Godina Wallagga Bahaatti misooma Ruuzii babal’isuuf hojii hojjatameen bu’aan argamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Bahaatti misooma Ruuzii babal’isuuf hojii hojjatameen bu’aan argamaa jira
Caamsaa 9/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaatti misooma Ruuzii babal’isuuf hojii hojjatameen bu’aan argamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.
Dursaan Garee Misoomi Midhaanii Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Birhaanuu Dhiinsaa ENA’f akka ibsanitti, godinichaa keessatti misoomni Ruuzii bifa inisheetiviitiin hojiirra oolaa jira.
Waggoottan darban keessa Oomishaa Ruuzii babal’isuu fi omishtummaa isaa dabaluuf hojiiwwan hojjatamaniin bu’aan abdachiisaan argameera jedhaniiru.
Qonnaan bulaan godinichaas omishni Ruuzii bu’aa qabeessa ta’uu isaa hubachuusaaniin bara qabame Kanaan misoomni kun bal’inaan hojjatamaa akka jiru beeksisaniiru.
Waggaa darbe godinichatti lafa hektaara kuma 174 ol irratti Ruuzii misoomsuun, omishni kuntaalli miiliyoona 4 ol akka argame ibsaniiru.
Bara kanas lafti hektaara kuma 180 ol ta’u misooma ruuziitiif qophaa’aa jiraachuu kan eeran yommuu ta’u, omishtummaa dabaluuf qonnaan bulaan bifa kilaastaraatiin akka omishan ni taasifama jedhaniiru.
Godinichatti Ruuzii bal’inaan omishuu keessatti aanaaleen akka Saasiggaa, Waamaa Haagaloo, Nuunuu Qumbaa fi Guutoo Giddaa isaan dursa eeramani dha.
Dursaan Garee Misoomi Midhaanii Waajjira Qonnaa Aanaa Saasiggaa Obbo Waggaarii Tamasgeen akka ibsanitti, aanichatti omishni Ruuzii omishamuu erga jalqabee waggaa sadii kan lakkoofsise yommuu ta’u, waggaa waggaan jijjiiramni abdachiisaan argamaa jira.
Waggaa darbe lafa hektaara kuma 13 irratti Ruuzii misoomsuun, oomishni kuntaalli kuma 298 argamuusaa ibsuun, bara kana immoo lafa hektaara kuma 17 misoomsuun, omishni kuntaalli kuma 437 ni eegama jedhaniiru.
Qonnaan bulaan aanichaa Muddiin Sa'iid akka jedhutti, kanaan dura naannoo sanatti muuxannoon Ruuzii omishuu waan hin jirreef gara hojichaatti seenuuf sodaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Haata’u malee, gama mootummaatiin deeggarsa taasifameefii fi gorsa ogeeyyiitiin, amma irratti hojichaan bu’aa qabeessa ta’uu jalqabuusaanii ibsaniiru.