Ijaarsi Warshaa xaa’oo Yuriyaa haala Karoora qabameen Adeemaa jira – Ministira Mummee Doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi Warshaa xaa’oo Yuriyaa haala Karoora qabameen Adeemaa jira – Ministira Mummee Doktar Abiyyi Ahimad
Caamsaa 9/2018 (ENA)- Warshaan xaa’oo Yuuriyaa waggaatti meetirik toonii miiliyoona 3 oomishuu danda'uu fi Godeetti ijaaramaa jiru, haala karoorfameen hojjetamaa jiraachuu Ministirri Mummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisan.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Aliikoo Daangotee waliin ta'uun sadarkaa hojichi irra jiru gamaggamuuf har'a iddoo pirojektichaa Godeetti argamuun daawwataniiru.
Saffisni hojii guutuu naannoo pirojektichaa irratti mul'atu kan nama jajjabeessu ta'uu isaas fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Ijaarsa pirojektii biyyaalessaa guddaa fi baay'ee barbaachisaa ta'e kana galmaan gahuuf kutannoo fi tumsa jiru haala calaqqisiisuun kutaalee pirojektichaa adda addaan keessa ijaarsonni jiran haala karoora keenyaatiin deemaa jira jedhaniiru.
Bara darbe baati Hagayyaa keessa Dangotee Giruuppii waliin ta'uun warshaa waggatti metrik toonii miiliyoona 3 oomishuu danda'u ijaaruuf waliigaltee guddaa abbootii qabeenyaa waliin taasifnee turres jedhaniiru.
Bara kanatti ammoo baatii Onkololeessaa keessa ijaarsa pirojektichaa ifatti jalqabuu kan ibsan Ministirri Mummee, hojiin kun ijaarsa bu'uraalee misoomaa ol ta'uu isaa hubachiisaniiru.
Investimantichi ce’umsa Qonnaa Itiyoophiyaa, birmadummaa nyaataa, guddina induustirii fi dinagdeedhaan of danda'uuf tattaaffii taasifamu keessatti faayidaa tarsiimowaa kan qabu ta'uu ibsaniiru.
Warshaan xaa’oo kun yeroo xumuramu dandeettii oomishuu biyya keessaa kan cimsu, hirkattummaa xaa’oo alaa galurratti hundaa'u kan hir'isu fi qonnaan bultoota keenya miiliyoonaan lakkaa'aman deeggara jedhaniiru.