Tamsaasa Kallatti:

Waltajjiin Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffama

Caamsaa 3/2018 (ENA): Waltajjiin guddichi Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afrikaa (GHACOF 73) 73ffaan Caamsaa 10 fi 11, 2018 magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama.

Waltajjiin kun mata duree “Tajaajila Haala Qilleensaa, Misooma Itti Fufiinsa Qabuuf” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.

Waltajjicha Giddugala Raagaa fi Fayyadama Haala Qilleensaa (ICPAC), Dhaabbata Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD)fi michoota misoomaa waliin ta’uun kan qophaa’edha.

Walgahiin kun raaga hojiitti jijjiiruun jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan akeekkachiisa ariifataa fi tarkaanfii fudhachuu, qophii cimsuu irratti kan kaayyeffatedha.

Ibsa IGAD ENA’f ergeen, ragaawwan haala qilleensaa qonnaan bultootaa, ogeessota fayyaa fi hoggansa sodaa balaa kallattiin akka deeggaran irratti mariin ni gaggeeffama jedheera.

Tumsa dhaabbilee meetirooloojii biyyaalessaa gidduu jiru cimsuun ajandaa marii biraati.

Waltajjicharratti raaga roobaa ji’a Waxabajjii-Fulbaanaa 2026 A.L.A kan qonnaa fi qabeenya bishaanii Gaanfa Afrikaatiif murteessaa ta’e ni dhiyaata.

Ministiroonni, dhaabbileen qorannoo, dhaabbileen gargaarsa namoomaa, dhaabbileen hawaasa siivikii fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa ni hirmaatu.

Jijjiiramni qabeenya qilleensaa sodaa fagoo osoo hin taane, balaa qabatamaa balbala keenya irra jiru akka ta’e kan ibse Fooramiin IGAD, hawaasni gaanfa Afrikaa guddicha keessa jiran odeeffannoo gaarii akka qabaataniifi dursanii akka qophaa’an gochuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu eereera.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015