Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Waltajjiin guduunfaa supparviizyinii fi deeggarsaa paartii fi mootummaa walakaa waggaa bara baajataa 2018 gaggeeffamuu eegaleera.
Feb 12, 2026 31
Guraandhala 5/2018(ENA)- waltajjiin gudunfaa supparviizyinii fi hordoffii paartii fi mootummaa walakaa waggaa bara baajataa 2018 gaggeeffamuu eegaleera. Waltajjicharratti Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi itti gaafatamaan waajjira muummee Obbo Adam Faaraah Dabalatee, hoggantoonni hojii olaanoon mootummaa Federaalaa fi Naannoo akkasaumas miseensonni garee Supparviizyinii argamaniiru.   Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Obbo Adam Faaraah baninsa waltajjichaarratti, kaayyoon guddaan Supperviizyinichaa xumura leenjii hoggantoota olaanoorratti raawwii kallattiiwwan fi qajeelfamawwan hojii keessatti kaa’aman madaaluudha jedhaniiru. Mata duree "Ilaalama Mootummaa Ida'amuutiin guddina dameelee" jedhuun leenjii kenname xumurarratti dhimmoota akka biyyaatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti qalfamoonni tarreeffamanii kennamuu yaadataniiru.   Waltajjicharratti miseensonni Hordoffii Daawwannaa Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa hundatti gaggeessanii bu’aa fi muuxannoo argatan ni dhiheessu jedhaniiru. Keessumaa baatiiwwan ja’an darban xiyyeeffannoon itti kennamuun kan hojjetaman Qaala’insa jireenyaa hir’isuu, gargaaramuu keessaa bahuu, hojiiwwan misoomaa, hojiiwwan bulchiinsa gaarii dabalatee dhimmoota biyyaa biroorratti hojiiwwan hojjetaman ni ilaalamu jedhaniiru.   Waltajjicharratti muuxannoo gaarii daawwannaa hordoffiin argame kan waloo taasisuu fi dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoo fi deeggarasa barbaadan adda baasuun itti fufsiisuuf faayidaansaa guddaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjicharratti xiyyeeffannoon walakkaa waggaa itti aanuu ni kaa’ama jedhameetu eegama.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Waltajjiin guduunfaa supparviizyinii fi deeggarsaa paartii fi mootummaa walakaa waggaa bara baajataa 2018 gaggeeffamuu eegaleera.
Feb 12, 2026 31
Guraandhala 5/2018(ENA)- waltajjiin gudunfaa supparviizyinii fi hordoffii paartii fi mootummaa walakaa waggaa bara baajataa 2018 gaggeeffamuu eegaleera. Waltajjicharratti Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi itti gaafatamaan waajjira muummee Obbo Adam Faaraah Dabalatee, hoggantoonni hojii olaanoon mootummaa Federaalaa fi Naannoo akkasaumas miseensonni garee Supparviizyinii argamaniiru.   Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Obbo Adam Faaraah baninsa waltajjichaarratti, kaayyoon guddaan Supperviizyinichaa xumura leenjii hoggantoota olaanoorratti raawwii kallattiiwwan fi qajeelfamawwan hojii keessatti kaa’aman madaaluudha jedhaniiru. Mata duree "Ilaalama Mootummaa Ida'amuutiin guddina dameelee" jedhuun leenjii kenname xumurarratti dhimmoota akka biyyaatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti qalfamoonni tarreeffamanii kennamuu yaadataniiru.   Waltajjicharratti miseensonni Hordoffii Daawwannaa Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa hundatti gaggeessanii bu’aa fi muuxannoo argatan ni dhiheessu jedhaniiru. Keessumaa baatiiwwan ja’an darban xiyyeeffannoon itti kennamuun kan hojjetaman Qaala’insa jireenyaa hir’isuu, gargaaramuu keessaa bahuu, hojiiwwan misoomaa, hojiiwwan bulchiinsa gaarii dabalatee dhimmoota biyyaa biroorratti hojiiwwan hojjetaman ni ilaalamu jedhaniiru.   Waltajjicharratti muuxannoo gaarii daawwannaa hordoffiin argame kan waloo taasisuu fi dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoo fi deeggarasa barbaadan adda baasuun itti fufsiisuuf faayidaansaa guddaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjicharratti xiyyeeffannoon walakkaa waggaa itti aanuu ni kaa’ama jedhameetu eegama.
Naannichatti gaaffii misoomaa fi Bulchiinsa gaarii ummatichaa deebisuun danda’ameera -Pirezidaantii Naannichaa Ordiin Badirii
Feb 12, 2026 22
Guraandhala 5/2018(ENA)-Naannichatti hojiiwwan gaaffii misoomaa fi Bulchiinsa gaarii Hawaasicha deebisan hojjetamuusaanii Bulchaan Nannoo Hararii Ordiin Badirii dubbatan. Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 5ffaa marsaa 6ffaa gaggeessaa jira.   Yaa’icharratti pirezidaantiin Naannichaa Ordiin Badirii gabaasa raawwii karoora hojii mootummaa walakkaa waggaa bara baajatichaa dhiheessaniiru. Gabaasasaaniin walakkaa waggaa bara baajatichaatti naannichatti hojiiwwan gaaffii misoomaa hawaasichaa deebisan damee dameen galmaa’eera jedhaniiru.   Pirojektoota misoomaa baajata qabameefiin yeroo fi qulqullinaan xumuramuun fayyadamummaa hawaasichaa mirkaneessuun danda’amuu ibsaniiru. Akka fakkeenyaatti Miidhagina Magaalaa dabaluu fi bakka gahumsa Tuuristii Harar dabaluusaa fi bu’uuraalee misoomaa adda addaa kaasaniiru. Dabalataanis Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Dijiitaalaa Harar gara hojiitti galuun gaaffii bulchiinsa gaarii fi kenna tajaajilaa jiraattonni deddeebisuun kaasan deebii qabatamaa kennuu danda’uu obbo Ordiin beeksisaniiru.   Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 5ffaa marsaa 6ffaa Gabaasa Bulchaan naannichaa dhiheesserrati bal’inaan marii’achuun gabaasicha akka mirkaneessu ni eegama. Dabalataanis yaa’ichi labsiiwwan guddinaa fi nageenya fulla’aa naannichaa mirkaneessan kan mirkaneessu ta’uun ibsameera.
Ministiroonni Dhimma Alaa Afrikaa Finfinnee Galaa jiru
Feb 11, 2026 137
Guraandhala 04/2018 (ENA)- Ministiroonni Dhimma Alaa Biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufan Yaa’ii Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa fi Yaa’ii Gamtichaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru.   Kanneen har’a ganama Finfinnee galan keessaa Ministirri Dhimma Alaa Gaanaa Saamu’eel Okudizeetoo Ablaakawaa, Ministira Dhimma Alaa Siisheelsii Baarii Fowaar, Ministira Dhimma Alaa Senegaal Chaakii Naangii fi Ministira Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa fi Ambaasaaddara Tumsa Idil Addunyaa Mondayesaa Saamiyaa Kumbiyaa ni argamu. Dabalataan, Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Iswaatinii, Foolil Dilaamiinii Shakaantuu, Ministira Dhimma Alaa Toogoo, Piroofeesar Roobarti Duusaay, Ministira Dhimma Alaa Taanzaaniyaa fi Ministira Tumsa Baha Afrikaa, Ambaasaaddar Maahimmad Taabiit Kaamboo fi Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Baayisooloo Niyaantii Finfinnee galaniiru.   Akksumas Itti aanaa Ministeera Dhimma Alaa Koongoo Noyilaa Naakiwiipaanee Ayyeegaanagaatoo yaa’ii idilee Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 48ffaa fi Yaa’ii hongaantootaa Gamtichaa 39ffaa irratti hirmaachuuf warreen Finfinnee galan keessaa kanneen eeramanidha. Ministiroonni kunneen Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simataniiru. Walgahiin Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministirootaa Ajandaa Yaa’ii Gamtichaa 39ffaa ni raggaasisa jedhamee eegama.
Yaa'iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har'a Jalqaba
Feb 11, 2026 102
Guraandhala 04/2018 (ENA) - Yaa’iin Idilee 48ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har’a waajjira Muummee Gamtichaa Finfinneetti ni eegala. Ministiroonni dhimma alaa Afrikaa, dippilomaatonnii fi hoggantoonni dhaabbilee Gamtichaa ni hirmaatu. Ministiroonni dhimma alaa fi deetaan ministirootaa Afrikaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo walgahii kana irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru. Manni Marichaa ajandaawwan Yaa’ii 51ffaa Koreen Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa Amajjii 2018 mari’ate irratti ni mari’ata. Manni Marichaa caasaa gurmaa’insa Dhaabbilee Gamtaa Afrikaa, gabaasa dhaabbilee, qophii Gamtaa Afrikaa, koreewwan xixiqqaa Mana Maree kana jala jiranii fi raawwii Ajandaa 2063 ni dhaggeeffata jedhamee eegama. Qabxiileen ajandaa irratti mari’ataman wabii nyaataa fi qulqullina bishaanii, raawwii Ajandaa 2063 fi walitti hidhamiinsa ardiilee, misooma hawaasummaa fi diinagdee, misooma humna namaa, haaromsa dhaabbilee fi faayinaansii, tumsa naannoo fi ga’ee Afrikaan waltajjii addunyaa irratti qabdu kan dabalatudha. Walgahii biyyoota garee 20(G20) akka lakkoofsa faranjootaa bara 2025 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irrattis hirmaannaan Afrikaa ni gamaaggamama. Manni Maree kun yaa’ii kana irratti filannoo gaggeessuun miseensota qaamolee gurmaa’insa Gamtaa Afrikaa keessatti hirmaatan ni muuda. Korichi haala Adeemsa Odiitii Dandeettii fi Madaallii Gahumsaa (SACA) kan riifoormii humna namaa ijoo Gamtaa Afrikaa ta’e irratti ni mari’ata jedha odeeffannoon ENA’n Gamtaa Afrikaarraa argate akka mul’isutti. Bu’uuraalee seeraa fi dhimmoota bulchiinsaa irrattis ni mari’ata jedhamee eegama. Dhaabbilee fi caasaa gurmaa’insa Gamtaa Afrikaa irratti ibsii fi sagantaaleen adda addaa har’a ni gaggeeffamu. Walga'iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa immoo Guraandhala 7 fi 8 Finfinneetti taa'ama. Ministiroonni kunneen Ajandaa Yaa’ii Idilee Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaaf dhiyaatu ni raggaasisuun eegama. Walgahiin idilee Mana Marichaa hanga guyyaa boruutti itti fufa

Hawaasummaa
Diinagdee
Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha-Kilaavar Gaateetee
Feb 11, 2026 91
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha jedhan barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gaateetee. Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa mata duree "Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaanii eegame mirkaneessuu; milkaa'ina galmoota Ajandaa 2063'f" jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Walgahii kana irratti Ministirri Dhimma Alaa, doktar Geediyoon Ximootiwoos, Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahamuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’anii argamaniiru. Kanuma waliin barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gaateetee mata dureen bishaanii fi qulqullina naannoo Gamtaa Awurooppaa milkaa’ina Ajandaa 2063tiif gahee guddaa qaba jedhan. Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa, anniisaa haaromfamuu danda’u, albuudaa fi qabeenya uumamaa fooyyessuudhaan guddina dinagdee ardii kanaa saffisiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Madaalliin liqaa fi caasaa fiizikaalaa ardii kanaas daldalaa fi invastimantii quucarsaa jiraachuu eeruun, kunis guddina Afrikaa irratti dhiibbaa guddaa uuma jedhan. Daldalaa fi invastimantii Afrikaa guddisuun haala dinagdee babal’isuu qabu ijaaruuf walitti dhufeenya cimaa irratti hundaa’uun tumsa biyyoota miseensa ta’an cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Gara fuula duraatti bu’uuraalee hawaas-diinagdee babal’isuun tatamsa’ina dhibeewwan bishaaniin daddarban Afrikaanota mudatan to’achuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.   Waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa guutummaatti hojiirra oolchuu saffisiisuun walitti dhufeenya hawaas-dinagdee lammiilee ardii kanaa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministiroota Dhimma Alaa Gamtaa Afrikaa ajandaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/ 2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.
Dargaggoonni Adoolaa Waayyuu Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aniiru
Feb 11, 2026 70
Guraandhala 4/2018(ENA)- Godina Gujii Magaalaa Adoolaa waayyuu Dargaggoonni Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aa dhufuusaanii ibsan. Godinichatti Magaalaa Adoolaa waayyuutti dargaggoonni carraan hojii dameelee adda addaan isaaniif uumame fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Magaalichatti miseensa Waldaan IMX Horsiisa Lukkuu Baarkoot Dargaggoo Laamasgin Baqqalaa, hojiin misooma lukkuu ciminaa fi of-eeggannoon yoo hojjetame bu’aa qabeessa akka nama taasisu dubbateera.   Hojiisaanii waggaa sadiin dura Lukkuu 250n eegaluusaanii ibsuun, yeroo ammaa lukkuu killee buustu kuma sadii akka qaban ibsaniiru. Walitti hidhaminsa gabaa mootummaan isaaniif uumeen guyyaatti killee kuma tokko daldaltootaa fi fayyadamtootaaf dhiheessuun galiisaanii guddifachaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa hojiisaanii Invastimentiiin babal’isuuf gaaffii lafaa dhiheessuun bulchiinsa magaalaarra deebii argachuusaanii ibsaniiru. Dura ta’aan waldaa IMX Horsiisa lukkuu Ifa boruu Dubree Boontuu Waaree gamasheen waldaansaanii cuucii guyyaa tokkoo fudhatanii guddisuun lukkuu goromtii guyyaa 45n fi kaakkiftuu fayyadamtootaaf akka dhiheessan dubbatteetti. Barnoota ogummaa Qonnaan digiriin eebbifamuu kan ibsite Boontuun, damee hojii hiriyootashee waliin irratti bobbateen fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsiteetti.   Dura taa’aan Waldaan IMX omisha Gaagura kaannisaa Lalisee, Qumnagarii fi Alam, Abiraam Zawuduu gamasaan, gurmaa’anii gara hojiitti galanii baatii sadii keessatti gaagura ammayyaa 100 fayyadamtootaaf dhiheessuusaanii ibseera.   Hojichi bu’aa qabeessaa fi guddachaa kan deemu ta’uu ibsuun, yeroo ammaa namoota 10’f carraa hojii uumuun fayyadamtoota isaan taassisuu ibsaniiru. Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Adoolaa Waayyuu fi Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa Obbo Shimallis Irbaa, magaalichatti baatiiwwan ja’an darban dargaggoota kuma 1 fi 583 damee Qonnaan, Industirii fi dameelee misoomaa biroon carraan hojii isaaniif uumamuu eeraniiru.   Dargaggoota kanaaf liqaa birrii miiliyoona 31 ol isaaniif mijessuurra darbee bakka hojii fi gurgurtaa lafa karee kuma 6 fi 800 ol dhihaachuusaa ibsaniiru. Carraawwan gabaa fi humna damichaan jiru hunda guutummaan fayyadamuun sagantaa maaddii guutuu waliin walitti hidhuun faayidaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Lammiilee hojicharratti bobba’aniif deeggarsi taassifamu cimee ittifufa jechuun obbo shimallis ibsaniiru.
Ardichatti sochiiwwan misoomaa ariifachiisuuf maddoota faayinaansii haaraa barbaaduun barbaachisaadha
Feb 11, 2026 67
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, hojiiwwan misoomaa ardii kanaa saffisiisuuf maddoonni faayinaansii haaraan barbaadamuu akka qaban ibsaniiru. Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.   Walgahii kana irratti barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gateetee, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’an argamaniiru. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, Yaa’iin Gamtaa Afrikaa bara kanaa fedhii waloo fi walitti dhufeenya misoomaa ardii kanaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Komishiniin Gamtaa Afrikaa hojiiwwan haaromsaa hedduu gaggeessaa akka jiru eeruun, Hojiiwwan hedduu gama nageenyaa fi tasgabbii, faayinaansii fi sirna haqaa irratti hojjetamaa jiran akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Manni Marichaa dhimma nageenyaa fi tasgabbii ardii kanaa irratti deebii kennaa akka jiru eeruun, Giinii fi Gaaboon gara Gamtaa Afrikaatti deebi'uu isaaniitti gammadeera jedhani. Hojiiwwan misoomaa ardii kanaa saffisiisuuf maddoonni faayinaansii haaraan barbaadamuu akka qaban kan ibsan yoo ta’u, gama kanaan dameen dhuunfaa, waldaaleen siivikii fi dhaabbileen tola ooltummaa hirmaachuu qabu jedhaniiru dura taa’aan kuni. Waggaa darbe keessaa qaamolee Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu haala gaariin hoogganan galateeffataniiru. Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministiroota Dhimma Alaa Gamtaa Afrikaa, Ajandaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru
Feb 11, 2026 60
Guraandhala 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaabooritti bara bajatichaa walakkaa waggaatti jiraattonni kuma112 ol eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhachuusaanii Bulchiinsi Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaa, jiraattonni godinichaa eenyummeessaan Dijiitaalaa imala Dijiitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan deeggaru ta’uu hubachuun, eenyummeessaa kana fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Eenyummeessaa Dijiitaalaa kallattiiwwan biyyaalessaa damee Teekinooloojiin qabaman keessaa tokko ta’uu ibsuun jiraattonni godinicha hundi eenyummeessaa kana akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.   Bara baajataa qabame jiraattonni kuma 164 ol eenyummeessaa dijiitaalaa akka argatan karoorfamee walakkaa waggaatti jiraattonni kuma 112 ol ta’an argachuusaanii ibsaniiru. Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru. Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf  dandeessiseera
Feb 10, 2026 81
Guraandhala 3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii. Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira. Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera. Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani. Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera. Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel. Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan. Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru. Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru. Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen. Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.
Ispoortii
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata 
Feb 10, 2026 140
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa 
Feb 8, 2026 151
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera.   Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.   Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira.   Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 108
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira.   Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan.   Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 89
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira.   Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 194
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru.   Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan.   Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad.   Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 165
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16764
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2032
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015