Sagantaa Asharaa Magariisaan biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa Asharaa Magariisaan biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifameera
Caamsaa 20/2018(ENA): Sagantaa Asharaa Magariisaa baranaatiin biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa beeksiseera.
Itti aanaan itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti; erga sagantaan Asharaa Magariisaa ifoomee eegalee biqiltoonni faayidaa garaa garaa qaban dhaabamaniiru jedhani.
Kunis, fayyadamummaa diinagdee qonnaan bultootaa qabatamaan mirkaneessuudhaan bu'aa argamsiisuu isaa eeranii, oomishaa fi omishtummaa midhaanii guddisuuf gumaacha olaanaa gochuu isaa akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Sagantaa Asharaa Magariisaa baranaatiifis biqiltoonni misooma bosonaa fi faayidaa diinagdee qaban miliyoona 269.5 ta'an buufataalee biqiltootaa aanaalee hundaa keessatti qophaa'uu isaanii mirkaneessaniiru.
Barana lafa hektaara kuma 45 fi 563 irratti hojiin biqiltuu dhaabuu akka gaggeeffamus himaniiru.