Ejensiin Geejjiba Oromiyaa Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jira
Caamsaa 20/2018(ENA): Ejensiin Geejjiba Oromiyaa Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
Hojmatilee adda addaa hojiirra oolchuun nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Hojmaatileen kunniin haala dizaayinii daandii mijeessuu, konkolaataa gahumsa qabuu fi daandii mijataa ta’e naannicha keessatti uumuufi kan gargaaru ta’uun ibsameera.
Ejensichatti Daarektarri Daarektoreetii dhiheessii fi bobbii Geejjiba uummataa obbo Misbahuddin Abdulmaajid balaan tiraafikaa yeroo ammaa sadarkaa Addunyaatti haala yaaddessaarra jiraachuu ibsuun yeroo ammaa akka biyya keenyaatti balaan kun ulfaataa ta’uu ibsaniru.
Akka Oromiyaatti Waggaatti, namootni kuma tokkoofi dhibba sadii ol balaa tiraafikaan lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’u, qabeenyi miliyoonaan lakkaa’amu kan manca’u ta’uu ibsaniirudha.
Balaa tiraafikaa yeroo ammaa ga’aa jiru hir’isuuf hubannaan hawaasaaf maneen barnootaarratti, bakka afooshaalee adda addaa fi hawaasni hedduumminaan argamutti kennuun bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Dabalataanis balaa yeroo ammaa kana qaqqabaa jiruuf harki caalu dogongora konkolaachiftootaan kan uumamu ta’uu Ejensichi balaa tiraafikaa hir’isuuf gahumsa konkolaachiftootaarratti bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Gahumsa kana mirkaneesuuf dhaabbata Leenjii konkolaachiftootaa daree fi dirree keesatti kennamu kaameeraa hordoffii ‘CCTV’’n kallattiin hordoffii taassisaa jiraachuu ibsaniiru.
Kunis hanqina gahumsaa fi ragaa sobaa ammaan dura ture hanbisuusaa ibsaniiru.
Ejensiin Geejiba Oromiyaa hojii bara 2018 hojjeteen rikaardii adabbii fi kaffaltii onlaayinii gochuun tuttuqqaarraa bilisa taasisuusaa bu’aan aragmuu dubbataniiru.
Haaluma wal fakkaatuun Oromiyaa keessatti taarifni konkolaataa Kiiloomeetiraa fi sadarkaa wal fakkaatuun bahe hojiirra oolchuun Oro-tikkeettii hojiirra oolchuun tajaajila geejjibaa si’ataa fi ammayyaa’aa fi nageenyummaansaa mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu obbo Misbahuddin Abdulmaajid ibsaniiru.
Dabalataanis rakkoo geejibaan wal qabatee mudatuuf hawaasni eeruu akka kennuuf sara bilbila bilisaa 8656 diriirsuun hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Kanaanis eeruu uummanni kenneen konkolaattonni seera tiraafikaa cabsuun kuma 1 fi 57 ol adabamuu ibsuun, kana keessaa konkolaattota 97 sarara bobbiisaaniirraa guyyaa 15 hanga baatii tokkoo haquu danda’uu ibsaniiru.
Ejensichi Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf mallattoolee adda addaa ,daandii cinaatti ibsaa tiraafikaa dhaabuu ,iddoowwan daandii rakkoo qaban ilaaluun qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun akka suphamu taasisaa jirachuus ibsaniiru.
Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf qaamolee adda addaa waliin hojjechuun akka barbaachisu eeruun obbo Misbahiddin, Ejensiin Geejjiba Oromiyaas Dhaabbata Idil-Addunyaa “Bloomberg Philanthropies Initiative for Global Road Safety” waliin ta’uun nageenya tiraafikaa naannichaa mirkaneessuu fi hojmaata haarawaa hojiirra oolchuun hoojjechaa jiraachuu himaniiru.
Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf hawaasnis gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.(EGO)irraa