Angafoota Oduu
Qorattoonni Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii ibsan
Nov 30, 2023 87
Sadaasa 20/2016 (TOI)- Qorattoonni Ameerikaa Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii beeksisan. Pilaanetoonni argaman jedhaman sochiin ofiisaaniirra fi marsaa sirna biiftuutti taasisan sirna kan eegee fi toftaa muuziqaa kan qabu ta’uusaa qorattoonni suuraa ifa taasisaniin ibsaniiru. Pilaanetoonni ‘HD’ 110067 jedhamuun moggaasfaman kuusaa urjii Koomaa Beereeniisis jedhanurraa waggaa ifaa 100 nifagaatu jedhamuusaa kitaabee qorannoo Neecheer jedhamu eeruun ‘UPI’ fuula marsariitiisaarratti gabaaseera. Pilaanetoonni argamuunsaanii akkaataa uumama pilaanetootaa fi jijjiiramni suutaa ilaalcha haaraa uumuu nidanda’a kan jedhan dursaan garee qorattootaa Raafaa’eel Liiyuuk, “argannoowwan akkasii qaamoleen naannawa pilaanetii Neppitiyuun jiran akka beekaman carraa uuma” jechuusaanii gabaasichi yaadachiiseera. “Akaataa uumama pilaanetoota biroo sirna biiftuu ardiin irra jirtuu ala jiranii, turtii, waanti irraa hojjetaman bishaan qabachuusaanii fi dhimmoonni biroon ka’umsa qoranichaa akka ta’u dandeessiseera” jedhaniiru qorattoonni. Saatalaayitootae Ejensiin qorannoo biyyaalessaa samii Ameerikaa Naasaan dhaabbata qorannoo samii Awurooppaa waliin ta’uun erganiin amma ifaa urjichaa, walittihidhamiinsa urjiilee biroo waliin qaban ilaaluun akka danda’ames ibsameera. Akka ibsa qorattoota kanneeniitti pilaanetoonni fageenya walii ittiin eegsisan sirna Reezoonaansi jedhamu kan qaban waan ta’eef urjiiwwan naannawa biiftuu jiran marsaa taasisaniin walitti bu’iinsi uumamuu danda’u xiqqaa ta’uu gabaasa Kanaan ibsameera.
Qulqullina barnootaa markaneesuuf qaamoleen qooda fudhatoonni hirmaanna isaanii cimsuu qabu
Nov 30, 2023 110
Sadaasa 20 /2016 (TOI) - Godina Wallagga Lixaatti hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiru galmaan gahuun qaamoleen qooda fudhatoonni hirmaannaa isaanii akka cimsan gaafatame. Godinichatti hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti magaalaa Gimbiitti mariyatameera. Walatjjii marii kanarratti kan argaman bulchaan godinichaa obbo Salamoon Taammiruu,; mootummaan rakkoo qulqullina barnootaa mudate furuuf hojiiwwaan rifoormii adda addaa hojjechaa jira jedhaniiru. Godinichas hojii gama kanaan hojjetamaa jiran galmaan gahuuf hirmaannaa qooda fudhatoota akka barbaachisu himaniiru. Keessaayyuu rakkoo qulqullina barnootarratti mudatee jiru furuuf barsiisoonnii fi maatiin baratootaa karaa qindaa'een waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Ittigaafataman Waajjira Barnootaa godinichaa obbo Tsaggaayee Immaanaa gama isanaiin godinichatti qulqullina barnoota mirkaneessuuf manneen barnootaa jalqabarra haga olaanaantti qindoominaan hojjetama jira jedhaniiru. Yeroo ammaa hirmaannaa mootummaa fi hawaasaan hojiin sadarkaa manneen barnoota idileen duraarra 182 fooyyeesuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Bara daebee manneen barnootaa idileen dura 162 hirmaannaa uummataa fi bajata mootummaan ijaaramuu himaniiru. Manneen barnootaatti hanqinoota hanqinoota kitaabolee fi meeshaalee tajaajila barnotaaf oolan jiran furuuf tattaaffiin taasifamaa jirachuu himaniiru. Gara fuula duraattis rakkoowwan damichi qabu furuuf qaamolee qooda fudhatoota waliin ta'uun qindoominaan kan hojjetamu ta'uu eeraniru.
Waloomasaanii cimsanii akka ittifufan hirmaattoonni ayyaana saba, sablammootaa fi ummattootaa magaalaa Jimmaa dubbatan
Nov 30, 2023 112
Sadaasa 20/2016 (TOI) –Waloomni fi tokkummaansaanii waliif yaadurratti hundaa’ee ture akka itti fufu qoodasaanii akka bahan hirmaattonni ayyaan saba, sablammootaa fi ummattootaa har’a magaalaa Jimmaatti kabajamerratti yaada kennan ibsan. Ayyaanni kun magaalaa jimmaatti kan kabajame marii ummataa magaalaa mata duree “ sabdaneessummaa fi walqaixxummaa tokkummaa biyyaaaf” jedhuu qophaa’eeni. Hirmaattota keessaa adde Immabeet Qaasiim yada kennaniin,hawaasni Jimmaa waloomaa fi jaalalaan walkabajee akka jiraatu dubbataniiru. Kana gabbisuunwaliif yaaduun waloomnii fi tokkummaansaanii cimee akkaitti fufuqoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Obbo Tasfaayee Waldasanbat gamasaaniin, Jimmaan magaalaa nageenyaa, walii tumsaa fi jaalalaa ta’uushee kaasanii, fuulduras walkabajuunwaloomasaanii eegsisaniiakka ittifufsiisan dubbataniiru. Waltajjicharratti kan argaman ittigaafatama waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Jimmaa obbo Lataa Ashabbir haasawa taasisaniin, Jimmaan magaalaa sabaa fi sablammoonni addaddaa waljaalalaan keessa jiraatanidha jedhan. Dur bara mootii Abbaajifaarii kaasee jimmi sabaa fi sablammoonni walkabajanii kan jiraatan fakkeenya sabdaneessummaa ta’uushee eeraniiru. Nuyi Itiyoophiyaanonni sabdaneessummaa afaanii, aadaa fi akkaataa jireenyaa fudhannee obbolummaa itti fufsiifnee duudhaa keenya nagaan jireenyaa gabbifachuu qabna jedhaniiru. Jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaa,miseensotaa ittisaa fi poolisii dabalatee kutaaleen hawaasaa garagaraa kabaja ayyaanichaarratti argamaniiru. Guyyaan saboota, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa sadarkaa biyyaalessaatti Sadaasa 29/2016 naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti akka kabajamu bekameera.
Jiddugaleesichi sanyii midhaanii fi kuduraa haala qilleensaa fi taa'umsa lafa naannoo Harariif mijatoo fi bu'a qabeessaa ta'an babal'isa jira
Nov 30, 2023 10
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Fadis sanyii filatamaa midhaanii fi kuduraa adda addaa haala qilleensaa fi taa'umsa lafa naannoo Harariif mijatoo fi bu'a qabeessaa ta'an babal'isa jiraachuu beeksise. Jiddugaleesichaatti dursaan garee ekteenshinii qonnaa obbo Abdulaaziiz Xahaa TOItti akka himanitti; jiddugaleesichi oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa, naannoo Hararii fi godina Harargee bahaatti hojii tekinolojii beeksisuu, madaksuu fi babal'isuu hojjechaa jira. Haaluma kanaan yeroo ammaa naannoo Haritti sanyiiwwan filatamoo midhaanii, Kuduraa fi muduraa, nyaata beelladaa kanneen biroo haala qilleensaa fi taa'umsa lafaa naannichaaf mijatoo fi bu'a qabeessa ta'an babal'isaa jiraachuu himaniiru. Jiddugaleesichaan madakfamanii kan yeroo ammaa ooyiruu qonnaan bultootarratti babal'ifamaa jiran keessaa Saliixa, Timaantimii, Boqqoolloo fi sanyii filatama nyaata beelladaa adda addaa ta'uu eeraniiru. Keessaayyu sanyiin Saliixaa jiddugala qorannoo qonnaa Baakkoon argamee jiddugala qorannoo qonnaa Fadisitti madakfamee babal'isfama jiru kan Haacaaluu jedhamu naannichaa aanaa Ereritti oomishamee lafa heekataara tokko irra hanga callaa kumataala 7 akka argamu mirkanaa'uu himaniiru. Sanyiin filatamaa Booqqoolloo fi Timaantimii ''Malkaasaa araat fi malkaasaa Shoolaa'' jedhaman kan hanqina roobaa fi dhukkuba damdamachuun callaa gaarii kennaan babal'ifamaa jirachuus himaniiru. Sanyiin filatamaa kun qonnaan bultoota birattis fudhatama gudda argachuu himaniiru. Sanyiiwwan kunneen oomishaa fi oomishitummaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu cinaatti qaala'insa gabaa tasgabbeesuu keessatti gahee olaanaa kan bahuu danda'anidha jedhaniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Hararii obbo Akiliiluu Shifarraawu gama isaani sanyiin jiddugaleesichii naannichatti ooyiruu qonnaan bultootarratti babal'isaa jiru dhukkuba damdamachuun yeroo gabaabaa keessaatti kan gahaniif callaa gaariin kan irra argamu ta'uu qabatamaan argameera jedhaniiru.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 2928
ENA
Siyaasa

Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misooma egeree naannichaaf waliin hojjechuu qabna-Bulchaa bulchiinsaa Umood Ujuluu
Nov 30, 2023 37
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misooma egeree naannichaaf waliin hojjechuu qabna Jedhan Bulchaa bulchiinsa naannoo Gaambeellee Umood Ujuluu Guyyaan saboota sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaa mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun sadarkaa naannootti aanaa addaa Itaangitti kabajameera. Bulchaa bulchiinsa naannichaa kabaja ayyaanichaarratti haasawa taasisaniin, jijjiiramaa asitti ummanni naannichaa fayyadamaa nageenyaa fi misoomaa taasisuuf haalli mijataa uumamuusaa ibsaniiru. Ayyaanichi duudhaalee sabdaneessummaa beeksisuu fi qabsiisuun alatti tokkummaa fi obbolummaa cimsuuf nigargaara jedhan. Ilaalchota finxaalessummaa waloomaa fi kutannoon qabsaa’uun akka barbaachisu himanii, yayyaanicha wayita kabajnu tokkummaa fi walooma ummattootaa cimsuuf guyyaa waadaa ittigallu dha jedhaniiru. Qaala’iinsa jireenyaa dabalatee rakkooleen hawaasummaa fi dinagdee biroof furmaata kaa’uun milkaa’ina imala badhaadhinaa biyyattiin jalqabdeef hundi qoodasaa akka bahu ergaa dabarsaniiru. Af-yaa’iin mana maree naannichaa adde Baanchaayyoo Dingataa gamasaaniin,ayyaanichi wagga waggaan addababayiitti kabajamuunsaa tokkummaa fi walooma ummattootaa nicimsa jedhaniiru. Ayyaanichi kabajamuunsaa saboonni sablammoonnii fi ummattoonni heera mootummaa fi dhimmoota heera mootummaa ilaallatan ilaalchisuun hubannoo akka qabaatan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ayyaanichi naannichatti guyyoota walitti aanan shaniif qophiilee addaddaatiin kabajamaa turee xumurameera.
Adeemsa badaa lammileetti dhaamaatii cimaa uumaa jiraniif furmaanni waaraan kennamuu qaba
Nov 30, 2023 32
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Sababa rakkoo kennisa tajaajila dhaabbileerraa kan ka'ee adeemsa badaa lammileetti dhaamaatii cimaa uumaa jiraniif furmaanni waaraan kennamuu akka qabu mana maree bakka bu'oota uummataatti Koreen dhaabbii dhimmoota Dimokiraasii hubachiise. Korichi raawwii hojii kurmaana jalqabaa fi karoora hojii bara 2016 Komishinii naamusaa fi farra malaan maltummaa Federaalaa gamaggameera. Komishiinarri komishiinii Naamusaa fi farra maanmaltummaa Federaalaa doktar Saamu'eel Urqatoo gabaasa isaaniin malaan maltummaa ittisuuf haala biyyaa, qaxaa fi idil addunyaa ilaacha keessa galchuun hojjetama jira jedhaniiru. Itoophiyaatti yaaddoo biyyaalessaa kan ta'e yakka malaanmaltummaa yeroo gabaabaa, jiddugaleessaa fi dheeraa keessaatti ittisuufi to'achuuf hojiiwwaan dandeesisaan hedduun hojjetama jiru jedhaniiru. Kanaafis dhaabbilee Federaala, naannolee fi bulchiinsa magaaloota waliin qindoominaan hojiin hojjetama jiraachuu himaniiru. Kurmaana jalqabaa kanatti hojii maanmaltummaa ittisuu ariifachiisaa eeruu 92'n Birrii miliyoona 812, doolaara kuma 8 ol fi lafa kaaree meetira miliyoona 1.9 magaalaa fi baadiyyaatti hannarra baraaruun danda'ameera jedhaniiru. Koreen dhaabbii dhimmoota dimokiraasiis gabaasicharratti ciminoonni jiran caalaatti cimanii akka itti fufanii fi hanqinoon jiran immoo ariitiin akka furaman hubachiiseera. Itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbichaa obbo Asmaraawu Andamoo ijaarsa sirna dimokraasii keessaatti gahee kan qaban dhaabbilee haqaa waliin qindoominaan hojjechuun hojii malaanmaltummaa ittisuu cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan ‘Brics’ tti kan makamte biyyoota addunyaa waliin misooma waloo mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuufi
Nov 30, 2023 30
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Itiyoophiyaan ‘Brics’ tti kan makamte biyyoota addunyaa waliin misooma waloo mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf akka ta’e de’eetaan ministiraa dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ibsan. Inistiitiyuutiin dhimma alaa abbaa taayitaa dhaabbilee hawaasa siviikii waliin ta’uun faayidaa Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee qabu irratti bakka bu’oota dhaabbilee siviikii addaddaa waliin Finfinneetti mari’achaa jiru. Waltajjicharratti kan argaman de’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti kan makamte faayidaa biyyaalessaa jiddugaleessa godhachuun akka ta’e ibsaniiru. Miseensa ‘BRICS’ ta’uun gama daldalaa, Invastimantii,faayinaansii misoomaa maddisiiuu fi walooma gabbisuuf akka gargaaru kaasaniiru. ‘BRICS’ jiddugaleessa ilaalcha hundaa fi kan biyyoonni addunyaa dinagdee guddaa qaban ofitti qabate ta’uus himaniiru. Itiyoophiyaan waltajjii addunyaarratti sagaleeshee dhageessisuuf carraa dabalataa kan kennuuf waan ta’eef milkaa’ina dippilomaasii isa guddaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan ‘BRICS’ tti kan makamte ayidooloojii kamiyyuu tumsuun osoo hinta;iin biyyoota addunyaa hunda waliin misooma waloo mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf ta’uus ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru. Daarektarri olaanaa abbaan taayitaa dhaabbata hawaasa Siviikii Faasikaawu Mollaa,dhaabbileen hawaasa Siviikii dhimma alaa dabalatee dhimmoota garagaraarratti biyyaaf gumaacha taasisaa akka jiran eeraniiru. Dhimma miseensummaa ‘BRICS’ irratti hubannoon uumamuunsaa waldaaleen qoodasaanii akka bahatan kan dandeessisudha jedhan. Gaaffiin Itiyoophiyaan ‘BRICS’ tti makamuuf gaafatte fudhatama kan argate yaa’ii biyyoota miseensa ‘BRICS’ 15ffaa baatii Hagayyaa 2015 Afriikaa Kibbaatti adeemsifamerratti ta’uun nibeekama. Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni garee kanatti makaman bara faranjootaa haaraa dhufuu kaasee miseensa guutuu ta’uusaanii nimirkaneeffatu.
Itiyoophiyaan yaa’ii waggaa waliigalaa dhaabbata poolisii idil addunyaa 19ffaa irratti hirmaachaa jirti
Nov 30, 2023 33
Sadaasa 20/2016 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii waggaa waliigalaa dhaabbata poolisii idil addunyaa (INTERPOL) 19ffaa fi kabaja ayyaana waggaa 100ffaa dhaabbatichaa Ostiriyaa Viyeenaatti taa’amaa jiru irratti hirmaachaa jirti. Ittigaafatamaan qajeelcha Intarpoolii biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi tumsa poolisii idil addunyaa gargaaraa komishinaraa Dajanee Baqqalaa ibsa kennaniin, jilli komishinar jeneraalaa poolisii federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eliin durfame yaa’ii waliigalaa dhaabbatichaa fi ayyaana hundeeffamaa Sadaasa 17-21 bara 2016tti taa’amurratti hirmaachaa akka jiru ibsaniiru. Ajajoonni poolisii biyyoota miseensa dhaabbatichaa, ministiroonni poolisiin itti waamamaa ta’ee fi dhaabbileen idil addunyaa addaddaa poolisii waliin hojjetan yaa’icharratti hirmaachaa akka jiran ibsameera. Jilli kun hojii ittisa yakkaa fi qorannoo poolisiin Ostiriyaa hojjet akkasumas haala shakkamaan ittiqabamuu fi hidhannoowan poolisiin itti fayyadamu, uffannaa fi konkolaattotaa ibsi akka kenname ibsa Kanaan eerameera. Komishinar jeneraal Dammallash Gabramikaa’el akkaataa hojmaata poolisii Itityyphiyaa, hojii riifoormii taasifamaa jiru, meeshaalee teeknooloojii dhaabbatichi itti fayyadamaa jiruu fi muuxannoo hojmaataa akka qoodan ibsameera. Jilli kun Yaa’ichaan cinaatti biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa addaddaa waliin marii fi muuxannoo walii qooduu akka taasifame ibsichi mul’iseera. Itiyoophiyaan hariiroo poolisii biyyoota miseensa dhaabbaticha waliin qabdu cimsuu fi tumsaan hojjechuuf akkasumas yakka daangaa cehu waliin ittisuuf mari’achuusaa odeeffannoon poolisii federaalaarraa argame mul’iseera.

Hawaasummaa
Qulqullina barnootaa markaneesuuf qaamoleen qooda fudhatoonni hirmaanna isaanii cimsuu qabu
Nov 30, 2023 110
Sadaasa 20 /2016 (TOI) - Godina Wallagga Lixaatti hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiru galmaan gahuun qaamoleen qooda fudhatoonni hirmaannaa isaanii akka cimsan gaafatame. Godinichatti hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti magaalaa Gimbiitti mariyatameera. Walatjjii marii kanarratti kan argaman bulchaan godinichaa obbo Salamoon Taammiruu,; mootummaan rakkoo qulqullina barnootaa mudate furuuf hojiiwwaan rifoormii adda addaa hojjechaa jira jedhaniiru. Godinichas hojii gama kanaan hojjetamaa jiran galmaan gahuuf hirmaannaa qooda fudhatoota akka barbaachisu himaniiru. Keessaayyuu rakkoo qulqullina barnootarratti mudatee jiru furuuf barsiisoonnii fi maatiin baratootaa karaa qindaa'een waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Ittigaafataman Waajjira Barnootaa godinichaa obbo Tsaggaayee Immaanaa gama isanaiin godinichatti qulqullina barnoota mirkaneessuuf manneen barnootaa jalqabarra haga olaanaantti qindoominaan hojjetama jira jedhaniiru. Yeroo ammaa hirmaannaa mootummaa fi hawaasaan hojiin sadarkaa manneen barnoota idileen duraarra 182 fooyyeesuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Bara daebee manneen barnootaa idileen dura 162 hirmaannaa uummataa fi bajata mootummaan ijaaramuu himaniiru. Manneen barnootaatti hanqinoota hanqinoota kitaabolee fi meeshaalee tajaajila barnotaaf oolan jiran furuuf tattaaffiin taasifamaa jirachuu himaniiru. Gara fuula duraattis rakkoowwan damichi qabu furuuf qaamolee qooda fudhatoota waliin ta'uun qindoominaan kan hojjetamu ta'uu eeraniru.
Murtee ragaarratti hundaa’e dabarsuu fi ittifayyadama haqaqabeessa mirkaneessuuf kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’aniif waraqaan eenyummaa biyyaalessaa dursaan kennamuufii qaba- ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaa
Nov 30, 2023 50
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Murtee ragaarratti hundaa’e dabarsuu fi ittifayyadama haqaqabeessa mirkaneessuuf kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’aniif waraqaan eenyummaa biyyaalessaa dursaan kennamuufii akka qabu de’eetaan ministiraa dubartootaa fi dhimma hawaasummaa ibsan. Kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’aniif ittifayyadama haqa qabeessa mirkaneessuuf furmaata teeknooloojii fayyadamuun haala danda’amurratti ogeessota waraqaa eenyummaa biyyaalessaa fi tajaajila odeeffannoo fi nageenya neetwoorkii waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis kutaaleen hawaasaa saaxilamaa ta’an saala, lakkoofsa,umurii fi keessumaa ulaagaalee addaddaatiin akka biyyaatti ragaan sirrii jiraachuu akka qabu de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru. Murtee ragaarratti hundaa’e dabarsuu fi fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf waraqaan eenyummaa biyyaalessaa furmaata tokko ta’uu himaniiru. Kanaaf dhimmichi yaaddessaa ta’uusaarraa ka’ee kutaalee hawaasaa saaxilamaa ta’aniif dursa kennuun nibarbaachisa jechuusaanii odeeffannoon ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaarraa argame nimul’isa. Ragaa lakkoofsaa sirriirratti hundaa’uun murtee kennuuf, fayyadama haqa qabeessa mirkaneessuuf, irra deddeebii dhabamsiisuu fi tarkaanfii furmaataa hatattamaan fudhachuuf waraqaan eenyummaa biyyaalessaa qooda olaanaa akka qabu marii Kanaan kaafameera. Kana tilmaama keessa galchuun odeeffannoo biyyaa sirrii fi nageenyisaa eegame akka jiraatu hojjechuun akka barbaachisu eerameera.
Diinagdee
Jiddugaleesichi sanyii midhaanii fi kuduraa haala qilleensaa fi taa'umsa lafa naannoo Harariif mijatoo fi bu'a qabeessaa ta'an babal'isa jira
Nov 30, 2023 10
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Fadis sanyii filatamaa midhaanii fi kuduraa adda addaa haala qilleensaa fi taa'umsa lafa naannoo Harariif mijatoo fi bu'a qabeessaa ta'an babal'isa jiraachuu beeksise. Jiddugaleesichaatti dursaan garee ekteenshinii qonnaa obbo Abdulaaziiz Xahaa TOItti akka himanitti; jiddugaleesichi oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa, naannoo Hararii fi godina Harargee bahaatti hojii tekinolojii beeksisuu, madaksuu fi babal'isuu hojjechaa jira. Haaluma kanaan yeroo ammaa naannoo Haritti sanyiiwwan filatamoo midhaanii, Kuduraa fi muduraa, nyaata beelladaa kanneen biroo haala qilleensaa fi taa'umsa lafaa naannichaaf mijatoo fi bu'a qabeessa ta'an babal'isaa jiraachuu himaniiru. Jiddugaleesichaan madakfamanii kan yeroo ammaa ooyiruu qonnaan bultootarratti babal'ifamaa jiran keessaa Saliixa, Timaantimii, Boqqoolloo fi sanyii filatama nyaata beelladaa adda addaa ta'uu eeraniiru. Keessaayyu sanyiin Saliixaa jiddugala qorannoo qonnaa Baakkoon argamee jiddugala qorannoo qonnaa Fadisitti madakfamee babal'isfama jiru kan Haacaaluu jedhamu naannichaa aanaa Ereritti oomishamee lafa heekataara tokko irra hanga callaa kumataala 7 akka argamu mirkanaa'uu himaniiru. Sanyiin filatamaa Booqqoolloo fi Timaantimii ''Malkaasaa araat fi malkaasaa Shoolaa'' jedhaman kan hanqina roobaa fi dhukkuba damdamachuun callaa gaarii kennaan babal'ifamaa jirachuus himaniiru. Sanyiin filatamaa kun qonnaan bultoota birattis fudhatama gudda argachuu himaniiru. Sanyiiwwan kunneen oomishaa fi oomishitummaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu cinaatti qaala'insa gabaa tasgabbeesuu keessatti gahee olaanaa kan bahuu danda'anidha jedhaniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Hararii obbo Akiliiluu Shifarraawu gama isaani sanyiin jiddugaleesichii naannichatti ooyiruu qonnaan bultootarratti babal'isaa jiru dhukkuba damdamachuun yeroo gabaabaa keessaatti kan gahaniif callaa gaariin kan irra argamu ta'uu qabatamaan argameera jedhaniiru.
Jiraattonni magaalaa Jimmaa deeggarsa hidha haaromsaa guddichaaf kan oolu boondii birrii miiliyoona 20 bitan
Nov 29, 2023 38
Sadaasa 19/2016 (TOI) - Jiraattonni magaalaa Jimmaa deeggarsa pirojektii hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa xumuruuf oolu guyyaa tokkotti boondii birrii miiliyoona 20 bitan. Hawaasni magaalichaa guyyaa har’aa magaalaa Jimmaa gandoota magaalichaa hundatti ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itiyoophiyaaf duulaan boondii bitaa ooleera. Qindeessaan gurgurtaa bittaa boondii hidha haaromsaa guddichaa magaalaa Jimmaa obbo Jihaad Huseen akka jedhanitti, marsaa kanatti jiraattota magaalichaarraa birrii miiliyoona 28 sassaabuuf karoorfamee har’a bittaan boondii birrii miiliyoona 20 raawwatameera. Jiraataan magaalichaa ijaarsi hidha haaromsaa erga jalqabamee kaasee hirmaachaa akka jiru eeranii, ammas boondii bitaa akka jiru ibsaniiru. Fuulduras hidha haaromsaarratti akka hirmaatuu fi hojiin qindeessuu ittifufa jedhan. Hirmaattota keessaa adde Lubaabaa Mahaammad wayita kana akka jedhanitti, amma ammaatti hirmaachaa turaniiru. Har’as birrii kuma tokkon boondii akka bitanii fi ammas tumsuuf qophii ta’uusaanii ibsaniiru. "Hidhi haaromsaa guddichi xumuramee kaayyoo barbaadameef akka oolu hundi keenya tumsaan hojjechuu qabna” jedhaniiru. Dargaggoo Izaddiin Abaadir “akka dargaggeessa tokkootti ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf qooda koo bahuuf boondii birrii kuma 5 biteera” Jedhe. "Nuyi dargaggoonni ijaarsa hidha haaromsaa guddinaa fi misooma biyyaaf gumaacha olaanaa qabuuf adda durummaan hirmaachuu qabna” jedheera.
Tarkaanfiiwwan fooyyessa imaammata maallaqaa taasifaman qaala’insa gatii hir’isuuf bu’aa argamsiisaa jiru
Nov 29, 2023 28
Sadaasa 19/2016 (TOI) - Tarkaanfiiwwan fooyyessa imaammata maallaqaa taasifaman qaala’insa gatii hir’isuuf bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiran baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibse. Bulchaan baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Mihiratuu gabaasa raawwii kurmaana waggaa bara 2016 mana maree bakka bu’oota ummataatti koree dhaabbataa pilaanii bajataa fi faayinaansiif dhiheessaniiru. Rakkooleen uumamaa fi namtolcheen jijjiiramaa dhufan dinagdee addunyaa qorrisiisuu akkasumas kunis dinagdee Itiyoophiyaarratti dhiibbaa geessisuusaa kaasaniiru. Gama biraatiin liqii fi deeggarsi biyyoonni guddatan biyyoota guddachaa jiraniif kennan hir’achuu eeranii, kun ammoo Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota hedduu qaala’iinsi gatii akka isaan mudatu godheera. Haata’u malee qaala’iinsa gatii hir’isuuf baankiin biyyaalessaa tarkaanfiiwwan fooyyessa imaammata maallaqaa addaddaa fudhachaa akka jiruu fi kun ammoo baankichi qaala’iinsa gatii xumura baatii Waxabajjii baranaatti harka 20 gadi buusuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Guddinni liqii biyya keessaa harka 14 irratt akka daangeffamu, ammi liqii hir’ina bajataaf mootummaan baankii biyyaalessaarraa fudhatu baay’ee hir’isuu fi baankotti hir’ina bajatasaanii ofiisaanii akka guutan hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Haala Kanaan qaala’insi baatileef harka 30 ol ture baatii Fulbaanaa harka 27 tuqaa 7tti hir’achuu eeranii, kana caalaa gadi buusuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Qorattoonni Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii ibsan
Nov 30, 2023 87
Sadaasa 20/2016 (TOI)- Qorattoonni Ameerikaa Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii beeksisan. Pilaanetoonni argaman jedhaman sochiin ofiisaaniirra fi marsaa sirna biiftuutti taasisan sirna kan eegee fi toftaa muuziqaa kan qabu ta’uusaa qorattoonni suuraa ifa taasisaniin ibsaniiru. Pilaanetoonni ‘HD’ 110067 jedhamuun moggaasfaman kuusaa urjii Koomaa Beereeniisis jedhanurraa waggaa ifaa 100 nifagaatu jedhamuusaa kitaabee qorannoo Neecheer jedhamu eeruun ‘UPI’ fuula marsariitiisaarratti gabaaseera. Pilaanetoonni argamuunsaanii akkaataa uumama pilaanetootaa fi jijjiiramni suutaa ilaalcha haaraa uumuu nidanda’a kan jedhan dursaan garee qorattootaa Raafaa’eel Liiyuuk, “argannoowwan akkasii qaamoleen naannawa pilaanetii Neppitiyuun jiran akka beekaman carraa uuma” jechuusaanii gabaasichi yaadachiiseera. “Akaataa uumama pilaanetoota biroo sirna biiftuu ardiin irra jirtuu ala jiranii, turtii, waanti irraa hojjetaman bishaan qabachuusaanii fi dhimmoonni biroon ka’umsa qoranichaa akka ta’u dandeessiseera” jedhaniiru qorattoonni. Saatalaayitootae Ejensiin qorannoo biyyaalessaa samii Ameerikaa Naasaan dhaabbata qorannoo samii Awurooppaa waliin ta’uun erganiin amma ifaa urjichaa, walittihidhamiinsa urjiilee biroo waliin qaban ilaaluun akka danda’ames ibsameera. Akka ibsa qorattoota kanneeniitti pilaanetoonni fageenya walii ittiin eegsisan sirna Reezoonaansi jedhamu kan qaban waan ta’eef urjiiwwan naannawa biiftuu jiran marsaa taasisaniin walitti bu’iinsi uumamuu danda’u xiqqaa ta’uu gabaasa Kanaan ibsameera.
Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jira.
Nov 22, 2023 83
Sadaasa 12/2016 (TOI) - Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jiraachuu Ministirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii beeksisan. Gamaggamni raawwii hojii mootummaa kurmaana 1ffaa bara 2016 bakka ministirri Muummee argamanitti geggeeffama jira. Raawwii hojii ministeera magaalaa fi bu'uuralee misoomaas waltajjii kanarratti gamagamameera. Minstirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii akka ibsanitti; kurmaana jalqabaa kanatti kennisa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuuf hojiin baay'een hojjetameera. Magaaloonni jaha sadarkaa tajaajila isaanii mana qopheessaan akka hojiirra oolchan karoorfamee gara hojiitti galamuu himaniiru Hojii kanaanis tajaajila mana qalmaa, misooma magariisaa fi miidhagina magaalaa, balfa gatuu, hayyama ijaarsaa fi dameewwan birootiin tajaajila isaanii akka haaromsan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kenniinsa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuun gara dijiitaalaatti ceesisuuf magaalota Qabridaar, Jijjigaa, Debrabiraan fi Bishooftuurratti hojjetamaa jira jedhaniiru. Muuxannoo magaalota kanneen keessatti argamu gara birootti babal’isuuf karoorri akka jiru hubachiisaniiru. L Sirna bulchiinsa lafa magaalotaa ammayyeessuuf sirna kaadastaraan galmeen eegalamuusaa ministirri kun eeraniiru. Kunis tajaajila gahumsa qabu kennuu fi gochaalee malaammaltummaa ittisuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Kurmaana kana keessa tajaajila mana qopheessaa magaalota irraa birriin biiliyoona 6.8 walitti qabamuu eeraniiru.
Arteefishaal Intalajensiidhaan hojiileen damee fayyaa ammayyeessuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gargaran hojjetama jiru.
Nov 21, 2023 95
Sadaasa 11/2016 (TOI) - Inistiitiyuutiin Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa karaa Arteefishaal Intalajensiidhaan hojiileen damee fayyaa ammayyeessuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gargaran hojjetama jiraachuu beeksise. Qorannoowwaan yeroo yaalii bu'a qabeesummaan isaanii mirkanaa'e yeroo dhihootti hojiirra kan oolan ta'uun himameera. Bara kana addunyaarratti tajaajilli hundagaleessaa Artefishaal Intalajensiin kennuu ariitiin guddachaa fi baay'ee ammayyaa'aa dhufeera. Artefishaal Intalajensiin beekumsa, dandeettii, afaanii fi yaada dhala namaa karaa hubannoo adda ta'een daataa bu'uureffatee rakkooleef ariitiin deebii kennuu kan dandeesisudha. Kun immoo oomishitummaa dachaan kan dabaludha. Teeknooloojii Artefishaal Intalajensii kanatti biyyoonni Awurooppaa, Ameerikaa, Jaappaanii akkasuma kanneen birootti industirii fi dhaabbileen tajaajila kennan bal’inaan itti fayyadamuu erga eegalanii turaniiru. Itoophiyaatti Inistiitiyuutiin Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa bara 2012 yaada Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin hundeeffamuun; Adoolessa 10, 2013 eebbifamuun hojii jalqabuun isaa ni yaadatama. Inistiitiyuutichi damee qonna, barnoota, eegumsa fayyaa fi hawaasummaa akkasuma tajaajila nageenyaaf akka ooluu hojjetama jira. Itti aanaan daarektara olaanaa Instiitiyuuti Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa Doktar Taayyee Girmaa, bu'uuraa tarsiimoo dijitaalaa mootummaan guddina hunda galeessaaf oolchuuf hojjechaa jirurratti hundaa'uun hojiin baay'een hojjetama jira jedhaniiru. Damee kanaaf bu'uura kan ta'e gamoon Artefishaal Intalajensii ijaaramee hojiirra jiraachuu himaniiru. Bu’aa qorannoo inistiitiyuutichi hojjete namoonni kuma 700 ol daawwachuu isaanii eeranii; uummata biyya keessaa fi biyya alaa biratti hubannoo uumuuf mariin adda addaa qophaa’uu himaniiru. Artefishaal intalajensii fayyadamuun biyyatiitti hanqina ogeessoota ispeeshaaliitii fi sub-ispeeshaalitii damee fayyaatiin jiru furuuf hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Teeknooloojii damichaa fayyadamuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuus eeraniiru. Pirojektoonni qorannoo adda addaa yaaliiwwan irratti bu’a qabeessummaan isaanii mirkanaa'es yeroo dhiyootti akka hojiirra oolaanis ibsaniiru. Kalaqawwan dhukkuba gogaa daa’immanii adda baasuu fi yaaluu, kaansarii harmaa adda baasuu, gosa dhukkuba sukkaaraa, hamma miidhaa fi dhiibbaa gara fuula duraatti qaqabsiisu tilmaamuu, hojii haqaa fi nageenyaa gargaaruu danda’an hojii yeroo dhihootti hojiirra oolanidha jedhaniiru. Inistiitiyuutichi bara 2022tti bu’aa teeknooloojii Artefishaal intalajensiin Afrikaa keessatti adda duree ta'uuf hojjechaa jirachuu beeksisaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Boorana Bahaa fi magaalaa Naqamteetti biqiltoota kanaan dura dhaabamaniif kununsi taasifama jira.
Nov 21, 2023 95
Sadaasa 11/2016(TOI) - Godina Boorana Bahaa fi magaalaa Naqamteetti biqiltoota kanaan dura dhaabaman guttatanii saaxilamummaa hongee akka hir'isaniif, miidhagnaa fi oomishaa fi oomishitummaan akka dabaluu gahee isaanii akka bahaniif kunisa barbaachisaa taasisaafii jiraachuu jiraatoonni godina Boorana bahaa fi naannawwaa magaalaa Naqamtee beeksisan. Jiraatonni Godina Boora Bahaa akka himanitti, Misooma itti fufiinsa qabuun saaxilamummaa hongee hir'isuuf tattaaffiin eegalame gaarii ta’uu eeranii; biqiltuu dhaabuun qofa osoo hin taane kan dhaabame akka guddatuuf kununsa barbaachisaa taasisaafii jirachuu jiraatoonni kunneen himaniiru. Biqiltoonni dhaabaman akka guddataniitti bishaan obaasuun beelladoonni akka hin balleesine irraa eeguun guyyaa guyyaan kununsa taasisuufiin barbaachisaa ta'uu eeraniiru. Biqiltoonni isaan ganna darbe dhuunfaa fi gareen dhaaban hedduun isaanii kununsa barbaachisu taasisaa waan jiraniif qabachuu eeraniiru. Waajjirri qonnaa godinichaa, godinichatti biqiltuuwwan bara darbe walakkeessa baatii Adoolessaa hanga dhuma baatii Hagayyaatti dhaabaman keessaa dhibbeentaan 78 ol qabachuu beeksiseera. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Masqaluu Tulluu godinichatti biqiltuun miliyoonni 28.5 dhaabamuu yaadachiisanii; kunis ittisa saaxilamummaa goginsaa hir'isuu bira darbee kanneen bu'aa dinagdee qaban ta'uu himaniiru. Hojii eegumsaa misooma naannoo fi kunuunsa biqiltuu godinichatti taasifama jiru cimsuun yeroon booda hongeen godinichatti akka hin uumamneef cimsinee hojjenna jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun magaalaa Naqamteettis biqiltuuwwan ganna darbe dhaabaman, kutaalee hawaasaa adda addaa hirmaachisuun kununfamaa jiru jedhameera. Qonnaan bultootaa fi hojjettoonni mootummaa kunuunsa biqiltuu irratti hirmaatan biqiltuun dhaabame qabatee guddachuun galma barbaadame akka gahuuf hojii kununsaa eegalle cimsinee itti fufna jedhaniiru. Hirmaattonni duula kununsa biqiltuurratti hirmaatan kunneen "dhaabuu qofa osoo hin taane, kunuunsuun dhaloota dhufu dachee magariisa haa dhaalchifun'' jedhaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Naqamtee obbo Girmaa Kadir ekemtee akka jedhanitti, bara darbe biqiltuuwwan magaalichatti dhaabaman miiliyoona 2 fi kuma 180 keessaa dhibbeentaan 85 qabataniiru. Biqiltoonni magaalichaa fi naannawwaa isheetti dhaabamanii turan haala gaariin kununfamaa jiraachuus himaniiru.
Guyyoota kurnan itti aanan roobni qonnaa yeroo gannaaf mijataa ta'ee ni rooba
Sep 22, 2023 828
Fulbaana 11/2016(TOI) - Guyyoota kurnan dhufan bakkeewwaan rooba yeroo hannaa fayyadamoo ta'anitti irra caalaan roobni kan roobu ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI'f ergeen guyyoota kurnan dhufanitti roobni bakkeewwaan eerame kanatti roobu oomisha qonnaa waqtii gannaaf mijataa kan ta'edha jedheera. Keessattuu naannawwa bahaa fi kaaba bahaa biyyatti walakkeessa gannaarra eegalee hanqinni rooba tureetti roobni kan roobu ta'uu ibseera. Roobni bakkeewwan kanneenitti roobu mala bishaan kuusuu adda addaa fayyadamuun qonnaaf akka ooluu kuusuun barbaachisaa ta'uu Inistiitiyutichi akeekeera. Gama biraatiin kallattii Kibbaa fi Kibba Baha Itoophiyaatti uwwisni duumessaa dabalaa dhufuun walqabatee jiidhinni uumamuu danda’u naannawwaa horsiisee bultootaafi gariin horsiise bultootaatti roobni akka roobu haala kan mijeessuu ta'uu ibsa isaan eereera. Kana malees, raagni qilleessaa akka agarsiisutti, bakkeewwaan yaa'awwan Kaabaa, Kaaba lixaa, Lixaafi Baha Giddugaleessaatti jiidhinsi fooyya’aan ni jiraata. Haa ta’u malee, rooba cimaan bakka tokko tokkotti roobuu danda'uun qarqara galaanaa fi naannoo lolaadhaaf saaxilamoo ta'anitti signi lafaa mudachuu waan danda'uuf qaamonni dhimmi ilaallatu of eeggannoo barbaachisaa akka godhan inistiitiyutichi dhaamera. Hidhawwan akka Qoqaa, Yaa'a laga Awaash, Xaanaa Baalesiifi Fincaa'aa, bishaan isaanii guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf hordoffiin barbaachisaan akka taasifamu tilmaamni kun ni mul’isa.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 3418
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015