Angafoota Oduu
Kan mul'ate
Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 2391
ENA
Siyaasa
Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame
Sep 27, 2023 491
Fulbaana 16/2016 (TOI)- Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame. Ayyaanni dhalootaa Nabii Mahaammad kuma 1 fi 498ffaan “mata duree “Nabii abbaa dhiifamaa” jedhuun abbootiin amantaa Islaamaa, hooggantoonni mootummaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee amantaa biroo fi keewssummoonni waamichi taasifameef bakka argamanitti masjiida Aniwaar Guddichatti kabajameera. Itti aanaan pirezidaantii mana maree olaanaa dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Sheeh Fatihuddiin Haajii Zayinuu wayita kana, wayita ayyaana Mawuliidaa kabajnu karaa nagaa, jaalalaa fi tokkummaa ummataa cimsuun ta’uu qaba jedhaniiru. Hawaasni musliimaa misoomnii fi nageenyi ummataa akka mirkanaa’u yaalii taasisaa jiru caalaatti akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru. Imaamiin Msjiida Aniwaar guddichaa Sheeh Xahaa Haaruun gamasaaniin, Mawuliidiin ayyaana jaalalaa, waloomaa fi tokkummaa ta’uusaa dubbataniiru. Hawaasni musliimaa Mawuliida wayita kabaju akkaataa bariisa Nabii Mahaammadiin gad ofqabuun, dhiifama gochuun fi walgargaaruun , dadhaboota gargaaruun akkasumas lammiilee hordoftoota amantaalee biro waliin walooma cimsuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Ittigaafatamtuun biiroo bulchiinsa nageenyaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa, ayyaanni Mawuliidaa wayita kabajamu dhiifamni Nabii Mahaammad, gad ofqabuu fi duudhaaleen tolummaa kanneen biroo karaa agarsiisuun ta’uu qaba jedhan. Rakkoolee akka biyyaatti mudatan hiikuuf aadaa mari’achuu gabbisuun misooma Itiyoophiyaa hundagaleessaa fi milkaa’ina guddina hawaasummaaf hundi tumsuu akka qabu ittigaafatamtuun biiroo kun dubbataniiru.
Tumsi Tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa Dameelee Tumsaa Addaddaatiin Ittii Fufsiisuuf Hojjetamaa Jira- Ahimad Shidee
Sep 27, 2023 89
Fulbaana 16/2016 (TOI)- Tumsi Tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa Dameelee Tumsaa Addaddaatiin Ittii Fufsiisuuf Hojjetamaa Akka Jiru Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Guyyaan biyyaalessaa hundeeffama Rippaabiliika Chaayinaa waggaa 74ffaa kaleessa galgala Finfinneetti kabajameera. Hooggantoonni mootummaa olaanoo, miseensonni hawaasa dippilomaatikii fi keessummoonni waamichi taasifameef sagantaa kanarratti argamaniiru. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Chaayinaan biyyoota michooma seenaqabeessa wal amantaarratti hundaa’e qabanidha. Haala Kanaan Chaayinaan Itiyoophiyaatti dameelee ijaarsaa daandii si’aayinaa, sarara baaburaa, ijaarsa anniisaa fi bu’uura misoomaatiin qooda guddaa bahaa akka jirtu ibsaniiru. Fuulduras akkaataa itti fayyadama walootiin tumsa tarsiimawaa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf Itiyoophiyaan cimsitee kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru. Itti aanaa dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa doktar Mooniik Nsaanzabagaanwaa, Chaayinaan ijaarsa dinagdee Afriikaarratti deeggarsa olaanaa taasisaa akka jirtu ibsaniiru. Fuulduras ijaarsa dinagdee dijitaalaa hammataa fi muuxannooshee hiyyuma hir’isuu qooduun dameelee tumsa misoomaa dargaggoota Afriikaa fayyadamaa taasisanirratti tumsashee cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru. Itiyoophiyaatti gaggeessaan itti aanaa misiyoonii embaasii Chaayinaa Shiin Chiinmiin, Chaayinaan Inisheetiivii Beelt endi rood bocuun dameelee misoomaa Afriikaa addaddaa keessatti Ashaaraashee kaa’aa jirti jedhan. Hammattoo Kanaan waggoota 53 kan dabarse tumsi tarsiimawaa hundagaleessi Itiyoo-Chaayinaa tumsa siyaasaa fi dinagdeetiin cimee itti fufuusaa dubbataniiru. Guyyaan biyyaalessaa Rippaabiliika Chaayinaa “Shiiyyii” jedhamuun kan beekamu yemmuu ta’u, akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1949 pirezidaantii Rippaabiliikii Chaayinaa duraanii Maa’oo Zedoongiin mootummaan ummataa hundaa’uurraa isaatiin waggaa waggaa nikabajama.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa poolisiin poolisiif jedhuun jalqaban gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigalan
Sep 23, 2023 143
Fulbaana 12/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa poolisiin poolisiif jedhuun biyyoonni lamaan jalqaban gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigalan Jilli komishinara Jeneraalaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantii dhaabbata gamtaa ajajoota poolisii Afriikaa bahaa Dammallaash Gabramikaa’elii fi miseensa boordii fooramii tumsa nageenya ummataa idil addunyaan durfamu Caayinaa daawwateera. Fooramii lammaffaa tumsa nageenya ummataa idil addunyaa mata duree “One World, Common Security” jedhuun bulchiinsa Jiyaangisuu magaalaa Liyaanyuungaang qophaa’erratti kan hirmaatan komishinar Jeneraalichi hojii riifoormii dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin gaggeeffamaa jiruu fi milkaa’inoota jijjiiramaa argaman waltajjii idil addunyaa kanaaf dhiheessaniiru. Walgahii kana cinaatti ministira nageenya ummataa Chaayinaa Miister Waang Jiyaahoong waliin tumsa biyyoota lamaanii gama poolisii poolisiif jedhuurratti mari’ataniiru. Kanaanis tumsa biyyoota lamaan jidduutti jalqabame gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigaluusaanii odeeffannoon komishinacharraa argame ni’eera. Kanaa alatti komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el pirezidaantii dhaabbata poolisii idil addunyaa(Intarpool) fi ministira biyya keessaa emereetota Araba Gamtoomanii Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Raayisii waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis tumsa biyyoota lamaanii fi dhaabbata poolisii idil addunyaa waliin jiru caalaatti cimsuun waliin hojjechuuf waliigalteerra gahaniiru. Pirezidaantiin Intarpoolii Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Raayisii dhiheenyatti Itiyoophiyaa akka daawwatan odeeffannoon ni’eera.

Hawaasummaa
Diinagdee
Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan boqonnaa hariiroosaanii tumsa dinagdee olaanaatti ceesisanirratti argamu-Ambaasaaddar Mohaammad Laamnee Laabaas
Sep 26, 2023 59
Fulbaana 15/ 2016 (TOI)- Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan boqonnaa hariiroosaanii tumsa dinagdee olaanaatti ceesisanirratti akka argaman Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Aljeeriyaa Mohaammad Laamnee Laabaas ibsan. Itiyoophiyaatti ambaasaaddrri Aljeeriyaa ambaasaaddar Mohaammad Laamnee Laabaas TOI’f akka ibsanitti, biyyoonni lamaan hariiroo bara dheeraa qabu. Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan gama siyaasaan hariiroo cimaa qabaatanis, gama dinagdeetiin amma barbaadamu walitti hidhata akka hinqabne kaasaniiru. Tajaajilli geejjiba Xayyaaraa kallattii biyyoota lamaan jidduutti osoo hinjalqabamiin turuunsaa laafina tumsa dinagdeef sababa tokko akka ture eeraniiru. Kana fooyyesuus tajaajilli Xayyaaraa kallattii Finfinnee fi Aljeeriyaa jidduutti akka jalqabamu xiyyeeffannoon hojjetamaa akka turehimaniiru. Tumsa damee geejjibaa qilleensaa cimsuuf waliigaltee taasifameen torbee darbe daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Aljeeriyaarraa gara Finfinneetti kallattiin balali’uunsaa ibsaniiru. Kun ammoo hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii cimsuun gara tumsa dinagdee olaanaatti boqonnaa haaraa bana jedhaniiru. Tumsi damee aviyeeshiniin jalqabame Aljeeriyaan daandii qilleensaa Itiyoophiyaarraa muuxannoo akka argattu akka taasisu ibsanii, tumsa kana cimsinee itti fufna jedhan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Baatii Hagayyaa bara 2014 daawwannaa Aljeeriyaatti taasisaniin pirezidaantii biyyattii Abdulmajiid Taabuunee waliin haala tumsa walitti hidhamiinsa dinagdee biyyoota lamaanii cimsuu danda’anirratti mari’achuunsaanii niyaadatama. Hooggantoonni lamaan balallii kallattii biyyoota lamaan jidduutti jalqabsiisuu, wajijjiirraa daldalaa fi hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii jidduutti cimsuun haala danda’amurratti mari’achuunsaanii niyaadatama. Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1962 erga bilisa baatee jalqabee biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii kan uuman yemmuu ta’u, Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1976 Finfinneetti Embaasii banatteetti.
Naannoo Amaaraatti Lafti Ruuziin misoomu dabalaa akka jiru biiroon qonnaa naannichaa beeksise
Sep 26, 2023 79
Fulbaana 15/2016(TOI)- Naannoo Amaaraatti misooma Ruuzii babal’isuuf yaalii taasifameen lafti Ruuziin misoomuu fi oomishni argamu dabalaa dhufuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Bara oomishaa 2015/16 naannichatti lafa Ruuziin misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 4 akka eegamu biirichi ibseera. Biirichatti qindeessituun misooma Ruuzii adde Inniyyee Asaffaa TOI’f akka ibsanitti, oomishni kun kan eegamu aanaalee 17 Ruuziin itti oomishamu lafa heektaara kuma 83 fi 650 irraa akka ta’e ibsaniiru. Raawwiin kun kan bardheengaddaa waliin walcinaatti yemmuu ilaalamu lafa heektaara kuma 22, oomishaan ammoo kuntaala miiliyoona 2 ol caalmaa akka qabaatu dubbataniiru. Kun ammoo lafti misoomuu fi misoomni argamu kan agarsiisu yemmuu ta’u jiddugaleessi qorannoo fi leenjii Ruuzii biyyaalessaa Fogaraa, fi dhaabbileen biroo sanyii fooyya’aa dhiheessaniin qonnaan bulaan wabii nyaataa akka mirkaneessuu fi fayyadama dinagdee akka guddisu akka gargaare dubbataniiru. Qonnaan bulaan godina Gondar Kibbaa aanaa Fogaraa ganda Aguwaakookiit Tsahaaynew Sinnishaawu yaada kennaniin, lafa heektaara lamatti hiiqurratti Ruuzii oomishaa akka jiran ibsaniiru. Barana hanqinni xaa’oo mudatus Ruuzii oomishamaa jirurraa kuntaala 130 akka argatan beeksisaniiru. Sanyiin Ruuzii oomisha guddaa kennan yeroo yerootti dhihaachuunsaanii nufayyadeera kan jedhan ammoo qonnaan bulaa aanichaa Allebbaachoo Guwaaddeeti. Lafa heektaara tokkoo fi walakkaarratti Ruuzii oomishaa akka jiran ibsaniiru. Naannichatti bardheengaddaa Ruuzii lafa heektaara kuma 61 fi 497 irratti misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 3 tiqaa 2 ol argamuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksiseera. Naannoo Amaaraatti lafti oomisha Ruuziif ta’u heektaara miiliyoona 1 ol akka jiru odeeffannoon biiroo qonnaa naannichaarraa argame nimul’isa.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’atan
Sep 21, 2023 113
Fulbaana 10/2016 (TOI) - Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa Niyoorkitti taa’amaa jiru cinaatti hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’ataniiru. Mariin kun haala maayikiroosooftii fi Itiyoophiyaan waliin hojjchuu danda’anirratti kan xiyyeeffatedha. Ministirichi yaalii babal’ina teeknooloojii, tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa akkasumas dargaggoota beekumsa dijitaalaan cimsuuf Itiyoophiyaatti taasifamaa jiru hooggantootaaf ibsaniiru. Itiyoophiyaan hubannoowwan namtolchee guddisuuf hojii hojjechaa jirtu kan ibsan yemmuu ta’u, kun ammoo hojii kaampaanicha waliin tumsaan hojjetamu keessaa damee tokko akka ta’u dubbataniiru. Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa dijitaalaa babal’isuuf keessumaa tajaajila kilaawudii, jiddugaleessa deetaa fi bu’aalee teeknooloojii dijitaalaa biroo maayikiroosooftii waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru. Kaampaanichi alaqa hojii teeknooloojiirratti jalqabdoota jajjabeessuuf maallaqqan, leenjii fi galteewwan barbaachisan dhiheessuun haala Itiyoophiyaa itti gargaaruu danda’urratti ibsa kennaniiru. Hooggantoonni kaampaanii Maayikiroosooftii gamasaaniin, tajaajila teeknooloojiin dijitaalaa fayyaa, qonnaa fi akkasumas dameelee biroof kennu ammayyeessuuf yaalii taasifamu deeggaruuf fedhii akka qabu ibsaniiru. Kana malees sagantaa teeknooloojii dijitaalaa Afriikaatti babal’isuuf Itiyoophiyaa akka filmaataatti fayyadamuuf fedhii akka qabu hooggantoonni kunneen ibsaniiru.
Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jira.
Sep 7, 2023 514
Qaammee 2/2015 (TOI) - Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu deetaan Ministira Geejibaafi Loojistikii obbo Dhengee Boruu beeksisan. Itoophiyaatti Agarsiifni jalqabaa Innooveeshinii Aviyeeshinii baatii Onkoloolessa dhufu gaafa guyyaa 13 -17/2016tti Finfinnee golambaa Saayinsiitti ni taasifama. Ministeerri Geejibaafi Lojiistikiifi Abbaan Taayitaa Sivilaaveeshinii Aveeshinii Itoophiyaa agarsiisa kana ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Agarsiifni kun ''Innoveeshinii Aviiyeshinii dorgomaa ta'e'' jedhuun kan geggeeffamu ta'uu ibsameera. Deetaan Ministira Geejibaafi Lojiistikii obbo Dhengee Boruu wayita ibsa kenneen akka himanitti Itoophiyaan damee Aviyeeshiniin milkaa'ina guddaa gonfachaa jirti. Mikaa'ina kana caalaatti guddisuun gara fooyya'insa olaanaatti ceesisuuf hojiin adda addaa hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Haaluma kanaan Itoophiyaa waaggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii Afrikaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarekatarri olaanaa Aviyeeshinii Itoophiyaa obbo Geetaachoo Mangistuu gama isaaniin kaayyoon agarsiisa qophaa'uuf jiru ogeeyyii hojii kalaqaa Aviyeeshinii irratti bobba'aniifi qaamolee adda addaaf beekamtii kennuu, deeggaruufi jajjabeessuu tekinolojiin Aviyeeshiniifi Innoveeshinii akka babbal'atu taasisuudha jedhaniiru. Dameen Aviyeeshinii bala'aafi baay'ee ta'uu himanii, Itoophiyaan geejiba qilleensarraan milkaa'ina qabdu damee biroo irratti babal'isuufi sadarkaa idil addunyaatti dargamtuu akka taatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Agarsiisa kanarratti Daandii Qileensaarraa, Oomishistoota Xiyyaaraafi tekinolojii Aviyeeshinii biroo, Dhaabbtilee tajaajila Aviyeeshiniirratti hirmaatan kan biyya keessaafi alaa, dhaabbilee mootummaafi motummaa qamni ilaallatu akka irratti hirmaatan himaniiru. Kanneen hojii kalaqaa adda addaa of harkaa qaban ogeeyyiin hedduus agarsiisa kanarratti kan hirmaatan ta'uun himameera. Agarsiifini kun qindoomina abbaa taayitaa Aviyeeshii Itoophiyaa, Ministeera Geejibaafi Loojistikii, Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Hunda qilleensaa Itoophiyaa, Bulchiinsa nageenya odeeffannoo biyyaaleessaa, Instiitituyuutii Intalajensii Artifashaalii Biyyaaleessaafi Instiitiyutii Ji'oo ispeeshaalii Saayinsii Hawaan kan qopha'uu ta'uu himaniiru.
Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu qabu-Ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojii
Sep 2, 2023 373
Hagayya 27/2015 (ኢዜአ) ፡- Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu akka qaban Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojiiibse. Waltajjiin xumuraa mirkaneessa raawwi hojii yeroo walakkaa tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 adeemsifameera. Waltajjii dhaabbileen mootummaa dhimmi ilaalu itti hirmaatanirratti hojiileen akka hojjetaman tarsiimoon kaa’aman eessa akka gahan odeeffannoo sassaabuu fi hojiin mirkaneessuu hojjetamuunsaa ibsameera. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fiteeknooloojii Huuriyaa Alii akka ibsanitti, Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi fi dameen dhuunfaa tumsaa fi qindoominaan hojjechuutu irraa eegama. Hojii hunda keessatti odeeffannoon hatattamaan akka darbuu fi walhubachuun jiraachuu qaba kan jedhan de’eetaan ministiraa kun fuuldura odeeffannoon cuunfamee fi mirkanaa’e ummataaf akka ifoomu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’iusa. Qonni, Tuurizimiin, industiriiwwan oomishaa idil addunyaa keessa galan tajaajiloonni infoormeeshinii fi komunikeeshinii keessa galan tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025’n dameelee dursi kennameef ta’uun himameera. Bu’ura misoomaa ijaaruun, haalota dandeessisan, appilikeeshinii dijitaalaa fi dirree dijitaalaa uumuun utubaa tarsiimoo kanaa yemmuu ta’an, dhaabbileen kanneen diriirsuuf qabeenyaa qusachuun fi waliiqooduun hojjechuu akka qaban eerameera.
Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Qophii Kana Xieeffannaa Keessa Galche Gochuu Qabu-Ministeera Inniveeshinii fi Teeknooloojii
Aug 30, 2023 403
Hagayya 24/2015 (TOI)- Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Kana Xieeffannaa Keessa Galchuun ofis ta’e biyyasaanii fayyaduuf hojjechuu qabu jedhan De’eetaan Ministiraa Inniveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii. Mata duree “Itiyoophiyaa dijitaalaa fi qooda dubartootaa” jedhuun waltajjiin hooggantoota dubartootaa naannawa Itiyoophiyaa hindaarraa walitti babahan irratti hirmaatan magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira. Waltajjichi imala dijitaalaa Itiyoophiyaa fi qooda dubartootaa, addunyaa dijitaalaa keessatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu, qoodama dijitaalaa (digital divide) saayibarii rakkisuu fi abbaa irrummaa (cyberbullying) ittisuu jedhanirratti kan xiyyeeffatedha. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Alii waltajjicharratti akka jedhanitti addunyaan hojmaata dijitaalaatti gala waan jiruuf hooggantoonni dubartoonni qophii kanarratti xiyyeeffate gochuun ofis biyyasaaniis fayyadamaa taasisuuf hojjechuu qabu jedhan. Qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa akka qaban de’eetaan ministiraa kun dubbataniiru. Qoodmaan dijitaalaa saalaan, Umuriin, naannawaa fi meeshaalee itti fayyadamaniin akka mul’atu ibsanii, qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjechaa kan jirtu yemmuu ta’u, qoodmaa dijitaalaa bifa addaddaan mul’atu dhiphisuun fayyadama walqixaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru himameera.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan itti aanan roobni qonnaa yeroo gannaaf mijataa ta'ee ni rooba
Sep 22, 2023 260
Fulbaana 11/2016(TOI) - Guyyoota kurnan dhufan bakkeewwaan rooba yeroo hannaa fayyadamoo ta'anitti irra caalaan roobni kan roobu ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI'f ergeen guyyoota kurnan dhufanitti roobni bakkeewwaan eerame kanatti roobu oomisha qonnaa waqtii gannaaf mijataa kan ta'edha jedheera. Keessattuu naannawwa bahaa fi kaaba bahaa biyyatti walakkeessa gannaarra eegalee hanqinni rooba tureetti roobni kan roobu ta'uu ibseera. Roobni bakkeewwan kanneenitti roobu mala bishaan kuusuu adda addaa fayyadamuun qonnaaf akka ooluu kuusuun barbaachisaa ta'uu Inistiitiyutichi akeekeera. Gama biraatiin kallattii Kibbaa fi Kibba Baha Itoophiyaatti uwwisni duumessaa dabalaa dhufuun walqabatee jiidhinni uumamuu danda’u naannawwaa horsiisee bultootaafi gariin horsiise bultootaatti roobni akka roobu haala kan mijeessuu ta'uu ibsa isaan eereera. Kana malees, raagni qilleessaa akka agarsiisutti, bakkeewwaan yaa'awwan Kaabaa, Kaaba lixaa, Lixaafi Baha Giddugaleessaatti jiidhinsi fooyya’aan ni jiraata. Haa ta’u malee, rooba cimaan bakka tokko tokkotti roobuu danda'uun qarqara galaanaa fi naannoo lolaadhaaf saaxilamoo ta'anitti signi lafaa mudachuu waan danda'uuf qaamonni dhimmi ilaallatu of eeggannoo barbaachisaa akka godhan inistiitiyutichi dhaamera. Hidhawwan akka Qoqaa, Yaa'a laga Awaash, Xaanaa Baalesiifi Fincaa'aa, bishaan isaanii guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf hordoffiin barbaachisaan akka taasifamu tilmaamni kun ni mul’isa.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 2722
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015