Tajaajila si’ataa Teekinoolojiin deeggarame kennuun hojiin rakkoolee bulchiinsa gaarii furan cimanii itti fufu - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila si’ataa Teekinoolojiin deeggarame kennuun hojiin rakkoolee bulchiinsa gaarii furan cimanii itti fufu
Caamsaa 4/2018(ENA) -Hawaasaaf tajaajila si’ataa tekinoolojiin deeggarame kennuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun cimee akka itti fufu paartii badhaadhinaatti Hoogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Namarraa Bulii ibsan.
Godina Jimmaa Magaalaa Limmu Gannatitti tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' har'a eebbifamee hojii eegaleera.
Paartii badhaadhinaatti hoogganaan Damee siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii yeroo kanatti akka jedhanitti, tajaajila ammayyaa dijitaalaan deeggarame kennuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun cimee itti fufa.
Tajaajilli mootummaa giddugala Wiirtuu tokkoo 'Masoob' keessatti kennamaa jiru hawaasa biratti itti quufinsa uumaa jiraachuu eeranii, tajaajiloota akkasii babal'isuun akka itti fufu beeksisaniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tiijaanii Naasir gama isaaniitiin, tajaajilli Wiirtuu tokkoo 'Masoob' tajaajila tekonoolojiin deeggarame kennuun dadhabbii fi deddeebii hawaasaa hir’isuu akka danda'u ibsaniiru.
Magaalaa Limmu Gannat keessatti kan eebbifame giddugalli tajaajila tokkoo kun tajaajiloota 87 kan kennu ta’uun isaas eerameera.
Guyyaa har’aa Magaalaa Ambuyyee Aanaa Limmu Kossaatti walumaagala pirojeektoonni baasii birrii miiliyoona 600 oliin ijaaraman kanneen akka kilaastara horsiisa loonii lammiilee 80’f carraa hojii uumee dabalatee eebbifamaniiru.