Tamsaasa Kallatti:

Nyaataan of danda'uun  Ajandaa keenya isa  guddaadha  - Minisira Muummee doktar  Abiyyi Ahimad

Caamsaa 9/2018 (ENA)-  Nyaataan of danda'uun Ajandaa  keenya isa dursaati jechuun Ministirri Mummee  doktar   Abiyyi  Ahimad   hubachiisan.

Ministirri Muummee doktara  Abiyyi  Ahimad   har'a ganama Aliikoo  Daangotee waliin ta'uun sadarkaa ijaarsi Warshaa  Xaa’oo Yuuriyaa Godeetti ijaaramaa jiru  irra ga’e daawwataniiru.

Daawwannaa isaanii booda ibsa kennaniin, nyaataan of danda'uuf lafti ni barbaachisa, bishaan ni barbaachisa, namnis ni barbaachisa, isaan kana ammoo  qabna   jedhaniiru.

Sanyii filatamaa fi xaa’oo irratti hojjechaa jirra kan jedhan ministirri Muummee , dhimmoota kana yoo guunne nu qofaaf osoo hin taane warra biraatiifis kan hafu oomishuu ni danda'ama jedhaniiru.

Naannoon Somaalee bakka  misoomaaf  baay'ee mijataa  ta'uu isaa eeranii, lafa fi bishaan jiru gara jallisitti galchuun naannoo Somaalee qofatti waanti  misoomu namoota hedduudhaaf  gahuu akka danda'u   ibsaniiru.

Kana gochuufis hojii, qabeenyaa fi yeroo kan gaafatu ta'uu ibsuun,  isaan kana yoo milkeessine  rakkoon   keenya baay'een kan  furumu  ta'a jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015