Tamsaasa Kallatti:

‘IGAD’ filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaaf taajjabdoota filannoo 26 bobbaase

Caamsaa 22/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaa gaggeeffamuuf taajjabdoota filannoo 26 bakka adda addaatti bobbaasuu isaa Abbaan Taayitaa Misooma Mootummoota Giddugaleessaa Bahaa fi Gaanfa Afriikaa (IGAD) beeksise.

Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Gidduu galeessa Bahaafi Gaanfa Afriikaa (IGAD)tti Daarektarri Damee Nageenyaa fi Tasgabbii Komaandar Abbabaa Mulunaa ENAtti akka himanitti, Filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamuu jiru taajjabuuf taajjabdoonni bobbaafamaniiru jedhani.

Adeemsa filannoo ilaaluuf taajjabdoonni 26 Sekreetariyaatii IGAD fi biyyoota miseensa ta’an bobbaasuu beeksisaniiru.

Taajjabdoonni filannoo ogeessota kallattiin boordii filannoo biyyoota miseensa ta’anii fi dhaabbilee hawaasa siivikii, dhaabbilee dargaggootaa fi dubartootaa waliin akkaataa Dambii ittiin bulmaataa gamtaa Afrikaa taajjabdoota filannoof baaseen hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Kanumaan walqabatee, taajjabdoonni Filannoo Waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaa irratti bobbaafaman, ogeeyyii fi qondaaltota Boordii Filannoo dabalatee, naannoo filatamanitti akka taajjabaniif ramadamaniiru.

Adeemsi filannoo biyyoota miseensa ta’an Ugaandaa fi Jibuutii bara kana akka taajjaban hubachiisuun, itti dabaluunis yeroo ammaa kana Filannoon Waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaa gaggeeffamuuf taajjabuuf akka jiran himaniiru.

Boordiin Filannoo qaamolee ilaalcha filannoof qophaa’aniif labsii filannoo Itiyoophiyaa fi dambiiwwan hojmaataa biroo irratti leenjii kennuun hayyama kennuus eeraniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015