Tamsaasa Kallatti:

Raayyaan nageenyaa Caasaalee nageenyaa waliin  qindoomee  hojjechuun  Nageenya  magaalittii  Amansiisaa  gochuun  danda’ameera

Caamsaa 9/2018 (ENA)- Gurmaa’insi raayyaa nageenyaa  Caasaalee nageenyaa waliin  qindoomanii hojjechuusaaniitiin  nagaa fi tasgabbiin magaalittii  amansiisaa  gochuun  akka danda'ame Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee  Liidiyaa Girmaa ibsan.

 Biirroon Bulchiinsaaa fi Nagageenyaa Magaalaa Finfinnee miseensota raayyaa Nagaa  kutaa  magaalaa 11 irraa walitti babba'anii fi leenjii gochaa fi yaada-rimee  koorsii  7 irratti  fudhatan eebbisiisaa jira.


Hoggantuun Biirroo Bulchiinsaa fi  Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa wayita sana  akka jedhanitti, milkaa'ina hojiiwwan misoomaa adda addaa magaalaa guddittii keessatti raawwatamaniif nagaan murteessaadha.

Kanaanis, uummata abbaa nagaa gochuun, yakka dursee ittisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti hojiin bal'aan hojjetamuu isaa dubbataniiru.


 

Gurmaa’insi raayyaa Nageenyaa caasaa nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuusaatiin magaalaattii keessatti nagaa amansiisaa mirkaneessuun akka danda'ame ibsaniiru.

Bara baajataa 2018 keessa miseensota raayyaa  Nageenyaa kuma  33 leenjisuuf karoorfamee, hanga ammaatti miseensota kuma 44  ol leenjisuun nagaa magaalittii  eegsisaa  turuu kaasaniiru.

Har'as marsaa 7ffaan kutaa magaalaa  11 irraa walitti babba'anii fi leenjii gochaa fi yaada-rimee fudhatan miseensota  raayyaa  Nageenyaa kuma  12 fi 097 eebbisiisuu isaanii ibsaniiru.

Fuuldurattis hirmaannaa uummataa fi hojii qindoominaa cimsuudhaan, nagaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf    cimee  akka fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015