Tamsaasa Kallatti:

Naannoo filannoo Mattuutti raabsi meeshaalee filannoo xumuramaa jira

Caamsaa 22/2018(ENA): Buufataalee filannoo naannoo Mattuu jala jiranitti raabsi meeshaalee filannoo xumuramaa jiraachuu waajjirri filannoo Naannichaa fi qindeessitoonni buufataalee beeksise.

Naannoo filannoo Mattuutti waliigala buufataaleen filannoo 73 argamuu kan ibsan itti gaafatamaan waajjira naannoo filannichaa Naatinaa'el Mogos, meeshaalee kana gara buufataalee filannoo hundaatti hojiin geejjibsiisuu xumuramaa jiraachuu eeraniiru.

Waajjirichi raabsa meeshaalee raawwachuu cinaatti, buufataalee filannoo adda addaa keessatti hojii qophii bakkaa adeemsa sagalee kennuutiif barbaachisu dhiyeenyaan hordofaa fi qindeessaa akka jirus ibsaniiru.

Naannoo filannichatti qindeessaan buufata filannoo Mannaarraa dargaggoon Naatinaa'el Dastaa akka beeksisetti, meeshaaleen filannoodhaaf barbaachisan yeroon gara buufatichaa gahaniiru.

Yeroo ammaatti bakka sagalee kenninsaa mijeessuu hojiin isaa xumuramaa akka jiru ibseera.

Qindeessaan buufata filannoo biraa obbo Jireenyaa Amanuu gama isaaniitiin; meeshaalee filannoo fudhachuu mirkaneeffachuu isaanii fi adeemsa sagalee kennuutiif hojiin haala mijeessuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015