Angafoota Oduu
Kan mul'ate
Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil addunyaa Finfinneetti nitaa’ama
May 8, 2025 48
Ebla 30/2017(TOI)- Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil addunyaa sadaffaan Caamsaa 5 amma 6 bara 2017tti Finfinneetti akka taa’amu gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa beeksise. Barreessaan walii gala gumichaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa taatee kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Gumiin nagaa fi waloomaa idil addunyaa kun dhaabbilee Foramii Intarfeezii G20, gamtaa Afriikaa fi dhaabbilee garagaraa gamtaa Afriikaa jala jiran waliin tumsaan kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Abbootiin olaanoo gumichaa, gaggeessitoonni amantaa idil addunyaa,hayyoonni, gaggeessitoonni dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa sadarkaa ardii fi idil addunyaa jiranii fi kannee biroo nihirmaatu. Dabalataanis yaa’ichi galmoota misoomaa fulla’aa mootummoota gamtoomanii, ajandaa Afriikaa 2063 fi yaa’ii 2025 hooggantootaa biyyoota miseensa garee 20 Fulbaana dhufu Afriikaa Kibbaatti taa’amu irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. Yaa;iin kun yaa’ii biyyoota miseensa garee 20 dursee kan taa’amu yoo ta’u, yaadonni yaa’ii kanarraa argaman walgahii biyyoota miseensaaf akka dhihaatu dubbataniiru. Nagaa cimsuu, eegumsa mirga namoomaa, jijjiirama haala qilleensaa, eegumsa qabeenya uumamaa, barnootaa fi ajandaawwan misoomaa biroorratti mari’achuun biyyoota miseensa garee 20’f nidhihaata, Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa, Isiyaa, Afriikaa fi biyyoota addunyaa biroorraa hooggantoonni dhaabbilee amantaa, gaggeessitoonni aadaa, namoonni dhageettii qabanii fi hayyoonni 80 caalan nihirmaatu jedhaniiru.
Ministeerri hojii fi ogummaa hojiilee sirna hojmaataa ammayyeessan raawwachaa jira- ministira Mufariyaat Kaamil
May 8, 2025 68
Ebla 30 /2017 (TOI)- Ministeerri hojii fi ogummaa tajaajil;asaa haqa qabeessaa fi qaqqabaa taasisuun alatti sirna hojmaataasaa ammayyeessaa jiraachuu ministirri Mufariyaat Kaamil ibsan. Waltajjiin marii komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa qorannoon hojii biyya alaa ilaalchisuun qorate ifoomsuuf qophaa’e taa’amaa jira. Maricha ilaalchisuun ministirri hojii fi dandeettii Mufarihaat Kaamil ergaa dabarsaniin, ministeerichi hojiiwwan sirna hojmaataa ammayyeessan raawwachaa jira.   Sektaricha hojmaata badaa irraa baraaruu fi haqa buusuuf hojmaata teeknooloojiin deeggarame hojii hojjetaman keessaa isa tokkodha. Hojii biyya alaa qaqqabamaa taasisuun gamatti carraa hojii gama uumuutiin bu’aan onnachiisaan argamuusaa kaasaniiru. Haata’u malee hojiin kun ejensiiwwan seraan alaan raawwatanaa akka jiru eeranii, seeraan gaafachuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Qorannoon komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa qorate alseerummaa qolachuuf, to’achuu fi gaafatamummaa hojiirra oolchuuf guddaa gargaara jedhaniiru. Kanarraa ka’uun hir’inoonni akka sirreeffaman cimsanii kaasaniiru. Itti aanaan komishinarii komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa Isheetee Asfaawu gamasaaniin, hojmaanni ifaan mootummaan dhaabbilee sakatta’uuf diriirse to’annaa taasifamuuf haala gaarii uumaa akka jiru dubbataniiru. Qorannaan har’a dhihaatu kunis qaama kanaa ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Mooskoo Dhaqan
May 8, 2025 123
Ebla 30/2017(TOI) Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ayyaana Injifannoo Ruusiyaa 80ffaa boru kabajamurratti argamuuf har’a ganama Mooskoo Dhaqaniiru. Waraanni addunyaa lammaffaa dhaabbachuusaatiin keessumaammoo gamtaan Sooviyeet duraanii injifannoo Naazii Jarmanirratti gonfate yaadachuun ayyaana boru magaalaa muummee Ruusiyaa Mooskootti yeroo 80ffaaf kabajamuuf, hooggantoonni addunyaa hedduun ni’argamu jedhameetu eegama. TOI’n bakkarraa akka gabaasetti, hooggantoonni biyyoota Afriikaa hedduun pirezidaantota Chaayinaa fi Ruusitaa dabalatee ayyaana injifannoo kanarratti nihirmaatu. Pirezidaant Tayyee Atsqasillaasee ayyaana Injifannoo Ruusiyaa waggaa 80ffaa cinaatti qaamolee garagaraa waliin marii dippilomaasii gamlamee akkasumas biyyoota hedduu nitaasisu jedhameetu eegama. Odeeffannoowwan akka agarsiisanitti yeroo ammaa hariiroon dippilomaasii dameewwan garagaraa Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa jidduu jiru gabbachaa dhufeera. Biyyoonni lamaan hariiroo tumsa fayyaa, dippilomaasii dinagdee, daldala, Invastimantii fi teeknooloojiin qaban yeroo yerootti guddisaa kan jiran yoo ta’u, kunis waliigaltee fi marii dhiheenya taasifamaniin sanadoonni waliigaltee hedduu (MoUs) waliigalteerra gahamuun niyaadatama. Fakkeenyaaf bara kana jalqaba baatii Sadaasaa 2017 fooramii biizinasii biyyoota lamaanii mata duree “Ruusiyaan fi Itiyoophiyaa tumsaaf yeroo hineegan” jedhuun Finfinneetti taa’ame aanga’oonni biyyoota lamaanii, hawaasni daldalaa fi invataroonni irratti hirmaatanii ture. Pirezidaant Taayyeen WAYITA Mooskoo gahan federeeshinii Ruusiyaatti aanga’aan olaanaan ministeera dhimma alaa Anaatolii Baashkiin simataniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Mooskoo Dhaqan
May 8, 2025 123
Ebla 30/2017(TOI) Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ayyaana Injifannoo Ruusiyaa 80ffaa boru kabajamurratti argamuuf har’a ganama Mooskoo Dhaqaniiru. Waraanni addunyaa lammaffaa dhaabbachuusaatiin keessumaammoo gamtaan Sooviyeet duraanii injifannoo Naazii Jarmanirratti gonfate yaadachuun ayyaana boru magaalaa muummee Ruusiyaa Mooskootti yeroo 80ffaaf kabajamuuf, hooggantoonni addunyaa hedduun ni’argamu jedhameetu eegama. TOI’n bakkarraa akka gabaasetti, hooggantoonni biyyoota Afriikaa hedduun pirezidaantota Chaayinaa fi Ruusitaa dabalatee ayyaana injifannoo kanarratti nihirmaatu. Pirezidaant Tayyee Atsqasillaasee ayyaana Injifannoo Ruusiyaa waggaa 80ffaa cinaatti qaamolee garagaraa waliin marii dippilomaasii gamlamee akkasumas biyyoota hedduu nitaasisu jedhameetu eegama. Odeeffannoowwan akka agarsiisanitti yeroo ammaa hariiroon dippilomaasii dameewwan garagaraa Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa jidduu jiru gabbachaa dhufeera. Biyyoonni lamaan hariiroo tumsa fayyaa, dippilomaasii dinagdee, daldala, Invastimantii fi teeknooloojiin qaban yeroo yerootti guddisaa kan jiran yoo ta’u, kunis waliigaltee fi marii dhiheenya taasifamaniin sanadoonni waliigaltee hedduu (MoUs) waliigalteerra gahamuun niyaadatama. Fakkeenyaaf bara kana jalqaba baatii Sadaasaa 2017 fooramii biizinasii biyyoota lamaanii mata duree “Ruusiyaan fi Itiyoophiyaa tumsaaf yeroo hineegan” jedhuun Finfinneetti taa’ame aanga’oonni biyyoota lamaanii, hawaasni daldalaa fi invataroonni irratti hirmaatanii ture. Pirezidaant Taayyeen WAYITA Mooskoo gahan federeeshinii Ruusiyaatti aanga’aan olaanaan ministeera dhimma alaa Anaatolii Baashkiin simataniiru.
Gamtaan Afriikaa fi IGAD nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf deeggarsa akka taasisan ibsan
May 6, 2025 253
Ebla 28/2017(TOI)- Gamtaan Afriikaa fi IGAD carraaqqii nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf taasifamaa jiruuf deeggarsa taasisan akka itti fufan breeksisan. Qooda fudhattoonni Sudaan Kibbaa waliigaltee nageenyaa akka kabajamu kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf IGAD waliin ta’uun Sudaan Kibbaa dhaquun Ebla 28 fi 29 bara 2017 aanga’ootaa fi qaamolee ijoo biyyattii waliin mari’ataniiru. Qaamoleen lamaan dhimmicharratti ibsa kennaniiru. Mariin kun hala siyaasaa fi nageenyaa Sudaan kibbaa akkasumas sadarkaa adeemsi nagaa irra jiru kan ilaallatudha. Akkaataa waliigaltee walitti bu’iinsa dhaabsisuu fi nageenyaa A.L.A bara 2018 mallatteeffameen yeroo cehumsa keessa darbaa jirtutti kan taasifame ta’uu ibsi kun agarsiiseera. Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maardiit fi aanga’oota mootummaa biroo waliin Juubaatti mari'atame’ra. Ibsi waloo kun qabxiilee marichaa arreesseera. Bu’aalee waliigaltee nageenyaa eegsisuu, maree biyyaalessaa hundi irratti hirmaate gochuu fi waliigalteerra gahuu akkasumas rood maappii cehumsaa yeroo daangeffame keessatti raawwatamu, amanamaa fi ifa ta’e deeggaruu kan jedhan kanneen mariin irratti taasifame keessaayyu. Dandeettii dhaabbilee bulchiinsaa cimsuunis xiyyeeffannoo marichaa isa biraati. Dabalataanis dura taa’aan komishinichaa deeggartoota riijinii fi idil addunyaa, hawaasa dippilomaasii Afriikaa fi biyyoota hedduu kan ofkeessatti qabate bakka bu’oota Tirooyikaa waliin adeemsa cehumsaa Sudaan Kibbaa adeemsa walfakkaataan gaggeessuun haala danda’amurratti mari’atamiiru. #Tajaajila oduu Itiyoophiyaa #TOI#Oromiyaa #GA #IGAD
Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmaddummaashee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa jira-Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan
May 5, 2025 229
Ebla 27/2017(TOI)- Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmadduushee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa akka jiru daarektarri xiin sammuu raayyaa ittisaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan ibsan. Guyyaan sabboontotaa 84ffaan bakka Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee argamanitti kabajameera. Ittisa biyyaa bakka bu’uun kan dubbatan daarektarri xiin sammuu raayyaa ittisaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaansabboonummaan miira jaalala biyyaarraa kan maddudha jedhaniiru. Guyyaan kun kanneen walabummaa fi kabaja biyyaaf aarsaa itti ta’an kan itti yaadataman ta’uu ibsanii, dhaloota har’aafis aarsaa biyyaaf kaffalame ittiin beeksisuu qabna jedhaniiru. Sabboontonni Itiyoophiyaa aarsaa yeroo garagaraa biyyasaanii haleellaarraa qolachuuf kaffalan Afriikaarraa biyya gita hinbitamne qofeettii dhalootaaf dabarsuusaanii ibsaniiru. Gootummaa Itiyoophiyaanotaa durirraa eegalee asgahe itti boonuu fi tiksuu qabna jedhaniiru. Dargaggoon har’aas bakka jiru hundatti cimee hojjetee biyyasaa jijjiiruu akka qabu hubachiisaniiru, Raayyaan ittisa biyyaas duudhaa abbootiisaa dhaalee birmadummaa biyyaa eegsisuun dhalootaaf dabarsuuf dirqama biyyaalessaa bahachaa akka jiru eeraniiru. Hooggantuun biiroo aadaan aartii fi tuurizimii magaalaa Finfinnee Dr. Hiruut Kaasaawu, Finfinneen magaalaa seenaa Itiyoophiyaa ofkeessatti qabatte ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hambaalee kunuunsuu fi galtee itti dabaluun kabajasaanii guutuu waliin kunuunsaa akka jiru beeksisaniiru. Pirezidaantiin waldaa sabboontota gootota Itiyoophiyaa Lij Daani’eel Jootee Masfin, injifannichi ayyaana injifannoo Itiyoophiyaan jabaattee ofdhabde ta’uu dubbataniiru. Injifannichi wayita kabajamu kan darbe yaadachuun qofa osoo hinta’iin hojiilee gurguddoo kana booda jiraniif ittigaafatama dhalootaa bahuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Dargaggoonni har’aa hojii nageenyaa fi misoomaarratti tumsuu akka qaban hubachiisaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Raayyaa Ittisa Biyyaa
Hojii guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti hundi hirmaannaa cimsuu qaba-Pirezidaat Taayyee Atsqasillaasee
May 5, 2025 170
Ebla 27/2017(TOI)- Hojii guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti kutaan hawaasaa hundi aara galfii malee hirmaannaa cimsuu akka qabu Pirezidaatiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Guyyaan sabboontotaa 84ffaan bakka Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee argamanitti kabajameera. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen sagantaa kanarratti siidaa yaadannii injifannoo sabboontotaa jala Abaaboo kaa’aniiru. Pirezidaantiin RDFI Taayyaa Atsqasillaasee dabalatee pirezidaantiin waldaalee gootota sabboontota Itiyoophiyaa durii Lij Daani’eel Jootee Masfin, Sabboontonni gootonni Itiyoophiyaa durii , hooggantoonnii fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa akkasumas keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru. Injifannichi yaadamni gita bittaa faashistummaa akka mataa ol hinqabanne kan taasisedha jedha pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee wayita kanatti. Injifannoon kun kaleessa kan agarsiisu, har’a guddummaan kan ilaalu akkasumas cimina imala boruu ifoomsee kan agarsiisu ta’uu eeraniiru. Jaalala biyyaa fi hinaaffaa walabummaa biyyaaf qabnu Sabboontota Itiyoophiyaa irraa kan barannu ta’uu hubachiisaniiru. Guddummaa biyyaa fi jaalala biyyaa boonsaa kana dhalootaaf dabarsuuf jaalala cimaa jiru ta’uu eeraniiru. Guddinnii fi imalli Itiyoophiyaa kan isaan quuqu injifachaa har’a gahuushee seenaan raga akka bahu ibsaniiru. Sadarkaan guddinaa Itiyoophiyaan amma irra jirtu yeroon qisaastu akka hinjirre kan dubbatan Pirezidaantichi, daqiiqaa fi sa’aatiin kamiyyuu guddummaa Itiyoophiyaaf aara galfii malee hojjechuun dirqama nama hundaa akka ta’e hubachiisaniiru. Raayyaan ittisaa fi qaamoleen nageenyaa biroon Itiyoophiyaan gara guddummaatti akka tarkaanfattu nagaanshee akka cimu cichanii tajaajila jiran galateeffamuu qabu jedhaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI

Hawaasummaa
Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil addunyaa Finfinneetti nitaa’ama
May 8, 2025 48
Ebla 30/2017(TOI)- Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil addunyaa sadaffaan Caamsaa 5 amma 6 bara 2017tti Finfinneetti akka taa’amu gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa beeksise. Barreessaan walii gala gumichaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa taatee kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Gumiin nagaa fi waloomaa idil addunyaa kun dhaabbilee Foramii Intarfeezii G20, gamtaa Afriikaa fi dhaabbilee garagaraa gamtaa Afriikaa jala jiran waliin tumsaan kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Abbootiin olaanoo gumichaa, gaggeessitoonni amantaa idil addunyaa,hayyoonni, gaggeessitoonni dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa sadarkaa ardii fi idil addunyaa jiranii fi kannee biroo nihirmaatu. Dabalataanis yaa’ichi galmoota misoomaa fulla’aa mootummoota gamtoomanii, ajandaa Afriikaa 2063 fi yaa’ii 2025 hooggantootaa biyyoota miseensa garee 20 Fulbaana dhufu Afriikaa Kibbaatti taa’amu irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. Yaa;iin kun yaa’ii biyyoota miseensa garee 20 dursee kan taa’amu yoo ta’u, yaadonni yaa’ii kanarraa argaman walgahii biyyoota miseensaaf akka dhihaatu dubbataniiru. Nagaa cimsuu, eegumsa mirga namoomaa, jijjiirama haala qilleensaa, eegumsa qabeenya uumamaa, barnootaa fi ajandaawwan misoomaa biroorratti mari’achuun biyyoota miseensa garee 20’f nidhihaata, Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa, Isiyaa, Afriikaa fi biyyoota addunyaa biroorraa hooggantoonni dhaabbilee amantaa, gaggeessitoonni aadaa, namoonni dhageettii qabanii fi hayyoonni 80 caalan nihirmaatu jedhaniiru.
Diinagdee
Qotee bulaan odeeffannoo misooma midhaanii akka argatuuf lakkooftuun yeroo misooma Midhaanii ifoome
May 8, 2025 46
Ebla 30/2017 (ToI)-Qotee bulaan Odeeffannoo Misooma Midhaanii akka argatu kan gargaaru gabateen lakkooftuu yeroo biyyaalessaa ifoome. Ministeerri Qonnaa Agiroo Ikooloojii biyyaa bu’uura kan godhate paakeejii Ekisteenshinii gabatee lakkooftuu yeroo irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera. Ministeera Qonnaatti dursaan hojii raawwachiisaa Misooma Midhaanii Obbo Isayaas Lammaa, lakkooftuun waqktii yeroo misooma midhaanii qophaa’e qonnaan bulaan midhaan naannoo isaatiif mijatu adda baasuun yeroo sirriitti , facaasuu akka danda’u kan gargaarudha jedhaniiru. Akkasumas Qotee bulaan Odeeffannoo qabachuun qophii lafaa, facaasaa sanyii fi omishaa walitti qabuu kan dandeessisu tahuu dubbataniiru. Oofiisaarri sagantaa pirojektii Agraa Itiyoophiyaa Obbo Ayyalaa Gabree amlaak, Ministeera Qonnaa waliin qindoomuun, biyyichatti akkaataa haala qilleensa naannootiin, midhaan haala naannoof mijataa ta’an haala waqtii eegeen omishuun aadeffannaa akka akka ta’u hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Saganticha irratti kan hirmaatan barsiisaa yuunversiitii Finfinnee Profeesar Admaasuu Tsagaayyee Itiyophiyaatti Ikkoolojiin adda addaa 32 ol tahan jiraachuu ibsaniiru. Ekisteenshinii Midhaanii haala naannoo bu’uureffatan babal’isuuf ministeera qonnaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Gabateen lakkooftuu yeroo naannoolee biyyattii hunda hammate kan hin turre ta’uu ibsuun amma kan qophaa’e hanqinicha furuu irra darbee omishaa fi omishtummaan akka dabaluuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Hirmaattota keessaa Biiroo Qonna oromiyaatti Daarekteerri Misooma midhaanii Obbo Musxafaa Huseen lakkooftuun gabatee yeroo omisha midhaanii Qotee bulaa fi qooda fudhattoonni hundi waqtii sirriitti hubachuun akka hojjetan kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. otee bulaan hojii ittisa Ilbiisaa fi Aramaa yeroosatti akka raawwatu kan dandeessisu ta’uus himaniiru. Waltajjicha irratti Ogeessonni Ministeera Qonnaa fi Qorattoonni, Gorsitoonni, Ogeessonni Projektii Agraa, fi itti gaafatamtoonni Biiroo Qonnaa naannoolee argamaniiru.
Ministeerri hojii fi ogummaa hojiilee sirna hojmaataa ammayyeessan raawwachaa jira- ministira Mufariyaat Kaamil
May 8, 2025 68
Ebla 30 /2017 (TOI)- Ministeerri hojii fi ogummaa tajaajil;asaa haqa qabeessaa fi qaqqabaa taasisuun alatti sirna hojmaataasaa ammayyeessaa jiraachuu ministirri Mufariyaat Kaamil ibsan. Waltajjiin marii komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa qorannoon hojii biyya alaa ilaalchisuun qorate ifoomsuuf qophaa’e taa’amaa jira. Maricha ilaalchisuun ministirri hojii fi dandeettii Mufarihaat Kaamil ergaa dabarsaniin, ministeerichi hojiiwwan sirna hojmaataa ammayyeessan raawwachaa jira.   Sektaricha hojmaata badaa irraa baraaruu fi haqa buusuuf hojmaata teeknooloojiin deeggarame hojii hojjetaman keessaa isa tokkodha. Hojii biyya alaa qaqqabamaa taasisuun gamatti carraa hojii gama uumuutiin bu’aan onnachiisaan argamuusaa kaasaniiru. Haata’u malee hojiin kun ejensiiwwan seraan alaan raawwatanaa akka jiru eeranii, seeraan gaafachuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Qorannoon komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa qorate alseerummaa qolachuuf, to’achuu fi gaafatamummaa hojiirra oolchuuf guddaa gargaara jedhaniiru. Kanarraa ka’uun hir’inoonni akka sirreeffaman cimsanii kaasaniiru. Itti aanaan komishinarii komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa Isheetee Asfaawu gamasaaniin, hojmaanni ifaan mootummaan dhaabbilee sakatta’uuf diriirse to’annaa taasifamuuf haala gaarii uumaa akka jiru dubbataniiru. Qorannaan har’a dhihaatu kunis qaama kanaa ta’uu ibsaniiru.
Ganna kana naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 11 caalu nimisooma
May 8, 2025 46
Ebla 30/2017(TOI)- Ganna kana naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 11 caalu Kk misoomu hoogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu ibsan. Sagantaan sadarkaa naannootti qonna baranaa jalqabsiisuuf qophaa’e har’a godina Arsi aanaa Heexosaa ganda Shaaqii Shararaatti adeemsifameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka ibsanitti, bara oomishaa 2017/18 naannichatti lafti heektaara miiliyoona 11 caalu nimisoom. Qonna gannaarraa oomisha kuntaala miiliyoona 360 galchuuf karoorfamuu ibsanii, lafa misoomu keessaa harki 80 kilaastaraan akka qotamu dubbataniiru. Harka 42 kan ta’u ammoo meekaanaayizeeshiniin akka misoomu eeranii, hojiin qonnaa guyyaa har’aa godina Arsi aanaa Heexosaa ganda Shaaqii Shiraraatti jalqabame oomishaa fi oomishtummaa guddisuu fi karoora milkeessuuf gargaarsa guddaa taasisa jedhaniiru. Barana tiraaktaroonni qonnaan bulaan naannichaa bite 500 dabalatee Tiraaktaroonni kuma 10 ta’an hojiirra akka jiran himaniiru. Xaa’oo qonna gannaaf qonnaan bulaa biraan gahuuf karoorfame kuntaala miiliyoona 10 caalu keessaa amma ammaatti kuntaalli miiliyoona 5 caalu qonnaan bulaa raabsamaa jira jedhaniiru. Bulchaan godina Arsii obbo Ibraahim Kadir gamasaaniin, godinichatti bara oomishaa 2017/18 lafti heektaara kuma 900 ol nimisooma. Amma ammaatti lafti heektaarri kuma 500 caalu qotamee sanyii filatamaa fi xaa’oon qonnaan bulaa qaqqabaa akka jiru himaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Sagantaa tajaajila wiirtuu tokkoo agarsiistuu Milkaa’ina Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojjetamaniiti-Ministeericha
May 7, 2025 87
Ebla 29/2017(TOI)-Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo agarsiistuu milka’ina hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf eegalamani ta’uu Ministeerri Innoveeshinii fi Teekinooloojii beeksise. Masoob tajaajilli wiirtuu yeroo Muummicha Ministiraa Dr, Abiy Ahmediin dhiheenya eebbifamee hojii eegaluunsaa ni yaadatama. Giddugalichi baaxii tokko jalatti tajaajila mootummaa walqabsiisuun teekinoloojii dijiitaalaa fayyadamuun tajaajila kennamudha. Gidugalichi lammiileen filannoowwan Teekinooloojii guutuu fayyadamuun dhaabbilee Federaalaa tajaajila adda addaa akka argatan kan dandeessisu yoo ta’u, dhaabbileen 12 qindoominaan tajaajila 41 ol kennaa jiru. De’eetaan Ministira Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alemaayoo TOI’f akka ibsanitti, Giddugalichi tajaajila hedduu bakka tokkotti kennuun tajaajila si’ataa fi mijataa yeroo tokkotti argachuu kan dandeessisudha. Kunis aadaa tajajila kennuu kan guddisu ta’uus dubbataniiru. TarsiimooDijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n tajaajila Mootummaa 800 ol Dijiitaalawaa gochuu ibsanii, kunis bu’aa qabeessummaa kenna tajaajilaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Tajaajilli wiirtuu tokkoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojiiwwan eegalaman agarsiisituu milkaa’inaa ta’uu ibsaniru. Hojiiwwan milkaa’ina tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n dhugoomsuuf hojjetamuu eegalani , dhiheessii fi fayyadamummaa ibsaa fi intarneetii babal’isun, gudduugalli daataa ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Kalaqawwan Ogummaa Kolleejjii Poolii Teeknikaa irraa bahan fayyadamtoota biraan gahuuf   Tattaaffiin taassifamaa jira
May 6, 2025 114
Ebla28/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Bu’aawwan Kalaqaa kolleejjii poolii teeknikaatii bahan fayyadamtootaan gahuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Hojii fi Ogummaa Naannichaa ibse. Biiroon Hojii fi Ogummaa Naanichaatti, Itti Gaafatamaan Damee Leenjii Obbo Nasraddiin Qaadii TOI’f yaada kennaniin, Kollejjichi Ekisteenshinii Industrii fi Misooma Ogummaa irratti hanqinoota jiran guutuuf leenjii gabaan barbaadu kennaa jiraachuu ibsaniiru. Koleejichi galteewwan Insdustirii alaa galanii fi omishawwan bakka bu’an irratti xiyyeefatee,Teekinooloojii Omisha guddisu irratti omishuu fi ceesisuu hojjechaa jiraachuu ibseera. Kanaanis maashinoota Omisha Qonnaa walitti qabuu, Nyaata Horii kan qindeessuu, cuucii lukkuu kan yaasu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru . Naannichatti hojiin Adaamaa, Bishooftuu, Shaashamannee, fi Kolleejjiiwwan poolii teeknikii birootti hojjetamaa jiru kan jajjabeffamu tahuu ibsaniiru. Kolleejonni bu’aawwan kalaqaa kana fayyadamtoota biraan gahuuf hojjechaa jirachuu ibsaniiru. Baatiiwwan saglan darbanitti galii keessoo miiliyeena 900 maddisiisuu danda’uu ibsaniiru. Kolleejjii Poolii Teeknikii Adamaatti Barataan sadrkaa 4ffaa kan tahe Musbahu Mammaa akka ibsetti omishaa fi Omishtummaa Qonnaa guddisuuf maashinii sanyii fachaasu hojjechuu dubbateera. Maashiichi humna ibsaa malee Qotiyyoo Fayyadamuun Sanyii Sararaan Facaasuu kan dandeessisu ta’uu himeera. Kolleejjii Poolii teeknikaa Shashamanneetti barataa Awwal Ahimad gama isaatiin, knkolaataa manaa kalaqaan hojjechuu ibsaniiru. Konkolaataan kalaqaan hojjete boba’aa kan qusatuu fi meeshaa naannawa argameen hojjechuu ibsuun boba’aa liitirii tokkoon k.m 30 deemuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru. Deeggarsa Motummaa fi qooda fudhattoota irraa yoo argate omisha isaa babal’isuu fi gabaaf dhiheessuuf fedhii qabachuu ibsuun; konkolaatichi annisaa aduu fi elektiriikiin hojjechuu kan dandeessu ta’uu dubbataniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni Guddaan dhufaa jira
May 8, 2025 44
Ebla 30/2017(ToI)-Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni guddaan dhufaa jiraachuu Daarektarri Olaanaan Misooma Bosonaa Obbo Kabbadaa Yimaam Ibsan. TOI Sagantaa Misooma Magariisaan Uwwisa Bosonaan faayidaa argisiisu irratti, Misooma Bosona Itiyoophiyaa fi Koree Olaanoo Ashaaraa Magariisaa waliin turtii taassisaniiru. Daarektarri Olaanaan Misooma Bosona Itiyoophiyaa Obbo Kabbadaa Yimaam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan Dinagdee jijiirama qilleensaan hin miidhamne ijaaruuf karoora qabatte keessaa sagantaan Ashaaraa Magariisaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sagantichi ammaan dura miidhaa qabeenya uumamaa irra gahaa ture ittisuu irra darbee uwwisa bosonaa guddisaa dhufuu ibsaniiru. Ammaan dura miidhaan Qabeenya Uumamaa irra gahaa turuu ibsuun, sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooluu erga jalqabee fedhii qoraanii fi Ijaarsaa Guutuu irra darbee Miidhaan Misooma Bosonaa irra gahu akka hir’atuuf gumaacha guddaa gumaachuu ibsaniiru. Sagantichi dhiqama biyyee ittisuun hidhi haaromsaa dubbishiin akka hin guutamne gochuu irra darbee lageen waggaa guutuu yaa’insa madaalawaa akka qabaatan gochuuf faayidaa olaanaa argamsiisuu himaniiru. Waggaa waggaan bosona hektaara kuma 29 irratti Mancaatiin gahaa kan ture Qorannoo Waggaa darbe gaggeeffameen gara hektaara kuma 27tti gad hir’achuun milkaa’ina guddaa ta’uu obbo Kabbadeen beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman xaawulaa fi omisha mukaa biroo sharafa Alaan argamu bakka bu’uuf abdiin kan ta’udha jedhaniiru. Walitti qabaan Koree Teeknikaa Ashaaraa MagariisaaDr.Adafris Warquu Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabbaman uwwisa bosona biyyittii guddisuu kan danda’an gosa bosonaa dhibbentaa 40 hanga 48 ta’uu ibsaniiru. Kunis qabeenyi uumamaa akka hin badne uwwisa bosonaa guddisuun gosa sanyii Biqiltootaa eeguun dhalootaaf dabarsuuf fayidaa qabaachuu ibsaniiru. Bara kana Biqiltuuwwan dhaabbachuuf qophaa’an keessaa Biliyeena 2 tuqaa 3 kan ta’an gosa mandhaalee mukeen akka ta’an xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Kunis milkaa’ina guddaa ta’uu himuun, gosni mukeenii mandhaaleen baduuf turan oolchuun faayidaa nannoof, hawaasummaa fi Dinagdeef qabaachuu Dr. Adafris Ibsaniiru.
Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa jiru
May 2, 2025 219
Ebla 24/2017 (TOI)- Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa waldaan gurmaa’anii sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa akka jiran ibsan. Sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan garagaraa qophheeffamaa akka jiran waajjirri qonnaa godinichaa ibseera. Dargaggoonni aanaa Yaayyoo TOIn haasofsiise waldaan gurmaa’anii biqiltuu qophheessuun faayidaa argachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Carraan kun kan uumameef keessaa jiraataan aanaa Yayyoo dargaggoo Yohaannis Warquu keessumaa biqiltuu muduraa baay’inaan qopheessaa akka jiru ibseera. Biqiltuu amma ammaatti qopheessanirraa birrii kuma 400 akka abdatan eereera. Dargaggoo Fadluu Shaafii gamasaatiin hiriyyootasaa waliin ta’uun sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa akka jiru dubbatee, kanarraas birrii kuma 800 argachuuf karoorfateera. Dargaggoonni galii argataniin ala hojicharraa muuxannoo argachaa akka jiran dubbatee fuulduras caalaatti fayyadamuuf hojjechaa akka jiran eereera. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godinichaa obbo Malkaamuu Caalii, biqiltuun mukaa, nyaata loonii, akkasumas muduraawwan nyaataaf oolanii fi kanneen biroo akka ta’an dubbataniiru. Keessumaa biqiltuuwwan kuduraa nyaataa fi faayidaa dinagdeef oolan qopheeffamaa akka jiran himaniieu. Erga sagantaan ashaaraa magariisaa eegalamee asitti namoota godinichaa hedduuf carraan hojii waan uumameef namoonni hojii kana hojjetan faayyadamoo dinagdee ta’uusaanii dubbataniiru. Biqiltuu ashaaraa magariisaa waggoottan darban dhaabamaniin bosonna naannichaa dhibbantaa 71tti guddisuun akka danda’ame himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa faayidaa gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu guddisuuf qooda olaanaa qaba-hayyoota
May 2, 2025 158
Ebla 24/2017(TOI)-Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtu faayidaan gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu akka dabalu gumaacha guddaa kan qabu ta’uu hayyoonni damee kanarratti hojjetan ibsan. Dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu qolachuuf biyyoonni addattis ta’e waloomaan tarkaanfiiwwan garagaraa nifudhatu. Jijjiirama haala qilleensaaf sababadha jedhamuun kan eeraman biyyoota guddatan ta’us rakkoof kan saaxilaman garuu biyyoota guddachaa jiran ta’uu hayyoonni damee kanaa nidubbatu. Addunyaan hoo’ina olaanaa, lolaa fi ongeen qoramaa yoo jiraattu, bosonni manca’uun, lafti qullaatti hafuun, gaaziin Industiriiwwan keessaa bahan kanaaf ka’umsa ta’uu ni’ibsu. Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa kana qolachuuf Itiyoophiyaan itti jirtu bosona dabaluu fi naannawa eeguuf qooda guddaa bahaa akka jiru hayyoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan ni’ibsu. Qindeessaan sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa Dr.Adafris Warquu sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu bosona haphatee ture akka fooyya’u gumaachuusaa ibsaniiru. Uwwisi bosonaa yeroo ammaa dhibbantaa 23 ol qaqqabuusaa qorannoon bara darbe taasifame ifoomsuusaa eeraniiru. Kuusaan Kaarboonii guddaan Itiyoophiyaa keessa akka jiru fi kana keessaa irra caalaan bosona keessatti kan argamu ta’uu kaasaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluun alatti galii gurgurtaarraa Itiyoophiyaan argattu akka dabalu qooda olaanaa akka bahu dubbataniiru. Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu ibsaniiru. Yuunivarsiitii Finfinneetti hoogganaan kutaa barnoota saayinsii uumamaa fi barsiisaa fi qorataan ikoo siistamaa Dr. Biqilaa Warqinaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hinmalle qolachuuf hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa hojjechaa jirti jedhan. Bosona guddisuun faayidaa gurgurtaa kaarbooniirraa argamu guddisuuf nigargaara jedhaniiru. Faayidaa bosona dabaluun Itiyoophiyaan argatte keessaa gurgurtaa faayinaansii kaarboonii raawwachuushee fi kun wayita hojiirra oolu ikoo siistama caalaatti eegsisuuf jireenya qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa jijjiiruuf nidandeessisa jedhaniiru. Waliigaltee gama Kanaan Itiyoophiyaan baankii addunyaa fi Noorweey waliin mallatteessite Waabeffataniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan deeggarsa maallaqaa pirojektoota eegumsa qabeenya uumamaa hojiirra oolchaa jirtuuf oolu argachaa akka jirtu ibsaniiru. Ashaaraa magariisaa dabalatee hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa naannoo fulla’aa irratti hojjechaa jirtu sirriitti akka beekaman dippilomaasii jijjiirama haala qilleensaa cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 10519
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015