ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Mootummaan Qulqullina, Nageenyasa fi fulla’insa konistiraakshinii Sadarkaa Olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffateera
Jun 24, 2026 14
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Mootummaan qulqullina, nageenyaa fi fulla’insa sekaera konistirakshinii sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru De’eetaan Ministira Magaalaa fi Bu'uraalee Misoomaa Dr. Yeetimgeetaa Asiraat ibsan. Abbaan Taayitaa Konistirakshinii Itoophiyaa koodotaa fi Istaandardoota ijaarsaa haaraa ragga'an hojiirra oolchuuf kan gargaaru waltajjii biyyaalessaa gaggeessaa jira. Waltajjii kana irratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Magaala fi bu’uuraalee Misoomaa fi Geejjibaa Piroofeesar Mahaammad Abdoo, hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannolee, hoggantoonni Yunivarsiitii fi dhaabbattoota qorannoo, qorattoonni, gorsitootni, akkasumas bakka bu'oonni waldaalee ogummaa argamaniiru. De’eetaa Ministira Magaala fi Bu'ura Misooma Dr. Yeetimgeetaa Asiraat wayita sana akka ibsanitti; mootummaan qulqullina, nageenyaa fi fulla’insa sektara konistirakshinii sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf, akkasumas riifoormii fi tiraansfoormeeshinii konistiraakshinii guutuu fiduuf xiyyeeffatee hojjechaa jira. Gama biraatiin, ijaarsi misooma bu'uraalee motora guddina biyyaa ta'anillee, misooma bu'uraalee qulqullinaa fi nageenyaan ijaaruun humna dinagdee akka ta'an gochuun barbaachisaadha jedhaniiru. Nageenyi ijaarsaa saayinsii fi sirna Istaandardoota maandisaa irratti hundaa'anii hojjachuun bu'aa argamudha jedhan. Koodonnii fi Istaandardoonni haaraan muuxannoo Maandisa addunyaalessaa fi bu'aalee qorannoo irratti kan hundaa'an ta'uu kaasaniiru. Akkasumas, haala qilleensaa, amala ji'oolojiifi fedhii misoomaa kan xiyyeeffannoo keessa galchan waan ta'aniif, haala qabatamaa biyyattii waliin haala waltahuun akka qophaa'an ibsaniiru. De’eetaan Ministeerichaa yeroo ammaa rakkoolee sektericha keessatti mul'atan furuuf hojiiwwan riifoormii hedduun hojjatamaa akka jiran eeraniiru. Sirna seeraafi to'annoo ammayyeessuu, hojimaata dijitaalaayizii gochuu, hojiiwwan ijaarsa dandeettii cimsuu, akkasumas iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennamee hojjatamaa jiraachuu beeksisaniiru. Gama biraatiin, Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Konstrakshinii Dr. Masfin Nagawwoo; koodonnii fi Istaandardoonni sektara konistirakshinii keessatti hojimaata tokkoo fi sadarkaa isaa eeggate kan uuman ta'uu ibsaniiru. Hojiirra oolmaa isaaniitiif tumsiifi qindoominni qaamolee hundaa murteessaa ta'uu eeraniiru.
Sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa milkeessuuf hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa turaniiru
Jun 24, 2026 170
Waxabajjii 17/2018 (ENA): Sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa milkeessuu fi haaromsa(riifoormii) dhaabbilee mirkaneessuuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduun raawwatamuu ibsani Dura taa’aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Iwunatee Allanaa. Keessattuu, filannoo waliigalaa torbaffaan Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuun isaa, ijaarsa sirna dimokiraasii kana kan agarsiisu ta’uu eeraniiru. Waggoota shanan darban keessatti dhaabbilee bilisaa fi walaba ta’anii fi bu’uura dimokiraasii ta’an ijaaruuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa turaniiru jedhani. Milkaa’ina kana galmaan ga’uuf haaromsi seeraa hundee qabu, jijjiiramni gurmaa’insaa fi hojiiwwan ijaarsa dandeettii dhaabbileen walabummaa guutuudhaan akka socho’an kan taasise bal’inaan hojiirra ooleera jedhan. Akka Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Iwunatee Allanaa himanitti; manni marichaa waggoota shanan darban keessatti sirna dimokiraasii biyyattii cimsuuf gahee tarsiimoo taphateera jedhan. Seerota jijjiirama kanaan dura turan, kanneen mirga namoomaa fi dimokraatawaa lammiilee sarban fooyyessuuf hojiin bal’aan hojjetamuu hubachiisuun, kunis fayyadamummaa hunda galeessa ummataa guddisuuf bu’uura kaa’eera jedhani. Dura taa’aan Koree Dhaabbii, dhaabbileen dimokiraasii hojiiwwan haaromsa hundee qabu akka hojjetan carraan kennameefii jiraachuu eeruun; fooyya’iinsi seeraa, jijjiiramni jaarmiyaa, fi tattaaffiin dijitaalaayizeeshinii hojii isaaniif haala mijataa uumuun bal’inaan hojiirra ooluu isaanii ibsaniiru. Hundeeffama Komishiniin Marii Biyyaalessaa aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa irratti jijjiirama bu’uuraa kan fidu ta’uu hubachiisaniiru. Adeemsi kun hirmaannaa lammiilee ijaarsa biyyaa keessatti akka dabaluu fi waldhabdeen mariidhaan akka hiikaman kan taasisu ta’uu eeraniiru. Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii seeraa fi haqaa mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Isaa Boruu waggoottan shanan darban hojiileen dimokiraasii mul’isan kanaan dura hin argamne mul’ateera jedhan. Manni marichaa gaaffiin ummataa akka deebi’uuf qaamolee dhimmi ilaallatu sadarkaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojii hojjete irratti jijjiirama jajjabeessaa galmeessee jiraachuu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa torbaffaan milkaa’inaan xumurame guddina sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa kan agarsiise ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan qabeenya Albuudaa qabdu gara guddina dinagdee qabatamaa biyyaalessaatti jijjiiraa jirti - Injinar Haannaa Birhaanuu
Jun 24, 2026 129
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa qabdu gara humna guddina dinagdee biyyaalessaatti jijjiiraa jiraachuushee De’eetaan Ministira Albuudaa Injinar Haannaa Birhaanuu ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwattii” bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti mata-duree “ Jijjiiramarraa gara Ce’umsa Waaraatti” jedhuun gaggeeffamaa jira. De’eetaan Ministira Albuudaa Injinar Haannaa Birhaanuu waltajjicharratti imala tiraansifoormeeshinii damee kanaa ilaachisuun ibsa bal’aa kennaniiru. Injinar Haannaan ibsa isaaniitiin; Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa bal’aa qabdu haala qindoomina qabuun gara humna guddina dinagdee biyyaalessaa lafa qabatutti jijjiiraa jiraachuu ishee ibsaniiru. Dameen albuudaa biyyattii raawwii dadhabaa fi gufuwwan kanaan dura keessa tureerraa ba’uun, yeroo ammaa utuboota tarsiimoo guddina dinagdee keessaa isa tokko ta’uu danda’uusaa ibsaniiru. Jijjiiramni bu’uuraa akkasii galmaahuu kan danda’e tarkaanfilee fooyya’iinsa imaammataa mootummaan fudhateen, sirna gabaa sirreessuudhaan fi dinagdee dabalata dandeessisuun invastimantii bal’aa tajaajiluun deeggaramuusaatiin ta’uu de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru. Fooyya’iinsa kana hordofuun albuudaa fi boba’aa akka qabeenya dilbiitti odeessuu qofa osoo hin taane, gara humna tarsiimoo bu’aa qabatamaa galmeessisuutti akka ce’u taasifamuusaa hubachiisaniiru. Mootummaan gufuwwan hojii damee kana keessa jiran dhabamsiisuuf seera kan fooyyesse yoo ta’u, iftoomina mirkaneessuufis hoj-maata dijiitaalaa beeksisuusaa itti dabalanii ibsaniiru. Sirni yeroo ammaa diriire kun damee kana to’annoorra darbee invastaroota waliin michooma cimaa uumuun invastimantii amansiisaa fi yeroo dheeraaf mijaawaa akka ta’u taassiseera jedhan. Yeroo ammaas dameen kun galii sharafa alaa olaanaa biyyaaf galchaa kan jiru yoo ta’u, hirkattummaa meeshaalee alaatii galan hir’isuu keessatti milkaa’ina olaanaan galmaa’uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan kanaan dura bittaa dhagaa cilee alaatii galchuuf waggaatti doolaara miliyoona 300 ol baasaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa Omishtoota biyya keessaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa jajjabeessuun fedhii biyyattii guutummaatti oomisha biyya keessaan uwwisuun danda’amuu dubbataniiru. Oomisha simmintoo guddisuuf carraaqqii taasifameen waggoottan saddeettan darban keessatti oomishni simmintoo waggaatti toonii miliyoona 8 irraa gara miliyoona 14tti guddisuun gabaa tasgabeessuun danda’amuu beeksisaniiru. Invastimantiiwwan haaraan warqee, albuudota tarsiimoo fi murteessoo, boba’aa akkasumas oomisha xaa’oo irratti babal’achaa jiran agarsiiftuu jijjiiramichaa ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inni damee albuudaa keessatti mul’achaa jiru bu’aa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa, mul’ata tarsiimoo fi ida’ama raawwii qindoomawaa ta’uu Injinar Haannaan ibsaniiru. Yeroo ammaas dameen albuudaa fi boba’aa guddina diinagdee waliigala biyyattii gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisuuf xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 ashaaraa magariisaan ni dhaabamu
Jun 24, 2026 130
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbiif qophaa’uu biiroon misooma qonnaa naannichaa beeksise. Naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaaa sadarkaa olaanaan itti fufsiisuuf qophiin ga’aan taasifamuu beeksiseera. Biiroo misooma qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’an keessaa dhibbantaa 70 kan ta’an kuduraa fi muduraa ta’uusaanii eeraniiru. Kan hafan bosonaa fi nyaata looniif kan oolan ta’uu kaasaniiru. Haala Kanaan naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 qophaa’aniiru jedhaniiru. Naannichatti sagantaan biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa boru Waxabajjii 18 bara 2018 ifatti akka eegalamu eeraniiru.
Paartii Badhaadhinaa waliin taanee hojii misoomaa fi ijaarsa mootummaa jalqabne cimsinee itti fufna - Mana Maree Waloo
Jun 24, 2026 155
Waxabajjii 17/2018 (ENA): Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Hararii Paartii Badhaadhinaa, kan filannoo injifatee mootummaa ijaaru waliin hojii misoomaa fi ijaarsa naannoo eegalame akka itti fufu beeksise. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura teessuun Mana Maree Waloo paartiilee siyaasaa naannoo Hararii Aadde Hasanat Muummee akka jedhanitti, bu’aa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa baaseen, Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti teessoo paarlaamaa harka caaluun injifateera. Dura teessuun kun Paartii Badhaadhinaa ummataan filatamee injifate, akkasumas paartilee siyaasaa filannoo kana irratti hirmaataniifi bakka bu’ummaa Mana Maree Waliiniitiin teessoo mana maree injifataniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Itti dabaluudhaan adeemsa filannoo olaantummaa ummataa mirkaneesse, sagalee ummataa kenname, injifannoo ummataa galmaa’e ni kabajna jedhan. Aadde Hasanat Manni Maree Waloo kanaan dura pirojektoota nagaa fi misoomaa, sirna dimokiraasii ijaaruu, haaromsaa fi pirojektoota biroo irratti mootummaa waliin hojjechuu isaa yaadachiisaniiru. Itti dabaluunis Manni Maree Waloo hojii kallattii hedduu qabu kan Paartii Badhaadhinaa waliin jalqabame, kan filannoo irratti sagalee caalmaa argatee mootummaa ijaaree biyya bulchaa jiru waliin akka caalmaatti hojjechuun akka itti fufu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa pirojektoota misoomaa fi faayidaa ummataa hedduu biyyattii keessatti raawwachuu isaa eeraniiru. Itti dabaluunis miseensonni beekumsaa fi dandeettii biyyaaf fayyadu qabaniifi adeemsa filannootti carraa hin arganne akka hammataman gaafataniiru. Dhaabbileen siyaasaa Manni Maree Waloo meeshaaleen cimsuu fi gahumsa miseensota isaa ijaaruu keessatti hojiin deeggarsaa akka cimu dhaamsa dabarsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Siyaasa

Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Xalayaa Muudama Ambaasaddaroota Biyyoota 11 Simatan
Jun 23, 2026 1766
Waxabajjii 16/2018 (ENA)፦Pirezidantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee, xalayaa muudama ambaasaddaroota biyyota 11 haaraa muudamanii har'a Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti simataniiru. Ambaasaddaroonni kunniinis yeroo hojii isaanii Itiyoophiyaa keessatti, tumsa gam-dannee fi hariiroo uummataa fi uummata gidduu jiru gara sadarkaa caalutti guddisuuf kutannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru. Ambaasaddaroota xalayaa muudama isaanii dhiyeessan,Ambaasaddara Sa'ud Arabiyaa, Abdallaah Biin Hasan Al-Zaahiraanii, Ambaasaddara aangoo guutuu Rippabiliika Koongoo, Ambaasaddar Andiree Pooh, Ambaasaddara aangoo guutuu Poortugaal, Joorji Peereeraa Doo Naasiimeentoo, Ambaasaddara Naayijeeriyaa, NaasiirAmiinoo, Ambaasaddara aangoo guutuu Sirilaankaa,Niirmaalaa Induumaatii Diyaas Paaraanaaviitaanaa, fiAmbaasaddara Malaawwii, Kiwaawulii Masiiskaa warreen xalayaa muudamaasaanii dhiheeffatanidha. Dabalataanis,Ambaasaddara Gaanaa, Maakaariyoos Akaanbiyaanaab Akaanboong,Ambaasaddara aangoo guutuu Uraagaay, Maariyoo Anjeel Siilvaa Kaasitroo, Ambaasaddara aangoo guutuu Siloovaakiyaa, Raasitislaav Kiriizyaan, Ambaasaddara aangoo guutuu Maadaagaasikaar, Ogasti Riichard Paareenaa, akkasumas Ambaasaddara Rippabiliika Uzbeekistaan, Ashraaf Xoojayeev xalayaa muudama isaanii piriizidantichaaf dhiyessaniiru. Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Nabiyat Geetaachoo ibsa kennaniin, Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee ambaasaddaroota kanaan waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan biyyoota kana waliin hariiroo seenaa fi dippilomaasii qabdu caalaatti cimsuu dandeessu irratti mari'achuu isaanii ibsaniiru. Ambaasaddaroonnis yeroo Itiyoophiyaa keessa turanitti, hariiroo gam-dannee fi qunnamtii uummataa fi uummata biyyoota isaanii gidduu jiru gara sadarkaa ol'aanaatti guddisuuf kutannoon akka hojjetan mirkaneessuu isaanii eeraniiru. Keessattuu, filannoon biyyaalesaa Itiyoophiyaa 7ffaan milkiidhaan xumurame Afriikaaf fakkeenya ta'uu isaa ibsuun, ergaa baga gammaddanii dabarsuu isaanii ibsaniiru.
Lammiileen Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dimokiraasiif kutannoo qaban agarsiisaniiru - Mahmuud Alii Yuusuuf
Jun 23, 2026 945
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Itiyoophiyaanonni filannoo waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan gaggeessuun dimokiraasiif kutannoo qaban agarsiisaniiru jedhan Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yuusuuf. Dura taa’aan kun filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan gaggeessuun ummataa fi mootummaan Itiyoophiyaaf dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Paartii Badhaadhinaa injifatee fi Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad baga gammaddan jedhaniiru. Adeemsi filannoo kun Itiyoophiyaanonni dimokiraasiin guddina hawaasummaa fi dinagdeef bu’uura ta’uuf kutannoo qabaachuu isaanii kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa milkaa’inaan akka xumuramuuf ogummaa fi kutannoo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa agarsiise dinqisiifachuu isaanii odeeffannoon Gamtaa Afrikaa irraa argame ni mul’isa. Dura taa’aan kun adeemsa filannoo amanamaa, nagaa fi iftoomina qabuun biyyoota miseensa Gamtaa Afriikaa keessatti bulchiinsa dimokiraatawaa cimsuuf kutannoo Komishiniin Gamtaa Afriikaa qabu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Paartiin Badhaadhinaa Filannoo walii galaa 7ffaa mo’ate waadaa uummataaf gale hojiirra olchuudhaan misooma fulla’aa mirkaneessuu qaba
Jun 23, 2026 795
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifate waadaa uummataaf gale hojiitti hiikuun nagaa fi misooma waaraa mirkaneesuuf cimee akka hojjetu Jiraattonni magaalaa Gambeellaa ibsan. Filannoo waliigalaa keessatti paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Manneen Maree Naannootiif jidduu galeessaan teessuma baay’ee argachuun injifachuu isaa Boordiin Filannoo Biyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama. Bu’aa filannichaa ilaalchisuun jiraattonni magaalaa Gambeellaa ENA’f yaada kennaniin, paartiin Badhaadhinaa filannichaan mo’ate waadaa gale hojiirra oolchuudhaan fayyadamummaa uummataa gama hundaan jiru mirkaneessuuf carraaquu akka qabu ibsaniiru. Jiraattota magaalichaa keessaa obbo Andaargee Waasihuun, paartiin Badhaadhinaa mo'ate maaniifeestoo fi sagantaa isaatiin waadaa uummataaf gale hojiirra oolchuudhaan, gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataan ka'aniif deebii kennuuf cimee hojjechuu akka qabu dubbataniiru. Uummannis mootummaa cinaa dhaabbachuun hirmaannaa filannicha irratti agarsiise misooma irrattis irra deebi'uun, tokkummaa isaa cimsee waliin hojjechuu akka qabus ibsaniiru. Paartiin Badhaadhina Filannoo biyyaalessaatiin mo’ate, hojiiwwan misoomaa waggoottan darban keessatti eegalaman itti fufsiisuun fayyadamummaa misooma uummataa mirkaneessuuf cimee hojjechuu akka qabu kan dubbate immoo dargaggoo Umood Umood dha. Keessattuu akka Naannoo Gambeellaatti waggoottan darban keessa misoomni eegalaman cimanii akka itti fufan fedhii qabna, kanaafis mootummaa cinaa ni dhaabbanna jedheera. Jiraataa magaalattii biraan obbo Zallaqaa Dabalee yaada kennaniin, paartiin mo'ate tokkummaa fi waliin jireenya uummataa cimsuudhaan nagaa fi misooma waaraa mirkaneessuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu ibsaniiru. Paartichi waggoottan shanan dhufan keessatti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa deebii kan itti kennu ta’uu akka qabus yaada kennaniiru. Maaniifeestoo fi sagantaalee paartichaan karoorawwan uummataaf ibsaman hojiirra oolchuudhaan bu’aa misoomaa qabatamaa galmeessisuuf hojjechuu akka qabu kan dubbate immoo jiraataa magaalichaa dargaggoo Kaamaa Ubongii dha. Paartiin Badhaadhinaa filannicha injifachuun isaa hojiiwwan kanaan dura eegale galmaan gahuuf carraa gaarii akka uumu kan ibse dargaggoon kun, nutis akka dargaggootti cinaa isaa dhaabbannee ni tattaafanna jedheera.
Uggurri viizaa Ameerikaan hoggantoota garee Finxaaleyyii ABUT duraanii irratti kaa’uun gareen kun hatattamaan hojii badinsaa raawwatu akka dhaabuuf ergaa ifa ta’e dha
Jun 23, 2026 699
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Uggurri viizaa Ameerikaan hoggantoota garee finxaaleyyii ABUT duraanii fi maatii isaanii irratti dhiyeenya kaa’e ergaa ifa ta’ee fi gareen kuni sochii badinsaa raawwatu hatattamaan akka dhaabuuf murtee cimaa ta’uu itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat Aadde Almaaz Gabratsaadiq himaniiru. Hoggantuun bulchiinsa Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraay duraanii fi itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat aadde Almaaz Gabratsaadiq waa’ee uggura viizaa tibbana Ameerikaan hoggantoota ABUT duraanii fi maatii isaanii irra kaa’e ilaalchisee haala naannoo Tigraay ENAtti himaniiru. Akka itti gaafatamaan kun himanitti, Ameerikaan hoggantoota TPLF duraanii fi maatii isaanii irratti dhiyeenya uggurri viizaa darbe gareen kun hatattamaan hojii badii seeraan alaa raawwachaa jiru akka dhaabu ergaa ifa ta’e dha jedhani. Murteen kun gareen kun dhaabbatee akka itti yaaduu fi Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra akka oolchuuf gumaacha guddaa akka taasisa jedhan. Gareen finxaaleyyii TPLF duraanii naannoo Tigraay keessatti waraanaaf qophaa’aa akka jiru kan ibsan itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat, naannicha keessatti dargaggoota sadarkaa olaanaan dirqisiisuun waraanatti guuraa akka jirus akeekaniiru. Dargaggoonni naannicha keessatti garee hidhattootatti makamuu didan labsii seeraan alaatiin garee hidhattootaa kana akka makaman dirqisiifamaa akka jiran akeekaniiru. Dargaggoonni kunniin naannoo sanaa miliqaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, dirqiin waraanatti guuramuu kana mormuun gara Finfinnee fi kutaalee biyyattii birootti baqachaa akka jiran ibsaniiru. Baandaaleen farra nageenyaa maqaa "Tsimdoo" jedhuun humnoota diina alaa waliin ta'uun Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf hojjechaa akka jiran kan ibsan itti gaafatamtuun waajjira Paartii Samrit, gareen finxaaleyyii kuni walitti makamuun kun waraana haaraa banuuf qophaa'aa akka jiran kan mirkaneessu ta'uu ibsaniiru. Kaayyoon inni guddaan piroojektii Tsimdoo jedhamu kun Itiyoophiyaan nageenya dhabdee jeequmsa dhaabbataa keessa tursiisuu akka ta’es hubachiisaniiru. Gareen finxaaleyyii wayyaanee duraanii Shabiyaa waliin tumsa uumuun ergamaa fi meeshaa ajandaa jeequmsaa kanaa ta’ee socho’aa akka jiru ibsaniiru. Kanaaf dargaggoonni Tigraay garee finxaaleyyii TPLF duraanii, kan humna alaa waliin tumsa uumuun aangoo seeraan alaa dheereffachuu fi biyyattii tasgabbii dhabsiisuun isin gaha jechuu qaba jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Komishinara Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin mari’atan
Jun 22, 2026 2133
Waxabajjii 15/2018(ENA)-Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Komishinara Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dr.Barhaam Saalihiin waajjira isaaniitti simatanii dubbisaniiru. Komishinarri Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dr. Barhaam Saalihiin marii kana ilaalchisuun ENAtti akka ibsanitti, Pirezidant Taayyee Atsqasillaasee waliin marii bu’a qabeessa ta’e gaggeessuu isaanii eeraniiru. Mariin kun Itiyoophiyaan godaantota hedduu keessummeessuu keessatti shoora murteessaa bahachaa jirtuuf dhaabbanni isaanii dinqisiifannaa fi beekamtii qabu ibsuuf carraa guddaa uumuu isaa ibsaniiru. Keessattuu, biyyatiin godaantota sirna biyyaalessaa keessatti hammatuu fi gargaarsa namoomaa qofa irratti akka hin hirkamne gargaaruuf dhiyyeenya kana roodmaappii hammannaa isheen ifa goote akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Adeemsa hojiirra oolmaa roodmaappii kanaan komishinichi mootummaa Itiyoophiyaa waliin kutannoon akka hojjetu kan mirkaneessan yoo ta'u; hawaasni addunyaas itti gaafatamummaa gamtaa isaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru. Gama biraatiin, Komishinar Barhaam Saalihiin Itiyoophiyaan dhiyyeenya kana filannoo waliigalaa torbaffaa milkiin xumuruu isheetiif gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam caalaatti cimuu qaba – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Jun 22, 2026 1424
Waxabajjii 15/2018 (ENA)-Hariiroon seenaa qabeessi Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kiingidam caalaatti akka cimu ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosa dhaaman. Sagantaan irbaata dippilomaatikii gareen Sidaraa (Sidara Group) magaalaa Landanitti qopheesse akkasumas Leber Afriikaa Neetwoorkii (Labour African Network fi embsaaiin Yunaayitid Kingidam Itiyoophiyaatti argamuun waloomaan qophaa’e gaggeeffameera. Ministirri dhimma alaa Dr Geediyoon Ximootiwoos wayita kana akka jedhanitti, gufuulee idil addunyaa waloomaan furuuf akkasumas carraalee guddinaa fi badhaadhinaa haaraatti gargaaramuuf waltajjiiwwan maree fi tumsaa qooda ijoo qabu. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kiingidam dhaabbilee mootummaa jidduutti akka hin daangofne ibsaniiru. Tumsi kun walitti hidhamiinsa fulla’aa dhaabbilee daldalaa, dhaabbilee mootummaa, hawaasa diyaasporaa fi lammiilee biyyoota lamaanii jidduu jirurratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Hariiroon ummattoota biyyoota lamaanii jiru kun tumsa cimaa fi egereef utubaa isa ijoodha jedhaniiru. Ministirri dhimma alaa kun dubbiisaanii keessatti ajandaa riifoomii Itiyoophiyaa yeroo ammaa fi karoora misoomaa yeroo dheeraa kaasaniiru. Keessumaa dinagdee jabeessuu, dargaggoof carraa hojii uumuuf akkasumas guddina hammataa fi fulla’aa fiduuf tattaaffii taasifamaa jiru kaasaniiru. Carraaleen tumsa daldalaa, Invastimantii, barnoota, qu’annoo teeknooloojii kalaqaa(Innoveeshinii) fi jijjiirama qilleensaa damdamachuu biyyoota lamaan jidduu jiraachuusaanii ministirichi eeraniiru. Haala idil addunyaa yeroo yerootti wal xaxaa dhufe sirnaan bahachuu fi lammiilee biyyoota lamaaniif faayidaa qabatamaa argamsiisuuf tumsa idil-addunyaa cimaa uumuun dhimma filmaata hin qabne ta’uu hubachiisaniiru. Dura taa’aan Leber Afriikaa Netwoork (LAN) Ernasti Ambee dubbii dubbataniin, Neetwoorkichi sagaleen Afriikaa imaammata bocuu Yunaayitid keessatti, waltajjiiwwan daldalaa fi dippilomaasii irratti guddatee akka mul’atu gochuurratti qooda inni bahe dinqisiifataniiru. Dinagdeen Itiyoophiyaa Afriikaarraa gabaawwan isa guddaa fi guddina si’ataa galmeessisaa jiran keessaa isa tokko ta’uu haala addaan kaasaniiru. Yuunaayitid Kingidamitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Buruuk Mokonnon gamasaaniin, taateen dippilomaasichaa tumsa daldalaa, Invastimantii fi innoveeshinii biyyoota lamaanii cimaa dhufe bal’isuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru. wal deeggarsi dinagdee itiyoophiyaa fi walumaa gala biyyoota afriikaa waliin qabdu guddachuunsaa carraalee haaraa, badhaadhina waloo fi guddina hammataa fulla’aa fiduuf akka gargaaru ibsuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Hawaasummaa
Yunivarsiitiin Jimmaa balaa Tiraafikaa hir'isuuf hojii qooda fudhattoota waliin jalqabe ni cimsa
Jun 23, 2026 948
Waxabajjii 16/2018 (ENA) -Yunivarsiitiin Jimmaa waggoottan kurnan darban keessatti saaxilamummaa balaa tiraafikaa hir'isuuf qooda fudhattoota waliin hojii jalqabe akka cimsu beeksise. Yunivarsiitichi waltajjii marii qooda fudhattootaa balaa kana ittisuurratti xiyyeeffate gaggeesseera. Itti-aantuun Pirezidantii Qorannoo fi Walta'iinsa Yunivarsiitii Jimmaa Piroofeesar Muluummabeet Abarraa akka jedhanitti; balaa tiraafikaa yaaddessaa ta'e kana hir'isuuf Yunivarsiitichi qooda fudhattoota adda addaa waliin ta'uun gahee isaa ba'achaa jira jedhaniiru. Kanaanis, Ministeera Geejjibaa fi Lojistiksii, dhaabbilee federaalaa fi naannoo waliin ta'uun hojii hojjetamaa jiruun jijjiiramni abdachiisaan argamaa jiraachuu eeraniiru. Waggoottan darban keessatti Godina Jimmaa akkasumas magaalota fi godinoota naannichaa biroo keessatti saaxilamummaa balaa kanaa hir'isuuf hojiileen qorannoo fi hubannoo uumuu bal'aan hojjetamuu kan ibsan piroofeesarittiin, kunis hawaasa biratti dammaqinsa guddisuuf gumaacha guddaa gochuu isaa dabalanii ibsaniiru. Daarektarri gidduu gala Qorannoo Nageenya Daandii fi Geejjibaa Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Geetaachoo Xilaahuun gama isaaniitiin, babal’achuu bu'uraalee misooma daandii fi hubannoo hawaasaa guddisuun balaa kana hir'isuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Giddu-galichi waggaa kana qofa keessatti miseensota hawaasaa fi qooda fudhattoota kuma 2 fi 600 ol ta'aniif leenjii hubannoo uumuu kennuu isaas caqasaniiru. Balaa tiraafikaatiin lubbuun nama tokkoo darbuun dhiibbaa hawaasummaa fi dinagdee guddaa kan geessisu waan ta'eef, balaa kana ittisuun itti-gaafatamummaa waloo qaama hundaa ta'uu qaba jedhaniiru. Hogganaan Kutaa Tiraafikaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa Inispeektarri Olaanaa Nagaash Xilaahuun; magaalichaa fi naannawa isheetti balaawwan mul'atan hir'isuuf hojiileen to'annoo jabaan hojjetamaa jiraachuu beksisaniiru. Bu'uuraaleen misooma daandii babal'achuu isaanii fi dhimmichi akka hawaasatti xiyyeeffannoo akka argatu gochuu isaatiin balaan tiraafikaa gadi-bu'uu kan eeran hogganaan kun keessattuu misooma kooridariitiin daandiiwwan babal'achuu fi suphaan daandiiwwan gurguddoo taasifamuun isaa balaa hir'isuuf gumaacha guddaa gochuu isaa dubbataniiru. Bu'aan kun gahaa waan hin taaneef , yaaddoo balaa tiraafikaa caalaatti hir'isuuf hojiin to'annoo cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Yuunivarsitichi hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu cimsuu qaba
Jun 23, 2026 321
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Arsii hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru cimsuu akka qabu walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa ibsani. Yuunivarsitichi barattoota damee ogummaa adda addaatiin leenjise 1,355 ol guyyaa har'aa eebbiseera. Kanuma waliin walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yuunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa akka ibsanitti; Eebbifamtoonni Itiyoophiyaa badhaate boruu dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu keessatti ashaaraa isaanii kaa'uu qabu jedhani. Eebbifamtoonni kunneen yeroo Itiyoophiyaan gara ijaarsa diinagdee dijitaalaa tarkaanfachaa jirtutti yeroo eebbifaman hojiin guddaa akka esaan eeggatu himaniiru. Adeemsa jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti eebbifamtoonni gahee isaanii bahuu akka qaban ibsuun, Yuunivarsitichi qorannoo rakkoo qonnaan bulaa furu irratti xiyyeeffachuun hojii isaa akka itti fufus qajeelfama kennaniiru. Hojii qorannoo bu’a qabeessa ta’ee fi fayyaa dabalatee tajaajila hawaasummaa keessatti hojjetamaa jiruu fi cehumsa teeknooloojii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dr. Fiqaaduu Mitikkuu gamasaaniitiin, yuunivarsitichi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qorannoo rakkoo furuu bu’a qabeessa ta’e qonna, fayyaa, injinariingii fi teeknooloojii irratti gaggeessuun hawaasa fayyadamoo taasisaa jira jedhan. Barattoonni hojii uumtota akka ta’aniif leenjiin hojii kennamaafii kan ture ta’uu himaniiru. Yunivarsiitichi tajaajila hawaasaa babal’isuuf hojii hojjetaa jiruun hospitaala da’umsaa fi daa’immanii ijaaree hojiitti galchuu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis Hospitaala Riferaalaa Asallaa dabalatee tajaajila waraqaa malee argachuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu dabalanii himaniru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jira - Pireesidaanti Ordiin Badrii
Jun 22, 2026 1095
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jiraachuu piresidaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisaniiru. Piresidaanti Ordiin Badrii sagantaa tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa eegalchiisaniiru. Piresidaanti Ordiin saganticha kan eegalchiisan kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’aniif ijaarsa mana jireenyaa eegaluunidha. Wayita sana akka jedhanitti, hunduu hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa gaggeeffamaa turan gargaaraa fi deeggarsa taasisuun, rakkoo hawaasummaa fi diinagdee lammiilee salphisaniiru. Hojii tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti paartii fi mootummaan waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana jireenyaa ni ijaaru jedhaniiru. Manneen kunneen yeroo gabaabaa keessatti saffisaa fi gahumsaan ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarfamuu akka danda’an himaniiru. Hunduu humnaa fi qabeenya qabu hundaan sochii tajaajila tola ooltummaa Ganna naannicha keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan gahee lammummaa isaa gumaachuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Hojiin tajaajila tola ooltummaa kaka’umsa mataa ofiitiin gaggeeffamu gara fuula duraatti cimee akka itti fufu piresidaanti Ordiin ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Naannichaa Aadde Ramziyaa Abdulwaahib gama isaaniitiin; Tajaajila tola ooltummaa waggaa waggaan naannichatti gaggeeffamu irratti lakkoofsi dargaggoota hirmaatan dabalaa dhufeera jedhani. Tajaajila tola ooltummaa bara kanaa fi hojiiwwan misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan keessatti tajaajilawwan xiyyeeffannoo 14 adda baasuun, kanarrattis tola ooltonni kuma 47 akka hirmaatan hubachiisaniiru. Sagantichaan hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu hojjachuuf karoorri qabamee hojiitti galamuusaa akeekaniiru. Sirna jalqabsiisa kana irratti Itti Aantuu piresidaantii naannichaa aadde Roozaa Umar, Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Sulxaan Abdusalaam fi Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa akkasumas hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira
Jun 22, 2026 874
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jiraachuu komishiniin hoggansa yaaddooo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ibse. Hojiileen qarqara lagaa fi kooriidaraa Finfinneetti ijaaraman miidhaginaa fi ammayyummaa magaalattii guddisuudhaan Finfinneen turizimiif bakka filatamtu akka taatu gochaa jiru. Misoomni kooriidaraa fi qarqara lagaa jiraattota qarqara lagaarra yaaddoo guddaan jiraachaa turan baraaruu danda’eera. Pirojektoonni qindoominaan hijjetaman kunneen yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachaa ture furuudhaan yaaddoo malee akka jiraatan godheera. Itti aanaan komishinaraa hoggansa yaaddoo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dassaalanyi Gonfaa ENA’f akka ibsanitti, lolaa fi balaa yeroo gannaa mudatuittisuuf hojiiwwan haal duree hojjetamaa jiru. Komishinichi qooda fudhattoota magaalattii garagaraa waliin ta’uun ujummoowwan dhangala’aan keessa darbuu fi bo’oon lolaan keessa darbu balfaan akka hin duuchamne xiyyeeffannoodhaan qulqulleeffamaa akka jiru eeraniiru. Dabalataanis hirmaannaan ummataa murteessaa waan ta’eef jiraattonni lagaa fi ujummoo keessatti balfa akka hin ganne hojiin hubannoo bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Bakkeewwan lolaaf saaxilaman adda baasuudhaan qama dhimmi ilaalu waliin ta’uun balaa gahuu danda’u salphsuuf xiyyeeffannoon hojjetanaa akka jiru itti aanaan komishinarichaa ibsaniiru. Hojiileen misooma qarqara lagaa fi kooriidaraa rakkoolee ujummoowwan bishaan keessa darbuu furuudhaan yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachuu danda’u hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira jedhaniiru. Kun ammoo jiraattota magaalichaaf aara galfii akka kenne dubbataniiru.
Diinagdee
Mootummaan Qulqullina, Nageenyasa fi fulla’insa konistiraakshinii Sadarkaa Olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffateera
Jun 24, 2026 14
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Mootummaan qulqullina, nageenyaa fi fulla’insa sekaera konistirakshinii sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru De’eetaan Ministira Magaalaa fi Bu'uraalee Misoomaa Dr. Yeetimgeetaa Asiraat ibsan. Abbaan Taayitaa Konistirakshinii Itoophiyaa koodotaa fi Istaandardoota ijaarsaa haaraa ragga'an hojiirra oolchuuf kan gargaaru waltajjii biyyaalessaa gaggeessaa jira. Waltajjii kana irratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Magaala fi bu’uuraalee Misoomaa fi Geejjibaa Piroofeesar Mahaammad Abdoo, hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannolee, hoggantoonni Yunivarsiitii fi dhaabbattoota qorannoo, qorattoonni, gorsitootni, akkasumas bakka bu'oonni waldaalee ogummaa argamaniiru. De’eetaa Ministira Magaala fi Bu'ura Misooma Dr. Yeetimgeetaa Asiraat wayita sana akka ibsanitti; mootummaan qulqullina, nageenyaa fi fulla’insa sektara konistirakshinii sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf, akkasumas riifoormii fi tiraansfoormeeshinii konistiraakshinii guutuu fiduuf xiyyeeffatee hojjechaa jira. Gama biraatiin, ijaarsi misooma bu'uraalee motora guddina biyyaa ta'anillee, misooma bu'uraalee qulqullinaa fi nageenyaan ijaaruun humna dinagdee akka ta'an gochuun barbaachisaadha jedhaniiru. Nageenyi ijaarsaa saayinsii fi sirna Istaandardoota maandisaa irratti hundaa'anii hojjachuun bu'aa argamudha jedhan. Koodonnii fi Istaandardoonni haaraan muuxannoo Maandisa addunyaalessaa fi bu'aalee qorannoo irratti kan hundaa'an ta'uu kaasaniiru. Akkasumas, haala qilleensaa, amala ji'oolojiifi fedhii misoomaa kan xiyyeeffannoo keessa galchan waan ta'aniif, haala qabatamaa biyyattii waliin haala waltahuun akka qophaa'an ibsaniiru. De’eetaan Ministeerichaa yeroo ammaa rakkoolee sektericha keessatti mul'atan furuuf hojiiwwan riifoormii hedduun hojjatamaa akka jiran eeraniiru. Sirna seeraafi to'annoo ammayyeessuu, hojimaata dijitaalaayizii gochuu, hojiiwwan ijaarsa dandeettii cimsuu, akkasumas iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennamee hojjatamaa jiraachuu beeksisaniiru. Gama biraatiin, Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Konstrakshinii Dr. Masfin Nagawwoo; koodonnii fi Istaandardoonni sektara konistirakshinii keessatti hojimaata tokkoo fi sadarkaa isaa eeggate kan uuman ta'uu ibsaniiru. Hojiirra oolmaa isaaniitiif tumsiifi qindoominni qaamolee hundaa murteessaa ta'uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya Albuudaa qabdu gara guddina dinagdee qabatamaa biyyaalessaatti jijjiiraa jirti - Injinar Haannaa Birhaanuu
Jun 24, 2026 129
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa qabdu gara humna guddina dinagdee biyyaalessaatti jijjiiraa jiraachuushee De’eetaan Ministira Albuudaa Injinar Haannaa Birhaanuu ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwattii” bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti mata-duree “ Jijjiiramarraa gara Ce’umsa Waaraatti” jedhuun gaggeeffamaa jira. De’eetaan Ministira Albuudaa Injinar Haannaa Birhaanuu waltajjicharratti imala tiraansifoormeeshinii damee kanaa ilaachisuun ibsa bal’aa kennaniiru. Injinar Haannaan ibsa isaaniitiin; Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa bal’aa qabdu haala qindoomina qabuun gara humna guddina dinagdee biyyaalessaa lafa qabatutti jijjiiraa jiraachuu ishee ibsaniiru. Dameen albuudaa biyyattii raawwii dadhabaa fi gufuwwan kanaan dura keessa tureerraa ba’uun, yeroo ammaa utuboota tarsiimoo guddina dinagdee keessaa isa tokko ta’uu danda’uusaa ibsaniiru. Jijjiiramni bu’uuraa akkasii galmaahuu kan danda’e tarkaanfilee fooyya’iinsa imaammataa mootummaan fudhateen, sirna gabaa sirreessuudhaan fi dinagdee dabalata dandeessisuun invastimantii bal’aa tajaajiluun deeggaramuusaatiin ta’uu de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru. Fooyya’iinsa kana hordofuun albuudaa fi boba’aa akka qabeenya dilbiitti odeessuu qofa osoo hin taane, gara humna tarsiimoo bu’aa qabatamaa galmeessisuutti akka ce’u taasifamuusaa hubachiisaniiru. Mootummaan gufuwwan hojii damee kana keessa jiran dhabamsiisuuf seera kan fooyyesse yoo ta’u, iftoomina mirkaneessuufis hoj-maata dijiitaalaa beeksisuusaa itti dabalanii ibsaniiru. Sirni yeroo ammaa diriire kun damee kana to’annoorra darbee invastaroota waliin michooma cimaa uumuun invastimantii amansiisaa fi yeroo dheeraaf mijaawaa akka ta’u taassiseera jedhan. Yeroo ammaas dameen kun galii sharafa alaa olaanaa biyyaaf galchaa kan jiru yoo ta’u, hirkattummaa meeshaalee alaatii galan hir’isuu keessatti milkaa’ina olaanaan galmaa’uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan kanaan dura bittaa dhagaa cilee alaatii galchuuf waggaatti doolaara miliyoona 300 ol baasaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa Omishtoota biyya keessaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa jajjabeessuun fedhii biyyattii guutummaatti oomisha biyya keessaan uwwisuun danda’amuu dubbataniiru. Oomisha simmintoo guddisuuf carraaqqii taasifameen waggoottan saddeettan darban keessatti oomishni simmintoo waggaatti toonii miliyoona 8 irraa gara miliyoona 14tti guddisuun gabaa tasgabeessuun danda’amuu beeksisaniiru. Invastimantiiwwan haaraan warqee, albuudota tarsiimoo fi murteessoo, boba’aa akkasumas oomisha xaa’oo irratti babal’achaa jiran agarsiiftuu jijjiiramichaa ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inni damee albuudaa keessatti mul’achaa jiru bu’aa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa, mul’ata tarsiimoo fi ida’ama raawwii qindoomawaa ta’uu Injinar Haannaan ibsaniiru. Yeroo ammaas dameen albuudaa fi boba’aa guddina diinagdee waliigala biyyattii gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisuuf xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Milkaa’inni Itoophiyaan oomisha qamadiin galmeessite bayyanachuu dinagdee Afrikaa kan agarsiisudha- Barreessaan Olaanaan Kilaaver Gateetee
Jun 24, 2026 112
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Milkaa’inni Itoophiyaan oomisha qamadiin galmeessite bayyanachuu dinagdee Afrikaa kan agarsiisu ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sadarkaa itti aanaa barreessaatti hojii raawwachiisaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gateetee ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwattii” ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti mata duree “Jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhuun Finfinnee golambaa Saayinsiitti gaggeeffameera. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sadarkaa itti aanaa barreessaatti hojii raawwachiisaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gateetee, Afriikaan addunyaa jijjiiramtuu keessatti dhiibbaa olaanaa kessummeessaa jirti jedhaniiru. Garuummoo Itiyoophiyaan guddina ariifataa haalli jijjiirama addunyaa hindhaabne ijaaruu danda’uushee ibsaniiru.
Dameen qonnaa Itiyoophiyaa nyaata qofaaf ooluurra darbee gara bu’ura daldalaa fi birmadummaatti ce’eera
Jun 23, 2026 955
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Dameen qonnaa Itiyoophiyaa nyaata qofaaf ooluurra darbee gara bu’ura daldalaa fi birmadummaatti cehuusaa hojii raawwachiisaan olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Dr. Mandafroo Nugusee dubbatan. Sektarri Qonnaa Itiyoophiyaa nyaata qofaaf oolaa ture irraa bilisa bahee, gara ce’umsa daldalaa fi birmadummaa bu'uuraatti gochuu isaa hojii raawwachiisaa Olaanaan Inistitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Dr. Maandafroo Nugusee ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti, yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhamu mata-duree “Jijjiiramaa gara Ce’umsa Waaraatti” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojii raawwachiisaa Olaanaan Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Dr. Maandafroo Nugusee waltajjicharratti imala jijjiirama sektera qonnaa ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis, Itiyoophiyaan invastimantoota tarsiimawaa fi fooyya'iinsa guddaa taasisuun dameen qonnaa biyyattii barsiifata duraan nyaata qofaaf ture irraa bilisa gochuun, yeroo ammaa kana qonna irraa gara daldalaatti akkasumas gara bu'uura ce’umsa birmadummaatti kan ceesiste ta'uu eeraniiru. Kuni akka milkaa'uufis, tarsiimoowwanii fi dhimmoota ce’umsa tarsiimoo karoora waggaa 10 waliin haala walsiman bocuun, tumsa mootummaa, dhuunfaa fi uummataa cimsuun, kalaqaa fi daldala qonnaa babal'isuun akkasumas birmadummaa nyaataa guddisuun sekterichi caalaatti kan omishtummaan isaa dabale, gabaarratti kan hundaa'e fi balaawwan uumamaa fi man-tolchee dandamachuuf dandeettiin qabu kan guddate ta’uu eeraniiru. Duraan meeshaalee alaa galan irratti bal'inaan hirkattuu kan turte Itiyoophiyaan, yeroo ammaa omishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu guddisuun, sagantaa maaddii guutuu fi Inisheetiivota mandhaalee biroo dagaagsuun, teeknoolojii fi hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) gargaaramuun dargaggootaaf carraa hojii uumuu cinaatti, biyyattiin nyaataan of danda'uuf imala taasisaa jirtuuf bu'aa abdachiisaa fidaa jiraachuu hojii raawwachiisaa Olaanaan kun beeksisaniiru. Tarkaanfiiwwan tarsiimawaa karoorfaman fi gara fuulduraa irratti xiyyeeffatan kunniin Jijjiirama qonnaa fulla’aa , badhaadhina baadiyyaa fi bu'uura dinagdee cimaa uumaa kan jiran yoo ta'u, kunis Itiyoophiyaan gara fuulduraatti deemaa fi jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jiraachuu ishee qabatamaan kan argisiisu ta'uu eeraniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 119
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa jirti
Jun 23, 2026 491
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa akka jirtu waajjira ministira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriyaam Se’iid ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhu mata duree jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhu bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira. Waajjira ministiira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriiyaam Se’iid Itiyoophiyaan Kanaan dura hojmaattota bittinnaa’aa turan eenyummaa dijitaalaatiin, kaffaltii fi waljijjiirraa daataatiin caasaalee dinagdee qindaa’aa keessatti galchuun hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa kaa’aa akka jirtu dubbataniiru. Biyyattiin tajaajila mootummaa walitti fiduun akkasumas dandeettii man-dhalee waloomaan guddisuu irratti akka argamtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiraa akka jirtu gorsituun kun ibsaniiru.
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 2309
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru. Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisan
Jun 20, 2026 1283
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisaniiru. Ministirri muummee appilkeeshinii kana yaa’ii mata duree “ga'ooma dijitaalaa” jedhuun qophaa’erratti argamuun eebbisuusaanii ibsaniiru. Appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhaniiru. Bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Hundaa ol mul’anni Itiyoophiyaa fedhii as dhihoo osoo hin taane , dhugaa harkaa fi dandeettii keenyaan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu ragaa qabatamaa akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa fi obboleeyyii keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon akka tarkaanfannun dhaama jedhan ministirri muummee.
Ispoortii
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 2906
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Jun 15, 2026 2340
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti. Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera. Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte. Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti. Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti. Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru. Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti. Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha. Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Jun 15, 2026 1953
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan. Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera. Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru. Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera. Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni. Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru. Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 2695
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 ashaaraa magariisaan ni dhaabamu
Jun 24, 2026 130
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbiif qophaa’uu biiroon misooma qonnaa naannichaa beeksise. Naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaaa sadarkaa olaanaan itti fufsiisuuf qophiin ga’aan taasifamuu beeksiseera. Biiroo misooma qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’an keessaa dhibbantaa 70 kan ta’an kuduraa fi muduraa ta’uusaanii eeraniiru. Kan hafan bosonaa fi nyaata looniif kan oolan ta’uu kaasaniiru. Haala Kanaan naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 qophaa’aniiru jedhaniiru. Naannichatti sagantaan biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa boru Waxabajjii 18 bara 2018 ifatti akka eegalamu eeraniiru.
Jiraattonni Magaalittii itti gaafatamummaa isnii ba’achuudhaan naannoo isaanii balaa Lolaarraa eeguu qabu - kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 23, 2026 593
Waxabajjii 16/2018 (ENA):- Jiraattonni magaalaa keenyaa bo’oo lolaa qulqulleessuudhaanii fi kosii sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa lolaarraa eeguu qabu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee waamicha dhiheessan. Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, Aanaa Aqaaqii Qaallittiitti bakka yeroo baay’ee balaa Lolaatiif saaxilamu irratti hojii lolaa ittisuu fi qophii ittisa balaa ifatti jalqabsiisneerra jedhan. Aqaaqii Qaallittiin teessuma lafaatiin kutaa Finfinnee gara gadii waan ta'eef; kanaan dura balaa lolaatiif deddeebi'ee miidhamaa turuu isaas yaadachiisaniiru. Guyyaa har'aas naannoo kanaaf dursa kennuudhaan bakkeewwan magaalaa keenya hundatti laggeen yaa’insa uumamaa isaanii eeggatanii akka yaa’an ijaarsoota adda addaa hojjechuu fi sosochii sararoota dhangala'aa qulqulleessuu itti fufsiisneerra jechuun ibsaniiru.. Jaalatamtoota jiraattota magaalaa keenyaa, bulchiinsi keenya hojii ittisaa fi balaan akka hin qaqqabneef hojii qophii dursaarratti hojjechaa jiru irratti dammaqinaan hirmaadhaa jechuun waamicha dhiheessaniiru. Itti dabaluudhaanis, sararoota dhabamsiisa dhangala’aa qulqulleessuudhaan, kosii gara lolaan yaa’utti gatuu dhiisuu fi sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa Lolaarraa eegaa jechuun dhaamaniiru
Godina Wallagga Lixaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'eera
Jun 23, 2026 345
Waxabajjii 16/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'uu isaa Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera. Waajjira Qonnaa godinichatti Durasaan garee eegumsa qabeenya uumaamaa Obbo Fiqruu Biraanuu, sagantaa ashaaraa magariisaa kanaaf qophiin biqiltootaas ta'ee lafaa xumuramuu isaa ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin godinichatti aanaalee hundatti biqiltoonni faayidaa hedduu qaban miiliyoona 328 ol akka dhaabaman eeraniiru. Biqiltoota qophaa'an keessaa avokaadoo, paappaayaa, muuzii, burtukaana, Appilii fi kanneen bosonaatiif oolan biqiltoonni hedduun qophaa'uu isaanii kaasaniiru. Hojiin biqiltuu magarsuu kun dhuunfaan, mootummaanii fi waldaaleen kan raawwatame ta'uu ibsaniiru. Uummata hirmaachisuudhaan hojii dhaabaatiif boolli miiliyoona 293 qophaa'uusaa eeraniiru. Kanaanis namoota gara miiliyoona 1.4 ta'an hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Magaalaa Finfinneetti sochiin duula ittisa Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa Bara 2018 eegalame
Jun 23, 2026 354
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqiitti duulli Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa 2018 eegalameera. Sagantaa jalqabsiisa kana irratti kan argaman itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Mgaalichaa Jaanxiraar Abbay akka himanitti, duulli kun yeroo Gannaa hordofee miidhaa namootaa fi qabeenya irra gahu ittisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa sirnaan qoratee furmaata itti fufiinsa qabu kennaa akka ture eeraniiru. Kana keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’uu ibsaniiru. Laggeen jireenya dhala namaatiif madda balaa ta’uu osoo hin taane, madda bishaan qulqulluu ta’uu akka qaban hubachiisuun, gara fuulduraattis lageen madda balaa akka hin taaneef misoomni qarqara lagaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan. Sadrkaa itti Aanaa Kantiibaattii fi hojii gaggeessaa olaanaan magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seetaa gamasaaniitiin magaalaa guddittii keessatti haala balaa irraa bilisa ta’e uumuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Naannoowwan kanaan dura madda balaa turan gara iddoo jireenyaa mijataa fi hawwataa ta’etti jijjiiramuu isaanii akeekaniiru. Hojiin magaalattii mijataa fi jireenyaaf hawwataa taasisuu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 6738
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 11005
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.