Tamsaasa Kallatti:

Guyyaa filannoo bilisaan sagalee kennuudhaan ijaarsa sirna dimookiraasiitiif gahee keenya ni baana - Jiraattota Magaalaa Adaamaa

Caamsaa 22/2018(ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti guyyaa filannoo bilisaan sagalee kennuudhaan ijaarsa sirna dimookiraasiitiif gahee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Adaamaa.

Jiraattota Magaalaa Adaamaa keessaa aadde Ilmiyaa Suleeyimaan ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, filannoon waliigalaa lammiileen paartii biyya isaaniitiif ta'u filachuudhaan ijaarsa sirna dimookiraasiitiif gahee isaanii kan itti bahan ta'uu ibsaniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo isaan dandeessisu fudhachuu isaanii eeranii; sagalee isaanii paartii nageenya, misoomaa fi tokkummaa cimsuuf kennuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.

Jiraataan magaalaa biraa obbo Baqqalaa Bajigaa gama isaaniitiin; kaardii filannoo waliigalaa 7ffaa irratti fudhataniin dirqama lammummaa isaanii bahachuuf, paartii nuuf wayya jedhaniif sagalee kennuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf sagalee isaa kennuuf qophaa'uu isaa kan ibse immoo dargaggoon Tammiraat Lammeessaa jiraataa magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleeti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015