Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan misooma waliigalaa mirkaneessuuf Godina Harargee Lixaatti eegalaman ni cimsamu

Caamsaa9/2018(ENA)-Godina Harargee lixaatti badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf Hojiiwwan paartii Badhaadhiinsaatiin eegalaman  caalaatti ni cimsamu jechuun  Bulchiituun Godinichaa Aadde  Ikiraam  Xahaa beeksisan.

Sagantaan  duula na filadhaa paartichaa  har'a sadarkaa godinaatti magaalaa Cirootti gaggeeffameera.

Saganticharratti kan argaman Bulchiituun Olantuun Godinichaa fi miseensa mana maree paartichaa Aadde Ikiraam Xahaa akka ibsanitti; paartichi guddina dinagdeetiif bu'uura cimaa  kaa'uun ibsaan badhaadhinaa akka ifu godheera.

Fakkeenyaaf, waggoottan darban keessa Godina Harargee lixaa  qofatti dhaabbilee fayyaa 108 fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa5 ijaaruun hawaasa fayyadamaa bu'uuraalee misoomaa gochuun akka danda'ame eeraniiru.

Paartichi waggoottan shanan dhufan keessatti mul'ata ifa ta'e qabatee hojjechaa akka jiru kan ibsan Bulchiituun kun; baadiyaa fi magaalaatti pirojektoota adda addaa lammiilee hiyyummaa keessaa baasan bocuun   bu'aan  gaariin  galmeeffamuu fi gara fuulduraattis milkaa’inni  kun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.


Saganticharratti kan argaman Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gama isaaniitiin; Paartiin Badhaadhiinsaa waadaa seene gara hojiitti jijjiiruun waggoottan darban keessa hojii misoomaa qabatamaa ta'an raawwachuu isaa dubbataniiru.

Paartichi seenessa  dogoggoraa maddeen garaagarummaa kan turan gara seenaassa  walootti  jijjiiruun tokkummaa sabootaatiif hojiiwwan gurguddoo hojjechuu isaa kan ibsan Aadde Masarat; sabootaa fi sablammoota gidduutti hirmaannaa siyaasaa wal-qixa mirkaneessuu bira darbee, lammiilee gidduutti fayyadamummaa haqa qabeessa babal'isuuf yoomiyyuu  caalaa dhimmuun  akka hojjetu hubachiisaniiru.


 

Miseensonni paartichaa fi jiraattonni magaalaa hiriira deeggarsaa kanarratti hirmaatan yaada kennaniin; Paartiin Badhaadhiinsaa pirojektoota gurguddoo jalqabe xumuruun waadaa isaa gochaan agarsiisuu danda'uusaa kaasaniiru.

Keessattuu, magaalota keessatti hojiin misooma  koriideraa  hojjetaman  miidhagina magaalaa  saffisaan jijjiiruu bira darbee,  aadaa hojii haaraa gabbisuuf gumaacha guddaa  taasisuu isaa ibsaniiru.

Paartichi waggoottan shanan darban keessa damee qonnaatiin hojiiwwan hojjete qonnaan bulaa fayyadamaa misoomaa kallattii gochuun jireenya isaa akka jijjiiru gargaareera jedhaniiru.

Keessattuu, misooma qamadii bonaatiin hojiin seena-qabeessi hojjetamaa jiru oomishtummaa sadarkaa olaanaan dabaluu bira darbee, galii qonnaan bulaa guddisuusaa eeraniiru.

Sagantaa duula na filadhaa magaalaa Ciroo keessatti gaggeeffame kanarratti miseensonni paartichaa, deeggartonni fi jiraattonni magaalichaa baay'een aanaalee godinichaa adda addaa irraa walitti babahan argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015