Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe.
Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani.
Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru.
Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru.
Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru.
Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru.
Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru.
Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru.
Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani.
Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA