Tamsaasa Kallatti:

Sirni galmee kaadastara qabiyyee lafaa magaalota Itiyoophiyaa dandeettii galii isaanii guddisuun bu'aa qabatamaa fidaa jira

Caamsaa 21/2018(ENA): Sirni galmee kaadastara qabiyyee lafaa magaalota Itiyoophiyaa dandeettii galii magaalotaa guddisuun bu'aa qabatamaa fidaa akka jiru De’eetaan Ministira Magaalaa fi Bu'uuraalee Misoomaa obbo Fantaa Dajan ibsan.

Magaalonnii dandeettii galii isaanii fayyadamuun liqii argachuu kan danda'an sirni itti diriirsamu hojjetamaa akka jirus ibsameera.

De’eetaan Ministira Magaalaa fi Bu'uuraalee Misoomaa obbo Fantaa Dajan ENA’f akka ibsanitti, magaalonni oomisha biyyaalessaa waliigalaatiif qooda guddaa qabu.

Magaalonni Itiyoophiyaa oomisha biyyaalessaa waliigalaa keessaa hanga dhibbeentaa 58 qooda gumaachaa akka jiran ibsaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti misooma koriidariin , qarqara lageenii fi dijiitaalaayizeeshinii irratti hojjetaman milkaa'oo ta'an, magaalota qaroomanii fi dandeettii qaban uumuu keessatti faayidaa guddaa gumaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin naannoo magaalaa ammayyaa uumuu, lammiileen tajaajila mootummaa ariifataa fi qulqullina qabu kan itti argatan haala mijeessaa akka jirus kaasaniiru.

Tajaajilli Mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa fi dhaabbilee gara sirna dijitaalaatti ce'uun isaa haala mitataa fi si’ataaan uumamuusaa hubachiisaniiru.

Keessattuu tajaajila wiirtuu tokkoon lammiileen tajaajiloota mootummaa karaa walitti dhufeenya qabuun qulqullinaa fi ariitiin akka argatan carraa uumeera.

Qabiyyee lafa magaalotaa haqaan bulchuuf galmeen gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti qabiyyee lafa magaalaa miiliyoona 6.6 keessaa dhibbeentaan 33 waggoottan sadan darban keessatti galmaa'uu isaa eeranii, sirna kaadastaraatiin lafa bulchuun bal'inaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Fakkeenyaaf, Magaalaa Adaamaa dabalatee magaalonni biroon galmee lafaa xumuruu isaanii ibsaniiru.

Hojiiwwan qabeenyaa fi dandeettii galii magaalotaa guddisuuf hojjetaman bu'aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaanis, amma irratti galiin magaalotaa waggoota afur dura birrii biiliyoona 10 ture irraa gara birrii biiliyoona 80tti guddisuun danda'ameera.

Kunis dandeettii magaalotaa kana galii walitti qabuu guddisuun, hammana galii isaanii irratti hundaa'uun sirni liqii itti argatan diriirsamaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015