Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Filannoo Naqamteetti meeshaaleen sagalee kennuuf oolan raabsamaa jiru

Caamsaa 22/2018(ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaaf naannoo filannoo Naqamteetti meeshaaleen sagalee kennuuf tajaajilan buufataalee filannoof raabsamaa jiraachuu qindeessaan naannoo filannichaa ibsan.

Qindeessaan Naannoo Filannichaa obbo Geetahuun Toleeraa akka dubbatanitti, buufataalee filannoo naannoo filannichaa jalatti argaman 108’f meeshaalee guyyaa filannoof barbaachisan dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira.

Saanduqni sagalee Kaadhimamtoota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Naannoof oolan, akkasumas meeshaaleen biroo guyyaa sanaaf barbaachisan raabsamaa akka jiran ibsaniiru.

Adeemsa filannichaa dhiyenyatti kan hordofanii fi leenjii barbaachisaa kan fudhatan raawwachiistonni filannoo 553 buufataalee adda addaa irratti ramadamuu isaanii dubbataniiru.

Ummanni filatus guyyaa filannichaa waraqaa kaardii filannoo ittiin galmaa'e qabatee dhufee, bilisummaan sagalee akka kennuufi milkaa'ina adeemsa filannichaatiif gumaacha gaarii gama isaatiin akka taasisus waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015