Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaadha

Caamsaa 20/2018 (ENA): Milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaadha jedhan Koomishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa.

Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa wixinee ajandaawwan konfiraansii biyyaalessaa guddicha irratti qooda fudhattoota dhimmi ilaallatuuf dhiyaatan irratti marii galtee walitti qabuu gaggeessaa jira.

Kanuma waliin Koomishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa adeemsi ajandaa walitti qabuu milkaa’aa ta’uu ibsuun, milkaa’ina adeemsa marii kanaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaa ta’uu eeraniiru.

Adeemsa marii kanarratti qaamonni bakka bu’ummaan hirmaatan adeemsa ajandaa walitti qabuu, akkasumas haala kanaan adeemsi ajandaa qabuu naannolee hundaafi bulchiinsa magaalota lamaan keessatti raawwatamaa tureera.

Adeemsi ajandaa walitti qabuu kun hirmaannaa dhaabbilee fi waldaalee, bakka bu’oota hawaasa godinaa, paartilee siyaasaa, diyaaspooraa, dhaabbilee mootummaa fi qooda fudhattoonni biroo haala karoorfameen milkaa’inaan raawwatamuusaa ibsaniiru.

Itti dabaluunis, kunis Yaa’ii Marii Biyyaalessaa dhufuuf bu’uura kaa’eera jedhan.

Adeemsi marii biyyaalessaa keessatti adeemsi ajandaa walitti qabuu marsaa xumuraa irra akka jirus Komishinarri Olaanaa beeksisaniiru.

Itiyoophiyaatti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ergama guddaan hojjechaa kan jiru Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Komishinichi adeemsa ijaarsa ajandaa kutaalee biyyattii adda addaa fi kutaalee hawaasaa keessatti raawwatamaa turan ifatti xumuree, yeroo ammaa ajandaawwan ijoo Gumii Biyyaalessaa qooda fudhattoota adda addaatiif dhiyeessuun galteewwan dabalataa walitti qabuuf adeemsa irra jira.

Marsaa haaraa amma adeemsifamaa jiru kana keessatti Komishinichi wixinee ajandaalee qopheessee qindeesse qooda fudhattoota hirmaataniif dhiyeessaa akka jiru akeekaniiru.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa ijaarsa galteewwan kana erga xumuree booda, yaada haaraa argate of keessatti hammatee, ajandaa Marii Biyyaalessaa isa dhumaa fi ijoo ni dhiheessa.

Ajandaan qindaa’e kun Yaa’ii Marii Biyyaalessaa seena qabeessa, bakka bu’oonni guutuu biyyattii irraa dhufan irratti kan dhiyaatu ta’uu fi kan mari’atamu ta’uus akeekaniiru.

Komishinichi ajandaawwan marii Yaa’ii Biyyaalessaaf qophaa’an wixineessuu fi argamuu irratti hojjechuu akka itti fufu beeksiseera.

Konfiraansii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaattonni kuma afur ol Finfinneetti waan walga’aniif milkaa’ina isaaf deeggarsa hundaa barbaachisa jedhaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015