Tamsaasa Kallatti:

Misoomni Kooriidarii baadiyyaa naannoo Hararii haala jireenyaa qonnaan bulaa gama jijjiiruutiin agarsiiftuu isa ijoodha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Caamsaa 9/2018(ENA)- Misoomni Kooriidarii baadiyyaa naannoo Harariitti argine haala jireenyaa qonnaan bulaa gama jijjiiruutiin agarsiiftuu isa ijoodha jechuun Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa naannoo Harariitti hojiilee misoomaa garagaraa daawwachaa jiru.

Waita kanatti akka jedhanitti kaayyoon ijoo kooriidara baadiyyaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin eegalame kun haala jireenyaa hawaasa baadiyyaa jijjiiruu, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu akkasumas qonnaan bulaan jireenya fooyya’aa akka jiraatu gochuudha.

Hojiiwwan aanaa Soofii ganda Burqaatti si’aayinaan, qulqullinaa fi biyyoo fi dhagaa naannawatti argamutti gargaaramuun beekumsa hawaasaatiin hojjetaman kanaaf agarsiiftuu ta’uusaanii argineerra jedhan.

Manneen mandara Moodalaatti ijaaraman mana namni keessa bulu mana daa’immanii fi looniirraa kan gargar baasan, horsiisa lukkuu, mana qulqullinaa fi dhiqannaa akkasumas maaddii guutuu boroo kan of keessaa qaban paakeejii guutuu akka qaban eeraniiru.

Misoomni kooriidaraa baadiyyaa humna qonnaan bulaa fi beekumsa mandhaleetti gargaaramuun, baasii xiqqaadhaan yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa fiduun akka danda’amu agarsiiftuu waan ta’eef cimee akka itti fufu ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015