ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa dhaabbata barnootaa olaanaa Ikustaa bataskaana Kaatolikii Itiyoophiyaa daawwatan
Dec 25, 2025 4
Mudde 16/2018(ENA)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa dhaabbata barnootaa olaanaa Ikustaa bataskaana Kaatolikii Itiyoophiyaa magaalaa Shaggar naannawa Labuutti argamu har’a daawwataniiru. Itti aanaan ministira muummee Fuula marsariitii isaaniirratti ergaa barreessaniin bataskaanni Kaatolikii Itiyoophiyaa gumaachi misooma hawaasummaa taasiftu jireenya Itiyoophiyaanota hedduu kan jijjiiredha jedhan. Deeggarsi Bataskaanni kun gama barnootaan, fayyaan, bishaan dhugaatii fi leenjii teekniikaa dargaggootaan taasiftu imala badhaadhinaa Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka qaban ibsaniiru. Dhaabbanni barnootaa olaanaan kun keessumaa dame wal’aansaatiin dandeettii qorachuu fi wal’aanuu Itiyoophiyaa ni guddisa kan jedhan itti aanaan inistira muummee hundaa ol qulqullinni dhaabbatichaa dhaabbilee hedduuf fakkeenya ni ta’a jechuun dubbataniiru. Wantoonni barbaachisan guutamanii tajaajila walii galaa dafee akka eegalu gama mootummaan deeggarsi barbaachisu akka taasifamu himaniiru. Dhaabbata kanaaf lafa hojii kanaaf barbaachisu kan kenne naannoo Oromiyaa akkasumas dhaabbaticha meeshaalee ammayyaan gurmeesuuf kan gargaaran hunda nan galateeffadha jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.
Itiyoo Elektirikiin Midira Gannat Shiree injifachuun sadarkaasaa gara 3ffaatti ol guddiseera
Dec 25, 2025 18
Mudde16/2018(ENA)- Tapha Piriimar Liigii Itiyoophiyaan sagantaa torban 11ffaan Itiyoo Elektiriikiin Midira Gannat shiree 1 fi 0’n injifateera. Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeefameen Abeel Habtaamuu galchii injifannoo daqiiqaa 95ffatti lakkoofsiseera. Bara dorgaommichaatti injifannoo 5ffaa kan galmeessise Itiyoo Elektiriikiin qabxii 20n sadarkaasaa 4ffaa gara 3ffaatti ol guddisera. Faallaasaan liigichatti yeroo sadaffaa kan mo’ame Midira Gannat Shireen qabxii 14n sadarkaa 9ffaa qabateera.
Industiriiwwan walitti hidhuun fayyadamummaa Qonnaan bultoota Bunaa Omishanii mirkaneessuuf hojjetamaa jira
Dec 25, 2025 17
Mudde16/2018(ENA)-Naannoo Sidaamaatti qonnaan bultoota omishtoota bunaa kuma 200 ol ta’an Industiriiwwaniin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa, muduraa fi mi’eessituuwwanii beeksise. Daarektarri Abbaa Taayitichaa Masfin Qarree ENA’f akka ibsanitti, Naannichatti omishtummaa Bunaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan hedduun galmaa’aa jira. Kanaanis Qonnaan bultoota kuma 200 ol industiriiwwan buna dhiquu fi qasharuun qopheessan waliin walitti hidhuun qulqullina bunaa fi fayydamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hariiroo Idustiriiwwan waliin taassifameen qulqullina bunaan olitti qonnaan bulaan omishicharraa faayidaa maluuf akka argatuuf dandeesisuusaa eeruun waggaa darbe industiriiwwan10n bu’aa qooddachuusaanii ibsaniiru. Naannichatti Aanaa Banisaatti qonnaan bultoota walitti hidhaminsa uuman, walitti hidhaminsa qulqulinaa fi fayyadamummaa qonnaan bultootaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru. Kanaanis qonnaan bulaan dhaabbii biqiltuutii hanga buna funaanuutti deeggarsa ogeessaa akka argatu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bultoota buna Industiriif dhiheessan keessaa qonnaan bulaa Asfaawu Hoshee dhaabbiiraa eegalee hanga buna funaanuutti gorsa ogeessaa fudhachuun hojjechuusaaniin omisha fooyya’aa argachuusaanii ibsaniiru. Buna bilchaate oyruusaaniiirraa funaanuun kiiloo giraamii 220 ol Industiriiwwan walitti hidhminsa uumaniif dhiheessuun gatii madaaluun gurguruusaanii dubbataniiru.
Paarkiiwwan Industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa guutuu qaban ni ijaaramu
Dec 25, 2025 21
Mudde 16/2018(ENA) – Ijaarsi paarkiiwwan industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa guutuu qabanii fi dhaqqabummaa gabaa oomisha qonnaa babal’isan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Industirii Malaakuu Allebal ibsan. Ministeerri Industirii abbootii qabeenyaa kan hirmaachise fooramii invastimantii magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira. Ministirri Industirii Malaakuu Allebal wayita sana akka jedhanitti, sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu Industirii kakaasuun bu’aa gaarii argamsiiseera. Itiyoophiyaatti dhaqqabummaa gabaa oomisha qonnaa babal’isuuf paarkiiwwan industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an waliin ijaaramaa akka jiran ibsaniiru. Akka biyyaatti paarkiiwwan qindaa’aa sadii ijaaramanii kan xumuraman ta’uu eeruun, paarkiiwwan qindaa’aan Naqamtee fi Giddugala Gondar ijaaramuu jalqabaniiru jedhan. Ijaarsi paarkii industirii qindaa’aan hirmaannaa damee oomisha dhuunfaa dabaluun dorgomtummaa biyyaalessaa akka guddisus ibsaniiru. Kunis,Oomishaaleen industirii paarkoota keessatti oomishaman daldala alaa fi gabaa biyya keessaa tasgabbeessuuf gumaacha olaanaa kan qaban ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan abbootii qabeenyaa dhuunfaaf haala invastimantii mijaa’aa uumaa akka jirtu eeruun, qooda fudhattoonni damee dhuunfaa oomishaalee gabaa addunyaa irratti dorgomaa kan isaan taasisu oomishuuf bal’inaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha
Dec 25, 2025 31
Mudde 16/2018(ENA)-Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha jedhan de’eetaan ministira nageenyaa doktar kayiraddiin Tazarraa. Waltajjiin marii “waa’ee Itiyoophiyaa” dhaabbanni pireesii Itiyoophiyaa mata duree “hidhi haaromsaa bayyanachuu Itiyoophiyaaf” jedhuun qopheesse bakka hidhi haaromsaa argamutti Gubaatti gaggeeffamaa jira. De’eetaan ministira nageenyaa doktar kayiraddiin Tazarraa akka jedhanitti, Itiyoophiyaanonni waliin tumsuun hidha haromsaa Itiyoophiyaa guddicha dhugoomsaniiru. Yoo ida’amne ammam milkaa’uu akka dandeenyu hidhi haaromsaa agarsiiftuudha kan jedhan de’eetaan ministiraa kun, tokkummaan sabdaneessummaa shoora gaarii gumaachuusaa kaasaniiru. Hidhi haaromsaa abjuu fi abdii waloo kan dhugoomse pirojektii guddaa ta’uusaa eeranii, hidhichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan hidha haaromsaa ga’umsasheetiin ijaaruudhaan miira nidanda’amaatiin Afriikaanota irra deebi’uun injifannoo olaanaaf kakaasuushee ibsaniiru.
Siyaasa
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo waliin mari’atan
Dec 23, 2025 330
Mudde 14/2018(ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo waliin har’a magaalaa Finfinneetti mari’ataniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo guyyaa tokkoof gara Itiyoophiyaa daawwannaa hojiif dhufan simachuu ibsaniiru. Daawwannichis hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii fi obbolummaa kan ibsu ta’uu eeraniiru. Marii gamlameetiinis, hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsu, akkasumas dhimmoota Gaanfa Afrikaatti nageenyaa fi tasgabbii buusuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru. Kun nagaa fi tasgabbii, akkasumas furmaata Afrikaan durfamuuf kutannoo waloo qabnu kan agarsiisu ture jedhan Ministirri Muummee ergaa isaaniin.
Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaase
Dec 23, 2025 218
Mudde 14/2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 5ffaan gaggeesseera. Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo wixineen labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi Kuwaaraantaayinii oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Wixineen labsii kun ilbiisa biqiltuu midhaanirratti uumamu sirna hojmaataa dursanii ittisuu diriirsuudhaan qisaasa midhanii hir’isuun oomishtummaa midhaanii dabaluudhaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee gamasaaniin, Itiyoophiyaan bqiltuu fi lubbu qabeeyyii hedduu qabaattus hammattoo seeraa qabeenya uumamaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf gargaaru hin qabdu ture. Kunis hmmattichi boodatti hafaa fi to’annoof mijataa waan hin taaneef labsii kana fooyyessuun barbaachisuunsaa ibsameera. Wixineen labsii kun dhiibbaa sababa ilbiisaa fi aramaa biqiltuurratti mudatuun oomishtummaa qonnaarratti qaqqabu sirna to’annoo cimaatiin ittisuuf akka gargaaru himaniiru. Wixineen labsii eegumsa biqiltuu fi kuwaaraantaayinii kun waliigalteewwan eegumsa biqiltuu idil addunyaa ka’umsa godhachuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Wixineen labsii kun Itiyoophiyaan qabeenya biqiltuu qabduuf kunuunsa barbaachisu gochuun fayyadama dinagdee guddisuuf dandeettii uumuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensonni mana maree wixinee labsii kanarratti yaada kennuun sagalee guutuun raggaaseera. #ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan
Dec 23, 2025 168
Mudde 14/2018 (TOI)- Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojiif har’a Finfinnee dhufaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojii guyyaa tokkoof Finfinnee dhufan simachuusaanii waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin wal quunnamtu turte gaafachuun ishee kan seerri deeggarudha- Hayyoota
Dec 23, 2025 256
Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin ittiin wal quunnamtu turte gaafachuun kan seerri deeggaru ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii dhalootaa waan ta’eef ciminaan itti fufamuu kan qabu dha. Yunivarsiitii Asoosaatti diinii fi Qorataan Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa doktar Abbabaa Aannoo akka jedhanitti; Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kanaan dura biyyoota addunyaa waliin walqunnamtu akka qabaattu gaaffiin gaafattu dhimma bu’uuraa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba. Kanaan dura ulaa galaanaa isheen biyyoota alaa waliin daldalaan, daawwannaan akkasumas hojiilee birootiin hariiroo cimaa qabdu turte eeruun, kanas seenaan ragaa ta’uu himaniiru. Haata’u malee waggoota 30 as ulaa galaanaa ishee shira siyaasaan dhabuun kan nama gaabbisiisuu fi gaddisiisu dha jedhan. Ulaa galaanaa ishee dhabdee osoo jirtuu akka waan homtuu hin’uumamneetti callisuun sirrii akka hin taane ibsuun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu itti amanamee ifaajii dhaloota ammaatiin tattaaffiin jalqabame murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya aadaa fi uummata guddoo qabdu akka isheen ulaa galaanaa hin qabaanne seerri dhorku hin jiru kan jedhani immoo Yunivarsiitii Yuniitiitti Barsiisaa Hooggansaa fi Hariiroo Idil Addunyaa doktar Geetiyyee Tirfeedha. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gaaffiin kuni seeraanis, seenaanis akkasumas uumama haala teessuma lafaanii fi seera idil addunyaatiinis fudhatama kan qabu ta’uu dubbatan. Yunivarsiistii Wachaamootti barsiissaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Mulu’alam H/Maariyaam gama isaaniin ulaan galaanaa bu’aalee hedduu qabu gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu murteessaa dha jedhan. Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa, qorataa siyaasaa Afrikaa Bahaa fi barreessaa Daawit Masgabee gama isaaniin sababni Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee dhabdeef shira akka ta'es dubbatan. Ulaan galaanaa nageenya riijinichaa fi hariiroo hawaasaa cimsuuf shoora olaanaa waan qabuuf milkaa’ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan.
Ergamaa fi dirqamoota biyyoolessaa nutti kenname gootummaan bahachuuf qophiidha- Eebbifamamtoota Miseensota Komaandoo Addaa
Dec 22, 2025 278
Mudde 13/2018(ENA)- Nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuuf dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii ibsan Miseensonni koomaandoo addaa eebbifaman. Poolisiin Itiyoophiyaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf miseensota humna komaandoo addaa kan akkaadaamii Poolisii Giddugala Leenjii Awaashitti leenji’an Kaleessa, bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbiseera. Humni Komaandoo Addaa kun beekumsaa fi gootummaadhaan oppereeshiniiwwan akka raawwatus himameera. Miseensonni eebbifamtoota komaandoo addaa biyyaa fiuummata isaanii gootummaanii fi namummaadhaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Konistaabil Miikiyaas Gabayyoo,konistaabil Mirtinash Takkaa fi konistaabil Abdii Tafarraa yaada isaanii ENAf kennaniin, leenjiin fudhatan leenjii jabeenya qaamaa qofa osoo hin taanee kan bilchina sammuu fi ogummaa oppereeshinii ta’uu dubbataniiru. Haaluma kanaan ergama biyyaalessaa kamiyyuu gootummaan hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Leenjiin kunis ergama biraaf kan nama qopheessu ta’uu dubbataniiru. Biyyaa fi ummata badii kamirraayyuu eeguuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni kunneen dargaggoonni Itiyoophiyaa kaanis fakkeenya isaanii hordofuun biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru. Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii hundarraa kan walitti dhufan waan ta’eef, yeroon leenjiirra turan, yeroo tokkummaa Itiyoophiyaa qabatamaan itti argan ta’uu himaniiru.
Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an marii ummataatiin kaafamaniiru-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Dec 21, 2025 346
Mudde 12/2018 (TOI)- Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an waltajjii ummataa magaalaa Miizaan Amaanitti gaggeeffamerratti bal’inaan kaafamuusaanii hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Mariiwwan ummataa gaggeeffaman ilaalchisuun hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo Biroon ibsa kennaniiru. Hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana marii ummataa naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa magaalaa Miizan Amaanitti taa’ame gaggeessuusaanii dubbataniiru. Namoonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa dhufan dargaggoonni, dubartoonni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonnii fi hojjettoonni mootummaa marii cimaa taasisuusaanii ibsaniiru. Hirmaattonni kunneen hojiiwwan hojjetaman dinqisiifachuusaanii fi wantoota sirraa’uu qabanis kaasuusaanii eeraniiru. Labsiiwwan Gubaa dabalatee dhimma ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa akka mikaa’an yaada bal’aa kaasuusaanii dubbataniiru. Yaadonni kaafaman kunneen ammoo gaabbii fi kaka’umsa caalu kan uuman waan ta’eef, hojiilee fuuldura akka biyyaatti hojjetamaniif galaa fi humna waan ta’aniif galtee ta’uun fudhatamu jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti
Dec 20, 2025 310
Mudde11/2018(ENA)- Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuutiin Gaanfa Afriikaa jijjiiramaa ta’e keessatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda adda durummaashee bahaa jiraachuu Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el ibsan. Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el (POA) waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan Biriiksitti(BRICS) tumsa gam hedduun sagalee Afriikaa dhageessisuuf hirmaannaa guddaa taassiaa jiraachuusee dubbataniiru. Haalli teessuma Gaanfa Afriikaa sochii daldalaaf mijattuu ta’uu kaasuun, sochiin daldala Addunyaa dhibbantaa 30 kan adeensifamu riijinii kana keessatti kan raawwatamu ta’u dubbataniiru. Riijinichi fedhiin qaamolee hedduu kan keessa jiru ta’uu Itiyoophiyaan Faayidaa biyyoolessaashee haala eegsisuun biyyoota waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuun Nageenyaa fi misooma gaanfa Afriikaa Jijjiiramaa ta’e mirkaneessuuf shoora adda durummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa Itiyoophiyaan Riijinichatti uumtu yaadama ida’amuun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibaniiru. Karoora misoomaa milkeessuuf tumsa biyyoota waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeruun kanaafis tattaaffii dhuunfaan olitti ida’amuun bu’aa qabeessa taasisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan walii galteen Daldala Riijinii bilisaa Afriikaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen Riijinii akka hundeeffamanii fi tokkummaan Afriikaa akka cimuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahuushee ibsaniiru. Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Dippiloomaasii cimaan xumurmuunsaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaan hundi kan itti boonu ta’uu kan kaasan Obbo Nabiyyuun, hidhichi walitti hidhaminisa Diinagdee Riijinichaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Gama biroon Itiyoophiyaan BRICS’tti tumsa gam hedduu fi hirmaannaa guddaa taassisuun ofirra darbitee sagalee Afriikaa dhageessisuushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa qabdu cimsuun karoora misoomaa fi faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf ni hojjetti jedhaniiru.
Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera
Dec 20, 2025 279
Mudde11/2018(ENA)-Godina Gujii Lixaatti olaantummaa seeraa fi nageenyaa waraa mirkaneessuuf hojiin qindoominaa hawaasa hirmaachise cimanii ittifufuusanii Wajjirri Bulchiinsaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajirichaa Obbo Ayyalaa Danbaa hidhattoonni duraanii waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii deebi’uunsaanii itti fufeera jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamanii jireenya idileesanii akka gaggeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Gara fuulduraattis Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya kabachiisuu fi cimsuuf hojiin qindoominaa hawaasa haala hirmaachise cimanii itti fufuu ibsaniiru. Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan kutaa miidiyaa fi komunikeeshinii Inispeektar Fayyeeraa Keeyiraddin, hidhattoonni duraanii guyyaa guyyaan gara daandii nagaatti dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Karaa dogoggoraan rakkoo keessa kan seenan hidhattoonni duraanii gara nagaatti akka dhufaniif Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni waamicha taassisaa turuusaanii yaadachuun, kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo, Jaarsolii biyyaa godinichaa fi kutaa hawaasaa biroo waliin ta’uun hidhattoota duriif waamicha nagaa taassisaa turuusaanii ibnsaniiru. Kanaanis hidhattoonni durii hedduun Aadaa fi duudhaasaanii akkasumas, waadaasaanii kabajuun deebi’aa waan jiraniif godinichatti nageenyi bu’eera jedhaniiru. Rakkoo mariin hiikuun ala wal miidhuurraa faayidaan argamuu fi jijiiramni dhufu hin jiru jedhaniiru. Hidhattoota gara nagaatti deebi’an keessaa, Liiban Shaggaa yaada kennanneen nageenya filachuun deebi’uun hawaasa miidhe kiisuuf qophaa’uusaa ibseera. Hidhattoonni bosonatti hafanis waamicha nagaa fudhatanii akka deebi’aniif dhaamsa dabarseera.

Hawaasummaa
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa dhaabbata barnootaa olaanaa Ikustaa bataskaana Kaatolikii Itiyoophiyaa daawwatan
Dec 25, 2025 4
Mudde 16/2018(ENA)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa dhaabbata barnootaa olaanaa Ikustaa bataskaana Kaatolikii Itiyoophiyaa magaalaa Shaggar naannawa Labuutti argamu har’a daawwataniiru. Itti aanaan ministira muummee Fuula marsariitii isaaniirratti ergaa barreessaniin bataskaanni Kaatolikii Itiyoophiyaa gumaachi misooma hawaasummaa taasiftu jireenya Itiyoophiyaanota hedduu kan jijjiiredha jedhan. Deeggarsi Bataskaanni kun gama barnootaan, fayyaan, bishaan dhugaatii fi leenjii teekniikaa dargaggootaan taasiftu imala badhaadhinaa Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka qaban ibsaniiru. Dhaabbanni barnootaa olaanaan kun keessumaa dame wal’aansaatiin dandeettii qorachuu fi wal’aanuu Itiyoophiyaa ni guddisa kan jedhan itti aanaan inistira muummee hundaa ol qulqullinni dhaabbatichaa dhaabbilee hedduuf fakkeenya ni ta’a jechuun dubbataniiru. Wantoonni barbaachisan guutamanii tajaajila walii galaa dafee akka eegalu gama mootummaan deeggarsi barbaachisu akka taasifamu himaniiru. Dhaabbata kanaaf lafa hojii kanaaf barbaachisu kan kenne naannoo Oromiyaa akkasumas dhaabbaticha meeshaalee ammayyaan gurmeesuuf kan gargaaran hunda nan galateeffadha jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.
Pirezidaanti Taayyeen Ayyaana Gannaa Faranjootaa ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Dec 25, 2025 24
Mudde 16/2018(ENA)- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Ayyaana Gannaa Faranjootaa ergaa hawwii garrii baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. Ergaasaaniin, Guutuu Addunyaatti Ayyaana gaannaa kan kabajan hundaaf hawwii gaarii qabaniif ibsaniiru. Ayyaanichi, kan gammachuu fi kan eebbaa akka ta’uuf hawii gaarii qaban ergaasaaniin dabarsaniiru.
Itiyoophiyaan sirna fayyaa cimaa fi hirmaachisaa ta’e ijaaruuf hojiin hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu dha - Dhaabbata Fayyaa Addunyaa
Dec 25, 2025 30
Mudde 16/2018(ENA) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Itiyoophiyaan sirna fayyaa cimaa fi hunda hirmaachisaa ta’e ijaaruuf hojiin hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uu ibse. Dhaabbatichi michummaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo qabaachuu ibseera. Itiyoophiyaatti dursaan garee qophii fi deebii balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Paatriik Okmuu Abook, ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojii Itiyoophiyaan sirna fayyaa cimaa ijaaruu fi hawaasa balaaf saaxilamoo ta’an eeguuf hojjechaa jirtu kan ajaa’ibsiifatamu dha. Dursaan garee kun Itiyoophiyaan nageenya baqattootaa eeguuf kutannoon cimtee hojjechaa akka jirtu eeruun, hojii sagantaa talaallii fi inisheetivii fayyaa hawaasaatiin hojjetamaa jiran gaarii ta’uu ibsaniiru. Galmoota Misooma itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Itiyoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jira jedhan. Ministeera Fayyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun, sirna fayyaa cimaa fi hunda hammate lammiilee hundaaf fayyadamummaa walqixaa kan uumu ijaaruuf waliin hojjechaa akka jiru himaniiru. Daa’imni tokkoyyuu osoo hin talaalamiin hafuu hin qabdu yaada jedhuun, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa duula talaalliiwwanii irratti Ministeera Fayyaa Waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kunuunsa fayyaa,meeshaalee yaala fayyaa fi galteewwan fayyaaf barbaachisan dhiyeessuun, deebii yeroo balaa namtolchee fi uumaamaa mudatu kennuu fi akkasumas deeggarsa teekinikaa gumaachaafii akka jirus himaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa sadarkaa bu’uuraalee misooma Fayyaa fooyyessuu fi naannoolee baadiyaatti tajaajila fayyaa itti fufinsa qabu kennaa jiraachuun isaa hojii dinqisiifatamuu qabudha jedhan. Itiyoophiyaa fi Dhabbanni Fayyaa Addunyaa waliin hojjechuu kan jalqaban akka lakkoofsa Faranjootaatti bara 1951 irraa jalqabee ta’uu odeeffannoowwan ni ibsu.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ayyaana Gannaa Faranjootaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan
Dec 25, 2025 40
Mudde16/2018(ENA)– Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ayyaana Gannaa Faranjootaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Ministirri Muummee Ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabarsaniin Addunyaa guutuutti Maatiiwwan Itiyoophiyaa Ayyaana Gannaa kabajan hundaaf Ayyaana gaarii akka isaaniif ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
Diinagdee
Industiriiwwan walitti hidhuun fayyadamummaa Qonnaan bultoota Bunaa Omishanii mirkaneessuuf hojjetamaa jira
Dec 25, 2025 17
Mudde16/2018(ENA)-Naannoo Sidaamaatti qonnaan bultoota omishtoota bunaa kuma 200 ol ta’an Industiriiwwaniin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa, muduraa fi mi’eessituuwwanii beeksise. Daarektarri Abbaa Taayitichaa Masfin Qarree ENA’f akka ibsanitti, Naannichatti omishtummaa Bunaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan hedduun galmaa’aa jira. Kanaanis Qonnaan bultoota kuma 200 ol industiriiwwan buna dhiquu fi qasharuun qopheessan waliin walitti hidhuun qulqullina bunaa fi fayydamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hariiroo Idustiriiwwan waliin taassifameen qulqullina bunaan olitti qonnaan bulaan omishicharraa faayidaa maluuf akka argatuuf dandeesisuusaa eeruun waggaa darbe industiriiwwan10n bu’aa qooddachuusaanii ibsaniiru. Naannichatti Aanaa Banisaatti qonnaan bultoota walitti hidhaminsa uuman, walitti hidhaminsa qulqulinaa fi fayyadamummaa qonnaan bultootaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru. Kanaanis qonnaan bulaan dhaabbii biqiltuutii hanga buna funaanuutti deeggarsa ogeessaa akka argatu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bultoota buna Industiriif dhiheessan keessaa qonnaan bulaa Asfaawu Hoshee dhaabbiiraa eegalee hanga buna funaanuutti gorsa ogeessaa fudhachuun hojjechuusaaniin omisha fooyya’aa argachuusaanii ibsaniiru. Buna bilchaate oyruusaaniiirraa funaanuun kiiloo giraamii 220 ol Industiriiwwan walitti hidhminsa uumaniif dhiheessuun gatii madaaluun gurguruusaanii dubbataniiru.
Paarkiiwwan Industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa guutuu qaban ni ijaaramu
Dec 25, 2025 21
Mudde 16/2018(ENA) – Ijaarsi paarkiiwwan industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa guutuu qabanii fi dhaqqabummaa gabaa oomisha qonnaa babal’isan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Industirii Malaakuu Allebal ibsan. Ministeerri Industirii abbootii qabeenyaa kan hirmaachise fooramii invastimantii magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira. Ministirri Industirii Malaakuu Allebal wayita sana akka jedhanitti, sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu Industirii kakaasuun bu’aa gaarii argamsiiseera. Itiyoophiyaatti dhaqqabummaa gabaa oomisha qonnaa babal’isuuf paarkiiwwan industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an waliin ijaaramaa akka jiran ibsaniiru. Akka biyyaatti paarkiiwwan qindaa’aa sadii ijaaramanii kan xumuraman ta’uu eeruun, paarkiiwwan qindaa’aan Naqamtee fi Giddugala Gondar ijaaramuu jalqabaniiru jedhan. Ijaarsi paarkii industirii qindaa’aan hirmaannaa damee oomisha dhuunfaa dabaluun dorgomtummaa biyyaalessaa akka guddisus ibsaniiru. Kunis,Oomishaaleen industirii paarkoota keessatti oomishaman daldala alaa fi gabaa biyya keessaa tasgabbeessuuf gumaacha olaanaa kan qaban ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan abbootii qabeenyaa dhuunfaaf haala invastimantii mijaa’aa uumaa akka jirtu eeruun, qooda fudhattoonni damee dhuunfaa oomishaalee gabaa addunyaa irratti dorgomaa kan isaan taasisu oomishuuf bal’inaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha
Dec 25, 2025 31
Mudde 16/2018(ENA)-Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha jedhan de’eetaan ministira nageenyaa doktar kayiraddiin Tazarraa. Waltajjiin marii “waa’ee Itiyoophiyaa” dhaabbanni pireesii Itiyoophiyaa mata duree “hidhi haaromsaa bayyanachuu Itiyoophiyaaf” jedhuun qopheesse bakka hidhi haaromsaa argamutti Gubaatti gaggeeffamaa jira. De’eetaan ministira nageenyaa doktar kayiraddiin Tazarraa akka jedhanitti, Itiyoophiyaanonni waliin tumsuun hidha haromsaa Itiyoophiyaa guddicha dhugoomsaniiru. Yoo ida’amne ammam milkaa’uu akka dandeenyu hidhi haaromsaa agarsiiftuudha kan jedhan de’eetaan ministiraa kun, tokkummaan sabdaneessummaa shoora gaarii gumaachuusaa kaasaniiru. Hidhi haaromsaa abjuu fi abdii waloo kan dhugoomse pirojektii guddaa ta’uusaa eeranii, hidhichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan hidha haaromsaa ga’umsasheetiin ijaaruudhaan miira nidanda’amaatiin Afriikaanota irra deebi’uun injifannoo olaanaaf kakaasuushee ibsaniiru.
Itiyoophiyaan muuxannoo Gabaa Omishaashee Biyyoota Afriikaaf qooduun shoora ardii bahaa jirti
Dec 25, 2025 27
Mudde 16/2018(ENA)-Itiyoophiyaan Sirna Gabaa Omishaarratti Muuxannoo bal’aa kuufatte Biyyoota Afriikaaf qooduun shoora Ardii bahaa jiraachuushee Hojii gaggeessaa olaanaan Gabaa Omishaa Itiyoophiyaa Margaa Baay’isaa ibsan. Hojii gaggeessaa olaanaan Gabaa Omisha Itiyoophiyaa Margaa Baay’isaa tuirtii ENA waliin taasisaanii fooyya’insa hojmaata dhaabbataa taasisuun tajaajila omishaa gabaa ammayyeessaa akka jiru ibsaniiru. Humna murteesaa Gabaan omisha Itiyoophiyaa uume biyyoonni Afriikaa Muuxannoo kan irraa fudhatan dhaabbata Ardii adda duree ta’uu akka danda’u dubbataniiru. Dhaabbatichi qulqullina safartuu olaanaa taassisuun milkaa’ina guddaa galmeessuusaa obbo margaan ibsaniiru. Yeroo ammaa gosa omishaa 28f safartuun qulqullinaa baheefii gurgrurtaan gaggeefamaa jiraachuu dubbataniiru. Hanqina ogeeyyii damichaan jiru guutuuf Akkaadaamiin gabaa omisha Itiyoophiyaa dhaabbatee leenjii bal’aan kennamaa jiraachuu beeksisaniiru. Keessumaa dhandhama bunaan, Midhaan dheedhii fi Zayitaan leenjiiwwan qorannoorratti xiyyeeffatan leenjiin biyya keessaa fi alatti kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Gabaan omisha Itiyoophiyaa hojmaata Qindaa’aa hordofu kanneen biroof fakkeenyaa akka ta’u hojii gaggeessaa olaanaan kun ibsaniiru. Kana hordofuun Taanzaaniyaa, Angoolaa fi Gaanaan Modeelaa Biizinasii Itiyoophiyaa fi sirna to’annaa qulqullinaa ka’umsa godhachuun gabaa omishaa mataasaanii hundeessuusaanii beeksisaniiru. Yeroo dhihoo ogeeyyiin Taanzaaniyaa fi Keeniyaarraa dhufan Itiyoophiyaatti leenjii kan fudhatan yoo ta’u, Ogeeyyin Itiyoophiyaa gara biyyoota adda addaa deemuun deeggarsaa fi leenjii kennaa jiraachuu kaasaniiru. Dhaabbatichi humnaa fi bu’uuraalee misoomaa akkaadaamichaa guddisuun tajaajila fooya’aa kennuuf hojjechaa jirachuu dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddinaa fi ce’umsa damee ijaarsaaf carraa guddaa uuma
Dec 24, 2025 132
Mudde 15/2018(ENA)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddinaa fi ce’umsa damee industirii ijaarsaa teekinooloojiin ammayyeessuun gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf humna guddaa akka uumu Inistitiyuutii Manajimantii Konistiraakshiniitti daarektarri olaanaa injiinar Taammiraat Muluu ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 wayita ifatti eegalsiisan, dhaqqabummaa babal’isuun, carraa walqixxummaa lammiilee uumuun, lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa uumuun galmoota ijoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutii Manajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaa injiinar Taammiraat Muluu ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, ammayyaa’aa fi bara waliin dorgomaa ta’ee itti fufuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaa ta’uu eeraniiru. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 damee ijaarsaaf carraa gaarii fidee dhufuu eeruun,damichaaf ce’umsa olaanaaf akka gargaaru ibsaniiru. Inistitiyuutichi teekinooloojii Biimiin kan eegale, hojiirra oolmaa dijitaalaa hojii to’annoo, mirkaneessa qulqullinaa fi adeemsa hojii biroo keessatti hojiirra oolmaan tarsiimoo teeknooloojii murteessaa waan ta’eef ciminaan itti fufuu akka qabu eeraniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaan eegalte irraa inistitiyuutichi fayyadamoo ta’uu eeruun daarektarichi, tarsiimoon dijitaalaa 2030 damee ijaarsaa addunyaatti dorgomaa taasisuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa kan ta’an doktar Yohaannis Raggaasaa akka ibsanitti, dameen ijaarsaa mala aadaa irraa gara dijitaalaatti milkaa’inaan cesisuuf tarsiimoon dijitaalaa bara 2030 murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaa keessatti fedhii fi dhiyeessiin mana jireenyaa kan wal hin ginne, haala itti fufiinsa qabuun furuuf teeknooloojiin ijaarsaa ‘3D’ murteessaa ta’uu ibsuun, qabeenya naannootti argamu fayyadamuun manneen salphaatti ijaaruuf akka gargaaru ibsaniiru. Galmoonni tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qabattes, damee indaastirii ijaarsaa waliin waan wal simuuf, damicha ammayyeessuuf gahee olaanaa qaba jedhaiiru.
Sirni Faayinaansii Dijiitaalaa hoj-maata badaa ittisuun tajaajila si’ataa kennuuf shoorrisaa olaanaadha- Biiricha
Dec 24, 2025 114
Mudde15/2018(ENA)– Sirni Faayinaansii Dijiitaalawaan qabeenyi uummataa fi mootummaa murtaa’aa ta’e kaayyoo qabameefiif oolchuu fi hojmaata badaa ittisuurra darbee tajaajila si’ataa kennuuf shoorrisaa olaanaa ta’uu Biirooon Faayinaansii Magaala Finfinnee ibse. Hojmaatni dijiitaalaa yeroon kan barbaaduu fi sirni qabannaa ragaa ammayyaa’aan akka jiraatu dandeessisuurra darbee faayidaa hedduu qaba. Keessumaa damee faayinaansiin hojmaata badaa ittisuu fi qabeenya Mootummaa hojii karoorfameefirra oolchuuf murteessaa ta’uu ogeeyyiin damichaa fi hoggantoonni hojii ibsan. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti gaafatamaan biiroo faayinaansii magaalaa Finfinnee Abdulqaadir Reediwaan ENA‘f akka ibsanitti, galma ”Ismaarti siitii”Magaalaa Finfinnee dhugoomsuuf tajaajilli Dijiitaa dhaabbileen kennan Murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa dhaabbileen Bulchiinsa Magaalichaa keesatti argaman hundi hojmaata saanii Dijiitaala taasisuurratti akka argaman eeruun, kunis tajaajila si’ataa kennuurra darbee, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii tajaajila akka argatanii fi hojmaata badaa ittisuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Biirichi hanga ammaatti gabaasota herregaa, Baajata, Miindaa hojjettootaa fi bittaa elektirooniksii dijiitaala taasisuu kan ibsan hogganaan kun, gara fuulduraattis tajaajiloota biroo Dijiitaalaan eegalchiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa magaalaa Finfiinneetti Daarekatarri Karooraa fi faayinaansii Tabaarak Yooseef gamasaaniin, dhaabbata keessatti hojmaanni dijiitaalaa hojiirra ooluun baajanni mootummaa murtaa’aan eeyyamame karoora qabameefiif qofa akka oolu gochuurratti faayidaa guddaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun komishinii hooggansa hojii ibiddaa fi balaa magaalaa Finfinneetti daarektarri karoora faayinaansii fi bajataa sodaa balaa fi ibidaa Magaalaa Finfinnee Damee Aqaaqii Qaallittii Aaddee Shittaayee Gabree, Hojmaatni Faayinaansii dijiitaalaa hojii saffisiisuuf, dogoggora hojii sirreessuu fi yeroo qusachuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Mistirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Mudde 11 bara 2018 Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifoomsanitti bu’uuraalee misomaa tajaajila hawaasaan hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsuun isaanii ni yaadatama. Itiyoophiyaan sadarkaa murteessaa jedhamuun gurgurtaa maallaqa callaarraa gara sirna faayinaansii Dijiitaalatti ce’uushee ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 carraa itti fayyadama teeknooloojii mijeessuun kaka’umsa guddaa uumeera.
Dec 24, 2025 78
Mudde 15/2018(ENA)- Hojiirra oolmaan tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 lammiilee Itiyoophiyaaf carraa itti fayyadama teeknooloojii mijeessuunii fi babal’isuun kaka’umsa guddaa uumeera jedhan ogeessonni damichaa Yunivarsiitii Madda Walaabuu. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad tibbana sagantaa jalqabsiisa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 irratti argamuun ibsa kennaniin, dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 milkaa’inaan hojiirra ooluun goolabamuu isaa ibsuun isaanii kan yaadatamudha. Milkaa’inni Dijitaalaa Itiyoophiyaa karaa hedduun ibsamuu danda’uu fi kenniinsi tajaajilaa dhaabbileen kennan karaa dijitaalaa ta’uu cimuu, keessumaa dhaabbileen faayinaansii milkaa’ina damichaaf agarsiiftuu gaarii ta’uu hubachiisaniiru. Ogeessonni damichaa turtii ENA waliin taasisaniin hojiirra oolmaan tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2025 lammiileen carraa teekinooloojiitti fayyadaman guddiseera jedhani. Yunivarsiitii Madda Walaabuutti barsiisaa Saayinsii kompiitaraa fi Diiniin Kolleejjii Kompiitiingii Miiliyoon Simee akka jedhanitti, tarsiimoon Dijitaalli Itiyoophiyaa bara 2025 guddina damichaaf bu’uura guddaa kaa’eera. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 uummanni tajaajiloota teekinooloojii adda addaa akka fayyadamu carraa baneera jedhani. Fakkeenyaaf hawaasni ‘Telebirr’, mala kaffaltii elektirooniksii, waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa fi teeknooloojiiwwan biroo fayyadamuun akka jalqabu carraa uumeera jechuun ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan tajaajila mootummaa bakka tokkotti kennuuf jalqabaman kan akka ‘Masob’ bu’aa gaarii damichaa agarsiisaniiru waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Sagantaa hojiirra oolmaa Dijiitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessatti dandeettii fi gahumsa dijitaalaa lammiilee guddisuu, galii mootummaa dabaluu, sirna odeeffannoo qindaa’aa diriirsuu irratti bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu isaa Diiniin Kolleejjii Manaajimantii fi Ikkonoomiksii Yuunivarsiitichaa Husaa Aloon ibsaniiru. Keessattuu, bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa tajaajila mootummaaf milkeessuun milkaa’inaan hojiirra oolchuu eeruun, Itiyoophiyaan daldala maallaqaa callaa irraa gara sirna faayinaansii dijitaalaatti ce’uu ishee akka fakkeenya milkaa’ina damichaatti ibsaniiru. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 hojiiwwan waggoota shanan darban keessatti hojjetaman bu’uura godhachuun kan qophaa’e yoo ta’u, damee kanarratti bu’aa fooyya’aa argachuuf daandii kan saaqu ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti barsiisaa Sirna Odeeffannoo fi Kolleejjii Kompiyuutingitti daayreektarri qorannoo fi tajaajila hawaasaa kan ta’an Dibaabaa Adabaa, tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 kenniinsa tajaajilaa irratti bu’aa qabatamaa argamsiisuu isaa hubachiisaniiru. Fakkeenyaaf, walitti hidhamiinsi dijitaalaa giddugala irraa gara aanaaleetti milkaa’ina kanaaf daran babal’achuu akka qabu ibsaniiru.
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 biyya gara boqonnaa teekinooloojii olaanaatti ceessisa
Dec 24, 2025 70
Mudde15/2018(ENA)– Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 biyya gara boqonnaa teekinooloojii olaanaatti ceessisuun cehumsa diinagdee fiduuf qooda olaanaa akka taphatu hoggantoonni hojii mootummaa Olaanaoon ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 waggoottan shanan darban hojiiwwan hojjetaman bu’uura godhachuun qophaa’uusaa wayita sana kaasaniiru. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 galmoota ijoo sadii akka qabu kan dubbatan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, isaan kunis dhaqqabamummaa babal’isuu, Carraa walqixaa mijeessuu, dhaabbataa fi uummata gidduutti wal-amantaa uumuu ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo fi Neetwoorkii Tigisti Hamiid akka ibsanitti, tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 Keessaatti nageenya Saayibarii irratti bu’uurri hojii cimaa hojjechiisuu dandeessisu hedduun kaa’ameera. Kanaanis bu’uuraalee misoomaa Kilaawudii mataa keenyaa ijaarraachuu danda’uun tajaajila Dijiitaalaa Itiyoophiyaa amantaa qabu uumuun danda’amuu eeraniiru. Dhaabbilee Nageenyaaf mana qorannoo Fooransiikii Dijiitaalaa ijaaruun gara hojiitti akka galu taassifamuu eeruun, Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 tarsiimoo nageenyaa Saayibarii irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis bu’uuraalee misoomaa cimaa ijaaruu, Bu’uuraalee misoomaa hawaasaa ammayyeessuu, dhaabbata yeroo balaa deebii kennuu hundeessuu fi hojiilee nageeenyaa dhaabbilee dhunfaa dabalatee hojiin Saayibarii akka cimuuf kan hojjetamu ta’uu akka qabu dubbataniiru. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 guddisuuf hubannoo namtolchee babal’isuuf kan dandeessisan hojiiwwan hedduun hojjetamuu kan ibsani immoo Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachaanaa dha. Kilaawudii mataa keenyaa fayyadamuun dabalatatti, sirna bulchiinsa odeeffannoo bu’aa qabeessa akka qabaannu akka taassifamu ibsaniiiru. Kanaafis haala qindaa’een odeeffannoon murtee kennuuf akka ooluuf kan hojjetamu yoo ta’u, kanaan wal-qabatee Abbaan Taayitaa Odeeffannoo walabaa Biyyaalessaa gara hojiitti akka galu himaniiru. Tajaajila Dijiitaalaa walsimsiisuu fi hojii itti fufinsa qabu hojjechuu irratti xiyyeeffannoo argachuu ibsniiru. Hojii Raawwachiiftuu Olaanaa Itiyoo-Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruu gama isaaniin akka jedhanitti, Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 damee teeleekoomiin bu’aawwan hedduun galmaa’eera. Fakkeenyaaf lakkoofsi maamilaa mobaayilii miiliyoona 97 geessisuu danda’amuu , kana keessaas miiliyoonni 57 fayyadamtoota Interneetaa ta’uusaanii dubbataniiru. Neetiworkiin dhaloota 4ffaa(4G) magaalota kuma 1 fi 30 qaqqabuu eeruun ,Tarsiimoo dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 lakkoofsa fayyadamtoota mobaayilii Miiliyoona 128 geessisuuf karoorfamuu dubbataniiru. Akkasumas waliin gahinsa neetwoorkii 5G magaalota 100f ni qaqqabsiisna jedhaniiru. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 kaffaltii dijiitaalaa haala Oomisha biyya keessaan kan amma jirurra dachaa 7n olitti akka guddatuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jedhaniiru. Hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaan hojjetaman kaayyoo Mootummaan Ida’amuu qabatee galmaan ga’uuf hojjetu hojmaata badaa hambisuuf galma isaa gahuuf, tarsiimoo gurguddoo dhugoomsuu waliin kan wal qabu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama.
Ispoortii
Itiyoo Elektirikiin Midira Gannat Shiree injifachuun sadarkaasaa gara 3ffaatti ol guddiseera
Dec 25, 2025 18
Mudde16/2018(ENA)- Tapha Piriimar Liigii Itiyoophiyaan sagantaa torban 11ffaan Itiyoo Elektiriikiin Midira Gannat shiree 1 fi 0’n injifateera. Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeefameen Abeel Habtaamuu galchii injifannoo daqiiqaa 95ffatti lakkoofsiseera. Bara dorgaommichaatti injifannoo 5ffaa kan galmeessise Itiyoo Elektiriikiin qabxii 20n sadarkaasaa 4ffaa gara 3ffaatti ol guddisera. Faallaasaan liigichatti yeroo sadaffaa kan mo’ame Midira Gannat Shireen qabxii 14n sadarkaa 9ffaa qabateera.
Piriimar liigii Itiyoophiyaa torban 11ffaan taphni Hawwiin eegamu har’a ni gaggeefama
Dec 25, 2025 20
Mudde16/2018(ENA)–Tapha piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 11ffaa oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni 4 ni gaggeeffamu. Itiyoo elektirikiin Midiragannat Shiree waliin guyyaa sa’aatii 7:00tti Istaadiyeemii Finfinneettii ni taphatu. Itiyoo Elektiriik taphoota liigichaa kudhan hanga ammaatti gaggeeseen Afuriin yoo injifatu, yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan shaniin qixaan baheera. Garichi qabxii 17n sadarkaa 4ffaa irra jira. Morkataansaa Midiragannat Shireen taphootaa liigichaa 10 taphateen yeroo 3 yoo injifatu yeroo 2 mo’ameera. Yeroo shan immoo qixa baheera. Midiragannat Shireen qabxii 14n sadarkaa 9ffaa qabateera. Kilaboonni lamaan liigichaan gara injifannootti deebi’uuf ni taphatu. Qiddus Goorgis Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yunvarsiitii Adaamaatti ni taphata. Injifataan liigichaa kan yeroo 16ffaa taphoota liigichaa 10n taassiseen 5niin yoo injifatu 4iin mo’ameera. Tapha hafe tokkoon qixaan baheera. Garichi qabxii 16n sadarkaa 6ffaa qabateera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa tapha liigichaa hanga ammaatiin kan injifate lama qofa. Yeroo sadii yoo mo’amu taphoota shaniin wal qixa baheera. Injifataan liigichaa bara 2016 Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa qabxii 11’n sadarkaa 15ffaa qabateera. Qiddus goorgis gara injifannootti deebi’uuf, Baankiin daldala Itiyoophiyaa Injifannoosaa itti fufinsaan galmeessuuf ni taphatu. Magaalaan Shaggar Magaalaa Hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yunvarsiitii Adaamaatti ni taphatu. Guddaattoon Magaalaa shaggar taphoota Liigichaa 10n gaggeesseen yeroo 3 yoo injifatu, yeroo 4 mo’ameera. Taphoota 3 hafaniin qixaan baheera. Garichi qabxii 12n sadarkaa 13ffaa qabateera. Bara dorgommichaan taphoota 10n gaggeessee keessaa 5n kan injifate magaalaan hawaasaa yeroo 3 mo’ameera. Yeroo lama qabxii qooddateera. Magaalaan Hawaasaa qabxii 17n sadarkaa 3ffaa qabateera. Sagantaa biroon Bunni Itiyoophiyaa magaalaa Diree Dawaa waliin guyyaa sa’aatii 10:00tti Istaadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 12n sadarkaa 14ffaa, Magaalaan Diree Dawaa qabxii 13n sadarkaa 12ffaa qabataniiru. Taphoonni kun tilmaamni morkii waancaa kan kennamuufiidha.
Nagallee Arsiin Injifateera
Dec 24, 2025 124
Mudde15/2018(ENA)– Tapha Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 11ffaa tapha marsaa jalqabaa Nagallee Arsiin Walwaloo Addagiraat Yuunvarsiitii 1 fi 0 injifateera. Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameen Ashabbir Wuroo daqiiqaa 6ffaatti rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Liigichatti injifannoo 4ffaa kan lakkoofsise Nagallee Arsiin qabxii 16n sadarkaasaa gara 7ffaatti ol guddiseera. Faallaasaan bara dorgommichaatti yeoo 7ffaa kan mo’ame WalwalooAddagiraatYuunvarsiitiin qabxii 8n sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aa keessatti argama.
Arsenaal fi Kiristaal Paalaas waancaa Karabaa’oof xumura walakkaaf darbuuf ni taphatu
Dec 23, 2025 167
Mudde 14/2018(TOI)-Sagantaan xumura nuusaa Waancaa Karabaa’oo ingiliziin har’a Kiristaal Paalaas fi Kiristaal Paalaas jidduutti ni gaggeeffama. Taphni garee lamaanii halkan sa’aatii shanitti Istaadiyeemii Emireetsitti gaggeeffama. Arsenaal marsaa afraffaatiin Biraayitaniin 2 fi 0’n, Kiristaal Paalaas Livarpuuliin 3 fi 0’n mo’achuun xumura kurmaanaaf darbaniiru. Gareen lamaan A.L.A bara 1992/93 xumura walakkaatti waliin taphatanii Arsenaal dhaqa deebiin mo’atee xumuraaf kan darbe yoo ta’u Shefildi Wensideeyiin mo’achuun Waancaa fudhateera. Yeroo sanaa kaasee Arsenaal Waancaa Karabaa’oo fudhatee hin beeku. Walumaa gala gareen kun dorgommicha yeroo lama mo’ateera. Kiristaal Paalaas Waancaa Karabaa’ootiin qabxiinsaa inni guddaan yeroo afur xumura walakkaaf kan itti darbedha. Barana gareen lamaan tapha piriimar liigii Ingiliziin gaggeessaniin Arsenaal 1 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama. Tapha har’aa kan mo’ate xumura walakkaatiin Cheelsii waliin ni taphata. Taphni garee lamaanii turban darbe taphatamuu kan qabu yemmuu ta’u sagantaan walirra bu’uusaatiin torbee kanatti jijjiiramuunsaa ni beekama. Sanantaa xumura walakkaa biraatiin Niwukaastil Yunaayitid fi Manchistar siitiin ni taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 223
Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira. Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodii Ashaaraa Magariisaa kaa’an
Dec 17, 2025 201
Mudde8/2018(TOI)- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin ta’uun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aniiru. Itiyoophiyaa fi Hindi misooma magariisaa irratti kaayyoo wal fakkaataa kan tarkaanfachiisaan ta’uu isaaniin muuxannoo qaban wal jijjiiruuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 277
Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 443
Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1170
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9669
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.