ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hojiiwwan Tajaajila Gumurukaa si’eessuu kan dandeessisan fooyyessi seeraa hojiirra oolaa jira.
Jan 2, 2026 83
Mudde 24/2018 (ENA): Tajaajila Gumurukaa fi sirna daldalaaf haala mijataa uumuu fi dorgomtummaa damichaa guddisuuf riifoormiin seeraa hojjetamaa jira jedhan Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataan. Komishiniin Gumurukaa fooyyessa qajeelfama tilmaama gatii Gumuruukaa ilaalchisee daldaltoota biyya alaatii fi al-ergii akkasumas daddabarsitoota Gumurukaa waliin waltajjii marii gaggeessaa jira. Maricharratti komishinar Dabalee Qaabataa akka jedhanitti damee oomishaa jajjabeessuuf mootummaan hojiilee garaagaraa hojjeteera. Dhaabbata Gumuruukaa ammayyaa Itiyoophiyaaf mijatu ijaaruuf hojiiwwan haaromsaa hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sirna daldalaa sirreessuu haala dandeessu uumuun utubaawwan ijoo haaromsaa ta’uu ibsuun, haaromsi seeraa fi hojii haala amma jiru tilmaama keessa galchuun hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila Gumurukaa iftoomina, amanamaa fi haqa qabeessa ta’e hundeessuun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Fooyya’iinsi Qajeelfama Timamaa Gatii Gumuruukaa hojmaata Itiyoophiyaa qajeeltoowwan Waliigaltee Gatii Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin walsimsiisuu fi iftoomina uumuuf barbaachisaa ta’uu komishinarichi ibsaniiru. Qajeelfamni haaraan kun hojmaata ifa ta’ee fi qajeeltoowwanii fi tumaaleen Labsii Gumurukaa keessatti tumaman hojiitti hiikuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera. Walumaagalatti dhaabbaticha teeknooloojii fi bu’uura seeraatiin ammayyeessuun hawaasa daldalaaf tajaajila gahumsa qabu kennuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.
Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera
Jan 2, 2026 56
Mudde 24/2018(ENA)– Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaachuu gurguraa fi shamataan ibsan. Magaalichatti bakka gurgurtaa gabaa horii gaanfaa fi kuduraawwaniitti namoonni Yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, omishawwan Qonnaa fi industirii Ayyaanichaaf barbaachisan haala ga’aa ta’een dhihaateera. Kanneen Ayyaanaaf dhihaatan keessaa Sangaa qalmaa, Re’ee, Qullubbii fi timaatimii, midhaan, daakuu fi kanneen biroon dhiheessii fooyya’aan jiraachuu beeksisaniiru. Magaalichatti bakka gabaa horii gaanfaa jalabaa jedhamutti namoota Qotiyyoo bitatan keessaa obbo Asnaaqee Waldee akka jedhanitti, ayyaanichaaf horiin gaanfaa bakkeewwan adda addaarraa dhihaateera haalli gatiisaaniis gaariidha jedhaniiru. Dhiheessiin gabaa kuduraas fooya’aa ta’uu daldaltoota bakka gabaa kadir jedhamutti yaada kennan keessaa Saartuu Guutamaa ibsaniiru. Gatiis kuduraalee hir’ifama agarsiiseera shammataan gammadee bitachaa jira jedhaniiru. Dabalataanis, Kuduraawwan bakeewwan adda addarraa galchuun dhiheessii gahaa ayyaanichaaf dhiheessuu fi gatii madaalawaan gurguraa jiraachuu daldalaa kadir Alii ibsaniiru. Naannoo Harariiitti Daarektarri Ejensiin gurma’insa hojii Daldala , babal’inaa fi gurgurtaa Obbo Mahaammad Yusuuf akka jedhanitti, ayyaana Qilleef dhihessiin kuduraalee, horii gaanfaa, lukkuu, killee fi omishoonni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera. Dhiheessii fi gatiin kan bara darbee fi ayyaanaota darbanirraa kan fooya’e ta’uu kan eeran obbo Mahaammad, keessumaa ayyaanicha sababeeffachuun omisha kan dhoksanii fi daballii gatii kan taasisan irratti hojin hordoffii fi to’annoo hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti haalli qilleensaa Gogaa, Aduu qabu kutaa biyyattii hedduutti itti ni fufa
Jan 2, 2026 64
Mudde 24/2018(ENA)– Guyyoota kurnan itti Aananitti haalli qilleensa Bonaa gogaa, Aduu fi qilleensa qabu kutaa biyyattii heduutti itti fufinsa akka qabaatu Inistitiyuutiin Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka beeksisetti Kaabaa bahaa, Baha, gidduugaleessaa fi kutaa biyyattii kibbaatti qorri galgalaa fi ganamaa digirii seeliishiyeesii shanii gadi akka ta’u odeeffannoon raaga haala qilleensaa mul’isa. Dhiibbaa qilleensaa saayibeeriyaarraa ka’uun qilleensi gogaa fi qorraan gara biyya keenyaatti qilleensa’u akka ittifufu raagni haala qilleensaa ni mul’isa jedheera. Bakka tokko tokkootti qorri ganamaa fi galgalaa cimee akka ittifufu ibseera. Gama biroon taateewwan meetiriyoloojii rooba kennan irraa ka’uun kibba lixaa, lixa, Kaaba bahaa, fi kutaa biyyaattii gidduu galeessaatti darbee darbee bakka xiqqaatti roobni xiqqaan akka jiraatu beeksiseera. Mudannoowwan haala qilleensaa roobaa kutaa biyyattii kibbaa fi kibba bahaa bonni yeroo roobaa 2ffaa argatan haala foyya’aa akka qaban ibsameera. Naannoowwan rooba gannaan misooman haala qilleensaa gogaan kan eegamu yoo ta’u, bakkeewwan murtaa’etti roobni xiqqaan yeroo malee roobuu akka danda’u odeeffannon raaga haala qilleensaa akka mul’isu beeksiseera. Haalli qilleensaa goginsaa kun omishawwan gannaa omishamanii walitti qabamaniif haala mijataa akka uumu ni eegama. Sululawwan kibbaa fi kibba bahaatti argaman guyyoota kurnan itti aananitti bishaan lafarraa akka argatan ni abdatama. Bakkeewwan biroon haala qilleensaa gogaa bonaa keessa akka turan ni eeggama jechuun inistitiyuutichi beeksiseera,.
Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee amana - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 2, 2026 109
Mudde 24/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyoolessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gaheebakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanuu fi hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, yaadni humna jijjiiramaa ta’uu eeruun, hayyoonni immoo bakka buutota jijjiiramaati jedhan. Hayyoonni jijjiirama hawaasa keessatti uuman biyyattii gara badhaadhinaatti kan geessu ta’uu eeruun, gama kanaanis hayyoonni yaada kabajuu fi jaalachuu, gadi fageenyaan xiinxaluu, dubbisuu, kan rakkoo furanii fi furmaata barbaadan ta’uun irraa eegama jedhani. Guyyaa har’aa waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf Yunivarsiitichi qopheesse irratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru. Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanu, hojiirra oolmaa isaafis hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Dhaabbileen hojii baruu barsiisuu fi qorannoo gara kalaqaa fi gochaatti jijjiiruun teeknooloojii waliin simsiisuun kan isaan irraa eegamu ta’uus cimsanii kan ibsan yoo ta’u, kunis badhaadhina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan.
Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma tarsiimoo nageenya riijinii fi misooma waloo mirkaneessuuti
Jan 2, 2026 67
Mudde 24/2018 (ENA): Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma tarsiimoo nageenya riijinii fi misooma waloo mirkaneessu ta’uu qorattoonni seenaa fi ambaassaaddaroonni ibsan. Riijinii Baha Afrikaa, kan humnoonni addunyaa dantaa biyyoolessaa isaanii eegsisuuf wal dorgomaa jiran keessatti, Itiyoophiyaan naannoo Galaana Diimaatti dhiyoo argamtu, ulaa galaanaashee dhabde deeffachuuf qabsoo dippiloomaasii murteessaa geggeessaa jirti. Gaaffiin ulaa galaanaa kun karoora tarsiimoo yeroo dheeraa, dantaa biyyoolessaa sabaa fi biyyattii eeguuf kan kaayyeffate yoo ta’u, dhimmicha irratti hubannoo hawaasa idil addunyaaf uumuuf hojiin dippilomaasii gaggeeffamaa jirus bu’aa argamsiisaa jira. Seenaa fi ulfinni Itiyoophiyaa Galaana Diimaa fi laga Abbayyaa waliin walitti hidhata guddaa qaba jedhan qorataan seenaa fi aadaa Piroofeesar Ahimad Zakkaariyaa ENA waliin turtii taasisaniin. Qaamoleen bishaanii lamaanuu guddinaa fi qaroomina Itiyoophiyaaf filannoo osoo hin taane, dhimma lubbuun jiraachuu fi dantaa biyyaalessaa kabachiisuu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan waggoota kurnan sadii dura biyya buufata galaanaa seena qabeessaa fi uumamaa qabdu ta’uu kan yaadatan piroofeesarichi, dogoggora seenaa sirreessuu fi qabeenya uumamaa ofii deebifachuuf carraaqqiin amma taasifamaa jiru sirrii ta’uu ibsaniiru. Abbummaa buufata galaanaa mirkaneessuun guddina waloo fi tasgabbii naannoo Baha Afrikaatiif faayidaa olaanaa akka qabus eeraniiru. Yamanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa duraanii fi Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa doktar Toofiik Abdullaahii gama isaaniitiin Itiyoophiyaa buufata galaanaa mataashee irraa fageessuuf shirri xaxame taatee hedduu nama gaabbisiisudha jedhan. Gaaffii kanaaf deebii argachuuf hojiin dippilomaasii yeroo ammaa hojjetamaa jiru sadarkaa murteessaa irra akka gahe ibsaniiru. Daldala idil-addunyaatiif barbaachisummaa guddaa qarqara galaanaa Baha Afrikaa fi Galaana Diimaa kan ibsan Ambaasaaddarichi, Itiyoophiyaan buufata galaanaa kanarratti abbummaa akka qabdu mirkaneessuun nagaa fi tasgabbii naannichaaf gumaacha olaanaa qaba jedhan. Asaab buufata galaanaa seera qabeessa, seenaa fi uumama isaan kan Itiyoophiyaa ta’uu ibsuun, tattaaffiin jalqabame itti fufuu qaba jedhan Piroofeesar Ahimad Zakkaariyaan. Ambaasaaddar doktar Toofik Abdullaahii gama isaaniitiin, gaaffii dhalootaa fi dhimma dantaa biyyoolessaa ijoo kana galmaan ga’uuf lammiileen hundi waliin dhaabbachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.
Siyaasa

Itiyoophiyaan Rakkoolee Barootaaf turan bu’urarraa furuun Mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessadha
Jan 2, 2026 76
Mudde 24/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti rakkoolee baroota dheeraaf turan bu’urarraa furuun mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessa ta’uu paartiin morkataa sosochii dimokiraatawaa Uummata Gumuz ibse. Mariin biyyoolessa Itiyoophiyaa erga labsiin hundaa’ee hojii eegalee asitti boqonnaa qophiitii hanga mariitti hanga ammaatti hojiiwwan hedduu hojjeteera. Dhimma kanarratti itti gaafatamaan sabquunnamtii fi miseensi gidduugalaa paartiin Sosochii Dimokiraatawaa Ummata Gumuz Lammeessaa Neenoo ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, Mariin biyyoolessaa carraa rakkoolee furu qabatee kan dhufe ta’uu himaniiru. Mariin biyyoolessaa rakkoolee yeroo dheeraaf turan bu’uurarraa furuuf mootummaa cimaa hundeessuuf carraa seenaa qabessadha jedhaniiru. Haata’u malee carraa seenaa qabeessa kana milkaa’inaan goolabuuf hundi keenya rakkoolee mariin furuuf kutannoo qabaachuu qabna jedhaniiru. Lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimma biyyasaaniirratti marii’achuun furmaatasaaf hojjechuun rakkoowwan bu’uurarraa furuuf abbaa ta’uu qabu jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti paartiinsaanii hirmaannaa ho’aa taasisuusaa ibsaniiru. Gara fuulduraattis marichi hanga milkaa’inaan xumuramutti gaheesaanii bahuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessaniiru. Paartiin sosochi idimokiraatawaa Ummata Gumuz komishinii Marii Biyyoolessaaf ajandaawwan adda addaa kennuusaa yaadachuun dhimmoota kanarratti marii’achuun qaama furmaataa ta’uuf qophaa’uusaa ibsaniiru.
Hojiiwwan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa hojjetan
Jan 2, 2026 70
Mudde 24/ 2018 (ENA) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee bara 2018 keessa hojiilee ijoo biyyaalessaa, ardiifi idil-addunyaa hojjetaniiru. Hojiileen hundi barbaachisummaa fi dhiibbaa uumuu danda’uu Itiyoophiyaa bu’uura cimaarra kan kaa’anidha. Ministirri Muummee Rippaabiliika Hindi daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufuu hordofee mariin gamlamee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisanii fi waliigalteewwan hundagaleessi biyyoottan lameen gidduutti mallattaa’aniif hiikkaa guddaan kennameera. Mariin hoggantoota lameenii irra jireessaan tumsa biyyoonni lameen dameewwan daldalaa fi invastimantiin, dijitaalaayizeeshinii fi tuurizimiin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kaayyeffatedha. Dabalataanis biyyoota lameen gidduutti deeggarsa bulchiinsa waloo Gumruukaa, Ministeera Dhimma Alaa FDRItti waliigaltee hundeeffama Giddugala Daataa akkasumas waliigalteen kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa keessatti kutannoo qaban mul’isuu fi cimsu mallattaa’eera. Kana malees Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Paarlaamaatti argamuun Ministirri Muummee Hindi Walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Federeeshinii irratti haasawaa taasisaniiru. Dhimmoota Ardii ilaalchisee: Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad deeggartoota Afrikaa fi naannawaa waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin Afrikaa haalaan kan bakka bu’u Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Itiyoophiyaan qopheessitu irratti haala Itiyoophiyaa waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru. Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa yaa’ii Ardicha bakka bu’u qopheessuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf haalota dandeessisan uumuuf, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi garee isaanii waliin mari’ataniiru. Marichaanis koop 32 (COP32) milkeessuuf karaalee walta’iinsa ijoo Itiyoophiyaa fi furmaata Afrikaa cimsuun danda’amu irrattis kaafameera. Dabalaanis Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Pireezidaantiin Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi pireezdaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisan simatanii mari’ataniiru. Mariin hoggantoota lamaan gidduutti taasifame adda durummaan hariiroo dippiloomaasii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Akkasumas dureewwan biyyoota lamaanii haala nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatti buusuun danda’amu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kunis nageenyaa, tasgabbii fi furmaata Afrikaa Afrikaanotaaf kan jedhu irratti kan xiyyeeffate ture. Dhimmoota biyya keessaan immoo doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma qabameefiin goolabamuu eeruun,Dijitaala Iyiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisaniiru. Sagantaa Tarsiimoo kana dhaqqabamummaa isaa bal’isuuf lammiilef carraa walqixaa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee giduutti wal amantaa guddisuun kaayyoo ijoo ta’ee gara hojiitti galameera. Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030n bu’uuraalee dijitaalaa ummataa babal’isuu irratti kan xiyyeeffatamu yoo ta’u, kunis teeknooloojiin dijitaalaa namoota giddu galeessa godhatee jiruu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf carraa guddaa kan uumu ta’a. Yeroo sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, Dijitaala Itiyoophiyaa 2030tiin galmoonni kaa’aman akka milkaa’an dhimmoonni bu’uuraa lama akka jiran eeraniiru. Tokkoffaan dhaqqabamummaa Humna Ibsaa yoo ta’u, waliin gahinsa humna ibsaa soorata teekinooloojii dijitaala jennee fudhachuu dandeenya jedhaniiru. Inni lammaffaan immoo walitti hidhaminsa intarnetii dha kan jedhan Ministirri Muummee, magaalonni hedduun fayyadamoo intarneetii ta’uu akka danda’an ibsaniiru. Haata’u malee waggoottan shaman dhufan kanatti waliin gahinsa kana guutummaan guutuutti naannoolee biroottis babal’achuu akka qabu cimsanii himaniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti lakkoofsi maamiloota moobaayilaa miiliyoona 128 akka gahu, uwwisni neetworkii 5G magaalota 100 akka gahu eegama. Walumaagalatti hojiin Dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru kaayyoo mootummaan Ida’amuu tarsiimoolee gurguddoo birookraasii salphaa ta’een dhugoomsuu waliin kan walqabatu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi ibsaniiru. Gama biraatiin guyyaan ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddu-galeessa Itiyoophiyaa magaalaa miidhagduu Hosaa’inaa keessatti bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti kabajameera. Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 21ffaan Magaalaa Jimmaatti akka kabajamu ibsameera. Waliigalaan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa biyya keessatti ammayyummaa guddisuu, sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti ammoo dippiloomaasii tarsiimowaa ta’e caalmaatti cimsuuf kutannoo qaban kan itti mirkaneessaniidha. Kanaanis hammattummaa Diijitaalaa guddisuu, tumsa naannawaa fi Idil Addunyaa cimsuu fi hojiileen ol ka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjetamaniiru.
“Hayyuun eenyu dha?”
Jan 2, 2026 66
Hayuun nama miiraan oofamu miti. Ibsituuwwan Hayyuu:- • Yaada kan kabajuu fi jaallatu • Gad-fageenyaan kan xiinxaluu fi baay’ee kan gaafatu • Kan dubbisuu fi kan ibsu • Rakkoo kan hiikuu fi furmaata kan kennu Sirna kabajaa Yunvarsiitii Finfinnee wagga 75ffaa irratti cuunfaan yaada kiyyaa kanarratti xiyyeeffata. Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mariin biyyaalessaa carraa garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Jan 2, 2026 59
Mudde 24/2018(ENA)-Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha jechuun beeksise tajaajilli komunikeeshinii mootummaa. Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Jechuun ibsa baaseen wal dhabdeen bara dheeraa Itiyoophiyaa keessa jiruu fi ataakaroon akkasumas madda walitti bu’iinsaa kan ture bu’aa aadaa siyaasaa boodatti hafaan nurratti fe’edha jedheera tajaajilichi. Rakkoo kana maddasaarraa furuu fi dhimmoota buyyaa fi garaagarummaawwanii fi dhaadhessummaa ajandaawwan biyyaalessaarratti mul’atan fageessuuf mariin biyyaalessaa dhimma murteessaadha jedheera. Ibsi tajaajila komunikeeshinii mootummaa akka armaan gadiitti dhihaateera- Aadaan nageenyaa akka jiraatuu fi aadaan siyaasaa qaroome ijaaramee Itiyoophiyaanonni rakkoosaanii rakkoosaanii mariidhaan yaadaan qofa furuu qabu amantaa jedhu qaba mootummaan. Hojiirra oolmaa isaaf ammo mootummaan hojjechaa jira. Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi karaa nagaa furuuf carraa arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha. Carraan kun qaamlee hundaaf kan baname eenyuuniyyuu kan hin qoonne carraa marii hammataadha. Carraa kanatti fayyadamuuf Hundi keenya qophaa’uu qabna. Carraan kun aadaa siyaasaa keenya badaa duudhaa obbolummaa qabnu nu jalaa dadhabsiise yaaluun fayyisuurra darbee nageenya waaraa mirkaneessuuf dhimma ijoodha. Carraan kun dhimmoota keenya bu’uraarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, sirna demokiraasii gabbachaa deemu ijaaruuf akkasumas wal amantaa jidduu keenyatti uumuun walta’insaa fi tokkummaa ummattootaa mirkaneessuuf shoora bakka hinbu’amne ni qabaata. Waraannii fi warraaqsi furmaata guutuu akka hin finne seenaa Itiyoophiyaa keessatti qabatamaan kan mirkanaa’edha. Mo’annaa karaa lamaanuu argame kan yeroo fi deebisee haaloo fi jibba kanfidu ta’uunsaa irraa baranneerra. Itiyoophiyaanonni bara dheeraaf aadaa dinqisiisaa rakkoo fi waldabdee jidduusaanii jiru marii fi marabbaan furuu dandeessisu qabu ture. Garuummoo duudhaan kun sababa aadaa siyaasaa boodatti hafaa gabbachaa dhufeen oolee bulee dimimmisee seenessaan baaqqee addaan qoqqoodu kan ittiin beekamnu ta’uurra gaheera. Biyyoonni addunyaa hedduun afuura garaagarummaa dhaadhessummaa fi walitti bu’iinsa keessaa bahuuf marii biyyaalessaa akka furmaataatti fayyadamaniiru. Nutis kana gochuuf waanti nu rakkisu akka hin jirre duudhaaleen aadaa keenyaa bakkeewwan garagaraa jiran agarsiiftuudha jedhaniiru. Kanaaf furmaata fulla’aa fiduuf fedhii siyaasaa haqa qabeessaaf garalaafummaan marii kennanii argachuunii fi furmaata waloof hundi gumaacha taasisuuf ka’uu qaba. Maraammartoon walitti bu’iinsaa fi waraanaa dabarsine gahuu qaba kan itti jennu ammadha. Walitti bu’iinsaan moataa kan hin qabne maraammartoo badii waan ta’eef marii biyyaalessaa milkaa’aa gochuu, rakkoolee karaa nagaa furuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaanota hundaaf mijattu ijaaruu fi hunda keenya mo’ataa gochuuf nu gargaara. Kanaaf qaamni hundi marii kanarratti dammaqinaan akka hirmaatu carra Kanaan waamicha dabarsina. Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Tajaajila komunikeeshinii mootummaa Mudde bara 24/2018
Imalli Badhaadhina keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna - Obbo Adam Faaraah
Jan 1, 2026 125
Mudde 23/2018 (ENA) - Imalli kallattii badhaadhina diinagdee keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna jedhan Sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii fi Pirezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Akka obbo Adam Faaraah jedhanitti, Mootummaan Ida’amuu yaadama Ida’amuutiin qajeelfamu gaheewwan dinagdee afur irratti xiyyeeffata. Haaluma kanaan inni jalqabaa kallattii diinagdee damee hedduu hojiirra oolchuu ta’uu eeranii, ce’umsa caaseffamaa fiduuf diinagdee magariisaa haalota jijijjiiramoo dandamatu ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa kan saffisiisu dha jedhan. Inni lammaffaa kallattii qooda fudhattoota hedduu ta’uu eeruun, qaamoleen diinagdee keessatti qooda qaban itti gaafatamummaa qeenxee fi waloo haalaan akka bahatan kan taasifamu ta’uu himaniiru. Adeemsa kana keessatti Mootummaan gahee adda duree kan bahatu ta’uu eeranii, dameewwan dameen dhuunfaa keessatti hin hirmaanne keessatti Mootummaan dammaqinaan invast kan taasisu ta’uu eeraniiru. Kan sadaffaan kallattii fayyadamummaa dameewwan hedduu ta’uu fi diinagdee hundi haqummaan fayyadamuu fi keessatti hirmaatu uumuudha jedhan. Haaluma Kanaan hundaaf carraa qixa ta’e uumuun hirmaannaa fi sosochii diinagdee saffisiisuun bu’aa isaarraa hundi haqummaan akka fayyadamuuf haala mijeessuu ta’uu eeranii, hojiin imalli badhaadhina keenyaa hundarraa hundaan, hundaaf akka ta’u gochuu ni hojjetama jechuun ibsaniiru. Kallattii arfaffaan tumsa Riijinii fi Idil-addunyaa cimsuu ta’uu ibsanii, badhaadhina gama maraa mirkaneessuun kan danda’amu warreen kaan waliin waltumsuun ta’uu himaniiru. Walitti hidhamiinsa dinagdeetiin, faayidaa waloorratti waloon hojjechuun, sirni haqa qabeessi akka jiraatu gochuunii fi oomishaaleen biyya keessaa gabaa addunyaa irratti carraa fooyya’aa akka argataniif tumsaan hojjechuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA#TOI
Walii gateewwan hoggantoota gidduutti taassifaman hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira
Dec 31, 2025 269
Mudde 22/2018(ENA)-Walii galteewwan Hogantoota Itiyoophiyaa fi Hindi gidduutti taassifaman hojiirra oolchuu fi michummaa tarsiimo’aa biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumaar Raay ibsan. Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuun daldalaa fi dinagdeerra darbee bal’ina tumsa isaanii ni babal’isa jedhaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil kumar Raay ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Hindi biyyoota hariiroo yeroo dheeraa waliin qabanidha. Itiyoophiyaan hinditti Gidduugala Aadaa biyyoota Afriikaa keessaa biyya qabdu ta’uu eeruun, Aadaa Itiyoophiyaa Hinditti caalaatti beeksisuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa torbanitti balallii 40 ol Hinditti akka taasisu kan beeksisan Ambaasaaddarichi, Ambaasaaddara Aadaa Itiyoophiyaa jechuun dhaabbaticha jajataniiru. Daawwannaa Ministira Muummee Nariindiraa Moodii hordofee hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu dubbataniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu daldalaa fi Dinagdeerra darbee baay’ina tumsaa isaanii kan babal’isuu ta’uu eeraniiru. Daawwanicha hordofee Biyyoonni lamaan Gumurukiin, Hojii nageenya kabachiisuun, gidduugala daataa Ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa ijaaruu dabalatee walii galteewwaan adda addaa mallatta’uu yaadataniiru. Hariiroon biyyootaa gara michummaa Tarsiimo’aatti guddachuun tumsa kibba kibbaa kan cimsuu fi biyyoonni tumsa idil- Addunyaa qaban kan dagaagsu ta’uu hubachiisaniiru. Lakkoofsa Itiyoophiyaanota carraa barnootaa Hinditti argatanii dachaan guddisuuf waliigalteerra ga’amuu kaasaniiru. Biyyoonni waloon hojjechuuf hojiiwwan walii galan raawwachuu fi michummaa tarsiimo’aasaanii cimsuuf rood maappiin qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Buusaa Gonofaa Oromiyaan rakkoo hawaasummaa fi dinagdee ofiin furuuf deeggaraa jira
Jan 1, 2026 160
Mudde 23/2018(ENA)- Buusaa Gonofaa Oromiyaan hawaasa hirmaachisuun rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee ofiin furuuf deeggaraa jiraachuu itti aanaan hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa ibsa. Yaa’iin Buusaa Gonofaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa har’a gaggeeffameera. Itti aanaan hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa waltajjicharratti akka beeksisanitti, sosochiin sirna wal gargaarsaa naannichaa durii ta’e Buusaan Gonofaa erga eegalamee kaasee keessumaa waggoota afran darban miseensota miiliyoona 28 fi kuma 500 horachuun qabeenya walitti qabuun hojiilee hedduu hojjeteera. Waggoottan afran darban qabeenya birria biiliyoona 26 walitti qabuun lammiilee balaa uumamaa fi nam-tolcheen miidhamaniif deeggarsi taasifamuu eeraniiru. Akkasumas wagga waggaan barattoota miiliyoona 5 caalaniif soorata mana barumsaa dhiheessuu fi barana barattoota miiliyoona 7 caalaniif sagantaa soorata mana barumsaan fayyadamoo gochuusaa kaasaniiru. Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Nigaatuu Mootummaa gamasaaniin, bulchiinsi magaalichaa miseensota sirna Buusaa Gonofaa miiliyoona walakkaa hirmaachisuun waggaatti buusii miseensotaarraa birria miiliyoona 100 caalu walitti qabuusaa eeraniiru. Hogganaan Buusaa Gonofaa magaalaa Adaamaa obbo Waddoo Abdulkariim, Buusaa Gonofaan aadaa walgargaarsaa magaalichatti cimsuuf hojii hojjetamaa jiruun barana miseensota haaraa kuma 56 horachuusaa dubbataniiru. Hawaasa qindeessuun rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee furuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, keessumaa maneen barumsaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa magaalichaa 116 keessatti soorata barattootaa hojiirra oolchuusaanii himaniiru. Tajaajila kana cimsuuf bara bajataa kana buusii hawaasaa fi miseensotaarraa qabeenya birrii miiliyoona 191 walitti qabuun hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Hirmaattonni waltajjichaa yaada ENA’f kennaniin, Buusaa Gonofaan balaawwan uumamaa fi nam-tolchee ofiin damdamachuuf gumaacha olaanaa bahaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa ummanni qama biraa osoo hin eegiin akka wal gargaaru, waloomnii fi walgargaarsi akka jabaatu haala mijataa uumuusaa eeranii, kun ammoo naannicharra darbee biyyaaf kan fayyadu waan ta’eef hundi hirmaannaasa akka cimsu gaafataniiru.
Milkaa’ina hojii Komishinii Marii Biyyoolessaaf hirmaannan Lammiilee Murteessaadha -Af-yaa’ota
Jan 1, 2026 71
Mudde 23/2018(ENA)– Milkaa’ina hojii Komishiniin marii biyyoolessaa hojjechaa jiruuf hirmaannaan hundaa galeessa lammiilee barbaachisaa ta’uu Af-yaa’onni Naannoolee adda addaa dubbatan. Af-yaa’onni kun turtii ENA waliin taasisaniin Komishiniin marii biyyoolessaa hojiiwwan hanga ammaatti hojjete keessatti hirmaannaan hawaasaa akka cimuuf hojii hirmaachisummaa hojjechuusaa cimsee akka ittifufu ibsaniiru. Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam akka jedhanitti, mariin waldhabdee hunda ni fura. Kanaafis waldhabdeewwan biyya keenya keessa jiran marii’achuun nagaa fi tokkummaa cimsuuf hojiiwwan komishinichi hojjetu deeggaruun nama hundarra ni eeggama jedhaniiru. Hawaasni barbaachisummaa marii biyyoolessaarratti hubannaa gahaa argatee deeggarsaa fi hirmaannaasaa cimsuu qaba jedhaniiru. Af-Yaa’iin Naannoo Gambeellaa Adde Masarat Maatiwoos gamasaaniin, nageenyi guddinaa fi misoomaaf barbaachisa waan ta’eef marii’annee nageenya keenya fulla’aa gochuu qabna jedhaniiru. Marii biyyoolessaa duudhaa tokkummaa fi waloomaa Hawaasaa dagaagsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Nageenya amansiisaa waliigalteerratti hundaa’e fiduuf hirmaattonni wal dhaggeeffachuun marii’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Hirmaannaan hawaasaa Milkaa’ina misooma biyyaarratti mul’ate milkaa’ina hojii marii biyyoolessaaf shoorrisaa olaanaa ta’uu Af-yaa’iin Nannoo Benishaangul Gumuz Addee Askaal Albooroo ibsaniiru. Marichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf Hawaasni itti gaafatamummaa irraa eegamu akka bahuuf shoorasaani akka bahan mirkaneessaniiru. A-ayaa’onni Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa fooramii waloo Nannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaatti gaggeessuunsaanii ni yaadatama.
Hojiileen tajaajila haqaa guddisan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti cimanii itti fufu
Jan 1, 2026 77
Mudde 23/2018 (ENA) -Dijitaala Itiyoophiyaa 2030’n hojiileen tajaajila haqaa saffisiisuuf eegalaman caalmaatti cimanii itti fufu jedhan Ministirri Haqaa Haannaa Ara’yasillaasee. Haannaa Ara’yasillaaseen Walga’ii Idilee 7ffaa bara hojii 5ffaaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa har’a gaggeeffamerratti argamuun gaaffii fi yaada kenniinsa haqaa ilaalchisee miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kennaniiru. Tajaajila haqaa, qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa fi shakkamtoota ilaalchiisee miseensonni mana marichaa gaaffii fi yaada dhiyeessaniiru. Tajaajila haqaa si’ataa fi saffisaa kennuuf naannoleetti dameen banamuu kan eeraan Haannaa Ara’yasillaaseen, tajaajila haqaa fooyya’aa ta’e kennuuf hojiileen eegalaman Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n caalmaatti cimanii itti fufu jedhan. Adeemsa Qorannoo yakkaa fi himannaa saffisaa fi qulqullinaan raawwachuuf Poolisii, Abbaan Alangaa fi Manneen Murtii qindoomina isaanii caalmaatti cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Dhaabbilee fi namoota mana isinii ijaarra jechuun qabeenya lammiilee fudhatanii miliqan akkasumas kanneen haasaa kabaja namaa sarban taasisan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamu cimee itti fufa jechuun yaadachiisan. Namoota mana isinii ijaarra jechuun birrii biiliyoona 1 fi miliyoona 500 lammiilee irraa walitti qabuun miiliqan irratti himatni banamuu ibsaniiru. Labsii deemsa falmii bulchiinsaa dabalatee seerotni haaromsaa hedduun akka qaama haaromsa kanaatti tumamuu isaanii eeruun, sirna kenniinsa haqaa irratti jijjiiramni taasifameera jedhan.
Dhimmi gareewwan saaxilamoo ta’anii dhimma dhaabbataa ta’ee bal’inaan hojjetamuu qaba.
Jan 1, 2026 79
Mudde 23/2018(ENA)- Dhimma gareewwan saaxilamoo ta’anii dhimma dhaabbataa taasisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibseera. Hojii madaallii walitti dabaluun kan madaalaman Ministeerri Qonnaa fi Ministeerri Fayyaa sirni beekamtii kennuu dhaabbilee itti waamamtootaa 22 gaggeeffameera. Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee wayita sana akka jedhanitti; rakkoolee dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa dubartoota, daa’imman, dargaggoota, qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi kutaalee hawaasaa saaxilamoo biroo mudatan furuuf hojiilee hojjetamaa jiruun bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jira. Haa ta’u malee, bu’aan madaallii raawwii hojii, ilaalchii fi qorannoowwan yeroo adda addaatti raawwii hojii madaallii walitti dabaluun irratti gaggeeffaman sadarkaa barbaadamu irra akka hin geenye agarsiisaniiru. Kanaaf dhimmoota kutaalee hawaasaa kanneenii dhimma dhaabbataa taasisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii guddisuuf ciminaan hojjechuu qabna jedhaniiru.
Diinagdee
Hojiiwwan Tajaajila Gumurukaa si’eessuu kan dandeessisan fooyyessi seeraa hojiirra oolaa jira.
Jan 2, 2026 83
Mudde 24/2018 (ENA): Tajaajila Gumurukaa fi sirna daldalaaf haala mijataa uumuu fi dorgomtummaa damichaa guddisuuf riifoormiin seeraa hojjetamaa jira jedhan Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataan. Komishiniin Gumurukaa fooyyessa qajeelfama tilmaama gatii Gumuruukaa ilaalchisee daldaltoota biyya alaatii fi al-ergii akkasumas daddabarsitoota Gumurukaa waliin waltajjii marii gaggeessaa jira. Maricharratti komishinar Dabalee Qaabataa akka jedhanitti damee oomishaa jajjabeessuuf mootummaan hojiilee garaagaraa hojjeteera. Dhaabbata Gumuruukaa ammayyaa Itiyoophiyaaf mijatu ijaaruuf hojiiwwan haaromsaa hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sirna daldalaa sirreessuu haala dandeessu uumuun utubaawwan ijoo haaromsaa ta’uu ibsuun, haaromsi seeraa fi hojii haala amma jiru tilmaama keessa galchuun hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila Gumurukaa iftoomina, amanamaa fi haqa qabeessa ta’e hundeessuun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Fooyya’iinsi Qajeelfama Timamaa Gatii Gumuruukaa hojmaata Itiyoophiyaa qajeeltoowwan Waliigaltee Gatii Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin walsimsiisuu fi iftoomina uumuuf barbaachisaa ta’uu komishinarichi ibsaniiru. Qajeelfamni haaraan kun hojmaata ifa ta’ee fi qajeeltoowwanii fi tumaaleen Labsii Gumurukaa keessatti tumaman hojiitti hiikuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera. Walumaagalatti dhaabbaticha teeknooloojii fi bu’uura seeraatiin ammayyeessuun hawaasa daldalaaf tajaajila gahumsa qabu kennuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.
Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera
Jan 2, 2026 56
Mudde 24/2018(ENA)– Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaachuu gurguraa fi shamataan ibsan. Magaalichatti bakka gurgurtaa gabaa horii gaanfaa fi kuduraawwaniitti namoonni Yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, omishawwan Qonnaa fi industirii Ayyaanichaaf barbaachisan haala ga’aa ta’een dhihaateera. Kanneen Ayyaanaaf dhihaatan keessaa Sangaa qalmaa, Re’ee, Qullubbii fi timaatimii, midhaan, daakuu fi kanneen biroon dhiheessii fooyya’aan jiraachuu beeksisaniiru. Magaalichatti bakka gabaa horii gaanfaa jalabaa jedhamutti namoota Qotiyyoo bitatan keessaa obbo Asnaaqee Waldee akka jedhanitti, ayyaanichaaf horiin gaanfaa bakkeewwan adda addaarraa dhihaateera haalli gatiisaaniis gaariidha jedhaniiru. Dhiheessiin gabaa kuduraas fooya’aa ta’uu daldaltoota bakka gabaa kadir jedhamutti yaada kennan keessaa Saartuu Guutamaa ibsaniiru. Gatiis kuduraalee hir’ifama agarsiiseera shammataan gammadee bitachaa jira jedhaniiru. Dabalataanis, Kuduraawwan bakeewwan adda addarraa galchuun dhiheessii gahaa ayyaanichaaf dhiheessuu fi gatii madaalawaan gurguraa jiraachuu daldalaa kadir Alii ibsaniiru. Naannoo Harariiitti Daarektarri Ejensiin gurma’insa hojii Daldala , babal’inaa fi gurgurtaa Obbo Mahaammad Yusuuf akka jedhanitti, ayyaana Qilleef dhihessiin kuduraalee, horii gaanfaa, lukkuu, killee fi omishoonni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera. Dhiheessii fi gatiin kan bara darbee fi ayyaanaota darbanirraa kan fooya’e ta’uu kan eeran obbo Mahaammad, keessumaa ayyaanicha sababeeffachuun omisha kan dhoksanii fi daballii gatii kan taasisan irratti hojin hordoffii fi to’annoo hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma tarsiimoo nageenya riijinii fi misooma waloo mirkaneessuuti
Jan 2, 2026 67
Mudde 24/2018 (ENA): Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma tarsiimoo nageenya riijinii fi misooma waloo mirkaneessu ta’uu qorattoonni seenaa fi ambaassaaddaroonni ibsan. Riijinii Baha Afrikaa, kan humnoonni addunyaa dantaa biyyoolessaa isaanii eegsisuuf wal dorgomaa jiran keessatti, Itiyoophiyaan naannoo Galaana Diimaatti dhiyoo argamtu, ulaa galaanaashee dhabde deeffachuuf qabsoo dippiloomaasii murteessaa geggeessaa jirti. Gaaffiin ulaa galaanaa kun karoora tarsiimoo yeroo dheeraa, dantaa biyyoolessaa sabaa fi biyyattii eeguuf kan kaayyeffate yoo ta’u, dhimmicha irratti hubannoo hawaasa idil addunyaaf uumuuf hojiin dippilomaasii gaggeeffamaa jirus bu’aa argamsiisaa jira. Seenaa fi ulfinni Itiyoophiyaa Galaana Diimaa fi laga Abbayyaa waliin walitti hidhata guddaa qaba jedhan qorataan seenaa fi aadaa Piroofeesar Ahimad Zakkaariyaa ENA waliin turtii taasisaniin. Qaamoleen bishaanii lamaanuu guddinaa fi qaroomina Itiyoophiyaaf filannoo osoo hin taane, dhimma lubbuun jiraachuu fi dantaa biyyaalessaa kabachiisuu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan waggoota kurnan sadii dura biyya buufata galaanaa seena qabeessaa fi uumamaa qabdu ta’uu kan yaadatan piroofeesarichi, dogoggora seenaa sirreessuu fi qabeenya uumamaa ofii deebifachuuf carraaqqiin amma taasifamaa jiru sirrii ta’uu ibsaniiru. Abbummaa buufata galaanaa mirkaneessuun guddina waloo fi tasgabbii naannoo Baha Afrikaatiif faayidaa olaanaa akka qabus eeraniiru. Yamanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa duraanii fi Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa doktar Toofiik Abdullaahii gama isaaniitiin Itiyoophiyaa buufata galaanaa mataashee irraa fageessuuf shirri xaxame taatee hedduu nama gaabbisiisudha jedhan. Gaaffii kanaaf deebii argachuuf hojiin dippilomaasii yeroo ammaa hojjetamaa jiru sadarkaa murteessaa irra akka gahe ibsaniiru. Daldala idil-addunyaatiif barbaachisummaa guddaa qarqara galaanaa Baha Afrikaa fi Galaana Diimaa kan ibsan Ambaasaaddarichi, Itiyoophiyaan buufata galaanaa kanarratti abbummaa akka qabdu mirkaneessuun nagaa fi tasgabbii naannichaaf gumaacha olaanaa qaba jedhan. Asaab buufata galaanaa seera qabeessa, seenaa fi uumama isaan kan Itiyoophiyaa ta’uu ibsuun, tattaaffiin jalqabame itti fufuu qaba jedhan Piroofeesar Ahimad Zakkaariyaan. Ambaasaaddar doktar Toofik Abdullaahii gama isaaniitiin, gaaffii dhalootaa fi dhimma dantaa biyyoolessaa ijoo kana galmaan ga’uuf lammiileen hundi waliin dhaabbachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.
Misooma kuduraa fi muduraa godinichatti babal’isuudhaan fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon taasifameera
Jan 2, 2026 44
Mudde 24/2018 (ENA)- Misooma kuduraa fi muduraa godina Shawaa Lixaatti babal’isuudhaan fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon taasifamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Oomisha midhaaniin cinaatti misooma kuduraa fi muduraa babal’isuun fayyadamummaa qonaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru waajjirichatti ogeessi misooma kuduraa fi muduraa obbo Mangaduu Gurmuu ENA’f beeksisaniiru. Haala Kanaan baatiiwwan bonaa lafa heektaara kuma sadii fi 120 qullubbii adii, Dinnicha, Muuzii fi Timaatima misoomsuun oomisha kuntaalaa kuma 646 fi 553 walitti qabuuf karoorfamuu dubbataniiru. Amma ammaatti lafa kuduraa fi muduraan misoomerraa oomishni kuntaala kuma 180 walitti qabamuusaa eeraniiru. Qonnaan bulaan misooma kuduraa fi muduraan bu’a qabeesa akka ta’u qophii oyiruurraa eegalee amma walitti qabaatti ogeeyyonni deeggarsa gochaa akka jiran eeraniiru. Kuduraa fi muduraan aanaalee Baakkoo, Daannoo, Noonnoo, Tokkee Kuttaayee, Midaa Qanyi, Gindabarat, Liiban Jaawwii fi Jibaatitti baay’inaam misoomaa jiraachuu ibsaniiru. Misooma midhaanii cinaatti misooma kuduraa jallisii bonaa hojjechuun nyaata madaalawaa fi galii dabalataa argachuusaanii dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f Sagantaawwan leenjii yeroon gaafatu banamaa jiru
Jan 2, 2026 46
Mudde 24/2018(ENA)–Milkaa’ina Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f Sagantaawwan leenjii yeroon gaafatu banamaa jiraachuun ibsame. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yeroo dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 eegalchiisan, tarsiimichi dhaqqabamaa, haqa qabeessaa fi dirree dijiitaalaa Amansiisaa uumuurratti xiyyeeffachuu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Doktar Buruk Kadir ENA’f akka ibsanitti, tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 damee teeknikaa fi ogummaan jijiiramni abdachiisoon akka galmaa’an dandeessiseera. Fakkeenyaaf, Tarsiimichi Inistitiyuutichi Adeemsa leenjiisaa ammayyeessuun hubannoo namoonni Dijitaalayizeeshiniirratti qaban akka guddatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Inistitiyuutichi kaayyoowwan tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf qabate waliin wal simsiisuun hojiirra oolchuuf sanada qopheessaa jiraachuu eeraniiru. Galmoota Tarsiimawaa Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf leenjifamtoota dandeettii dijiitaalaa fooya’aa qaban horachuun dhimma xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru. Akaakuuwwan leenjii hubannoo namtolchee, nageenya saayibarii fi leenjiiwwan biroo milkaa’ina tarsiimichaaf qooda olaanaa akka qaban akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Dabalataanis ogeessa dandeettii dijiitaalaan gahoome horachuu fi teekinooloojiiwwan Dijiitaalaa haala fooya’een hojjechuuf dhaabbatichi galtee fi gurmaa’insaan of cimsaa jiraachuu beeksisaniiru.
Teekinooloojii humna cimaa qabu uumuuf hojiilee qorannoo cimsuun barbaachisaadha - Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Jan 1, 2026 64
Mudde 23/2018(ENA) - Hogganaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa dandeettii teeknooloojii cimaa uumuuf qorannoo bu’uuraa gaggeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Imaammanni Qorannoo fi Misooma Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa eebbiifi ijaarsi giddugalaa gaggeeffameera. Fiildii Maarshaal Birhaanuun wayita sanatti akka jedhanitti, qorannoo fi misoomni dandeettii dinagdee, hawaasummaa fi waraanaa biyya tokkoo ijaaruu fi dandeettii ishee sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee olaanaa qaba. Dhaabbata irra darbee, qorannoo fi qo’annoo adda addaa guddina waliigalaa biyya keenyaa fi ardii keenyaaf gumaachan gaggeessuu fi qopheessuun argannoowwan haaraa babal’isuun akka barbaachisus himaniiru. Biyya fi dhaabbata guddaa ijaaramuun kan danda’amu yaada haaraa yeroo hunda maddisiisuu, guddisuu, hordofuu fi qorachuu qofaan akka ta’e ibsaniiru. Haaluma kanaan teeknooloojii cimaa rakkoo furuu fi dantaa biyyoolessaa biyya keenyaa itti fufiinsaan eegsisu uumuuf hojii misoomaa fi qorannoo ammayyaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Ajajaa Kolleejjii Raayyaa Ittisaa Waar Meejar Jeneraal Bultii Taaddasaan gama isaaniitiin, giddugalli kun milkaa’ina imala jijjiiramaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti gahee bakka hin buufamne qaba jedhamee amana jedhan. Dabalataanis, ijaarsa Raayyaa Ittisaa Ammayyaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun odeeffannoon Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ENAf erge ni ibsa. Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa damee nageenyaa fi teeknooloojii irratti wiirtuu yaadaa fi kalaqaa adda duree ta’uun dhaabbata sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf haala dandeessisu akka uumus ibsaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 akka biyyaatti kan eegalame teessoo dijitaalaa magaalota hundaaf babal’isuu ni dandeessisa.
Jan 1, 2026 79
Mudde 23/2018(ENA) -Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’ospeeshiyaal Itiyoophiyaa Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 sirna teessoo dijitaalaa biyyoolessaa kan akka biyyaatti eegalame, magaalota hundatti akka babal’atu kan dandeessisu ta’uu beeksise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Mudde 11/2018, Giddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti akka ifoomsan ni beekama. Ergaa yeroo sana dabarsan keessatti Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 kaayyoowwan ijoo dhaqqabamummaa babal’isuu, carraa walqixxummaa lammiilee uumuu, wal amantaa lammiilee fi dhaabbilee guddisuu akka danda’u cimsanii dubbataniiru. Bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa kan uummanni itti fayyadamu babal’isuun sirna dijitaalaa nama giddu galeessa godhateen jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuu akka barbaachisu himaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, sirni teessoo dijitaalaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalotaa mijeessuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa teessoo dijitaalaa qabeenya magaalaa haala bu’a qabeessa ta’een dijiitaalaan galmeessuun magaalota bifa ammayyaa ta’een hoogganaman ijaaruuf gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru. Ka’umsa Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030tiin Teessoo Dijitaala biyyoolessaa bu’uuraalee misoomaa babal’isuun xiyyeeffannoo ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Sirni teessoo dijitaalaa magaalota hedduu keessatti sadarkaa adda addaatiin hojiirra oolaa akka jirus daarektarri olaanaan kun hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan dijitaala Itiyoophiyaa 2025 haala gaariin kan goolabame ta’uufi jireenya hawaasaa karaa heddun kan mijeesse ta’uu eeraniiru. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 bu’uuraalee qunnamtii(komunikeeshinii) ofumaan misoomsuun tajaajila dijitaalaa haqa qabeessa ta’e babal’isuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itiyoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijitaalaa akka kennan ni taasifama
Dec 31, 2025 127
Mudde 22/2018 (ENA)– Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijiitaalaa kennuu akka danda’aniif galteewwan barbaachisoo guutamaa jiraachuu De’eetaan Ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa ibsan. Itiyoophiyaan fayyaa fi nageenya hawaasummaa lammiilee ishee mirkaneessuuf imaammatootaa fi tarsiimoowwan fayyaa idil-addunyaa fi biyya keessaa hojiirra oolchitee jirti. Kanaanis imaammata fayyaa ittisa irratti hundaa’e fayyadamuun du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuudhaan kaayyoo misooma itti fufiinsa qabu jalatti kaa’aman dursee milkeessuu danda’teetti. Doktar Daraijjee Dhugumaan ENA’tti akka himanitti, Ministeeri Fayyaa dhaabbilee fayyaa bittaa galteewwaniin ammayyeessuun, tajaajila fayyaa dijiitaalaan deeggarame kennuun, teknoloojii dijiitaalaa haala fooyya’aan fayyadamuun dhaabbata fakkeenya gaarii ta’e dha. Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 sektara fayyaatiif carraa gaarii akka fide himuun, xumura tarsiimoo kanaan dhaabbileen fayyaa hedduun sirna odeeffannoo isaanii gara sirna dijiitaalaatti akka ceesisan ibsaniiru. Bara 2030tti Itiyoophiyaa keessatti hospitaalonni hundi tajaajila guutummaatti waraqaa malee akka kennaniif galteewwan tajaajila dijitaalaa barbaachisoo ta’an guutamaa jiraachuu himaniiru. Ogeeyyiin Fayyaa Ekisteenshinii sirna fayyaa hawaasaa irratti hundaa’e keessatti odeeffannoo gandarra jiran sirna dijiitaalaan qabatanii gabaasa ittiin dhiyeessan akka jiru ibsaniiru. Kanaafis, adeemsa kana guutummaatti hojiirra oolchuun tajaajilli dijitaalaa sektara fayyaa keessatti sadarkaa olaanaa akka qabaatu ni taasifama jedhaniiru. Dhaabbilee fayyaa giddugaleessa godhachuun sirnoonni odeeffannoo gara dijitaalaatti akka ce’an kan ibsan Doktar Daraijjeen, hojmaanni to’annoo ogeeyyii fayyaa irratti gaggeeffamu hojiirra akka oolu ibsaniiru. Dijitaala Itoophiyaa 2030’n lammiileen mana isaanii taa’anii gorsa fayyaa fi tajaajila akka argatan, akkasumas beellama fayyaa salphaa fi saffisaan akka qabatan carraa uuma jedhaniiru. Dabalataanis, sirni dijitaalaa odeeffannoo yaalaa dhukkubsattootaa salphatti argachuuf dandeessisan hojiirra akka oolu eeranii, galteewwan, galteewwan sirna odeeffannoo dijitaalaa kana hojiirra oolchan gara biyyaatti galfamaa akka jiran ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Ispoortii
Bara Haaraa Faranjootaatti Maanchistar Siitiin Sendarlaandi waliin taphni gaggeessan hawwiin eegama.
Jan 1, 2026 113
Mudde 23/2018(ENA)– Piriimar Liigii Ingilizitti oolmaa guyyaa dhumaa torban 19ffaan taphoonni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 5:00 Senderlaandi Maanchister Siitii waliin Istaadiyeemii Ooflaayititti taphni gaggeessan ni eegama. Senderlaandi qabxii 28n sadarkaa 7ffaa qabateera. Maanchistar Siitiin qabxii 40n sadarkaa 2ffaarra jira. Bara Dorgommii kanatti gara Liigiitti kan guddate Senderlaandi yeroo gaarii dabarsaa jira. Haala gaariirratti kan argamu Maanchistar Siitiin gahumsa cimaa Liigichatti agarsiisaa jira. Manchistar Siitiin yoo injifate dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qaban gara 2tti gad buusa. Abbaan Istaadiyeemichaa Senderlaandi yoo injifate, bu’aa taphoota wal qixaa lamaa booda gara injifannootti deebi’uu isa dandeessisa. Sagantaawwan biroon Liivarpuul Liids Yuunaayitid waliin fi Kiristaal Paalaas Fuulhaam waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 2:30tti ni taphatu. Biriintifoordi Tootinihaam Hootisparsi waliin galgala sa’aatii 5:00 irratti ni taphatu.
Nageellee Arsiin injifannoo ittifufaasaa galmeesse
Dec 30, 2025 175
Mudde 21/2018(ENA) - Sagantaa Tapha Piriimar Liigiii Itiyoophiyaa torban 12ffaan, Nageellee Arsiin Magaalaa Diree Dawaa 3 fi 0n injifateera. Tapha Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameen Habiib Kamaal, Naatinaa’el Salamoonii fi Allenyitaa Maarqos galchii injifannoo lakkoofsisaniiru. Liigichatti injifannoo ittifufaa kan galmeesse Nageellee Arsiin qabxii 19n sadarkaasaa 8ffaarraa gara 5ffaatti ol guddiseera. Bara dorgommichaatti baay’ina taphoota injifate shaniin gaheera. Faallaasaan liigichatti yeroo 4ffaa kan mo’ame Magaalaan Dirree Dawaa qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera
Taphni Faasil kanamaan Itiyoo-Elektirikii waliin gaggeessan hawwiin eegama
Dec 29, 2025 197
Mudde 20/2018(ENA)- Piriimar ligii Itiyoophiyaa torban12ffaan har’a eeggala. Guyyaa sa’aatii 7:00 Faasil kanamaan fi Itiyoo-Elektirikii waliin Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Liigichaan Faasil kanamaan taphoota 11 gaggeesseen yeroo shan yoo injifatu yeroo 6 qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. Garichi qabxii 21n sadarkaa 2ffaa qabateera. Liigichatti hanga ammaatti kan hin mo’amne kilabiin qofeessi Faasil kanamaadha. Itiyoo elektiriik bara dorgommichaatti taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan 5n qixaan adda baheera. Galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Garichi qabxii 20n sadarkaa 5ffaa qabateera. Faasil kanamaan yoo injifate dursummaa liigichaa Buna Sidaamaarraa yeroof ni fudhata. Sagantaa biroon maqalee 70 Indartaan Qiddusgoorgis waliin galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan liigichatti taphoota 11 gaggeesse keessaa kan injifate yeroo 1 qofa. Yeroo shan yoo injifatamu haaluma wal fakkaatuun yeroo 5 qixa baheera. Galchiiwwan12 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 7n sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Liigichaan Inijifataan yeroo 16 Qiddusgoorgis gamasaan taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo 4 mo’ameera. Taphoota biroo hafan 2 qabxii qooddateera. Taphoota 11n galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Qiddus Goorgis qabxii 17n sadarkaa 6ffaa qabateera. Taphichaan Maqalee70 Indartaan injifannoo itti fufaa galmeessisuuf, Qiddus goorgis gara injifannootti deebi’uuf ni taphatu. Walwaloo Addai Giraat Yunvarsiitiin Magaalaa Baahir Daar waliin Guyyaa sa’aatii 10: 00tti Istaadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. Walwaloo Addigiraat Yunvarsiitiin qabxii 8n sadarkaa 18ffaa qabatee sadargaa gad- bu’aa keessatti argama. Walaayittaa Diichaan Magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaatti ni taphatu. Walaayittaa Diichaan qabxii 10n sadarkaa 17ffaan adarkaa gad bu’aa keessatti argama. Magaalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera. Magaalaan Aarbaa Minici Liigichaan tapha tokkoyyuu kan hin injifanne garee qofeessadha. Bunni Sidaamaa Liigicha qabxii 22n dursaa jira. Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 12ffaan hanga mudde 22 bara 2018tti ni tura.
Taphoota Waancaa Afrikaa marsaa 2ffaan har'a taphoonni afur ni taphatamu
Dec 28, 2025 260
Mudde 19/2018 (ENA) - Tapha waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Morookoon gaggeeffamaa jiruun har'a taphoonni marsaa 2ffaa afur ni taphatamu. Waaree booda sa'aatii 9:30 jalqabee Gaaboon Moozaambik waliin morkatti. Tapha marsaa jalqabaan Gaaboon Kaameeruuniin, Moozaambik ammoo Kootidivoweeriin injifatamuun kan yaadatamuu dha. Galgala sa'aatii 12:00 eegalee Ikkuwaatooriyaal Giiniin Sudaan waliin falmatti. Akkasumas halkan sa'aatii 2:30 jalqabee Aljeeriyaan Burkiinaa Faasoo waliin taphatti. Halkan sa'aatii 5:00 jalqabee immoo morkiin Kootidivowaar Kaameeruun waliin taasiftu tapha eegamuudha. Gareewwan lamaan taphoota 11 taphoota adda addaarratti waliin taphatan 11 keessa Kaameeruun yeroo 4 yoo injifattu, Kootidivowaar yeroo 4 injifachuun yeroo 3 ammoo qabxii qooddataniiru. Shaampiyoonaan Waancaa Afrikaa 34ffaa Kootidivowaar falmiin har'a warra Leencotaa waliin taasiftuun ni eegama. Tapha garee jalqabaatiin Kootidivoyaar Moozaambiikiin, Kaameeruun Gaabooniin 1 fi 0n injifatte. Humnoonni kubbaa miilaa Afrikaa ciccimoon lamaan waltajjii ardii irratti yeroo wal argan kun yeroo 6ffaati. Biyyoonni kunneen yeroo jalqabaaf kan waliin taphatan Waancaa Afrikaa torbaffaa, bara Faranjootaa 1970 Sudaan keessummeessite irratti ture. Yeroo sanattis Kaameruun 3 fi 2 mo’atte.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan itti aananitti haalli qilleensaa Gogaa, Aduu qabu kutaa biyyattii hedduutti itti ni fufa
Jan 2, 2026 64
Mudde 24/2018(ENA)– Guyyoota kurnan itti Aananitti haalli qilleensa Bonaa gogaa, Aduu fi qilleensa qabu kutaa biyyattii heduutti itti fufinsa akka qabaatu Inistitiyuutiin Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka beeksisetti Kaabaa bahaa, Baha, gidduugaleessaa fi kutaa biyyattii kibbaatti qorri galgalaa fi ganamaa digirii seeliishiyeesii shanii gadi akka ta’u odeeffannoon raaga haala qilleensaa mul’isa. Dhiibbaa qilleensaa saayibeeriyaarraa ka’uun qilleensi gogaa fi qorraan gara biyya keenyaatti qilleensa’u akka ittifufu raagni haala qilleensaa ni mul’isa jedheera. Bakka tokko tokkootti qorri ganamaa fi galgalaa cimee akka ittifufu ibseera. Gama biroon taateewwan meetiriyoloojii rooba kennan irraa ka’uun kibba lixaa, lixa, Kaaba bahaa, fi kutaa biyyaattii gidduu galeessaatti darbee darbee bakka xiqqaatti roobni xiqqaan akka jiraatu beeksiseera. Mudannoowwan haala qilleensaa roobaa kutaa biyyattii kibbaa fi kibba bahaa bonni yeroo roobaa 2ffaa argatan haala foyya’aa akka qaban ibsameera. Naannoowwan rooba gannaan misooman haala qilleensaa gogaan kan eegamu yoo ta’u, bakkeewwan murtaa’etti roobni xiqqaan yeroo malee roobuu akka danda’u odeeffannon raaga haala qilleensaa akka mul’isu beeksiseera. Haalli qilleensaa goginsaa kun omishawwan gannaa omishamanii walitti qabamaniif haala mijataa akka uumu ni eegama. Sululawwan kibbaa fi kibba bahaatti argaman guyyoota kurnan itti aananitti bishaan lafarraa akka argatan ni abdatama. Bakkeewwan biroon haala qilleensaa gogaa bonaa keessa akka turan ni eeggama jechuun inistitiyuutichi beeksiseera,.
Hojiileen eegumsa naannoof taasifaman oomishaa fi oomishtummaa guddisaniiru- Biiricha
Dec 31, 2025 125
Mudde 22/2018(ENA) - Waggoottan darban keessa hojiileen kunuunsaa fi eegumsa qabeenya uumamaaf taasifameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Biiroon Qonnaa Beenishaangul Gumuuz. Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya uumamaa obbo Abdulkariim Muusaa akka jedhanitti, hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaa baatii Amajjii keessa ni eegala. Hojiin kun aanaalee hunda keessatti akka hojjetamu eeruun, kutaaleen hawaasaa hedduun akka hirmaatan beeksisaniiru. Haaluma kanaan lafa heektaara kuma 57 ol ta’u irratti hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii raawwachuuf karoorfamuu ibsaniiru. Bara darbe lafa heektaara kuma 52 irratti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamuu yaadachiisaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetaman bu’aa hedduu argamsiiseera jechuun ENAtti himaniiru. Faayidaalee kanneen keessaa oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, dhiqama biyyee hir’isuu, burqaawwan bishaanii guddisuu fi itti fayyadama jallisii dabaluu eeraniiru. Faayidaa kunuunsi qabeenya uumamaa qabu hedduu ta’uu hubachuun, hawaasni hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii baatii Amajjii keessa eegalamu iraatti hirmaannaa cimsuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Dirree Dawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jira
Dec 30, 2025 132
Mudde 21/2018(ENA) - Dirree Dhawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jiraachuu ibse Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii bulchiinsichaa. Bulchiinsichatti waktii Bonaa kana keessa lafa bishaan manca’e heektaara kuma 5 fi 550 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii akka raawwatamu himameera. Biiroo Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsichaattii Daarektarri Misooma Qabeenya Uumamaa fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa Alii Ahimad ENAtti akka himanitti, waggoota darban keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaan sululoota gogan keessatti taasifamaa ture imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu milkeessaa jira. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen burqaawwan deebi’uun damdamachuu jalqabuu, akkasumas misooma jallisii xixiqqaan gandoota baadiyyaa keessatti babal’achuu ibsaniiru. Kana malees kunuunsi qabeenya bishaanii fi biyyee oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu taasisuun nyaanni beeladootaas akka argamu gargaareedha jedhan. Kunis wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuu danda’eera jedhan. Keessattuu dargaggoonnii fi dubartoonni waldaaleen misooma bishaan kuufamaa irratti gurmaa’uunii fi lafa qonnaa haaraa misooma bishaan kuufamaatiin uumame gara misoomaatti jijjiiruun irraa fayyadamoo ta’aniiru jedhani. Dhuma baatii kanaatti kan eegalamu misoomni bishaan kuufamaa, jiraattonni bulchiinsichaa kuma 37 fi 550 ol kan irratti hirmaatan ta’u jedhameera. Qonnaan bultoota yaada isaanii ENAf kennan obbo Adar Hasaniifi Adar Abdullaahii Yusuuf akka jedhanitti kunuunsi misoomni qabeenya bishaaniifi biyyeef taasisan kuni lafa gabbataan lolaan akka hin haqamne gochuun oomishaa fi oomishtumma isaanii dabaluu himan. Keessattuu, misoomni burqaa bishaanii fi misoomni jallisii wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf akka isaan dandeessise, misooma bishaan bona bara kanaa irratti hirmaachuuf eeggachaa akka jiran hubachiisaniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 414
Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira. Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1394
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9799
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.