Tamsaasa Kallatti:

Jireenya Jiraattota Magaalaa Jijjiiruu fi Aadaa Oomishtummaa  guddisuuf Sagantaan maaddii guutuu gumaacha guddaa qaba – Itti Aanaa Ministira Mummee  Tamesgeen Xurunaa

Caamsaa 9/2018 (ENA)- Haala jireenya jiraattota magaalaa jijjiiruu fi aadaa  oomishtummaa guddisuuf sagantaan   maaddii guutuu gumaacha guddaa qaba jechuun  Itti Aanaan Ministira Mummee  Tamesgeen Xurunaa  ibsan.


Itti Aanaan  Ministira Muummee , hojiiwwan misooma dammaa, aannanii fi horsiisa lukkuu  sagantaa maaddii guutuun magaalaa Harar keessatti raawwatamaa jiran irra deddeemanii daawwataniiru.

Magaalattii keessatti inisheetiivii kanaan sadarkaa dhuunfaa fi mootummaatti sheedota  ijaaruun, gandoonni  Dammaa, Aannanii, killee  fi qurxummii bal'inaan hundeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka biyyaatti sirna soorata keenya bu'uura irraa jijjiiruu fi  nyaataan of danda'uuf hojiin hiika guddaa qabu kun  cimee kan itti fufu ta'a jedhaniiru.


Kana malees, fooyyessuu sanyii beelladootaa, lukkuu  fi qurxummii akkasumas warshaalee nyaata horii qopheessan irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015