Itiyoophiyaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 koorniyaa lamaaniinuu warqee injifatte - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 koorniyaa lamaaniinuu warqee injifatte
Caamsaa 8/2018 (ENA): Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa 5ffaa isaa qabateera.
Atileet Misgaanaa Waaqumaa dhiirotaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 injifateera.
Waancaa Shaampiyoonaa Afrikaa yeroo lammataaf walitti aansuun sadarkaa tokkoffaa bahuun kabaja isaa eeggachuu danda’eera.
Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Abdulsalaam Abdulwahib sadarkaa sadaffaa bahuun biyya isaatiif meedaaliyaa naasii injifateera.
Dubartootaan atileet Wubaalem Shigguxee dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee injifatteetti.
Dorgommii wal fakkaatuun atileet Hiwot Ambaawu 4ffaa yoo baatu,atileet Maaree Bitawu ammoo 8ffaa bahuun xumurteetti.
Bu'aa kana hordofuun lakkoofsi meedaaliyaa warqee Itiyoophiyaan injifatte shan gaheera.
Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kanaan hanga ammaatti walumaa galatti meedaaliyaa 11 kan injifatte yoo ta’u, warqee shan, meetii tokkoo fi naasii shan, walumaa galatti meedaaliyaa 11 argatteetti.
Shaampiyoonichi boru xumurama.