Nageenya Amansiisaa Ardii fi Riijinichaa malee misoomaafi guddina mirkaneessuun hin danda'amu - Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa - ENA Afaan Oromoo
Nageenya Amansiisaa Ardii fi Riijinichaa malee misoomaafi guddina mirkaneessuun hin danda'amu - Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Caamsaa 22/2018 (ENA):Nageenya amansiisaa Ardii fi riijinichaa malee misoomaafi guddina mirkaneessuun akka hin danda'amne Itaamaajoor Shuumiin Walii Galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan.
Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Jila Qondaaltota Itaamaajoor Shuumii Walii Galaa Moozaambiik Jeneraal Juuliyoo Doo Saantos Jaaneen durfamu waliin, waliigaltee tumsa Loltumaa biyyoota lamaanii gidduutti kanaan dura mallatteeffame gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf dhimmoota dandeessisan irratti mari'ataniiru.
Marii hoggantoota Raayyaa Ittisaa ol'aanoo biyyoota lamaanii kanaan, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaafi Moozaambiik hariiroo seenaa dheeraa qabu jedhani.
Hariiroon seenaa biyyoota lamaan gidduu jirus murannoofi tokkummaa irratti, akkasumas qajeeltoo "Paan-Afriikaanizimii" (Pan-Africanism) irratti kan hundaa'e ta'uu dubbataniiru.
Yeroo dhihoo as hariiroon biyyoota lamaanii gara sadarkaa ol'aanaatti ce'uu kan eeran Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, hariiroonii fi michummaa biyyoota lamaanii irratti hundaa'e kun cimee itti fufuun isaa nageenyaafi tasgabbii naannichaa eegsisuuf faayidaa guddaa waan qabuuf, caalaatti cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Nageenyaafi tasgabbii malee guddina dinagdeefi badhaadhina waaraa galmeessisuun akka hin danda'amne ibsuun, shororkeessummaa waliin loluu, nageenya saayibarii (cyber security) fi dameelee tumsaa biroo irratti qindoominaan hojjechuun nageenya Ardii fi Riijinichaa mirkaneessuuf waliin dhaabbachuun akka barbaachisu eeraniiru.
Itaamaajoor Shuumiin Moozaambiik Jeneraal Juuliyoo Doo Saantos Jaanee, Gama isaaniitiin, biyyoonni lameen dameelee tumsa waraanaa adda addaa irratti waliin hojjechuun isaanii nageenya Ardichaa fi naannichaa mirkaneessuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Jeneraal Juuliyoo Doo Saantos Jaanee dabalanii akka jedhanitti, Itiyoophiyaa waliin dameelee tumsa waraanaa hedduu irratti qindoominaan hojjechuun keenya, gama barnootaafi leenjiitiin muuxannoo bal'aa akka argannu nu dandeessisa jedhaniiru.
Daarektarri Daarektoreetii Hariiroo Alaa fi Tumsa Loltummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu gama isaaniitiin, sagantaan marii biyyoota lamaanii kun waliigaltee tumsa Loltummaa kanaan dura mallatteeffame gara hojiitti kan hiikeefi dhimmoota deeggarsa gara fuulduraa irratti hojjetaman irratti kallattii kan kaa’e ta'uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan nageenyaafi misooma naannichaa mirkaneessuuf kutannoo qabdu irraa kan ka'e, Moozaambiik dabalatee biyyoonni hedduun dameelee Loltummaa adda addaa irratti Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii agarsiisaa akka jiran ibsuu isaanii odeeffannoo ENA’n Miidiyaa oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argate ni agarsiisa.