Tamsaasa Kallatti:

Filannoon agarsiiftuu ijoo adeemsa dimokiraasii waan ta’eef lammiileen dammaqinaan hirmaachuu qabu

Caamsaa 8/2018 (ENA): Filannoon agarsiiftuu ijoo adeemsa dimokiraasii waan ta’eef, lammiileen adeemsa kana keessatti dammaqinaan hirmaachuu itti fufuu akka qaban Manni Maree Jaarmiyaalee Hawaasa Siivikii ibseera.

Dhaabbileen hawaasa siivikii adeemsi filannoo biyya tokkoo dimokiraatawaa, nagaa, bilisa, walabaa fi amanamaa akka ta’u gochuu keessatti gahee olaanaa fi guddaa qabu.

Gahee isaan yeroo filannootti taphachuu danda’an keessaa barnootaa fi hubannoo filattotaaf kennuu; adeemsa filannoo hordofuu; hojii nageenya ijaaruu fi hunda hammate mirkaneessuudha.

Akka Pirezidaantiin Mana Marichaa obbo Ahmad Huseen himanitti, filannoon taatee biyyaalessaa murteessaa mootummaan ummataa fi biyya bulchu aangootti itti dhufudha jedhani.

Biyyi cimtuu ijaaramuu kan danda’u adeemsa filannoo keessatti hirmaannaan ummataa yeroo mirkanaa’u qofa ta’uu eeruun, kanaafis gaheen lammiilee murteessaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Itti dabaluunis, manni marichaa jalqabarraa kaasee hojiilee adda addaa raawwachuun adeemsa filannoo milkeessuuf hojiilee adda addaa gaggeessaa turuu ibsaniiru.

Hojiiwwan gurguddoo kana keessaa hojii lammiileen kaardii sagalee kennuu fi mirga dimokiraasii isaanii akka fayyadaman jajjabeessuu eeraniiru.

Yeroo ammaa kana dhaabbileen waldaalee siivikii 169 barnoota filattotaaf kennaa kan jiran yoo ta’u, 60 ol adeemsa kana taajjabuuf hayyama argachuu isaanii hubachiisaniiru.

Manni marichaa adeemsa filannoo keessatti hirmaannaa ummataa guddisuuf hojii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.


 

Dhaabbata Isheet childireen yuuz divilopimanti organaayizeeshiniitti hoji gaggeessaa olaanaan obbo Siisay Taarraqany akka jedhanitti, dhaabbanni isaanii hayyama Boordiin Filannoo kenneen barnoota filattotaa kennaa jira.

Miseensonni dhaabbatichaa taajjabbii filannoo irratti hirmaachuuf qophaa’aa akka jiran eeraniiru.

Filannoo waliigalaa torbaffaa gaggeeffamuun paartileen siyaasaa morkattoonni 47, kaadhimamaa 10,934 galmeessisuun filannoo imaammataa isaanii karaa miidiyaa ummataaf beeksisaa jiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015