Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa'aniiru

Caamsaa 20/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa’uu Biiroon Misooma Qonnaa Naannichaa beeksise.

Akka Itti Gaafatamaa Itti Aanaa Biiroo Misooma Qonnaa Naannichaa obbo Nasraddiin Ahimad himanitti, Ganna bara kanaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun miiliyoona 1.7 ol ni dhaabama jedhani.
Biqiltuu dhaabamuu qabu keessaa miiliyoona 1.5 ol biqiltuu kuduraafi muduraa fi bosona ta’uu ibsaniiru.
Isaan keessaa kuma 200 ol biqiltuu nyaata beeyladaaf oolu ta’uus ibsaniiru.

Hojiin naannichatti iddoowwan buufataalee biqiltoowwaniitti lammiilee hedduudhaaf carraa hojii akka uume eeraniiru.


Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeessa akka ta’an kan eeran yoo ta’u,kunis uwwisa bosona naannichaa dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee fooyyessuu kan danda’e ta’uu ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015