Tamsaasa Kallatti:

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Argamanitti Gabaasa Raawwii Dhiheesse

Caamsaa 7/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa gabaasa raawwii isaa ganama har’aa bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad, qondaaltonni olaanoo federaalaa fi naannoo, akkasumas miseensonni koree dhaabbii mana maree bakka bu’oota ummatootaa argamanitti dhiheesseera.


 

Komishinichi hojiiwwan gurguddoo hanga ammaatti raawwate, qormaata isa mudatee fi furmaata inni kenne dhiyeessuun, akkasumas adeemsichi haala gaariin akka adeemsifamuuf gahee qooda fudhattoota irraa eegamus ibseera.

Bu’aawwan ijoo hanga ammaatti galmaa’an keessaa adeemsi marii hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’e akka raawwatame gabaasichi ibseera.

Kana malees, adeemsi ajandaa walitti qabuu fi marii biyyattii dhibbeentaa 93 kan uwwifamee fi aanaalee kuma 1 fi 234 keessatti raawwatame milkaa’inaan xumuramuu isaa hubatameera.

Gama biraatiin, komishinichi marii marsaa 22 qooda fudhattoota adda addaa waliin taasisus, haala mijataa hin taane irraa kan ka’e aanaalee naannoo Tigraay keessatti marii gaggeessuu akka hin dandeenye komishinichi ibseera.

Qormaata kanaaf deebii kennuudhaan qooda fudhattoonni naannoo Tigraay hunda irraa dhufanii fi dhalattoonni naannichaa godinaalee adda addaa irraa Finfinneetti waamuun ajandaa irratti mari’achuu beeksiseera.


Komishinichi marii kana marsaa itti aanutti hojiiwwan hojjatus bal’inaan ibseera.

Kanneen ijoon hirmaannaa qooda fudhattoota siyaasaa cimsuu, ajandaa marii biyyaalessaa bocuu fi konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuudha.

Kana malees, hojiiwwan bu’aa fi yaadonni sadarkaa biyyaatti irra ga’an hojiirra oolchuuf haala mijeessuun hojii isaa gara fuula duraa keessatti hammatamuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015