ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Godinichatti Qonna Arfaasaan Lafa Hektaara kuma 368 facaafame irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa 7 ni eegama
Jul 3, 2025 74
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Godina Gujii Lixaatti Lafa Hektaara kuma 368 Qonna Arfaasaan facaafame irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa 7 akka eegamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Qondaaltonni Olaanoon Naannichaa Misoomaa Godina Gujii Lixaatti Hojjetame daawwachaa jiru. Kanaanis Godina Gujii Lixaa Aanaa Suuroo Barguddaatti Qamadii fi Xaafii Kilaastaraan omishamee daawwataniiru. Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Gujii Tukee Anaa Qondaaltota Olaanoof ibsa kennaniin, Godinichatti Baatii Gannaa Kanatti lafti hektaarri kuma 368 midhaan akaakuu garagaraa facaafamuu ibsaniiru. Isaanis, Boqqolloo, Qamadii, Boloqqee, Xaafii, Maashoo fi kanneen biroo ta’uusaanii ibsuun, Omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa7 akka eegamu dubbataniiru. Aadaan Hojii Qotee bulaa Yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuus itti dabaluun kaasaniiru. Omishtummaan akka guddatuuf motummaan deeggarsa adda addaa gochaa jiraachuu eeruun, sanyii filatamaa, Xaa’oo fi galteewwan biroo dhiheessuu dubbataniiru. Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa dabalatee Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi Qondaaltonni olaanoon Naannichaa daawwannaa Hojiiwwan Misoomaa Godina Gujii Lixaatti raawwatamaa jiru kanarratti hirmaataniiru.
Wixineen bajataa bara Bajataa2018 birrii tiriiliyoona 1 tuqaa 93 ta’uun ragga’e
Jul 3, 2025 60
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa bajata mootummaa federaalaa bara 2018 dhihaateef raggaaseera. Manni marichaa walgahii idilee 42ffaa gaggeeseera. Yaanni murtii fi gabaasni wixinee bajataa mootummaa federaalaa bara 2018 walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, bajataa fi faayinaansii Dassaalany wadajoon dhihateera. Manni maree bakka bu’ootaa yaada murtii dhihaateef ilaaleewixinee bajataa bara bajataa 2018 raggaaseera. Bajanni mootummaa federaalaa bara dhufuu birrii tiriiliyoona 1 tuqaa 93 ta’uu gabaasicharratti ibsameera. Wixinee bajata 2018 keessaa tiriiliyooniin 1 tuqaa 2 baasii idileef, biriin biiliyoona 415 baasii kaappitaalaaf, birriin biiliyoona 315 deeggarsa mootummoota naannoleef akkasumas birriin biiliyoona 14 deeggarsa galmoota misooma egeree naannolee raawwachiisuuf kan ooludha. Wixinee bajataa keessaa birriin tiriiliyoonii 1 ykn harki 73 galii taaksiirraa, biriin biiliyoona 236 deeggartoota misoomaa kan hafe ammoo deeggarsa pirojektootaa fi galiiwwan garagaraarraa argachuuf karoorfameera. Akkaataa oomisha biyyaa waliigalaatiin hanqinni bajataa waliigalaa harka 2 tuqaa 2 akkasumas hanqinni bajata qulqulluu dhibbantaa 1 ta’uu gabaasa wixinee bajatarratti ibsameera. Mootummaan hanqina bajataa kana kan guutu kallattiin baankii biyyaalessaarraa liqii fudhachuun osoo hinta’iin gurgurtaa sanada kuusaa akka guutu eerameera. Wixineen bajataa 2018 riifoormii dinagdee gooroo guutuu fi karoora misoomaa waggaa 10nii hubannoo keessa galchuun akka qophaa’e gabaasarratti dhihaateera.
Bara Kana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwataniiru- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 59
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Barana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwachuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa gaggeessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana Maree irraa ka’aniif deebii fi ibsa Kennaa Jiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Damee Tajaajilaa irratti haala Qindaa’een hojjechuun dandeettii Dinagdee Itiyoophiyaa baachuuf humna guddaa qaba jedhaniiru. Itiyophiyaatti barana konfiraansiiwwan Idil Addunyaa150 ol keesummeeffamuusaanii fi kunis kan bara darbee dachaan akka caalu dubbataniiru. Riifoormii Immiigireeshinii, Hojii Daandii Qilleensaa, Hoteelotaa fi bakkeewwan Turizimii babal’isuu, Misooma Koriideraa fi Hojiiwwan Biroon hawwata turistii dabaluuf qooda guddaa qabaachuu dubbataniiru. Bara Baajataa kanatti Namoonni Miiliyoona 1 tuqaa 5 paarkii tokkummaa, Addababayii Michoomaa, Godambaa saayinsii, fi Masaraa Mootummaa Biyyoolessaa Daawwachuu fi kanaanis galiin birrii biiliyoona walakkaa ol argamuu ibsaniiru. Waggoottan muraasa darbanitti bakkeewwan Afran Namoonni Miiliyoona 13 tuqaa 5 daawwachuu kaasaniiru. Sadarkaa Magaalaa Finfineetti hoiiwwan hojjetamaniin lakkoofsi Daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa Sadarkaa Olaanaan guddachuu ibsaniiru. Tuurizimii Utubaa Ijoo Damee Tajaajilati kan jedhan Ministirri Muummee , Mootummaan Hojii Damicharratti eegale cimsee akka itti fufu dubbataniiru.
Bara bajatichaatti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumameera- Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 52
Waxabajjii 26/2017(TOI):- Bara bajaaa 2017tti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumamuusaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummtaa walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Bara bajataa 2017 Carraa hojii uumuundameewwan tarkaanfiin guddaan itti mul’ate keessaa tokko ta’uu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad himaniiru. Haala Kanaan bara bajataa kanatti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumamuu fi kana keesa miiliyoonni 1 tuqaa 8(dhibbantaan 39) carraa hojii damee qonnaan argame ta’uu eeraniiru. Lammiileen miiliyoona 1 tuqaa 6 damee tajaajilaan, lammiileen kuma 680 damee industiriin carraa hojii argachuusaanii ibsaniiru. Lammiilee kuma 500 caala hojiif biyyoota alaa garagaraatti ergamuus dubbataniiru. Hojii fageenyaatiin (remote work)n lammiilee kuma 60 carraan hojii akka uumameef ministirri muummee dubbataniiru. Hojiin Ministeerri hojii fi ogummaa hojiif biyya alaatti erguun fi hojii fageenyaarratti jalqabe waan gaariidha kan jedhan ministirri muummee, hojiin kun cimee akka ittifufu hubachiisaniiru.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa baay’ina xiyyaaroota gara 180 ol guddiseera. - Ministira Muummee Dr,Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 43
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa baay’ina xiyyaaroota qabuu gara 180 ol guddisuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa gaggeessaa jira. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Guddinaa fi bu’aawwan damee tajaajilaan galmaa’an keessaa agarsiiftuun tokko daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ta’uusaa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Damee ibsaniiru. Daandiin Qilleensaa bara Baajataa kanatti xiyyaarota13 dabalataan bituun walii gala baay’ina Xiyyaarotaa 180’n ga’uu eeraniiru. Bakkeewwan balalli haaraa 6 dabaluun waliigala bakkeewwan balallii qabu gara 136tti guddisuu hubachiisaniiru. Bara baajataa kanatti biyya keessaa fi biyya alaatti Imaltoota Miiliyoona19 ol Imalchiisuu fi jijiirama dura kan ture waliin walbira yoo qabamu dachaan dabaluu dubbataniiru. Bu’aa Daandiin Qilleensichaa argachaa jiru dabalatee Milkaa’inoonni galmeessisaa jiru Itiyoophiyaatti guddini akka jiru mul’isa jedhaniiru.
Siyaasa
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa mana mareef kennaa jiru
Jul 3, 2025 126
Waxabajjii 26/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarrraa gaafatamaniif ibsaa fi deebii kennaa jiru. Manni marichaa walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad raawwii karoora mootummaa bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif walgahii kanarratti ibsaa fi deebii kennaa jiru. Miseensonni mana maree dhimmoota siyaasaa, dinagdee,hawaasummaa, dippilomaasii fi kanneen biroo ilaalchisuuf gaaffii dhiheessaniiru. Ministirri muummee ibsaa fi deebii erga kennanii booda manni marichaa wixinee bajana federaalaa bara 2018 akka raggaasu ni’eegma.
Manni maree bakka bu’oota ummataa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi argamanitti walgahii idilee taa’aa jira
Jul 3, 2025 77
Waxabajjii 26/2017(TOI)- Manni maree bakka bu’oota ummataa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi argamanitti walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad raawwii karoora mootummaa bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif walgahii kanarratti ibsaa fi deebii nikennu. Manni marichaa wixinee bajata mootummaa federaalaa 2018 nimirkaneessa jedhameetu eegama.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a mana mareef insaa fi deebii nikennu
Jul 3, 2025 94
Waxabajjii 26/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a mana maree bakka bu’oota ummataatti argamuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif insaa fi deebii nikennu. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 42ffaa har’a nitaa’a. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad raawwii karoora mootummaa bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif walgahii kanarratti ibsaa fi deebii nikennu. Manni marichaa wixinee bajata mootummaa federaalaa 2018 nimirkaneessa jedhamee akka eegamu odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera. Ambaasaaddaroonnii fi itti waamamtoonni dhaabbilee biyyoota garagaraa, abbootiin amantaa, namoonni beekamoo fi hooggantoonni paartilee morkattootaa walgahii kanarratti ni’argamu.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Boru Mana maree ibsaa fi deebii nikennu
Jul 2, 2025 167
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Boru Mana maree bakka bu’oota ummataatti argamuun 6gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif ibsaa fi deebii nikennu. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 42ffaa boru nitaa’a. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Raawwii karoora mootummaa bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsa nikennu. Bajanni mootummaa federaalaa bara 2018 akka mirkanaa’u ni’eegama jechuun manni maree odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Keessummoonni waamaman, ambaasaaddaroonnii biyyoota garagaraa fi itti waamamtoonni dhaabbilee idil addunyaa garagaraa abbootiin amantaa, namoonni beekamoo fi hooggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa walgahicharratti ni’argamu.
Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa-obbo Adam Faaraah
Jul 1, 2025 241
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugalaa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffameera. Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, bu’aa gama hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaan naannichatti galmaa’aa jiru ittifufsiisuuf waldeeggaruun hojjechuu barbaachisa. Konfaransichi naannichatti nagaa, misoomaa fi tokkummaa irratti jijjiirama gaarii fiduun fi fayyadama ummataa mirkaneessuun dhimmoota bulchiinsa gaarii sadarkaa caalutti ceesisuuf akka deeggaru eeraniiru. Yeroo itti aanutti seenessoota qoqqoodan dhabamsiisuuf yaadama ida’amuutiin obbolimmaa fi obboleettummaa cimsuun imala badhaadhinaa si’achiisuu barbaachisa jedhaniiru. Sab-daneessummaa eenyummaa waloo gabbisan mirkaneessuuf komii darbe dhiifamaan bira darbuun egereef bu’aa caalu galmeessuuf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Dhaabbilee cimoo sadarkaa naannootti uumuun hooggansa ga’umsa qabuun akka gaggeeffaman gochuun dhaloota hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbu uumuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru. Inisheetiivota misoomaa garagaraa sadarkaa olaanaatti ceesisuun badhaadhina naannichaa mirkaneessuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahun Kabbadaa gamasaaniin, bariituu naannichi hundeeffamee eegalee seenessoota waloo walooma cimsan hubachuusuuf hojiin hojjetame bu’aa buusuu dubbataniiru. Ija dandeettii naannichi misoomuu qabuun yoo ilaalamu ammallee hedduun akka hafu eeranii, gama hundaan bu’aa caalu galmeessisuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa Ejensii humna atoomikii idil addunyaa (IAFA) waliin mari’atan
Jun 30, 2025 300
Waxabajjii 23/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa Ejensii humna atoomikii idil addunyaa (IAFA) Maariyaanoo Giroosii waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee ergaa fuula marsariitii isaaniin dabarsaniin daarektara olaanaa Ejensii humna atoomikii idil addunyaa (IAFA) Maariyaanoo Giroosii yaa’ii Reeyis oof hoop irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan waliin har’a ganama wal argineerra jedhan. Humna atoomilkii idil addunyaa deeggarsi Itiyoophiyaatti taasisu hammattoowwan kunuunsa waldhasansa kaansarii, fayyaa beelladaa, tisiisa balleessuu, inarjiingii fi to’annaa nuukilaaraa irratti kan xiyyeeffatedha jechuun ibsaniiru. Deeggarsoota taasifamaa jiranii fi carraalee tumsaa fuulduraa irratti marii taasifneerra jechuun beeksisaniiru.
Hiriirri nageenya deeggaruu finfinxaalessummaa balaaleffatu naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraatti gaggeeffamaa jira
Jun 29, 2025 318
Waxabajjii 22/2017(TOI)- Hiriirri nageenya deeggaruu finfinxaalessummaa balaaleffatu naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraatti gaggeeffamaa jira. Hirmaattonni hiriira kanarratti argaman carraaqqii mootummaan misoomaa fi nageenyaat taasisu dinqisiifachuun gargaarsaa fi deeggarsa cimaa akka taasisan mirkaneessaniiru. Uggura, ajjeechaa fi saamicha gareen finxaalessaa naannicha bakkeewwan tokko tokkotti raawwatu nibalaaleffanna jechuun yaadasaanii hiriira kanarratti ibsaa jiru. Hirmaattonni hiriira bahan nagaa nibarbaanna, mootummaan nagaa kabachiisuun warra nama nagaa ajjeesan seenatti nuuf haadhiheessu, gootummaa misoomaa ijoollee keenyaaf nidhaalchifna, nageenyi qabeenya walooti waloomaan ni’eegama waloomaan eegama, nagana hundaaf hundi nageenyaaf kan jedhanii fi ergaalee biros dabarsaa jiru.
Itiyoophiyaan Imala Haaromsaa dinqisiisaarra jirti-itti aanaa pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiin Sheetiimaa
Jun 27, 2025 405
Waxabajjii 20/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Imala Haaromsaa dinqisiisaarra jirti jedhan itti aanaa pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiin Sheetiimaa. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhimmoota gamlamee fi Ardii ijoo ta’anirratti itti aanaa Pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaa waliin Mari’achuunsaanii nibeekama. Itti aanaan Pirezidaantii kun Masaraa biyyaalessaa bifa hambaa fi seenaa Itiyoophiyaa ifatti mul’isuun haaromfamee agarsiisaaf banaa taasifame daawwataniiru. Daawwannaa kana ilaalchisuun ergaa yaadannoo galmee kabajaarratti barreessaniin masaraan biyyaalessaa seenaa barabaraaan jiraatudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan biyya gita bittaan hinbitamne ta’uushee kan dubbatan Itti aanaan pirezidaantichaa, imala dinqisiisaarra jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaan biyya seenaa dinqii fi dilbii qabdu biyya guddoo ta’uusheetti Kabajni akka itti dhagahame ergaasaanii keessatti Eeraniiru.

Hawaasummaa
Bara Kana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwataniiru- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 59
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Barana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwachuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa gaggeessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana Maree irraa ka’aniif deebii fi ibsa Kennaa Jiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Damee Tajaajilaa irratti haala Qindaa’een hojjechuun dandeettii Dinagdee Itiyoophiyaa baachuuf humna guddaa qaba jedhaniiru. Itiyophiyaatti barana konfiraansiiwwan Idil Addunyaa150 ol keesummeeffamuusaanii fi kunis kan bara darbee dachaan akka caalu dubbataniiru. Riifoormii Immiigireeshinii, Hojii Daandii Qilleensaa, Hoteelotaa fi bakkeewwan Turizimii babal’isuu, Misooma Koriideraa fi Hojiiwwan Biroon hawwata turistii dabaluuf qooda guddaa qabaachuu dubbataniiru. Bara Baajataa kanatti Namoonni Miiliyoona 1 tuqaa 5 paarkii tokkummaa, Addababayii Michoomaa, Godambaa saayinsii, fi Masaraa Mootummaa Biyyoolessaa Daawwachuu fi kanaanis galiin birrii biiliyoona walakkaa ol argamuu ibsaniiru. Waggoottan muraasa darbanitti bakkeewwan Afran Namoonni Miiliyoona 13 tuqaa 5 daawwachuu kaasaniiru. Sadarkaa Magaalaa Finfineetti hoiiwwan hojjetamaniin lakkoofsi Daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa Sadarkaa Olaanaan guddachuu ibsaniiru. Tuurizimii Utubaa Ijoo Damee Tajaajilati kan jedhan Ministirri Muummee , Mootummaan Hojii Damicharratti eegale cimsee akka itti fufu dubbataniiru.
Bara bajatichaatti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumameera- Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 52
Waxabajjii 26/2017(TOI):- Bara bajaaa 2017tti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumamuusaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummtaa walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Bara bajataa 2017 Carraa hojii uumuundameewwan tarkaanfiin guddaan itti mul’ate keessaa tokko ta’uu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad himaniiru. Haala Kanaan bara bajataa kanatti lammiilee miiliyoona 4 tuqaa 5’f carraan hojii uumamuu fi kana keesa miiliyoonni 1 tuqaa 8(dhibbantaan 39) carraa hojii damee qonnaan argame ta’uu eeraniiru. Lammiileen miiliyoona 1 tuqaa 6 damee tajaajilaan, lammiileen kuma 680 damee industiriin carraa hojii argachuusaanii ibsaniiru. Lammiilee kuma 500 caala hojiif biyyoota alaa garagaraatti ergamuus dubbataniiru. Hojii fageenyaatiin (remote work)n lammiilee kuma 60 carraan hojii akka uumameef ministirri muummee dubbataniiru. Hojiin Ministeerri hojii fi ogummaa hojiif biyya alaatti erguun fi hojii fageenyaarratti jalqabe waan gaariidha kan jedhan ministirri muummee, hojiin kun cimee akka ittifufu hubachiisaniiru.
Labsichi lammiilee hojiif biyya alaatti ergaman sirnaan hoogganuun kabajaa fi faayidaa isaanii kan eegsisudha-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 2, 2025 132
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Labsichi lammiilee hojiif biyya alaa garagaraatti ergaman sirnaan hoogganuun kabajaa fi faayidaa isaanii eegsisuu kan dandeessisu ta’uu Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 41ffaa kaleessa gaggeesseen labsii lmmiilee Itiyoophiyaa hojiif biyyal alaatti erguuf dandeessisu ilaalee mirkaneesseera. Labsichi mirgi, nageenyii fi kabajni lammiilee akka eegamu kan taasisu akkasumas faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaan damee kanarraa argachuu qabdu akka argatu kan taasisudha. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil labsichi lammiilee hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee tumaalee bal’aa ofkeessaa qaba. Dhimmoota waggoottan jijjiiramaa xiyyeeffannaan kennameef keessaa tokko dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffate ta’uu eeranii, labsichi kana hubannoo keessa galchuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Gama dippilomaasii namarratti xiyyeeffateetiin nageenyi lammiilee fi faayidaan biyyaa kan jalqabaa fi kan xumuraa akka ta’an gochuu ilaallata jedhaniiru. Labsichi Namoota seeraan ala deddeebisuu hambisuun qooda guddaa akka qabaatu eeruun, lammiileen biyya alaatti hojjechuu barbaadan kabajnii fi faayidaansaanii eegameefii karaa seera qabeessaa akka deeman taasisa jedhaniiru. Labsichi lammiin biyya alaatti hojjechuu barbaadu barumsa gitni hojii barbaadu, beekumsa damee sanarratti qabu, ogummaa fi muuxannoo hojii akka qabaatan kan dandeessisu akka ta’e eeraniiru. Damee hojii irratti qacaraman irratti jiddugala madaallii seera qabeessa irraa raga ga’umsa ogummaa mirkaneessu akka argatan akka taasisu ta’uus ministirittiin ibsaniiru. Sirni leenjii fi ga’oomsuu cimaan akka dhimma murteessaa tokkooti kan jedhan ministirittiin, ofitti amanamummaa fi dandeettiin mariin waliigaluun qacaramuu lammiilee akka guddatu gochuuf labsichi qooda guddaa qaba jedhan. Labsichi damee kanarratti kan hojjetan gurmaa’insaa fi sirna hojmaataa akka qabaatan kan godhu ta’uusaa dabalanii ibsaniiru.
Tajaajila waldhaansa Kaansarii babal’isuuf misooma humna namaa fi Teekinooloojiif Xiyyeeffannoon Kennameera-Dr.Maqdas Dhaabaa
Jul 1, 2025 126
Waxabajjii 24/2017(TOI)-Itiyoophiyaan taajaajila waldhaansa kaansarii babal’isuuf misooma namaa fi teekinooloojiif xiyyeeffannoo kennite cimsitee itti fufti jedhan Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa ibsan. Ejensiin Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa gama isaatiin, Itiyoophiyaatti wal’aansa kaansarii babal’isuuf deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu ibseera. Yaa’iin Idila Addunyaa Ministeerri fayyaa Ejensii Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa waliin ta’uun mata duree ‘’ ifa abdii ‘’ jedhuun qopheessanii fi Atoomik Inarjiin gama fayyaan faayidaa qabu irratti marii’atu Galma walga’ii Gamtaa Afriikaatti gaggeeffamaa jira. Yaa’icha cinaatti Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa,Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Ballaxaa Mollaa, hoggantoonni mootummaa olaanoo fi Daarektarri olaanaa Ejensii Annisaa Atoomikii Idil Addunyaa jeneraal Maariyaanoo Giroosii Gidduugala Qorichaa Nikulaaraa Hospitaala Xuqur Anbassaa Eebbisaniiru. Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa saganticha irrati akka ibsanitti, dhukkuba kaansarii ittisuuf akkasumas dhaqqabummaa waldhaansa isaa bal’isuuf baasii guddaa gaafata. Kanaaf Mootummaan kaansarii yaaddoo fayyaa hawaasaa kan ta’e ittisuuf misooma humna namaa fi teekinooloojii irratti xiyyeeffachuun lammiilee wal’aansa barbaadaniif qorannoo kaansarii fi waldhaansaa raadiyeeshinii babal’isuuf xiyyeeffachuu beeksisaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf dhaabbilee deeggartoota waliin ta’uun hojii bal’aa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu Ministeerichi Ejensii Anniisaa Atoomikii Idil addunyaa waliin ta’uun wiirtuuwwan wal’aansa Raadiyeeshinii kaansariif hojiin mijatoo ta’an akka hundeeffaman haala mijeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Gahumsa Ogeeyyii toora sanaan jiranii guddisuuf kan dandeesisan hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hojiin toora Kanaan hojjetamu fuuldurattis cimee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Daarektarri olaanaan Ejensii Inarjii Atoomikii idil Addunyaa Maariyaanoo Giroosii gama isaaniin Ejensichi Itiyoophiyaan fayyaa lammiileeshee eeguuf hojiiwwan gama hedduun hojjettu deeggaruu cimsee itti fufa jedhaniiru. Oduu walfakkaatuun, Daarektarri olaanaan Ejensii anniisa Atoomikii Idil Addunyaa Maariyaanoo Giroosii hambaalee Seenaa Itiyophiyaa Masaraa biyyoolessaa keessatti argamu daawwataniiru.
Diinagdee
Godinichatti Qonna Arfaasaan Lafa Hektaara kuma 368 facaafame irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa 7 ni eegama
Jul 3, 2025 74
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Godina Gujii Lixaatti Lafa Hektaara kuma 368 Qonna Arfaasaan facaafame irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa 7 akka eegamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Qondaaltonni Olaanoon Naannichaa Misoomaa Godina Gujii Lixaatti Hojjetame daawwachaa jiru. Kanaanis Godina Gujii Lixaa Aanaa Suuroo Barguddaatti Qamadii fi Xaafii Kilaastaraan omishamee daawwataniiru. Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Gujii Tukee Anaa Qondaaltota Olaanoof ibsa kennaniin, Godinichatti Baatii Gannaa Kanatti lafti hektaarri kuma 368 midhaan akaakuu garagaraa facaafamuu ibsaniiru. Isaanis, Boqqolloo, Qamadii, Boloqqee, Xaafii, Maashoo fi kanneen biroo ta’uusaanii ibsuun, Omishni Kuntaala Miiliyoona 8 tuqaa7 akka eegamu dubbataniiru. Aadaan Hojii Qotee bulaa Yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuus itti dabaluun kaasaniiru. Omishtummaan akka guddatuuf motummaan deeggarsa adda addaa gochaa jiraachuu eeruun, sanyii filatamaa, Xaa’oo fi galteewwan biroo dhiheessuu dubbataniiru. Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa dabalatee Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi Qondaaltonni olaanoon Naannichaa daawwannaa Hojiiwwan Misoomaa Godina Gujii Lixaatti raawwatamaa jiru kanarratti hirmaataniiru.
Wixineen bajataa bara Bajataa2018 birrii tiriiliyoona 1 tuqaa 93 ta’uun ragga’e
Jul 3, 2025 60
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa bajata mootummaa federaalaa bara 2018 dhihaateef raggaaseera. Manni marichaa walgahii idilee 42ffaa gaggeeseera. Yaanni murtii fi gabaasni wixinee bajataa mootummaa federaalaa bara 2018 walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, bajataa fi faayinaansii Dassaalany wadajoon dhihateera. Manni maree bakka bu’ootaa yaada murtii dhihaateef ilaaleewixinee bajataa bara bajataa 2018 raggaaseera. Bajanni mootummaa federaalaa bara dhufuu birrii tiriiliyoona 1 tuqaa 93 ta’uu gabaasicharratti ibsameera. Wixinee bajata 2018 keessaa tiriiliyooniin 1 tuqaa 2 baasii idileef, biriin biiliyoona 415 baasii kaappitaalaaf, birriin biiliyoona 315 deeggarsa mootummoota naannoleef akkasumas birriin biiliyoona 14 deeggarsa galmoota misooma egeree naannolee raawwachiisuuf kan ooludha. Wixinee bajataa keessaa birriin tiriiliyoonii 1 ykn harki 73 galii taaksiirraa, biriin biiliyoona 236 deeggartoota misoomaa kan hafe ammoo deeggarsa pirojektootaa fi galiiwwan garagaraarraa argachuuf karoorfameera. Akkaataa oomisha biyyaa waliigalaatiin hanqinni bajataa waliigalaa harka 2 tuqaa 2 akkasumas hanqinni bajata qulqulluu dhibbantaa 1 ta’uu gabaasa wixinee bajatarratti ibsameera. Mootummaan hanqina bajataa kana kan guutu kallattiin baankii biyyaalessaarraa liqii fudhachuun osoo hinta’iin gurgurtaa sanada kuusaa akka guutu eerameera. Wixineen bajataa 2018 riifoormii dinagdee gooroo guutuu fi karoora misoomaa waggaa 10nii hubannoo keessa galchuun akka qophaa’e gabaasarratti dhihaateera.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa baay’ina xiyyaaroota gara 180 ol guddiseera. - Ministira Muummee Dr,Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 43
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa baay’ina xiyyaaroota qabuu gara 180 ol guddisuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa gaggeessaa jira. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Guddinaa fi bu’aawwan damee tajaajilaan galmaa’an keessaa agarsiiftuun tokko daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ta’uusaa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Damee ibsaniiru. Daandiin Qilleensaa bara Baajataa kanatti xiyyaarota13 dabalataan bituun walii gala baay’ina Xiyyaarotaa 180’n ga’uu eeraniiru. Bakkeewwan balalli haaraa 6 dabaluun waliigala bakkeewwan balallii qabu gara 136tti guddisuu hubachiisaniiru. Bara baajataa kanatti biyya keessaa fi biyya alaatti Imaltoota Miiliyoona19 ol Imalchiisuu fi jijiirama dura kan ture waliin walbira yoo qabamu dachaan dabaluu dubbataniiru. Bu’aa Daandiin Qilleensichaa argachaa jiru dabalatee Milkaa’inoonni galmeessisaa jiru Itiyoophiyaatti guddini akka jiru mul’isa jedhaniiru.
Dandeettiin oomishuu Itiyoophiyaan haa omishtuu dhibbantaa 59 ture dhibbentaa 65 gaheera-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 37
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Dandeettiin oomishuu Itiyoophiyaan haa omishtuu dhibbantaa 59 ture dhibbentaa 65 gahuusaa Ministirr Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad industirii ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin bara kana damee Industriin guddina dhibbantaa12 galmeessisuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuu ibsaniiru. Sosochii Itiyoophiyaan Haa omishtu jedhuun hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru kan jedhan Ministirri Muummee, kanaanis Humni Omisha keenyaa bara darbe dhibbentaa 59 akka ture yaadachuun barana dhibbantaa 65 gaheera jedhaniiru. Kunis ittifayyadama omisha waarshaalee guddisuuni kan jedhan yoo ta’u, bara kanas fedhiin Annisaa industirichaa dhibbantaa 40 gaheera jedhaniiru. Kun guddina guddaadha, Omishni Simmintoo ol ka’eera, bu’aa sibiilotaan guddinni dhibbentaa 18 galmaa’eera jechuun ibsan Ministirri Muummee. Itiyoophiyaan dandeettii sibiila omishuu gabbifachuushee ibsanii, fedhii sibilaa guutummaa guutuuti guuttachuuf hojiin eegalameera. Waarshaan Daawwitii waggaatti naannoo toonii kuma 600 omishu ijaaramaa jiraachuu ibsuun, hojiin waarshichaa ulaagaa kamiinuu kan raajeffatamudha jedhaniiru. Baatiiwwan dhufan Muddee fi Amajjiittii akka xumuramu ibsuun, waarshaaleen panaalii soolaarii omishanis ijaaramaa akka jiran fi yeroo dhihootti ni eebbaifamu, industirii dadammaksuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru
Saayinsii fi teeknooloojii
Akkaadaamiin Leenjii Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa jira-Abbaa taayitichaa
Jul 1, 2025 120
Waxabajjii 24/2017(TOI)- Akkaadaamiin Leenjii Abbaa taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf hedduuf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa akka jiru daarektarri tajaajila reeguleeshinii ernaavigeeshinii fi eeggataan daarektaraa akkaadaamichaa Li’ulsaggad Gullulaat ibsan. Akkadaamichi bu’a qabeessummaa industirichaaf ogeeyyota horachaa jira jedhan turtii TOI waliin Taasisaniin. Waggoota dheeraaf naannolee biyyattii garagaraatti to’annaa tiraafika qilleensaa, damee komunikeeshinii fi Naavigeeshin Sarviilaansi(CNC)n ogeeyyota Aviyeeshinii ga’oomaa boddaasaa akka jiru eeraniiru. Bara kana qofa ogeeyyota 86 leenjisee hojiitti galchuu kaasaniiru. Akkaadaamichi biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa biroof leenjii ga’aa kennaa akka jiruu fi fudhatama guddaa argachaa akka jiru dubbataniiru. Dhihoo kana leenjifamtoota Aviyeeshinii Jibutii, Somaaliyaa akkasumas Komoroosii fi biyyoota biroorraa dhufan leenjisuusaa dubbataniiru. Biyyoonni Afriikaa hedduun ogeeyyotasaanii akkaadaamii leenjii Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti leenjisuuf leenjisuuf filachuusaanii dubbataniiru. Akkaadaamichi Afriikaa keessaa maqaa gudda fi fudhatama akka qabu kaasanii, riijinicha walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Akkaadaamichatti leenjiftuu fi to’attuun tiraafika qilleemsaa Beeteliheem Mollaa Gamasheetiin, leenjichi sadarkaa industiriin Aviyeeshinii addunyaa irra gaheen kennamaa akka jiru ibsiteetti. Baatii sadan darban leenjii ga’aa argachuusaa kan dubbate ammoo Dirree Dawaa irraa kan dhufe Mintasinoot Alamaayyoo jedhama.
Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa guddaa argamsiiseera- Dr.Balaxaa Mollaa
Jul 1, 2025 80
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Waggoottan shanan darban hojiirra oolaa kan ture dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa argamsiiseera jechuun Ministirri Teekinooloojii fi Innovaashinii Dr.Ballaxaa Mollaa Ibsan. Mistirichi turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti , guddina waliigalaa biyya tokkoo mirkaneessuun kan danda’amu sirni hojmaataa Saayinsii fi Teekinooloojiin, akkasumas Innoveeshiniin yoo deegaramedha. Itiyoophiyaan hammattoo seeraa fi Tarsiimoo sirna dijiitaalaatti galuuf ishee dandeessisu qopheessitee hojii eegaluushee ibsaniiru. Dabalataanis bu’uuraaleen misoomaa gara sirna dijiitaalaatti galchuuf gargaaran guutamanii hojiirra ooluu jalqabuu beeksisaniiru. Tarsiimichi Riifoormii Dinagdee Mandhalee fi tarsiimoo karoora misoomaa waggaa 10 akkasumas Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Afriikaa waliin walitti hidhamee raawwatamaa turuu ibsaniiru. Waggoottan darban hojiirra oolaa kan ture tarsiimoon Dijiittal Itiyoophiyaa 2025 baatii tokkoo booda akka goolabamu ibsuun, hanga 20230tti hojiirra kan oolu tarsiimoon waggaa shanii qophaa’aa akka jiru ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 waggoottan shanan darban hojiirra oolaa ture damee saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshiniirratti bu’aan guddaan akka irraa argame ministirichi beeksisaniiru. Waggoota shanan darban sirna kaffaltii Dijiitaalaa Diriirsuun Tajaajila Dijiitaalaa babal’isuun akkasumas, waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa dhaqabamaa taassisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru. Sirna hojii Mootummaa Ammayyeessuu waliin wal qabatee Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf tattaaffii milkaa’aa taasifamaa jiru keessatti tajaajilli jiddugaleessa tokkoo (Masoob) dhugoomsuuf hojii milkaa’inaa hojjetaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi Tajaajila Teekinooloojii Dijiitaalaa bakka tokkootti fayyadamuun Tajaajiloota Mootummaa adda addaa walitti hidhuun tajaajilaa kennaa akka jiru beeksisaniiru. Fuulduratti tajaajila jiddugaleessa tokkoo (masoob) gara Magaalota Naannooleetti babal’isuun fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’aniif hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa jirti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jun 30, 2025 124
Waxabajjii 23/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii dabalatee qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa akka jirtu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Yaa’iin idil addunyaa Ministirri fayyaa ejensii inarjii atoomikii idil addunyaa waliin ta’uun mata duree “carariiwwan abdii” jedhuun qopheessanii fi faayidaa atoomiik inarjiin gama fayyaan qabu irratti mari’atu galma walgahii gamtaa Afriikaatti eegalameera. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, daarektar jeneraaliin ejensii atoomiik inarjii idil addunyaa Raafaa’eel Giroosii, ministiroonni, ambaasaaddaroonni, bakka bu’ooni dhaabbilee idil addunyaa fi qooda fudhattoonni waltajjicharratti hirmaataniiru. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen wayita kana, haalli fayyaa addunyaa jijjiiramuusaa eranii, Itiyoophiyaanis sirna fayyaa haala kana bu’uureffate ijaaraa jirti jedhaniiru. Ekisteenshiniin fayyaa hojiirra ooluusaatiin waggoottan darban eegumsi fayyaa namoota hedduu fooyya’uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii fi waldhaansa cararii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa akka jirtu kaasanii, kanaaf ammoo teeknooloojiiwwan yeroon gaafatu fayyadamuu eegaluushee eeraniiru. Waldhaansi cararii ofeeggannoo fi ittigaafatamummaan faayidaarra ooluusaa mirkaneessuuf sirni to’annoo cimaan diriirfamuu himaniiru. Inarjii Nuukilaaraa tajaajila fayyaaf oolchuun waldhaansa cararii bal’isuun dhukkuba kaansarii saffisaan qorannoon adda baasuun jireenya namootaa baraaruuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Kanumaan Walqabsiisuun sagantaan ashaaraa magariisaa fayyaa hawaasaa fooyyessuun jireenya fayyaalessaa gabbisaa akka jiru kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessiteetti-GamtaaTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa
Jun 26, 2025 256
Waxabajjii 18/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan yeroo Gabaabaa KeessattiTiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessisuushee GamtaanTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa Beeksise. Daarektarri Riijinii Afriikaa Gamtaan Telekomunikeeshinii Idil Addunyaa (ITU) Imaanu’eel Manasee Itiyoophiyaan Tarsiimoo Dijitaalaa Bocuun fi Hojiirra Oolchuun Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Fiduuf Hojiin Hojjechaa Jirtu Kan Raajeffamu Ta’uu Turtii TOI waliin Taasisaniin Ibsaniiru. Walitti Hidhamiinsi Idil Addunyaa fi Tiraanisfoormeeshiniin Dijitaalaa Galma Tarsiimawaa Gamtichaati Kan Jedhan Daarektarichi Itiyoophiyaan Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Irratti Jijjiirama Olaanaa Fiduushee Himaniiru. Gamtichi Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaa Bocuu fi Deeggarsa Taasisuusaa Dubbataniiru. Itiyoophiyaan Dirree Dijitaalaa Bal’isuun Hojii Dinqisiisaa Hojjechuushee Ibsaniiru. Waggoota sadii Keessatti Sababa Tajaajiloota Dijitaalaatiin Baay’ina Lakkoofsa Fayyadamtoota Teelee Birrii Yeroo Gabaabaatti Miiliyoona 50 Oliin Gahuun Milkaa’ina Guddaadha Jedhan. Carraa Itiyoophiyaa Fuulduraa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa fi Innoveeshinii Keessatti Argaa Jirra Jedhaniiru. Inisheetiiviin Koodarsii Miiliyoona Shanii Itiyoophiyaan Misooma Dijitaalaaf Xiyyeeffnnoo Kennite Ifattia Akka Mul’isu Ibsaniiru. Gamtaan Telekoomii Idil Addunyaa A.L.A Bara 1865 Kan Hundeeffame Ejensii Addaa Dhaabbat Mootummoota Gamtoomanii Isa Hanfafadha. Teessoon Gamtichaa Siwiizarlaand Jenevaa Yoo Ta’u Teekiniiloojiiwwan Odeeffanoo fi Komunikeeshiniin Walqabatan Nihojjeta. Dhaabbanni Idi Addunyaa Kun Itiyoophiyaa Dabalatee Miseensa Biyyoota 194 Qaba.
Ispoortii
Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 309
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Piriimerliigiin Itiyoophiyaa Har’a Xumurama
Jun 26, 2025 243
Caamsaa 19/2017 (TOI)- Piriimerliigiin Itiyoophiyaa Bara 2017 Taphni Torbee 36ffaa Sihul Shiree fi Shaampiyoonaa Kan Ta’e Madin Itiyoophiyaan Har’a Taphataniin ni Xumurama. Taphni Garee Lamaanii Guyyaa Keessaa Sa’aati 10tti Istaadiyoomii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Nigaggeffama. Sadarkaa Liigii Olaanaatti Kan Gadi Bu’u Sihul Shireen Qabxii 22’n Sadarkaa !7ffaa Irra jira. Shaampiyoonaa Kan Ta’e Madin Itiyoophiyaan Taphoota 33 Amma Ammaatti Taphateen Al 21 Mo’atee 5 Mo’amee Al 7 Ammoo Walqixa Baheera.
Benefiikaan Garaagarummaa Galchii Hedduun Oklaandi Siitii Mo’ate
Jun 21, 2025 326
Waxabajjii 14/2017(TOI)-Tapha Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaa Ramaddii Sadiin Gaggeeffameen Benefiikaan Oklaandi Siitii 6 fi 0n Mo’ateera. Taphni Kun Istaadiyoomii Intar Endi Koo’tti Gaggeeffame. Tapha Walakkaa Jalqabaa Booda Sababa Bakakkaa cimaa fi Haala Qilleensaa Hammaataa Ta’een Sa’aatii Lamaaf Addaan Citee Ture. Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaatiin Sababa Haala Qilleensaatiin Yeroof Addaan Yoo Citu Tapha Afraffaati. Akkaataa Qabxii Kanaatiin Benefiikaan Qabxii Afuriin Ramaddii Sadii Dursuu Eegaleera. Oklaandi Siitiin Ramaddii Kana Keessatti Yeroo Lammaffaaf Mo’amee Siyaatil Saawundarsitti Aanee Kilaba Dorgommicharraa Gaggeeffame Kan Lammataa Ta’eera. Kilabni Niwuzilaandi Kun Taphoota Lamaan Galchiin 16 Ittigaleera.
Baayermuniik Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaatiin Gara Mo’atanii Darbuutti Galuun Kilaba Jalqabaa Ta’eera.
Jun 21, 2025 276
Waxabajjii 14/2017(TOI)- Baayermuniik Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaatiin Ramaddii Sadiin Gara Mo’atanii Darbuutti Galuun Kilaba Jalqabaa Ta’eera. Tapha Waancaa Addunyaa Kilaboota Fiifaa Ramaddii Sadiin Taasifameen Baayermuuniik Bokajuuniyarsiin 2 fi 1n Mo’ateera. Akkaataa Qabxii Kanaatiin Baayermuunik Qabxii Jahaan Kilaba Jalqabaa Tapha Mo’atanii Darbuutti galuusaa Mirkaneeffate Ta’eera. Bookaajuuniyarsi Qabxii Tokkoon Ramaddicharraa Sadarkaa Afraffaa Isa Xumuraa Qabateera. Ramaddii Afuriin Kilabni Tuuniiziyaa Esperansi Kilaba Ameerikaa Los Anjeles FC 1 fi 0n Mo’ateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu dhaabuurratti cimnee nihirmaanna-Jiraattota godina Iluu Abbaa Boor
Jul 2, 2025 81
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu barana dhaabuurratti cimanii akka hirmaatan Jiraattonni godina Iluu Abbaa Boor ibsan. Sagantaan jalqabsiisa biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu bara 2017 godinichatti aanaa Alleetti gaggeeffameera. Jiraataan godinichaa saganticharratti hirmaatan obbo Sisaayi Wandimmuu, sagantaalee biqiltuu waggaa waggaan dhaabuuf qophaa’anirratti hirmaachaa turuu ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun lafti miidhame akka bayyanatu kan godhuu fi oomishtummaa kan dabalu waan ta’eef akkuma waggoottan darbanii baranas biqiltuu dhaabuurratti akka hirmaatan dubbataniiru. Obbo Huseena Kabbadaa biqiltuuwwan dhuunfaa fi waloon dhaabaman irratti gumaacha isaanii taasisaa akka jiran eeraniiru. Hojiilee misooma magariisaa waggoottan darban raawwatamaniin naannoon isaanii jjjiiramaa dhufuu, oomishtummaan fooyya’aa waan jiruuf baranas hirmaannaasaanii akka cimsan ibsaniiru. Bulchaan aanaa Allee Yohaannis Kabbadaa gamasaaniin sagantaa ashaaraa magariisaan aanichatti muduraawwan Avokaadoo, Muuzii dabalatee biqiltuuwwan faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun dhaloota boruu hubannoo keessa galchuun waan ta’eef sagantaa ashaaraa magariisaa gannaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban akka dhaabaman kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Boor Indaalkaachoo Tafariidha. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamuun biqiltuuwwan lafa miidhaman bayyanachiisanii fi faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon nitaasifama jedhaniiru. Saganticharratti kan argaman komishinariin komishinii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shaafii Huseen, biqiltuu dhaabuun madaallii uumamaa eeguu fi naannawa oomisha kennu uumuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojii waggoottan darban hojjetamaniin naannawoonni hedduu miidhaman bayyanatanii magariisatti jijjiiramaniiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin hawaasni biqiltuuwwan naannawa jijjiiruu fi faayidaa dinagdee mirkaneessuu danda’an dhaabee akka kunuunsu ergaa dabarsaniiru.
Misoomni ashaaraa magariisaa qabeenya uumamaa kunuunsuun gamatti wabii nyaataaf bu’ura ta’ee akka fulla’u hojjetamaa jira-obbo Awwaluu Abdii
Jul 1, 2025 94
Waxabajjii 24/2017(TOI)- Misoomni ashaaraa magariisaa qabeenya uumamaa kunuunsuun gamatti wabii nyaataaf bu’ura ta’ee akka fulla’u hojjetamaa jiraachuu itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsan. Obbo Awwaluun, godina Shawaa lixaa Ambotti argamuun sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa eegalchiisaniiru. Ashaaraa magariisaa baranaaf dursee qophiin taasifamuu kaasanii, biqiltuun waan qophaa’eef hundi ashaaraasaa akka kaa’u hubachiisaniiru. Biqiltuun Kanaan dura naannichatte dhaabaman guddataniifaayidaa kennaa akka jiran kaasanii, fuulduras biqiltuun bosonaaf, soorataaf, miidhaginaaf oolan akka dhaabaman dubbataniiru. Milkaa’ina sagantaa kanaaf kutaan hawaasaa hundi ashaaraasaa kaa’uuf hirmaannaa cimaa akka taasisus gaafataniiru. Bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa, boolli biqiltuun keessa dhaabamu bakkeewwan filatamanitti waan qophaa’eef hundi keenya ashaaraa keenya haa keenyu jechuun ergaa dabarsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiireera-kantiibaa magaalaa Adaamaa
Jul 1, 2025 71
Waxabajjii 24/2017 (TOI)- Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiiruusaa kantiibaa magaalaa Adaamaa ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabsiisu har’a gaggeeffameera. Saganticha kan jalqabsiisan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa Hayiluu Jaldee akka jedhanitti, qabeenya uumamaa xiqqaachaa deemu ittisuuf ashaaraan magariisaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Biqiltuuwwan waggoota darban magaalaa Adaamaatti ashaaraa magariisaan dhaabaman bifa magaalatti jijjiiruurra darbee madda galii ta’uun faayidaa buusaa jiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiinis sululoota 14 irratti bakka km120 misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. Kana malees dhaabbilee barnootaa fi fayyaatti akkasumas lafa waloo fi bakka misoomni kooriidaraa itti adeemsifamuu fi bakkeewwan birootti biqiltuun akka dhaabamu dubbataniiru. Hoogganaan biiroo qonnaa magaalaa Adaamaa obbo Alamuu Qilxuu gamasaaniin, biqiltuuwwan muduraa fi bosonaaf oolan magalattii keessa akka dhaabaman dubbataniiru. Sagantaa kanarratti biqiltuu osoo dhaabanii kan dubbifne abbaa Gadaa Magraa Laggasaa TOI’f yaada kennaniin, ashaaraan magariisaa gammoojjummaa qolachuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Adaamaa Girmaa Toleeraa gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa bayyanachiisuurra darbee miidhagina magaalattiif ashaaraa kaa’eera jedhan. Haala walfakkaatuun kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar guyyaa har’aa sagantaa shaaraa magariisaa baranaa magaalichatti eegalchiisaniiru. Waamicha ministira muummee fudhachuun barana waggaa jahaffaaf biqiltuun dhaabamuu eeraniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ganna kanaaf biqiltuuwwan muduraa fi mukaa buufata biqiltuu 12tti qophaa’uu dubbataniiru. Sagantaa biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan keessaa obbo Najiib Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaa wagga waggaan gaggeeffamurratti hirmaachuusaanii dubbatanii, dhaabuu qofa osoo hintaane kunuunsuun akka barbaachisu himaniiru.
Waldaan Bataskaanaa OrotodoksiTawaahidoo Itiyoophiyaatti Qulqulluu Abuna Maatiyaas Ashaaraa Magariisaa kaa’an
Jul 1, 2025 74
Waxabajjii 24/2017(TOI)-Paatiriyaarikiin Waldaa Bataskaanaa OrtodooksiiTawaahidoo Itiyoophiyaa Qulqulluu Abuuna Maatiyaas Naannoo Buufata Xiyyaara Idil Adduyaa Booleetti biqiltuu dhaabuun Ashaaraa Magariisaa isaanii kaa’an. Hojii gaggeessaan walii Galaa Mana Amantaa, kutaa lallabaa kibba Shawaa bahaa fi Magaalaa Shaggar, phaaphaasii paatriyaarikii Qulqulluu Abuune Saawuroos, fi abbootiin mana Amantaa Bataskaana Ortoodooksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa Saganticha irratti argamaniiru. Dabalataanis Itti Aanaan Kantiibaa Magaala Finfinnee fi Ittigaafatamaan Biiroo Indistirii Magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbay fi hoggantoonnoi bulchiinsa Magaalichaa fi Bulchiinsa Kutaa Magaala Boolee argamaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, Itti Aanaan Pirezidaantii Naayjeeriyaa kashiim Shetiimaa, Afa-Yaa’iin Mana Maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo, Bulchitoota Naannoolee, Kantiibota Bulchiinsa Magaalotaa lamaanii akkasumas, Ministiroonni bakka argamanitti sagantaa jalqabsiisa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa qarqara Laga Magaalaa Finfinneetti eegalamuun ni yaadatama. Sagantaan Ashaaraa magariisaa bara kanaa mata duree “dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 7 tuqaa 5 akka dhaabaman ni eegama
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 3802
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 3633
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.