Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina

Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan.

Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama.

Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu.

Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan.

Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira.

Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru.

Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera.

Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru.

Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru.

Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani.

Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015