Tamsaasa Kallatti:

Kaardii Filannoo fudhanneen Paartii misoomaa fi guddina biyyaaf ni fayyada jennu filachuuf qophoofneerra

Caamsaa 6/2018(ENA): Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENAf kennan akka jedhanitti, filannoo biyyaalessa 7ffaaf kaardii filannoo fudhatanitti fayyadamanii, paartii siyaasaa misoomaa fi guddina biyyaaf ni fayyada jedhaniif sagalee kennuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru.

Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin kaa'ametti, filattoonni Caamsaa 24 bara 2018 sagalee isaanii ni kennu.

Galmeen filattoota filannoo biyyaalessa 7ffaa baranaa Guraandhala 28 hanga Bitootessa 28 bara 2018 kan gaggeeffame yoo ta'u, guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Ebla 14 bara 2018tti akka dheeratu taasifamee xumurameera.

Sagantaa kaa'ameen, namoota biyya keessatti buqqa'anii kaardii filannoo hin fudhatiin, Barattoota Yuunivarsiitii keessatti argamanii fi miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa kaampii keessa jiraniif haala addaatiin hanga Ebla 24 bara 2018tti dheerachuun xumurameera.

Filattoonni appilikeeshinii dijiitaalaa "mircaayee" jedhamuu fi buufata filannootti qaamaan dhiyaachuun, filattoonni miiliyoona 50 fi 514 ol sagalee kennuu kan dandeessisu kaardii filannoo fudhachuu danda'aniiru.

Filannoo biyyaalessa 7ffaa kanaan paartileen siyaasaa morkattootaa 47 ta’an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934 galmeessisuun, miidiyaaleen fayyadamanii yaada filannoo imaammata isaanii uummataaf beeksisaa jiru.

Dhaabbileen biyya keessaa 55 Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa beekamtii taajjabbii filannoo argatan, kutaalee biyyaa adda addaatti bakka bu'oota kuma 60 fi 277 ol bobbaasaniiru.

Dhaabbileen Hawaasa siivilii 169 beekamtii qabanis uummata filataaf barnootaa fi leenjii hubannoo uumuu adda addaa kennaa jiru.

Jiraattonni Magaalaa Finfinnee filannoo biyyaalessa 7ffaaf galmaa'anii kaardii fudhatan ENA’f akka ibsanitti; paartii biyyaa fi uummataaf ni fayyada jedhan filachuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru.

Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an Obbo Warquu Fiqaaduu, kaardii filannoo fudhachuu irraa eegalee guyyaa filannoo sanas hawwiin eeggachaa akka jiran ibsaniiru.

Yaada kennituun biraa Iyyerusaalam Haragawayin gama isaaniitiin, kaardii filannoo isaaniitiin paartii misoomaa fi guddina biyyaa dhugoomsuuf hojjetuuf sagalee isaanii kennuuf qophaa'uu dubbataniiru.

Haaluma walfakaatuun, Leellisaa Gaaddisaas kaardii filannoo fudhachuun paartii biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf guyyaa sagalee kennuuf eeggachaa akka jiran mirkaneessaniiru.

Adeemsi filannoos haqa-qabeessa, bilisa, deemokiraatawaa fi nagaadhaan akka xumuramuuf gumaacha isaanii akka gumaachan ibsaniiru.

Jiraataan magaalattii Obbo Wadaaree Gabratsaadiq akka jedhanitti , filannoon ijaarsa mootummaa cimaadhaaf murteessaa ta’uu eeranii, filannoo biyyaalessa 7ffaa irratti sagalee kennuuf qophii barbaachisaa gochuu isaanii dubbataniiru.

Obbo Dirribsaa Xurunaa gama isaaniitiin, filannoon mirga uumamaa fi dimookiraasii filachuu fi filatamuun mirkanaa’uuf waltajjii murteessaa waan ta’eef filachuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru.

Filannoo biyyaalessa 7ffaa kanaan paartii nageenya, misoomaa fi guddina biyyaa mirkaneessuuf hojjetuuf sagalee kennuuf dursanii qophaa'uu isaanii kan dubbatan ammoo Obbo Tashoomaa Asfaawu dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015