Milkaa’inni Sagantaa Misooma sululaa fi eegumsa naannoo qabeenyi bosonaa guddaan akka uumamu taasisa jira - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inni Sagantaa Misooma sululaa fi eegumsa naannoo qabeenyi bosonaa guddaan akka uumamu taasisa jira
Caamsaa 1/2018(ENA) - Milkaa’inni Sagantaalee Misooma suluulaa fi eegumsa Naannoo Qabeenyi Bosonaa guddaan akka uumamu taasisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Bara bajataa qabametti sagantaa qindaa’aa misooma sululaan lafti hektaarri Miiliyoona 3 tuqaa 9 misoomuusaa beeksiseera.
Ministeera Qonnaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan Misooma, Eegumsa fi Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokkonnon akka jedhanitti, balaawwan nam-tolchee fi uumamaa manca’iinsa bosonaa fidan kanaan dura naannoo irratti miidhaa guddaa geessisanii turaniiru jedhan.
Haa ta’u malee jijjiirama biyyaalessaan booda, sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi misooma eegumsa naannootiin hojiin milkaa’aan nageenya sirna-Ikkooloojii naannoo deebisee bayyanachisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Keessumattuu, sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegale, aadaa misooma magariisaa hawaasaa dagaagsuun Nageenya sirna ikooloojii naannoo eegsisaa jiraachuu dubbataniiru.
Bara baajataa 2018tti sulula kuma 22 fi 59 lafa hektaara miiliyoona 4 tuqaa 6 misoomsuuf karoorfame keessaa, hanga ammaatti lafti hektaara miiliyoona 3 tuqaa 9 misooma suluulaa bonaatiin misoomeera.
Yeroo ammaa naannoolee adda addaatti haala Ikooloojii giddu galeeffachuun hojiin misooma suluulaa fi eegumsa naannoo hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bal’aan waggoota darban keessatti hirmaannaa hawaasaatiin hojjetameen lafti manca’e deebi’ee akka misoomu taasisuun bu’aan qabatamaa fiduusaa hubachiisaniiru.
Hirmaannaan hawaasaa Qindaa’aan Hojii Misooma Suluulaa guddachaa dhufuusaatiin omishtummaan qonnaa dabaluu bira darbee qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf lammiileen hedduun kanniisa horsiisuun, furdisa looniin, misooma muduraa fi kuduraatiin fayyadamoo ta’a akka jiran ibsaniiru.
Kunis abbuumaa hawaasaa eegumsa naannoo mirkaneessuun Itiyoophiyaa qabeenya bosonaatiin kan badhaatee fi laliste gochaa jiraachuun ibsameera.