Imaammanni qorannoo fi beekumsa irratti hundaa’e badhaadhina Itiyoophiyaatiif faayidaa ol’aanaa qaba - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Imaammanni qorannoo fi beekumsa irratti hundaa’e badhaadhina Itiyoophiyaatiif faayidaa ol’aanaa qaba - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Caamsaa 5/2018(ENA): Imaammanni qorannoo fi beekumsa irratti hundaa’e badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf faayidaa ol’aanaa akka qabu Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Waltajjiin guyyaa imaammataa biyyaalessaa yeroo jalqabaatiif mata-duree "odeeffannoo gahumsaaf , gahee imaammataa Itiyoophiyaa badhaateef" jedhuun gaggeeffameera.
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa waltajjii kanarratti haasawaa taasisaniin, imaammanni ragaa irratti hundaa’ee qophaa’u badhaadhina biyyaatiif gahee murteessaa qabaachuu isaa irratti xiyyeeffannoo kennaniiru.
Biyyoonni milkaa’an damee industirii fi bu’uraalee misoomaa qofa irratti osoo hin taane, beekumsa, qorannoo fi yaada tarsiimawaa irratti akka jabaatanii hojjetan ibsaniiru.
Imaammanni ibsituu deemsa biyyaalessaa hunda-galeessaa ta’uu isaa eeranii; Inistiitiyuutiin Qo’annoo Imaammataa beekumsaa fi hojii gidduutti akka riqichaatti tajaajiluun "mootora sagalee hin qabne" misooma biyyaalessaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa Itiyoophiyaan ce’umsa olaanaa keessa akka jirtu ibsuun, qo’annoo fi Qophii Imaammataa keessatti dhimmoota ijoo xiyyeeffannoon irratti kennamuu qaban eeraniiru.
Isaanis, dhimmoota jijjiirama qilleensaa fi misooma magariisaa, Bulchiinsa Dinagdee Gooroo fi ce’umsa caasaa, Ce’umsa teeknoolojii fi tiraanisfoormeeshinii dijiitaalaa, Carraa hojii dargaggootaa uumuu fi oomishaalee qonnaa gara daldalaatti ceessisuu, Waliitti hidhamiinsa naannawaa fi dhiibbaalee Daldala Idil-Addunyaa fa’i jedhaniiru.
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa akka jedhanitti, imaammanni meeshaa qabatamaa jireenya lammiilee bocu yoo ta’u, carraaleen akkamitti akka uumaman kan imaammata murteessudha.
Mootummaan dhaabbilee barnoota ol’aanaa, damee dhuunfaa fi dhaabbilee sivikii gidduutti walitti dhufeenyi jabaan akka jiraatu kan gaafatan Itti Aanaan Ministira Muummee; mootummaan "ida’amuu" yaadaa fi ilaalchaaf bakka addaa akka kennu mirkaneessaniiru.
Inistiitiyuutiin Qo’annoo Imaammataa riqicha amantaa uummataa fi mootummaa ijaaru ta’ee akka tajaajilus dhaamaniiru.
Deemsi badhaadhina Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee beekumsa itti fufiinsa qabu irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu ibsaniiru.
Gorsitoota imaammataa, dhaabbilee barnoota ol’aanaa, damee dhuunfaa fi dhaabbilee sivikii gidduutti imaammata qulqullina qabu uumuuf deeggarsi jabaan akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.