Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera.
Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera.
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira.
Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru.
Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan.
Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA