Tamsaasa Kallatti:

Filannoon walii galaa kun Afriikaa guutuuf hiika guddaa qaba- Hogganaa garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa Uhuuruu Keeniyaataa

Caamsaa 22/2018(ENA): Filannoon Waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaan Afriikaa guutuuf hiika guddaa qaba jechuun Hogganaan garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa Uhuuruu Keeniyaataan ibsan.

Hogganaan garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa (AUEOM) fi Pirezidaantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan, filannoo waliigalaa 7ffaa Wixata dhufu gaggeeffamu taajjabuuf kaleessa galgala gara Finfinnee seenaniiru.

Uhuuruu Keeniyaataan wayita Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Boolee Finfinnee gahan, Daayirektara jeneraala dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa kan Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Mallas Alam simannaa taasisaniiruf.


Hogganaan garee taajjabdootaa  Uhuuruu Keeniyaataan akka ibsanitti, adeemsi sagalee kennuu kun Itiyoophiyaa bira darbee faayidaa guddaa Ardichaaf qaba jedhani.

Uhuuruu Keeniyaataan wayita Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Boolee Finfinnee gahan, Daayirektara jeneraala dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa kan Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Mallas Alam simannaa taasisaniiruf.

Hogganaan garee taajjabdootaa  Uhuuruu Keeniyaataan akka ibsanitti, adeemsi sagalee kennuu kun Itiyoophiyaa bira darbee faayidaa guddaa Ardichaaf qaba jedhani.

Kaayyoon guddaan carraaqqii Garee taajjabdootaa Filannoo Gamtaa Afriikaa, furmaata dhimmoota Afriikaa Afriikaanotaan durfamuun, muuxannoowwan waloo fi muuxannoowwan gaarii biyyoota miseensotaa gidduutti wal-jijjiiruun dimookiraasii caalaatti cimsuu ta’uu hubachiisaniiru.

Haalli qabatamaa keenya addadha kan jedhan, Biyyoota biroo irraa kallattiin garagalchinee hojiirra oolchuu hin qabnu jedhaniiru.

Rakkoolee Afriikaatiif furmaata Afriikaa kennuu keessatti qaama ta'uun, nuti ofii keenyaan muuxannoowwan gaarii bocuun Afriikaa guutuutti babal'isuu fi itti fayyadamuu dandeenya jedhaniiru.

Itiyoophiyaan teessoo dhaabbata ardichaa kan ta'e Gamtaa Afriikaati. Kanaafis, filannoon Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu biyyattiif qofa osoo hin taane, ardii guutuuf hiika guddaa qaba jedhaniiru.

Murteen filannoo ogummaa fi fageessanii ilaaluun guutame kan lammiilee Itiyoophiyaa, biyyattii gara humnaa fi olka’insa caalutti akka ceessisus ibsaniiru.

Gareen taajabdootaa kun siyaasaa fi hammattoo seeraa Itiyoophiyaa, adeemsa filannichaa, akkasumas ulaagaalee filannoo amanamaa, iftoomina qabuu fi nageenyaa kan Gamtaa Afriikaa irratti xiyyeeffachuun sagantaalee beeksisaa fi ibsaa gaggeessaa jira.

Gareen taajjabdootaa kun biyyoota Afriikaa 37 irraa taajjabdoota 73 kan hirmaachise yoo ta'u, miseensota garee kanaa keessaa dhibbeentaan 61 dubartoota ta'uun ibsameera.

Raawwachiiftotni filannoo kun bakka bu'oota hawaasa siivilii, falmitoota mirga namoomaa, ogeessota koorniyaa (gender), ogeeyyii miidiyaa fi bakka bu'oota dargaggootaa hammateera.


Jilli Ergamaa Abbaa taayitaa Misooma Biyyoota giddugaleessa Bahaafi Gaanfa Afrikaa (IGAD) filannoo waliigalaa 7ffaa taajjabuuf Finfinnee seenuun isaa ni yaadatama.

Hirmaannaan ‘IGAD’ immoo bulchiinsa dimookiraasii, tasgabbii fi amanamummaa filannoo Gaanfa Afriikaa keessatti argamu waliin jabeessuuf tumsa naannichaa kan cimsudha.

Filannoon kun ardiitti keessatti dimookiraasii mirkaneessuuf shoora gareewwan taajjabdootaa filannoo Afriikaanotaan durfamanii guddachaa jiru argarsiisuuf carraa guddaadha.

Wiixata dhufu filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeeffamu irratti hirmaachuuf lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 54 ol galmaa’uu isaanii Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015