Tamsaasa Kallatti:

Ganna dhufu kana naannichatti lafti heektaara kuma 10 ol avokaadoodhaan dhaabama

Caamsaa 4/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna dhufu kana naannichatti lafti heektaara kuma 10 ol avokaadoodhaan akka dhaabamu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera.

Biirichatti itti gaafatamaan damee kuduraa fi muduraa obbo Muhammadsaanii Amiin ENAtti akka himanitti, gosoota avokaadoo fooyya’aa ta’an qonnaan bultoota naannichaaf akka dhiyaatan gochuun Inishiyeetiivii Misooma Avokaadoo bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa jira jedhani.


Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna dhufu kana gaggeeffamuuf biqiltuuwwan fuduraa gosa adda addaa kudhan qophaa’uu himaniiru.

Itti dabaluunis biqiltuun avokaadoo, muuzii, zayituunaa, paappaayaa, giishxaa, burtukaana, appilii, loomii fi biqiltoonni fuduraa biroo bal’inaan qophaa’aniiru jedhani.

Naannichatti oomishaa fi omishtummaa avokaadoo guddisuuf gosoota fooyya’oo fi omisha olaanaa kennan horsiisuun qophii biqiltuu irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan.

Akkasumas naannichatti lafti heektaara kuma 80 ol ta’u hanga ammaatti biqiltuu avokaadoo idilee fi fooyya’aa ta’een uwwifamuu isaa ibsaniiru.

Hojiiwwan misooma avokaadoo al-ergiif oolu guddisuun oomishaa fi oomishtummaa isaa guddisan xiyyeeffannoon addaa akka kenname eeruun, kunis kilaastaraan fi yeroo yeroon Godina, magaalotaa fi aanaalee naannichaa hunda keessatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015