Tamsaasa Kallatti:

Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee

Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani.


 

Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru.

Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba.

Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru.

Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru.

Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru.

Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015