Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha - ENA Afaan Oromoo
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha
Caamsaa 8/2018(ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha jechuun ibse tajaajilli komunikeeshinii mootummaa.
Ergaan guutuun tajaajilli komunikeeshinii mootummaa baase akka argaan gadiitti dhihaateera.
Itiyoophiyaan mari’achaa jirti!!
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha.
Komishiniin marii biyyaalessaa naannolee garagaraatti bakka bu’oota filatee xumuruun akkasumas ajandaawwan marii biyyaalessaaf ta’an bal’inaan walitti qabuun, hojiiwwan mariin duraa hammataa fi walii galtee egereef ta’u raawwateera.
Komishinichi bakka bu’oota hawaasaa sadarkaawwan bulchiinsaa biyyattii hundatti adda baafachuuf hojii hojjeteen kutaaleen hawaasaa garagaraa, abbootiin amantaa, paartileen siyaasaa, waldaaleen siviikii fi waldaaleen ogummaa garagaraa dammaqinaan akka hirmaatan gochuun adeemsichi hammataa fi bu’ura hawaasaa kan qabu akka ta’u godhameera. Hojiin kun mootummaan milkaa’ina marichaaf xiyyeeffannoo taasisee fi miira abbummaa lammiilee qabatamaan kan mirkaneesse yoo ta’u, walii galteen biyyaalessaa egeree akka uumamu bu’ura kaa’eera.
Ajandaa walitti qabameen bu’aaleen qabatamaa kan galmaa’an yoo ta’u dhimmoonni biyyaalessaa ariifachiisaan baroota dheeraaf wal falmisiisaa turan gara mariitti akka dhufan godheera. Adeemsi kun mootummaan aadaa siyaasaa biyyattii keessatti sirna paartii heddumminaa fi mariin karaa nagaa akka dursu ejjennoo cimaa qabu qabatamaan kan itti agarsiisedha.
Adeemsa marii Kanaan paartileen siyaasaa 50 caalan akka itti hirmaatanii fi ajandaasaanii akka dhiheeffatan tattaaffiin taasifame milkaa’ina hammattummaa marichaa wantoota agarsiisan keessaa adda dureedha. Komishinichi humnoonni siyaasaa waltajjii waloomaan itti mari’atan mijeessuun, qaamoleen Kanaan dura ija diinaan wal ilaalan galma tokko keessatti dhimmoota biyyaalessaarratti akka mari’atan godheera.
Bu’aan kun adeemsa ijaarsa sirna demokiraasii keessatti “aadaa wal dhaggeeffachuu” gabbisuun akka boqonnaa guddaatti kan fudhatamu yoo ta’u garaagarummaa olaantummaa yaadaatiin furuuf kan gargaaru jalqabbii abdii qabeessa ta’uun galmaa’eera.
Hojiiwwan adeemsa marichaa amma ammaatiin hojiiwwan qabatamaan hojjetamanii fi milkaa’inoonni argaman Itiyoophiyaan rakkinootashee caaseffamaa kan turan fulla’insaan furuu fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaa mirkaneessuuf imala itti jirtu kan si’achiisanidha.