Oomishtummaa Avokaadoo dabaluun fayyadamummaa damee kanaan argamu fooyyessuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Oomishtummaa Avokaadoo dabaluun fayyadamummaa damee kanaan argamu fooyyessuuf hojjetamaa jira
Caamsaa 21/2018(ENA): Oomishtummaa avokaadoo dabaluun fayyadamummaa damee kanaan argamu fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu De’eetaan Ministiraa Qonnaa obbo Dassaalanyi Tashaalee beeksisan.
Qopheessummaa Ministeera Qonnaatiin Sagantaa Misooma Avokaadoo Biyyaalessaa irratti mareen qaamolee dhimmamtoota damee kanaa hirmaachise gaggeeffamaa jira.
Marii kanarratti kan argaman De’eetaan Ministira Qonnaa obbo Dassaalanyi Tashaalee akka dubbatanitti, oomishni avokaadoo innisheetivoota qonnaa sadarkaa biyyaalessaatti xiyyeeffannoon addaa kennameef keessaa tokko yoo ta'u, oomishaafi oomishtummaa isaa dabaluuf hojiilee bal'aan hojjetamaa jiru.
Sagantaan Misooma Avokaadoo Biyyaalessaa kun fedhii muduraa (fuduraalee) biyya keessatti dabalaa jiru guutuufi dandeettii sharafa alaa Itiyoophiyaa dabaluudhaaf murteessaa ta'u de’eetaan ministirichaa eeraniiru.
Oomishni avokaadoo dhiyeessii nyaata madaalawaa, carraa hojii uumuutiif akkasumas faayidaawwan gara garaatiif qooda guddaa akka qabus ibsaniiru.
De’eetaan Ministirichaa misooma avokaadoo sadarkaa biyyaalessaatti caalaatti babal'isuuf, oomishtummaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuufi argannoo sharafa alaa dabaluuf akkataa qooda fudhattoota damichaa, oomishitootaafi qaamaolee qoodha fudhattoota haala hirmaachiseen qindoominaan hojjechaa jira jedhaniiru.
Haaluma kanaan, gosoota avokaadoo filatamoofi oomisha olaanaa kennan akkasumas dhukkuboota damdamachuu danda'an qotee bultootaaf raabsuun bu'aa olaanaa fidaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bultoota oomishtoota xixiqqoo ta'an kilaasteraan gurmeessuun, ittifayyadama kuusa bishaanii ammayyaafi leenjii teekinoolojii qonnaa fooyya'an kennuudhaan qulqullina oomishaa sadarkaa addunyaatti dorgomaa gochuuf sirni dandeessisu diriirfamaa jiraachuu eeraniiru.
Kunis qonnaan bulaa kallattiin gabaa Addunyaa waliin walitti hidhuuf qooda guddaa qaba jedhan.
Sagantaan biyyoolessaa kun jireenyaafi galii qotee bulaa jijjiiruu bira darbee, damee qonnaarraa galii sharafa alaa biyyattiin argattu sadarkaa olaanaan dabaluuf tarkaanfii tarsiimowaa bocamedha jedhaniiru.