Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin mari'atan

Caamsaa 6/2018 (ENA): Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin mari'ataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos Walgahii Ministiroota Dhimma Alaa ‘BRICS’ har’a Hinditti eegale irratti hirmaachaa jiru.

Ministirri Dhimma Alaa kun Walgahii Ministirootaa cinatti MM Hindii Naareendiraa Moodii waliin Niiw Deeliitti mari’ataniiru.

Walgahiin Ministiroota Dhimma Alaa BRICS mata duree “Cichoomina,kalaqa,Tumsaa fi Itti Fufiinsa ijaaruu” jedhuun dura taa’ummaa Hindiin kan qophaa’edha.

Ministirri Dr. Geediyoon Ximootiwoos haasawa walgahii kanarratti taasisaniin sirna idil-addunyaa biyyoota hunda haqaan tajaajilu ijaaruuf dippilomaasii biyyoota hedduu qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Utubaawwan sirna idil-addunyaa haqaa fi tasgabbaa’aa ta’an, nageenya mirkaneessuu fi tasgabbiifi misooma waloo dagaagsuu keessatti BRICS gahee adda duree taphachuu akka qabu dubbataniiru.

Walgahiin Ministiroota Dhimma Alaa hanga guyyaa boruutti akka itti fufu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015