Tamsaasa Kallatti:

Kaardii fudhanneen paartii biyya guddisuuf hojjetu  filachuuf qophoofneerra

Caamsaa9/2018(ENA)- Jiraattonni Godina Jimmaa kaardii filannoo fudhataniin paartii biyya ni guddisa jedhan filachuuf guyyaa filannoo eeggachaa jiraachuu ibsan.

Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa baaseetti, filannoon waliigalaa keessaa inni 7ffaan Caamsaa 24  bara 2018 guyyaa filannooti.

 Paartileen siyaasaas filannoowwan tarsiimoo (fooyya’aa) fi maanifeestoo isaanii yeroo qilleensaa fi fuula gaazexaa bilisaan isaaniif kennametti fayyadamuun beeksisuu itti fufaniiru.

Jiraattonni Godina Jimmaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, paartii siyaasaa nu fayyada jedhan filachuuf guyyaa filannoo hawwiin eeggachaa jiraachuusaanii dubbataniiru.

Jiraattuun Godina Jimmaa Aanaa Omoo Naaddaa aadde  Saaliyaa Yusuuf akka jedhanitti; Filannoon sagaleen carraa gara fuulduraa biyyaa murteessuuf kan gargaaru waan ta'eef, guyyaa sana paartii biyya ni guddisa jedhan filachuuf qophaa'aniiru.

Jiraattonni kaardii filannoo fudhatan hundi guyyaa sana ba'anii paartii amanan akka filatanii fi sagalee akka kennan  dubbataniiru.

Jiraataan biraa aanaa kanaan Obbo Mahaammad Sheek Kadir gama isaaniitiin; Kaardii filannoo fudhataniin paartii biyyaa fi uummataaf fayyada jedhan filachuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru.

 Kunis mirga isaanii kan heerarra jiru ta'uu hubatanii warra kaanis hubachiisaa akka jiran eeraniiru.

Jiraataan Magaalaa Jimmaa dargaggoon Wandasan Asaffaa  filannoon bu'uura deemokiraasii kan kaa'uu fi carraa gara fuulduraa biyyattii karaa deemokiraatawaa ta'een murteessuuf kan gargaaru waan ta'eef, guyyaa sana hawwiin eeggachaa akka jiru ibseera.

 Kan malees, lammiin hundi sagantaa boordiin filannoo biyyoolessaa baase bu'uureffachuun guyyaa sana sagalee isaa akka kennu waamicha dhiyeessera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015