Tamsaasa Kallatti:

Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif deeggarsa keenya hunda galeessa cimsinee itti fufna

Caamsaa 21/2018(ENA): Marichi walii-galtee biyyaalessaatiif faayidaa guddaa kan qabu waan ta'eef, milkaa'ina adeemsa kanaatiif gumaacha isaanii cimsuun akka itti fufan gaggeessitootnii fi miseensonni Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee ibsan.

Itiyoophiyaa keessatti garaagarummaa yaadaa hidda gadi fageeffate mareen furuuf fi dhaloota yaada caalmaan amanu horachuu karoorfamee kan jalqabame mareen biyyaalessaa, yeroo ammaa kana boqonnaa haaraa fi murteessaa irra gahee jira.

Komiishiniin Maree Biyyaalessaa naannolee hundatti, bulchiinsota magaalaa lamaanitti, dhaabbilee federaalaa fi lammiilee biyya alaa jiraatan biratti adeemsa walitti qabiinsa qabxii marii (ajandaa) gaggeessaa ture milkaa'inaan xumureera.

Aanaarraa eegalee hanga wiirtuutti haala baay'ee ifa ta'een adeemsa raawwatame kanaan, bakka bu'oota yaa'ii biyyaalessaa guddaa irratti hirmaatan adda baasuunis xumurameera.

Hirmaachisummaa qaamolee hawaasaa garaa garaa irra galtee walitti qabuu kun, komiishinichi gara yaa'ii maree biyyaalessaa guddichaatti ce’uuf bu'uura amansiisaa lafa kaa’eera.

Yeroo ammaas yaa'ii seena-qabeessa kana gaggeessuuf hojiileen qophii bal'inaan hojjetamaa kan jiran yoo ta'u, kunis Itiyoophiyaan garaagarummaa ishee haala qaroominaan furuun biyya fooyya'aa ijaaruuf carraaqqii gochaa jirtu ifatti kan agarsiisudha.

Pirezdaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Indaalee ENAtti akka ibsanitti; waldichi maree biyyaalessaa kana irratti hirmaattota adda baasuu irraa eegalee hojiiwwan gurguddoo hojjechaa tureera jedhani.

Mareen biyyaalessaa ijaarsa sirna deemokiraasii fi guddina waligalaatiif murteessaa ta'uu eeranii, ajandaawwan hirmaannaa wal-qixxummaa dubartootaa mirkaneessan dabarsanii kennuu isaanii dubbataniiru.

Yaa'ii maree guddicha gara fuulduraatti gaggeeffamu irratti miira abbummaatiin mari'achuuf hojii qophii duraa hojjechaa jiras jedhaniiru.


Gama biraatiin, Walitti-qabduun Waldaa Dubartoota kutaa magaalaa Boolee aadde Masarat Sorsaa, adeemsi maree biyyaalessaa hanga amma qabate walaba, ifaa fi hirmaachisaa ta'uu eeraniiru.

Kanaanis lammiin hundi ajandaa kamiyyuu bilisummaan kaasaa akka turan yaadachiisaniiru.

Jiraattuun Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo fi miseensa waldichaa kan ta'an aadde Sabilee Balaay gama isaaniitiin, adeemsi hanga ammaa hirmaannaa fi gumaacha dubartootaa gara fuulduraa kan agarsiise qofa osoo hin taane, hammataa kan ture ta'uu ibsaniiru.


 

Pireezdaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Indaalee, milkaa'ina fi bu'aa-qabeessummaa maree biyyaalessaatiif qaamoleen dhimmamtootaa fi hawaasni hundi itti-gaafatamummaa dhuunfaa isaanii haala gaariin bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Dubartoota Finfinnee qindeessuun qooda isaanii kutannoon akka bahanis eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015