Naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Caamsaa7/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf qophiin gahaan taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.
Naannichatti sagantaa Ashaara Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan tajaajila adda addaatiif oolan qophaa'uun isaaniis ibsameera.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanaan biqiltuuwwan dhaabamaniifi faayidaa hedduu qaban haala qabannaa isaanii dabaluuf, boolla biqiltuu dhaaban haala mijaawaa ta'een qopheessuun qilleensaa fi jiidhinsa biyyoo gahaa akka argatan gochuun barbaachisaa ta'uun isaa himameera.
Yeroo iddoon filatamu hanqinni bishaanii akka hin mudanneef kuusaawwan bishaanii hojjechuun fi biqiltuun sun haala qilleensa naannichaa wajjin kan wal-simatu ta'uu isaa mirkaneessuun qaama xiyyeeffannoo kanaati.
Dabalataanis, biqiltuun sun dhibee dandamachuu danda'uun isaa, erga dhaabamee booda tuttuqqaa bineensotaa irraa ittisuunii fi hojii hordoffii walitti fufiinsa qabu gaggeessuun qabannaa isaaniitiif shoora olaanaa akka qabu eerameera.
Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumaamaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Katamaa Abdiisaa ENA'f akka ibsanitti; waggoottan jijjiiramaa keessatti naannichatti hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa raawwataman dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa haala ittifufinsa qabuun dandamachuun omishaa fi omishtummaan akka dabalu gargaaraa jiru.
Saganticha eegumsa naannoo fi misooma bosonaa wajjin walitti hidhuun omisha fi omishtummaa dabaluuf fi ikkooloojii eeguuf tattaaffii taasifameen bu'aan jajjabeessaan argamuu isaas daarektarichi beeksisaniiru.
Hojii kana itti fufsiisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa adda addaatiif oolan qophaa'uu isaanii fi adeemsi dhaabbii karaa saayinsaawaa ta'een akka raawwatamu qonnan bultootaaf leenjiin kennamuu isaa eeraniiru.
Biqiltuuwwan Ganna dhufuutiif qophaa’an keessaa kanneen bosonaaf, miidhaginaa fi soorataatiif oolan (fuduraalee fi muduraalee) kan jiran ta'uu eeranii, kanafis lafa adda baasu