Tamsaasa Kallatti:

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa hojiiwwan milkaa'oo waggoottan darban keessa raawwateen Afriikaa irraa daandii qilleensaa  dursaa  fi guddicha ta'uu danda'eera

Caamsaa 9/2018 (ENA)- Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa hojiiwwan milkaa'oo waggoottan darban keessa raawwateen Afriikaa irraa daandii qilleensaa dursaa fi guddicha ta'uu danda'uu isaa Hoogganaan hojii Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo ibsan.  

Daandiin qilleensichaa hundeeffama isaa waggaa 80ffaa sababeeffachuun fiigicha daandii irraa kiilomeetira 8 qopheesse gaggeessaa jira.

Hogganaan hojii  Raawwachiisaa Olaanaa  Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo  wayita sana  akka ibsanitti, dhaabbatichi seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf bara 1938 (A.L.H) hojii yeroo jalqabu xiyyaarota xixiqqoo muraasaan qofa balalisaa  akka ture yaadachiisaniiru.

Yeroo sanaa kaasee guddina walirraa hin cinne taasiseen, yeroo ammaa kana xiyyaarota ammayyaa teeknoolojii addunyaa hammatan kanneen akka Booyingii, Eerbaasii fi xiyyaarota biroo qabaachuu danda'uu  ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa yeroo ammaa sadarkaa Idil -Addunyaatti  bakkeewwan gahuumsaa 145 ol akka qabu kan ibsan hoogganaan hojii raawwachiisaa olaanaa kun, keessattuu tajaajila fe'umsa meeshaa (kaargoo), leenjii Akkaadaamii Aviyeeshinii fi tajaajiloota damee kanneen biroon fakkeenya kan ta'u hojjechaa jira jedhaniiru.

Cimina caasaa fi guddinni tarsiimowaa  kun daandii qilleensichaa filatamaa fi dursa akka ta'u   isa dandeessisuusaa  eeraniiru.

Daandiin qilleensichaa imala milkaa'ina seenaa waggaa 80ffaa isaa fiigicha daandii irraa har'aa dabalatee, marii paanaliin, agarsiisotaan fi sagantaalee hawaasummaa adda addaan haala miidhagaadhaan kabajaa akka jiru ibsaniiru.

Sagantaa fiigichaa kana irratti Pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Silashii Sihiniin dabalatee, hoggantoonni daandii qilleensichaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Fiigichi daandii irraa haala addaan gaggeeffamaa jiru kun ka'umsa isaa Addabaabayii Puushkiin (Saar Beet) godhachuun  Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti xumura isaa taasisa.

Dorgommii kana irratti atleetoonni, hojjettoonni daandii qilleensichaa fi maatiin ispoortii fi hojjettoonni dhaabbilee adda addarraa dhufan   hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015