Tamsaasa Kallatti:

Kaardii keenyaan paartii biyyaa fi ummataaf hojjetu filachuuf qophoofneerra – Jiraattota Magaalaa Amboo

Caamsaa 7/2018(ENA)- Jiraattonni Magaalaa Amboo yaada isaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, kaardii filannoo waliigalaa 7ffaaf fudhatan fayyadamuun paartii biyyaa fi ummataaf hojjetu filachuuf qophaa'uu isaanii beeksisaniiru.

Kanneen Yaada kennan keessaa Obbo Dajanee Bakkashaa akka dubbatanitti, Mirga dimokiraasii Heera Mootummaatiin nuuf kenname fayyadamee, paartii naaf ta’u filachuuf guyyaa filannichaa hawwiin eeggachaan jira jedhaniiru.

Paartii biyyaaf fayyadu adda baafachuuf qophiiwwan falmii paartilee siyaasaa miidiyaalee adda addaarra darbaa jiran hordofaa akka jiranis ibsaniiru.

Jiraataan magaalattii kan biraan dargaggoo Tasfaa Taaddasaa gama isaatiin, imaammataa fi dambiiwwan paartilee siyaasaa miidiyaalee hawaasummaas dabalatee hordofaa akka jiru dubbateera.

Dargaggoonni nageenya, guddinaa fi badhaadhina biyyaatiif qooda guddaa waan qabaniif, paartii dargaggootaaf carraa gaarii fiduuf sagalee koo kennuuf qophaa'eera jedheera.

Aadde Baatiree Humnaa gamasaanitiin, nagaa fi tasgabbii filannichaatiif hirmaannaan dubartootaa murteessaa waan ta'eef, dubartoota biroo waliin ta'uun qooda isaanirraa eegamu bahaa akka jiran dubbataniiru.

Filannicharratti mirga heera mootummaa koo fayyadamee paartii biyyaaf ni fayyada jedhee amanu filachuuf, sagantaalee falmii paartilee siyaasaa hordofaan jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015