadaa dabalatee bineensonni bosonaa fi simbirroowwan akka keessatti argaman nibeekama.
Ejensichi har’aa eegalee Sanbata guyyaa guutuu tajaajila akka kennu ifoomse
Apr 20, 2024 284
Ebla 12/2016 (TOI)- Ejensiin galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa caasaa aanaarraa jalqabee qabuun har’aa eegalee Sanbata guyyaa guutuu tajaajila kan kennu ta’uu ifoomseera. Ejensichi aanaalee moodalaa 16 keessatti sagantaa hojii jalqabsiisuu adeemsisaa jira. Sadarkaa ittaanaa kantiibaatti hojiigaggeessituun olaantuu magaalaa Finfinnee adde Hiikmaa Keyreddiin, daarektarri olaanaa Ejensichaa obbo Yoonaas Alamaayyoo fi hojii raawwachiisaan muummee kutaa magaalaa Lammii Kuraa Taarraqany Gammachuu sagantaa kana kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 8tti argamuun jalqabsiisaniiru. Sadarkaa ittaanaa kantiibaatti hojiigaggeessituun olaantuu magaalaa Finfinnee adde Hiikmaa Keyreddiin wayita kana akka jedhanitti, jiraattonni magaalichaa tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu akka argatuuf dhaabbilee irratti hojjetamaa jiran keessaa ejensiin galmee siviilii fi tajaajilli jiraattotaa isa tokkodha. Ejensichi reefoormii taasisaa jiruun iddoo hojii mijataa uumuu fi tajaajilasaa ammayyeessuuf isa gargaara jedhan.
Waldaan kaansarii Maatiwoos Wanduu waggoota 20 darban dhukkubsattoota kaansarii kuma 3 ol gargaareera
Apr 17, 2024 681
Ebla 09/2016(TOI)- Waldaan kaansarii Maatiwoos Wanduu waggoota 20 darban dhukkubsattoota kaansarii kuma 3 ol gargaaruusaa beeksise. Waldichi waggaa 20ffaa hundeeffamasaa sagantaalee addaddaatiin kabajeera. Miseensonni waldichaa,fayyadamtoonni waldichaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa waldichaa obbo Wanduu Baqqalaa baatii Fulbaanaa bara 1996daa’imasaanii waggaa afurii Maatiwoos Wanduu dhukkuba kaansarii dhiigaatiin dhabuusaaniirraa ka’uun waldaa kana hundeessuusaanii dubbataniiru. Daa’imasaanii dhukkuba Kaansariin dhabanis daa’imman biroo dhukkuba kanarraa baraaruu nidandeenya yaada jedhuun waggaa daa’imasaanii dhabanitti Ebla bara 1996 waldaa kana hundeessuusaanii ibsaniiru. Waldichi waggoota 20 darban dhukkubsattoota kaansarii harka qalleeyyii baasii waldhaansaa deeggaraa akka jiru ibsaniiru. Dabalataanis namoonni waa’ee dhukkuba kaansarii fi dhukkubuuta namarraa namatti hindarbinee hubannoo akka qabaatan taasisaa turuu ibsaniiru. Amma ammaatti dhukkubsattoota kaansarii fi maatiisaanii kuma 3 ol akka deeggare kaasaniiru. Waldichi yeroo ammaa dhukkubsattoonni kaansarii 170 caalan akka waldhaananam waldhaantotasaanii deeggaraa akka jiran beeksisaniiru. Maatiin daa’imasaanii waldhaansisuuf Finfinnee dhufanii saganticharratti hirmaatan deeggarsa waldichi taasisaa jiruuf galateeffataniiru. Bu’aa bayii tokko malee daa’imasaanii bakka waldichi qopheesse turuun waldhaansisaa akka jiran ibsaniiru.
Diinagdee
Deeggarsii fi hordofiin hoggansaa oomishitummaa damee qonnaaf gahee olaanaa qaba
Apr 23, 2024 16
Ebla 15/2016(TOI) - Deeggarsii fi hordofiin hoggansaa oomishitummaa damee qonnaaf gahee olaanaa kan qabu ta'uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Gareen deeggarsaa fi suparvizhinii federaalaa oomisha qamadii, dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa fi hojiirra oolmaa sagantaa maaddii guutuu irratti daawwana dirree taasisuu wajjirri ministeerichaa hoggantoota olaanoo waliin mari'ateera. Marii kana irratti hoggantoonni olaanoo ministeerichaa waggoota haaromsaa darban keessatti xiyyeeffannoo guddaa damee qonnaaf kennameen mootummaan haaromsaa fi jijjiirama bal’aa galmeessuu kan danda’e ta’uu odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa .
Oromiyaatti sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin maashiniiwwan kuma 5 ol fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasifameera
Apr 23, 2024 22
Ebla 15/2016 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin maashiniiwwan kuma 5 ol fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasifamuu Waldaan Faayinaansii Aksiyoona Daldala Meeshaalee Kaappitaalaa naannichaa beeksise. Biiroon Invastimantii fi Industirii Naanniichaa immoo intarpiraayizoota moodeela xixiqqaa fi giddu galeessaa kuma 6 gara invastimantiif fiduuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera. Daarektarri Olaanaa Waldaa Faayinaansii Aksiyoonaa Daldala Meeshaalee Kaappitaala Oromiyaa Yoonaas Gaalataa TOI'tti akka himanitti; Waldaan kun dhaabbata misoomaa bara 2006 irraa eegalee damee industirii sirreessuuf kaayyeffatee hundeeffame dha. Waldaan kun sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin lammiilee hojii qonna, industirii, ijaarsa, tajaajilaafi tuuriizimii irratti bobba’aniif tajaajila liqii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis rakkoo qaqqabummaa faayinaansii kanaan dura ture hiikuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira jedhaniiru. Waldichi erga hundeeffamee jalqabee maashinoota kuma 5 ol birrii biiliyoona 1.4'tti tilmaamamun sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin fayyadamtootaf dabarfamuu beeksisaniiru. Intarpiraayizoonni xixiqqaa fi giddu galeessaa deeggarsa argataniis kaka'umsa guddaan hojjechuun qabeenya tilmaamni isaa Birrii miiliyoona 339 ol ta'u horachuu ibsaniiru. Kanaanis Lammiileen kunneen jireenya isaanii fooyyessuu qofa osoo hin taane, carraa hojii uumuu fi guddina dinagdee keessattis gahee gaarii taphachaa akka jiran ibsaniiru. Itti aanaan hogganaa Biiroo invastimatii fi indastirii Oromiyaa Washoo Kadir; Deeggarsi intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaaf taasifamaa jiru damicha kakaasaa jiraachuu ibsaniiru. Indaastiriiwwan maanufaakchariingii Baankii Misoomaa fi dhaabbilee biroo waliin qindoominaan rakkoolee gama faayinaansii, bu’uuraalee misoomaa fi meeshaalee oomishaatiin deebii kennuuf hojjetamaa jirus ibsaniiru.
Afriikaatti qooda adda durummaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa
Apr 23, 2024 38
Waggoota 75’f milkaa’inaan kan imale daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaatti giruuppii aviyeeshinii adda dureedha, Daandiin qilleensichaa magaalaawwan Afriikaa 63 dabalatee guyya guyyaatti kutaalee addumyaa addaddaatti nibalali’a, Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa qooda Afriikaa walitti fiduuf qabuun daandii qilleensaa kamiyyuu caalaa Ardichatti nibalali’a, Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Ardiilee shanitti bakka qaqqabiinsasaa 58tti balallii idil addunyaa 100ttitajaajila kennaa jira. Kun ammoo irra guddeessa tuuristiif mijataa kan ta’an Finfinnee, Zaanziibaar, Kiliimaanjaaroo fi Siisheelsi ofkeessatti qabata. Kanaaf ammoo waggoota walitti aanan shaniif daandii qilleensaa filatamaa milkaa’ina galmeessise jedhamuun Skaayi tiraaksirraa badhaafni urjii afurii kennameeraaf. Milkaa’inaa hooggansa olaanaa yeroo rakkinaatiin ammoo bara 2020 badhaafameera. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Balallii isaa mijaa’aa ta’een Afriikaa, Ameerikaa, Awurooppaa, Isiyaa, Jiddugaleessa bahaa fi kutaalee addunyaa birootti tajaajilaa jira.
Magaalaa Bishooftuutti ji'oota salgan darban lammilee kuma 47 oliif carraan hojii uumameera
Apr 22, 2024 46
Ebla 14/2016(TOI) - Magaalaa Bishooftuutti ji'oota salgan darban lammilee kuma 47 oliif carraan hojii uumamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Bulchiinsi magaalichaa birrii biliyoona tokkoon sheedotaa fi gamoowwaan oomishinni keessatti gurguramuu kan sadarkaa isaanii eeggatanii fi yeroo dheeraaf turuu danda'an ijaaruus beeksiseera. Kana keessaas yeroo ammaa ijaarsi sheedonni oomishaaleen keessaatti oomishaman kan xumurame yoo ta'u gamoowwaan bakka gurgurtaa oomishaaleef oolaan immoo bakka saditti ijraama akka jiran eerera. Itti gaafatamaan Waajjira Hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Bishooftuu obbo Taaddasaa Asaffaa akka himanitti; bulchiinsi magaalicha dameewwaan hojii biyya ceesisuu danda'an irratti xiyyeeffachuun carraa hojii uumaa jira. Carraan hojii uumamee kunis damee qonnaa, indastirii kennisa tajaajilaa fi oomishaarratti ta'uu himaniiru. Bara bajataa kana lammilee kuma 50'f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuu ibsanii; hanga ammaatti lammilee kuma 37'f carraa hojii dhaabbii, kuma 10 immoo carraa hojii yeroo uumuun danda'amuu himaniiru. Lammilee waldaan gurmaa'anii hojjetaniif deeggarsa liqaa, bakka hojii dhiheesuu fi leenjii ogummaa kennuurratti hojiin hojjetamuu himaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Haleellaa Saayibarii ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu qabu jedhame
Apr 18, 2024 235
Ebla 10, 2016 (TOI)- Guddina teeknooloojii hordofee haleellaa saayibarii dabalaa dhufe ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban akeekame. Yaa’iin “Working Group” 10ffaan Biyyoota miseensaa BRICS Raashiyaatti gaggeeffameera. Yaa’icharratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Aadde Tigisti Haamiidii fi jilli isaanii hirmaataniiru. Aadde Tigisti Haamiid akka jedhanitti, yeroo ammaa biyyooni miseensa ‘BRICS’ fi biyyoonni addunyaa dhimma haleellaa saayibariirratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiru. Dhimmi nageenya odeeffannoo ajandaa murteessaa biyyootaa miseensa BRICS ta’ee itti fufuu akka qabu eeran. Biyyonnni miseensa garichaas dandeettii yaaddoowwan haleellaa dandamachuun isaanii cimsuun naannawaa dijitaalaa nageenyi isaa amansiisaa uumuu akka qaban ibsuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa. Yaa’ichaan biyyoonni miseensaa, nageenya kominikeeshinii fi odeeffannoo, waljijjiirraa odeeffannoo, yaaddoowwan nageenya saayibarii ittisuuf akkasumas muuxannoo waljijjiiruuf waliigalteerra ga’uun ibsameera. Aadde Tigisti waltajjiichaan cinaatti biyyoota miseensa garichaa waliin haalaa nageenyaa saayibariirratti hojjechuu danda’amurratti mari’achuun ibsameera.
Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu.
Apr 16, 2024 102
Ebala 8/2016(TOI) - Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabaachuu namni damee qorannoo taasisuun beekaman tokko ibsan. Yuunivarsiitii Jinkaatti korri qorannoo Aadaa fi Seenaa irratti xiyyeeffate geggeeffameera. Kora qorannoo kanarratti kan hirmaataan Yuunivarsiitii Kaalfoorniyaatti qorataan Sooshaal Antiropolojii Pirofeesar Doonaald L Donaahaam akka himanitti; Itoophiyaan aadaawwanii fi beekumsoota xabboo hedduu ajaa'ibsiisoo qabdi. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaatti waggoota 50'f hojii qorannoo fi qo'annoo hojjechaa turuu himanii; qoarnnoo hawaasaa fi ilaalcha siyaasaa irratti Kitaaboota xiyyeeffatan hedduus barreesuu isaanii himaniiru. Waggoota qorannoo fi qo'annoof biyyoota Afrikaa keessa turan keessaa kan Itoophiyaa keessa turan guddaa ta'uu eeranii Itoophiyaan haala teesuma alafaa ja'ibsiisaa fi aadaa hedduun kan badhaatedha jedhaniiru. Qoratichi kora qorannoo kanarratti mata duree '' Hundeeffama Itoophiyaa fi beekumsoota xabboo walitti bu'insa furuuf'' jedhuun qorannoo dhiheesaniiru. Qoratichi qorannoo dhiheesaniin Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Itoophiyaatti walooma cimsuufi nageenya waaraa taasisuuf beekumsi xabboo karaa walitti bu'insa karaa aadaa furaniin gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Duudhaawwan kana Yuunivarsiitonnii fi dhaabbileen qorannoo qorannoo fi qo'annoon gabbisuun fayidaarra oolchuu qabus jedhaniiru.
Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne
Apr 16, 2024 93
Ebla 8/2016 (TOI) – Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne ta'uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gabaasa biyyaalessaa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaa ifoomsera. Odeeffannoon Sobaa fi Haasofni jibbiinsaa babal’achuun nageenya hawaasarratti dhiibaa uumuu gabaasa isaan ifa godheera. Maddii haasawaa jibbiinsaa miidiyaaleen hawaasaa qoodaan ijoon Abbootii Amantii tokko tokko, Aktiivistoota, qaamoleen siyaasaa fi rogeeyyiin miidiyaalee hawaasummaa fi qaamoleen dhuunfaa ta'uu gabaasa isaa kanaan ifoomseera. Haasofni jibbiinsaa kunneen saba, Amantii, afaan, eenyummaa, namoota dhuunfaa, garee, namoota bebbeekkamoo, namooa siyaasaa fi aanga’ootarratti kan xiyyeeffatan ta’uu abbaan taayitichaa gabaasa isaan eerera. Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa dambii fi qajeelfama kabajuun itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gaafateera.
Itiyoo-telekoom hojiilee sirna dijitaalaa hammataa mirkaneessuuf jalqabe cimsee itti nifufa-Fireehiywoot Taammiruu
Apr 16, 2024 97
Ebla 08/2016(TOI)- ኢ Itiyoo-telekoom faayinaansii dabalatee hojiilee sirna dijitaalaa hammataa mirkaneessuuf jalqabe cimsee akka ittifufu hojiiraawwachiiftuun olaanaa Itiyoo –telekoom Fireehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo-telekoom appilikeeshinii haaraa “Tele birr-ingeej” jedhamu kaleessa galgala ifoomseera. Maamiltoonni tajaajila Kanaan marii biizinasii kallattii nama dhuunfaa ykn garee taasisuuf odeeffannoowwan gabaa waljijjiiruuf, maallaqa erguu fi fudhachuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Akkasumas dhimmoota biizinasii akkasumas hawaasummaa biroo barreeffamaan, suuraadhaan, sagaleedhaan, viidiyoo fi bifa sanadaan waljijjiiruu nidanda’u jedhaniiru. Kaampaanichi Itiyoophiyaa dijitaalaa damee hundaan dhugoomsuuf shojjetamaa jira jedhaniiru. Keessumaa sirna faayinaansii dijitaalaa qaqqabaa taasisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Haala Kanaan appilikeeshinii “teelee birr-Ingeej” cehumsa faayinaansii dijitaalaa keessatti dhaabbilee daldalaa, mootummaa fi mitmootummaa gochuun dirree dinagdee dijitaalaa babal’isuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Kaampaanichi hojiilee bu’uraaleen misoomaa sadarkaa biyyaalessaatti ijaare Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf jalqabaman gargaaruun shoorrisaanii olaanaa ta’uu dubbataniiru. Kaampaanichi fuulduras tajaajiloota dijitaalaa haaraa hojeessuuf akka hojjetu ibsaniiru. Itiyoo-telekoom karaa teelee birrii waggaa sadii dura hammattummaa faayinaansii dijitaalaa guddisuuf ifoomseen guyya guyyaatti gurgurtaa birrii biiliyoona 5 kan raawwatu yoo ta’u, waggoota 3 keessatti deddeebiin maallaqa birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 2 taasifameera.
Ispoortii
Sagantaan torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 18, 2024 77
Ebla 10/2016(TOI)- Taphoonni guyyaa jalqabaa torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a nitaphatamu. Tapha jalqabaa torbee 22ffaan Magaalaan Walqixxee Itiyoophiyaa Madin waliin sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan Walqixxee taphaoota liigichaa walitti aansee taphate shaniin altokko mo’atee altooko mo’amee alsadii walqixa baheera. Magaalaan Walqixxee qabxii 16’n sadarkaa 14ffaa qabatee qaxanaa gadibu’aarra jira. Itiyoophiyaa Nadin taphoota shan darbaniin altokko mo’atee altokko mo’ameera. Taphoota sadii walqixa baheera. Itiyoophiyaa Mqabxii 19’n sadarkaa 13ffaarra jira. Tapha lammaffaa galgala sa’aatii 1tti taphatamuun magaalaan Bahaardaarii fi Hadiyyaa Hoosaa’inaa nimorkatu. Magaalaan Bahaardaar taphoota walitti aanan shan taphateen hinmo’amne. Sadii mo’atee lamaan walqixa baheera. Magaalaan Bahaardaar qabxii 33’n sadarkaa 5ffaarra jira. Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota shan taphateen lama mo’atee tokkoon mo’amee lamaan walqixa baheera. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii 30’n sadarkaa 8ffaarratti argama. Sagantaan torbee 22ffaa borus ittifufuun Hambarichoo Duraamee magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaan magaalaa Adaamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphoonni torbee 22ffaan amma Ebla 13tti nitura. Piriimiyeer liigii kana baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 43’, dursaa jira. Taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan goolii 12 galchuun dursaa jira. Taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee, taphataan Qiddus Giyoorgis Amaanu’eel Orboo, taphataan magaalaa Bahaardaar Charinnat Gugsaa fi taphataan magaalaa Adaamaa Yooseef Taarraqany qabxii walfakkaataa goolii 9’n hordofaa jiru. Taphoonni piriimiyer Liigii torbee 23ffaa amma 27ffaatti istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti akka taphataman waldaan aksiyoonaa liigichaa beeksiseera.
Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan har’a jalqabama
Apr 11, 2024 185
Ebla 03/2016(TOI)- Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan taphoota lama taphatamaniin har’a nijalqabama. Dursaan liigicha Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti nitaphatu. Baankiin daldalaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’amee lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Hawaasaa taphoota shan keessaa lama mo’atee lama mo’amee tokko ammoo qabxii qooddatee qabxii 26’n sadarkaa 10ffaarratti argama. Walaayittaa Diichaan magaalaa Dirreedawaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa shan taphateen sadiin mo’amee al lama walqixa bahee qabxii 24’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota liigichaa shan taphateen sadii mo’atee tokko walqixa nahe tokko ammoo mo’ameera. Magaalaan Dirreedawaa qabxii 29’n sadarkaa 9ffaarratti argama. Sagantaan torbee 21ffaa kanaan boru Faasiil KanamaaHambarichoo Duraamee waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti, magaalaan Bahaardaar Qiddus Goorgis waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 21ffaa kun amma Ebla 6 bara 2016tti nitura. Piriimiyeerliigii kana taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan galchii 11’n yemmuu dursu taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee galchiii 9’n hordofa jira.
Sagantaan torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 4, 2024 218
Bitootessa 26/2016(TOI)- Taphoonni torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabamu. Tapha baniinsaatiin magaalaan Walqixxee Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan walqixxee taphoota piriimiyeerliigii shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, lama mo’amee sadii walqixa abaheera. Qabxii 12’n sadarkaa 15ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra jira. Walaayittaa Diichaan taphoota piriimiyeerliigichaa sha walitti aansuun taphateen hinmo’anne, sadiin mo’amee lama qabxii qooddateera, qabxii 24’n sadarkaa 11ffaarra jira. Tapha torbee 20ffaa biraatiin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa Hambaricho duraamee waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’ameera,lama ammoo walqixa baheera. Qabxii 37’n sadarkaa sadaffaarra jira. Morkataansaa Hambarichoo Duraamee taphoota shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, afur mo’amee tokko walqixa baheera, qabxii 7’n sadarkaa 16ffaarra jira. Boru Bunni Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaa magaalaa Dirreedawaawaliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 20ffaa kun amma 29 bara 2016tti nitura. Machaal qabxii 39’n dursaa jira. Taphataan sarara duraa taphataan magaalaa Hawaasaa Alii Suleymaan goolii 11’n yemmuu dursu taphataan sarara duraa magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee goolii 9’n lammaffaarra jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijataadha
Apr 22, 2024 263
Ebla 14/2016 (TOI) - Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijata ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksisee. Ibsa inistiitiyuutichi TOI'ttiif ergeen guyyoota kurnan dhufanitti naannaawwaa kibba, bahaa, kaaba bahaa fi giddu galeessa biyyattiitti roobni salphaa hanga cimaa ta'u akka roobu ibsameera. Haala kanaan, jiidhinni eegamu fedhii bishaanii oomisha waqtii arfaasaa kanaan dura facaafamee fi biqiltoota kanaan dura dhaabamanii jiraniif mijataa akkasuma oomisha watii gannaaf haala kan mijeesuu kan danda'udha jedheera. Qonnaan bulaan jiidhina jirutti fayyadamuuf oomisha isaa oomishuuf galteewwan barbaachisu akka qopheeffachuu qabu eerera. Naannaawwaa hanqina roobaa qabanitti roobni guyyoota kurnan dhufan jiru nyaata beelladaa fi hanqina bishaan dhugaatii furuuf gahee olaanaa waan qabuuf bishaan ooyiruu qonnaa fi bakka birootti kuusuun hojii jallisiifis dhimma itti bahuun barbaachisaadha jedhameera. Gama biraatiin naannoolee kaaba bahaa, bahaa fi kibba bahaa biyyattiitti jiidhinni olaanaan akka eegamu raagni meetirooloojii ni mul’isa. Haalli kun ooyiruu irra dalaliin akkachiisuu fi biyyeen lolaan akka dhiqamu gochuu waan danda'uuf ofeeggannoon barbaachisaan taasifamuu akka qabu instiitiyutichi beeksiseera. Hojii ofeeggannoo cinaattis jiidha jiru dhimma itti bahuuf tattaaffiin taasifamuu qaba jedheera.
Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatameera-abbaa taayitichaa
Apr 18, 2024 79
Ebla 10/2016(TOI)- Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa abbaan taayitaa taayitaa eegumsa naannoo Finfinnee beeksise. Hojii gaggeessaan olaanaa abbaa taayitichaa obbo Didhaa Dirribaa TOItti akka himanitti, abbaan taayitichaa baatiiwwan sagal darban hojii to’annoo addaddaa taasisaa tureera Haala Kanaan baatilee sagalitti dhaabbilee kuma 7 fi 294 to’achuuf karoorsee dhaabbilee kuma 7 fi 598 to’achuun karoorasaa harka dhibbaa ol milkessuusaa dubbataniiru. To’annoo fi hordoffii cimaa taasifameen dhaabbilee naannawa faalan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfii fudhachuusaa mirkaneessaniiru. Kanneen keessaa kuma 1 fi 661 ofeeggannoon kan kennameef yoo ta’u kanneen kallattii kennameefiin osoo hin hojjetiin hafan dhaabbilee 59 saamsamamuusaanii dubbataniiru. Abbaan taayitichaa dhaabbileen akkaataa ergama dhiibbaa naannawaa to’achuuf kennameefiin seera kabajanii akka hojjetan to’annaa fi hordoffii taasisu cimsee itti fufuusaa ibsaniiru.
Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 13, 2024 134
Ebla 05/2016 (TOI)-Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qopheessuusaa biiroon eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaa naannichaa beeksise. Daarektarri hariiroo ummataa biirichaa obbo Yuusuuf Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, biirichi biqiltuuwwan rakkoolee sababa jijjiirama haala qilleensaan uumaman qolachuuf gargaaran baay’isuun sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan biirichi jiddugaleessota moodelaa Jigjigaa biqiltuun itti baay’ifamu, Godee, Doolloo Addoo fi Dagaahaabuuritti hundeeffamanitti biqiltuu qopheessuusaa ibsaniiru. Naannawoota naannichaa rooba arfaasaa argatanitti Ebla 15 bara 2016 irraa kaasee biqiltuun akka dhaabamu daarektarichi beeksisaniiru. Kana malees ganna dhufu biqiltuuwwan addaddaa naannichatti dhaabaman miiliyoona lama dhaabuuf qophiirra aka jiran ibsaniiru. Hojii gaggeessaan jiddugala biqiltuu moodelaa Jigjigaa obbo Ayyaanlee Hasan, buufanni biqiltuu jiddugaleessicha jalatti hundaa’e biqiltuu baay’isuun kutaalee hawaasaa fi dhaabbileef tolaan akka raabsu beeksisaniiru. Buufanni kun yeroo ammaa akaakuu biqiltuu 32 baay’isaa akka jiru dubbataniiru. Namoota jiddugaleessichatti carraan hojii uumameef keessaa adde Zayinab Ahimad yaada kennaniin kunuunsa biqiltuu jiddugaleessichatti tasisaa jiranitti akka gammadan ibsaniiru. Waggoottan darba naannoo Somaaleetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mukaa miiliyoona 51 ol dhaabaman keesaa harki 71 qabachuusaa odeeffannoon biiroo eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaarraa argame nimul’isa.
Naannoo Tigraayitti Ganna dhufu biqiltuu miiliyoona 20 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.
Apr 5, 2024 193
Bitootessa 27/2016 (TOI) - Naannoo Tigiraayitti ganna dhufu dhaabuuf biqiltuun miliyoonni 20 qophaa'aa jirachuu Biiroon Qonnaa fi eegumsa qabeenya uumamaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksiseera. Biirichatti daarektarri Misooma fi ittifayyadama bosonaa obbo Tasfaay Teklehaayimaanoot TOI'tti akka himanitti; Ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu miliyoona 20 dhaabuuf qophiin taasifama jira jedhaniiru. Naannichaatti hojiin kununsa qabeenya uumama hojjetama jirachuu himanii bara kana lafa heektaara kuma 38 irra biqiltuu dhaabuuf hojjetama jirachuu himaniiru. Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bona darbe hojjetameen jiidha kuusuun hojii misooma bosonaa ganna kana hojjetamuuf haala mijataa uumaa jira jedhaniiru. Barbaachisummaa misooma bosonaa fi eegumsa naannoo irratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamuus himaniiru. Yeroo ammaa naannichatti bufataalee biqiltuu adda addaa keessatti biqiltuun miiliyoona 20 fi kuma 556 biqilfamaa jiraachuu ibsaniiru. Biqiltoonni naannichatti buufataalee biqiltuu mootummaa, waldaa fi dhuunfaa 195 keessatti qophaa'aa jiran harki caalaan isaanii fayidaa dinagdee kan qaban ta'uu eeraniiru.
Gabaasa addaa
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 442
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 1843
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.