Meeshaaleen sagaleen itti kennamu Naannoo Filannoo Gimbiitti raabsamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Meeshaaleen sagaleen itti kennamu Naannoo Filannoo Gimbiitti raabsamaa jira
Caamsaa 22/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Lixaa naannoo filannoo Gimbiitti meeshaaleen filannoof oolan bakka isaanii qaqqabsiifamaa jiru.
Filannoon walii gala 7ffaa Caamsaa 24/2018 gaggeeffamuuf qophiin xumuramaa jiraachuu boordiin filannoo biyyaalessaa ibseera.
Filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24/2018 naannoo sanatti gaggeeffamuuf naannoo Gimbiitti raabsi meeshaalee adeemsa kanaaf barbaachisan gaggeeffamaa jiraachuu Qindeessaan Naanno Filannoo obbo Kabbadaa Baqqalaa himaniiru.
Kaleessa irraa eegalee buufataalee filannoo naannoo filannoo 84’f meeshaaleen barbaachisoo ta’an akka dhiyaatan taasifameera; buufataalee hafan keessattis har’a raabsa kana xumuruuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Meeshaaleen adeemsa sagalee kennuuf qophaa’an saanduqa filannoo, waraqaa filannoo fi galteewwan kanaan walqabatan biroo akka ta’e qindeessaan ibsaniiru.
Akkasumas, hojjettoota filannoo kanaaf barbaachisa 336 leenjiin barbaachisaa ta’e kennamee buufata filannoo naannoo filannoo jala jirutti bobba’uu ibsaniiru.