Bara bajatichaa Dirree Dawaatti namoota kuma 19 caalaniif carraan hojii uumameera - ENA Afaan Oromoo
Bara bajatichaa Dirree Dawaatti namoota kuma 19 caalaniif carraan hojii uumameera

Waxabajjii 27/2017(TOI)- Bara bajatichaa bulchiinsa Dirree Dawaa magaalaa fi baadiyyaatti namoota kuma 19 caalaniif carraan hojii uumamuusaa biiroon hojii fi ogummaa bulchiinsichaa beeksise.
Manni maree hojii fi dandeettii biirichaa raawwii hojii bara bajataa 2017 irratti har’a mari’ateera.
Hooganaan biirioo hojii fi ogummaa bulchiinsa Dirree Dawaa Roobeel Geetaachoo akka jedhanitti, bara bajatichaa carraan hojii uumuun dijitaalaa ogummaarratti hundeeffame kan itti eegalameedha.
Bu’aan onnachiisaan kanarraa argame fuulduras kan cimu ta’uu ibsaniiru.
Bara bajatichaa bulchiinsichatti magaalaa fi baadiyyaatti namoota kuma 20 fi 950’f carraa hojii uumuuf karoorfamee namoota kuma 19 fi 70’f carraan hojii uumamuusaa beeksisaniiru.
Carraan hojii kun kan uumame dameelee qonna magaalaa, Industirii fi tajaajilaan akka ta’e beekameera.
Dabalataanis intarpiraayizoota 627’f walitti hidhamiinigabaa birriin miiliyoona 146 caalu uumamuusaa fi birriin miiliyoona 327 caalu ammoo liqiin kennamuun himameera.
Waltajjii maree kana kan gaggeessan sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti itti waamamaan mootummaa mana maree bulchiinsichaa Ibraahim Yuusuuf, hojiin bara bajatichaa hojii dhabdummaa fi hiyyummaa hir’isuuf hojjetaman onnachiisaa ta’uu dubbataniiru.